Finfinnee Waxabajjii, 2003



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə11/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   ...   156

S
Seensa
eensa

  1. Ka’umsa Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo (SMBKT)


Dhaabbileen dhuunfaas ta’an manneen hojii mootummaa jaarraa odeeffannoo haaraa keessa jiraatan haalaa fi sochii walxaxaa ta’e fi dorgommii gama sochii siyaas-dinagdeetiin taasifamaa jiru keessa darbuuf ciminaan karoora hirmaachisummaa, iftoominaa fi ittigaafatamummaa qabu qopheessanii raawwachuu, yeroo yeroodhaan madaaluu fi bu’aa fi hanqina raawwii keessatti argame irratti hundaa’uun tarkaanfii sirreessaa fudhachuun irra jiraata. Adeemsa walxaxaa addunyaa guyyaa guyyaan jijjiiramaa deemu kana keessatti rakkoo ijoon gama kanaan dhaabbilee mudatu ergama maaliif akka dhaabbatan adda baasanii beekuu fi isa qofaanis hogganamuu dhabuu dha. Kanumaan walqabatee ergama isaanii galmaan geesisuudhaan itti quufinsa maammilaa fi dhimmamtootaa fiduuf aarsaa guddaa kaffaluu fi dorgommii cimaa ta’e injifatanii argamuun dirqama itti ta’a. Injifannoo kana gonfachuuf akka isaan gargaaru bu’aalee guyyaa guyyaan dhufaa jiran safaruu fi madaaluun tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa deemuun murteessaa dha.

Waan kana ta’eef, Sirna Madaallii raawwii Bu’aa Karoora Tarsiimoo(SMBKT/BSC) haala sochii dinagdee saffinaan jijjiramaa deemu waliin walsimuun, jijjirama teeknoloojii, fedhii tiraanisfoormeeshinii jaarmiyaalee guutuu fi madaalawaa (balanced) ta’e, akkasumas sochii fi tajaajila kennamu hunda kan to’achuu danda’u qoratanii diriirsuun murteessaa ta’a. Kanaaf akka isaan gargaaru, Sirni Madaallii Bu’aa Karoora tarsiimoo (SMBKT /BSC/) rakkoolee dhaabbileen gamaaggamaan raawwii hojii isaan qunnamaa ture hiikuudhaaf akka falaatti yaadamee kan jalqabamee dha. Jaarraa dorgommii beekkumsa irratti hundaa’e keessatti dandeettiin dhaabbilee qabeenyaa qabatamaan hin mul’anne (intangible asset) cimsuu fi gabbisanii sochoosuun murteessaa dha.

Haata’u malee, madaalliin kallattii faayinaansii qofa irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa ture, hojiilee bu’aa fiduu danda’an kan akka ogummaa, dorgomaa ta’uu danda’uu fi kaka’umsa hojjattootaa, teekinoloojii odeeffannoo, adeemsaalee hojii gahumsaa fi bu’aa qabeessummaa qaban, kalaqa omishaa fi kenniinsa tajaajilaa, walitti dhufeenyaa fi amanamummaa maamilaatiif qaban, gaggeessummaa siyaasaa fi milkaa’ina hawaasummaa bu’aa barbaadame irraa uumuu hindandeenye.


Seensa


Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Oromiyaa tarsiimoo fi imaammata dhimmoota seektara daandii ilaallatu irratti qophaa’an milkeessuun uummata fayyadamaa jijjiirama yeroo yeroodhaan argamaa jiru gochuudhaaf sagantaalee rifoormii adda addaa kana akka jijjiirama Bu’uraa Adeemsa Hojii (JBAH) fi kkf, hojii irra oolaan jiru. Bu’aalee gama kanaan argaman keessaa kanneen muuxannoo gaggaarii ta’an qindeessuu fi cuunfuun iddoo hundatti erga tokko bal’isuuf sochiin taasifamaa jirus jalqaba gaarii dha. Akka mana hojii keenyaattis sirna jijjiirama ariifachiisaa fi itti fufiinsa qabu akkasumas fedhii uummataa fi jijjiirama addunyaa yeroodhaa yerootti dhufaa jiru waliin deemuudhaaf meeshaa rifoormii kanaan dura hojii irra oolan wajjiin waldeeggaru Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo (SMBKT /BSC) hojii irra oolchuun murteessaa dha.

Kanaafuu qophiin Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo (SMBKT /BSC)) tarsiimoo waliinga’iinsa daandii bonaa gannaa Oromiyaa guutuu kessatti haala bu’aa qabeesummaa argamsiisuun qopha’ee jira. Madaalliin kun yammuu qophaa’u yaadaan gabbisuuf kan gargaaran ragaalee adda addaa qaamoolee dhimmi ilaallatu kan keessaa fi alaa (internal and external stakeholders) gaaffiileen (questionnaries) dhihaatanii yaada adda addaa argachuun danda’ameera. Akkasumas dokumentii komii fi yaada uummataa filannoon booda jiru, karoora guddinaa fi tiraanisfoormeeshiinii, Karoora tarsiimoo waggaa shaan kan ATDO fi kkf. xiinxalamee jira.



    1. Yüklə 4,87 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin