Finfinnee Waxabajjii, 2003


Bulchiinsa Qabeenya Daandii(Road Asset Management)



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə55/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   51   52   53   54   55   56   57   58   ...   156

Bulchiinsa Qabeenya Daandii(Road Asset Management)


Uummanni bal’aa naannoo keenya keessatti argamu itti fuufinsan tajaajila daandii wal irra hin cinnee argachuu akka qaban ni beekama. Kaayyoo kana dhugoomsuuf, sadarka sadarkaadhaan sochii uummataa uumuudhaan bulchiinsa qabeenyaa fi kunuunsa daandii sadarkaa magaalaa fi baadiyyaatti mirkaneessuun gumaachaa ol’aanaa qaba.

A
Toora Xiyyeeffannoo


kka haala qabatama ATDOtti, daandiilee jiran tajaajila wal irraa hin cinnee akka kennuu danada’aniif kunuunsaa fi suphaa waggaa waggaan argachu qaba. ATDO fi waajjirrii fandii daandiilee xiyyeeffannaa kennuun waggaa waaggan baajata ramaduun suphaa daandiilee idilee “routine maintenance’, cimaa ‘periodic maintenance’ fi tasaa’ emergency maintenace’ bal’inaan gaggaeessuu fi qaama akka dheerina namaa’length person’ fi IMX gurmeessuu fi hirmaachisuun barbaachisaa dha.

Kanaafuu, fedhii suphaa daandiilee garmalee heddumataa jiru qulqullinaa fi sadarkaa isaa eggate bara karoora tarsiimoo kana keessatti deebisuu fi kunuunsaa akkasumas, suphaa wal irraa hin cinne gaggeessuuf adeemsawwan hordofamu qaban hundaa itti fayyadamuun baay’ee murteessaa ta’a. Kun immmoo, hirmaannaa uummataa babal’isuu fi cimsuun hojii xiyyeeffannaan hojjetamu ta’a. Guddinni misooma diinagdee hirmaannaa hawaasaatiin ala dhufuu danda’u hin jiru. Akka haala qabatamaa biyya keenyaattis qabeenya humna namaa qabnu IMX, Teknooloojii Caalmaa Humna Namaa, Dhaabbilee misoomaa fi warraaqsa uummataa uumuudhaan, gara bulchiinsa qabeenya daandii irraatti akka socho’u gochuun haalaan murteessaa dha. Hojiin kunis qajeelfamaa fi maanuwaalii hojii xiinxala fi qoranno haala daandii, haala tiraafikaa fi mirga daandii irratti hundaa’ee hoogganamuu qaba. Gama biraatiin, daandiileen suphaa barbaadanis qorannoon irratti hundaa’ee adda bahuu qaba. Sirna horddoffii fi deeggersaatiinis deeggaramaa akka deemu ni taa’sifama.

Dhimmoota armaan olitti ibsaman kun ergamaa fi mul’ata mana hojii galmaan gahuu keessatti shoora ol’aanaa kan qabani dha. Ittigaafatamummaan isaa kun immoo hoggansa ol’aanaa fi hojjataa mana hojiichaa, qoodafudhattootaa fi hawaasaa bal’aa irratti kan kufuu yommuu ta’u, hirmaachiisummaa wal wajjin uummuudhaan hubannaa keenyaa guddisuu fi muuxannoo babal’isuun galmaan gahiinsa ergama fi mul’ata ATDOtiif miira tajaajilummaa qabachuun socho’uun murteessaa ta’a.

    1. B


      Yüklə 4,87 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   ...   51   52   53   54   55   56   57   58   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin