Gahumsa Dargaggootaa fi Dubartootaa fooyyessuu
Ibsa: Baay’ina ummata naanniicha irra-caalaan isaa dubartoota fi dargaggootaa waan ta’aniif sochii kallattii kamiinuu taasifamu keessatti gahumsi isaanii ijaaramee hirmaanaan isaanii dabaluu qaba.
Rakkoo ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeessii gama kanaan jiru sirriitti gadi fageenyaan qorachuudhaan hubannoo ga’aa uumuu fi beekumsaa fi ogummaa qaban cimsuuf carraa leenjii fi barnootaa waytawaa ta’e kennuu akkasumas meeshaalee hojii ammayya’aa fi saffinaa fi qulqullina hojii dabalu danda’u dhiyeessuun barbaachisaa dha.
Gahumsi isaanii cimee meeshaalee hojii ammayya’aa ta’en gargaaramanii dorgomaa cimaa humna misoomaa akka ta’an yeroo yeroon duuka bu’uu fi hordoffii fi deeggarsa kennuun barbaachisaa dha. Dhuma irrattis humna misoomaa of danda’anii hirmaannaa daandii keessatti qaban daran akka guddatu taasisuu. Keessattuu dargaggoota qaamaa fi sammuun cimanii dammaqinaan sochii daandii keessatti hirmaatan uumuu irratti ni hojjatama
Dostları ilə paylaş: |