Finfinnee Waxabajjii, 2003



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə54/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   50   51   52   53   54   55   56   57   ...   156
Toora Xiyyeeffannoo
ama biratiin uummatni keenya fedhii daandii qabuu irraa kan maddee huma isaa walitti qabuudhaan dandii bonaa qofa isa tajaajilu ijaaraa turee jira.

Haala armaan olitti ibsamee irra ka’uudhaan mootummaan keenya sagantaa haarawaa humnaa fi qabeenya uummatichaa qindeessudhaan furmaata gama misooma daandiitiin jiru kennuudhaaf sagantaa walligahiinsa daandii baadiyyaa (SWGDB) jechuudhaan bifa haaraawaatiin sagantichaa bocee gad buusee jira.

Haaluma kanaan, fedhii daandii garmalee heddumataa jiru qulqullinaa fi sadarkaa isaa eggate bara karoora tarsiimoo kana keessatti deebisuu adeemsawwan hordofamu qaban hundaa itti fayyadamuun baay’ee murteessaa ta’a. Kun immmoo hirmaannaa uummataa babal’isuu fi cimsuun hojii xiyyeeffannaan hojjetamuu dha. Guddinni misooma diinagdee hirmaannaa hawaasaatiin ala dhufuu danda’u hin jiru. Akka haala qabatamaa biyya keenyaattis qabeenya humna namaa qabnu IMX, Teknooloojii Caalmaa Humna Namaa, Dhaabbilee misoomaa fi warraaqsa uummataa uumuudhaan, akkasumas kontiraaktarootaa fi gorsitoota gurmeessuudhaan gara misooma daandii irraatti akka socho’u gochuun haalaan murteessaa dha. Hojiin kunis qajeelfamaa fi maanuwaalii hojii irratti hundaa’ee hoogganamuu qaba. Sirna horddoffiifi deeggersaatiinis deeggaramaa akka deemu ni taa’sifama.

Akka waligalaatti, haalli armaan olitti tuqamaan galmaan gahuu kan danda’amuu dhiheessi daandii ijaaruu gama mootummaan dhiyaatu qofaan miti. Kan ta’u qabu baajata jiru duguuganii hojii barbaadameef olchuun waan tokko ta’e, jijjirama ilaalcha tajaajilummaa uummata horachuun lammii (hojjataa) hundaa biratti mirkaneessuu danda’u gaafata. Waan kana ta’eef, hubannaa waljijjiru qabnu guddisuu fi muuxannoo babal’isuun galmaan gahiinsa ergama fi mul’ata ATDOtiif miira tajaajilummaa qabachuun socho’uun murteessaa ta’a.



      1. Yüklə 4,87 Mb.

        Dostları ilə paylaş:
1   ...   50   51   52   53   54   55   56   57   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin