Finfinnee Waxabajjii, 2003Tarkaanfiiwwan Tarsiimoo’aa
Sakatta’insa yaada uummata waajjirichii (ATDO) waggaa waggaan gaggeessuun fedhii uummanni misoomaa fi suphaa daandii irratti qabu addaan baasee beekuu fi karoorsuudhaan raawwii (performances) fi manii (targets) giddu garaagarummaa jiru gara fuula duraatti hanbisuun itti quufinsaa fi itti fayyadamummaa uummataa kan mirkaneessudha. Kanaafuu, misooma daandii irraa uummanni hagam akka fayyadamee fi galii isaa irratti bu’aa dabalataa argate raawwii keenya madaalee itti quufinsa isaa yeroo yeroon itti ibsatu kan ittiin madaalamaa adeemnu ta’a.
Madda baajata kaappitaalaa, marmaartuu, fandii daandii akkasumas, deeggarsa adda addaa irra argamu haala gahumsa qabuun bulchuu fi itti gaafatamummaadhaan hojii karoorfameef oolchuudhaan bu'aa qabeessummaa itti fayyadama baajata mirkaneessuu dha. Kaayyoo kana dhugomsuudhaaf, karoora baajataa irraa eeggalee hanga raawwiitti hojiin jiru wal madaalaa deemuu isaa kan itiin mirkana’aa deemuu ta’ee bulchiinsa baajataa keenyaatis qixa sirri ta’een hojii irraa oolmaan isaa kan ittiin mirkana’uu ta’a. Kanaafuu, sagantaa kanaan raawwii hojii fiizikaalaa fi faayinaansii dabaluun bu’aa qabeessummaan baajataa kan mirkana’uu ta’a.
Qabeenya ATDOn of harkaa qabuu fi Godinoota Oromiyaa adda addaa keessatti faca'ee osoo walitti hin qabamin jiru haala itti fayyadama seera bulchiinsa qabeenyaa hordofuu fi to'achuun qusannoon akkassuumas qisaasaa malee hojii irra oolchuu, baajata humna rawwachiisuumma qabeenya dabalataan kennamuu fi qabeenya haroomsamu qixxa sirii ta'een itti fayyadamuun tarsiimoo fi galma waajjiricha itti fuufinsaan galmaan gahuuf bu'aa qabeessuummaa itti fayyadama bulchiinsa qabeenyaa dabaluun barbaachisaa ta’a. Kanaafuu, hojii kana galmaan gahuuf yeroo yerootti lakka’uumsa qabeenya (Inventory) fi insipeekshinii qabeenyaa gaggeessuun yeroodhaan qaama ilaallatuutti waliin raawwachuun bu’aa qabeessummaa qabeeyaa guddisuun dhimma irratti xiyyeeffatamu ta’a.
Misooma daandii babalachaa jiruu fi fedhii uummataa guutuuf sochiin taasifamu mootummaa qofaan galma gahu hin danda’u. Waan kana ta’eef, tarsiimoo fi imaammata daandii bahan irratti yeroo yeroon hubannoo uummataaf kennuun murteessaa fi hojii dursi kennamuuf ta’a. Kunis, daandii uummataan ijaaramu, suphamu, kunuunfamuu fi bulchamu irratti hirmaannaa uummataa cimsaa adeemuun barbaachisaa ta’a. Akkasumas, seerotaa, tarsiimoowwanii fi maanuwaaloota daandii irratti qooda fudhattootni fi abbootiin qabeenyaa hubannaa gahaa qabatanii hirmaannaa misoomaa fi suphaa daandii akka guddifatani taasisuuf hojjatamuu qaba.
Sagantaa kana keessatti dhimmoota sektaroota hundaa (Cross cutting issues) idileessuuf hojii gargaaran irratti xiyyeeffaatanii hojechuun bu’aa misooma keessatti isaan qaban mirkaneessaa adeemuuf tarsiimoo mootummaan baase irratti hundaa’uun sochii barbaachisu gochuun barbaachisaa ta’a. Galma gahinsa kaayyoo kanaatiif caasaaleen waajjirichaa sadarkaa sadarkaadhaan jiran hundi hirmaannaa fi qooda hojii isaan gama hundaan qaban irratti xiyyeeffachuun gahee isaanii cimsaa adeemuun kan isaan irraa eegamu ta’uu isaa hubatanii kan socho’an yommuu ta’u dhimmoota koorniyaa, dargaggootaa fi dubartootaa fi kan biroo waliin wal qabatan hunda dursa laachuun hojjechuun dhimma xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamu ta’a.
Misoma daandii fi geejjibaa gaggeessuuf maddi maallaqaa barbaachisu baajeta mootummaan ramadu qofaan gahaa ta’uu waan hin dandeenyeef fandiiwwan fi madda maallaqaa kan biro barbaaduun dirqama ta’a. Kaayyoo kana galmaan gahuuf, misooma daandii babal’isuuf sagantaalee qabamanii jiran deeggaruuf maddi maallaqaa gargaarsaan uummataa fi deeggartoota misoomaa irraa argamuu danda’u qoratamee hojii irra ooluu qaba. Kanaafuu, hojiin qorannoo piroojektoota haaraa haala wali irraa hin citneen ragaa amansiisaa ta’an irratti hundaa’uun gaggeessuu fi qaamota deeggaran waliin marii taasisuun, fudahatama yeroo argatu qixa sirrii ta’een akka hojii irra oolu hordofuun, deeggaruun, gamaaggama geggeessanii duub-deebii kennuun haala itti fufinsa qabuun dhimma raawwatamuu qabu ta’a.
Dizzaayinii pirojeektootaa daandii qophii dizzaayinii fi to’annoo ogummaadhaan deeggarame gaggeeffamuu qaba. Kunis, humna waajjiratiin ykn gorsitootaan kan raawwatu dha. Ijaarsaa fi suphaan daandii qulqullina qabaachuu isaatii fi yeroodhaan haala baasiin isaa waliin wal- madaalamuun raawwachuu isaa gadii fageenyaan to’atamee gabaasa dhugaa irrattii hundaa’ee fi hanqina quunnameef sababa isaa fi furmaata kan agarsiisuu dhiyaachuu qaba. Kanaafuu, akkaataa karoorfameen raawwatamuu isaa to’annoo fi hordoffi wal irra hincinnee taasisuudhaan tarkanfii sirreeffamaa fudhachaa deemuun dhimma xiyyeeffatamee haala bu’aa qabeessa ta’een hojii idilee fi piroojektootaa irratti kan raawwatamu ta’a. Kana malees, baajata gama mootummaatiin misooma daandii ramadamuu bifa bu’aa qabeessaa ta’een hojii irraa ooluu isaa yeroo yeroon to’achaa deemuun raawwii hojii fi baajata akkasumas, qabeenyaa gamaaggamuun sirreessaa kan itti adeemamu ta’a.
Piroojektiin ijaarsa daandiiwwaanii hojii ijaarsa daandii irratii gaggeffamaa kan ture yoo ta'u sagantaa waliin gahinsa daandii baadiyyaa (URRAP) kan of keessatti hammatu hojiin ijaarsa daandii kan kanaan dura hojjatamaa turee fi haaraa akkasumas, sadarkaa daandii fooyyeessuu ilaalchisee haala barbaadameen saffisiisuudhaan facaatiin waliin gahinsa daandii akka raawwatamu taasisuudha. Kanaafuu, uummataa fi qaamotaa adda addaa haala wal irraa hincinneen hirmaachisuun waliin gahiinsa daandii baadiyyaa fi magaalaa keessatti mirkaneessuu ta’a.
Baasiin daandiwwanii ittiin ijaaramuu fi sadarkaan fooyyessuu hedduu olka'aa (high-cost) dha. Kanaafuu, suphaa cimaa, salphaa fi tasaa (Periodic, routine and emergency road maintenance) taasisuudhaan daandiiwwan osoo taajajila gahaa hin kenniin akka hin mancanee eguun barbaachisaa dha. Kunis galmaa gahu kan danda’u, bulchiinsaa qabeenyaa daandii irrattii hundaa’uun qaama deggarsa fandii daandii kennuu waliin kan hojjatamuu ta’a.
Daandiin akkumaa qabeenyaa kan birootti kan ilaalamuu waan ta’eef ijaarsa isaa irra kaassee daandiiwwan jiraan kunuunsuudhaan tajaajila itti fufinsa akka qabaatu taasisuuf lakkaa’umsa daandii (road inventory), qorannoo neet workii nageenyaa fi sochii tiraafikaa (net work traffic survey) mirga daangaa daandii (right way) taasisuudhaan sagantaa bulchiinsa qabeenya daandii diriirsuun bulchuun barbaachisaa dha. Kunis galmaa gahu kan danda’u, bulchiinsa qabeenya daandii hirmaannaa uummata cimsuu- dhaan qaama deeggarsa fandii daandii kennuu waliin kan hojjatamuu ta’a.
Daandiiwwanii fi riqoota hojjachisuudhaaf duraan dursee qorannoon haala barbaachisummaa isaatiin ilaalamee dhiyaachuu qaba. Kunis, humna keessaatiin qorannoo baasummaa (pre-feasibility study) gama siyaasaa, dingdee fi hawaasummaa kan gaggeeffamuu yoo ta’u, qaama alatiin immoo qorannoo dizaayinii kan raawwatuu fi yemmuu murtaa’u hojiitti kan galamuu ta’a.
Sagantaan waliin gahinsa daandii baadiyaa sagantaa haarawwaa bara 2003-2007 tii teeknooloojii caalma humna namaa, hirmaannaa uummataa bal’aa, interpiraayizii maayikroo fi xixiqqaa, kontiraaktaroota mootummaa, dhuunfaa fi gorsitoota turanii fi haaraa gurmeessuun daandii bonaa-gannaa tajaajila yeroo kamiyyuu kennu km 42,593 baay'inaan ijaaruun akka uummaanni baadiyaa itti fayyadama daandii ta'ee jiraatuuf jireenya isaa jijjiree guddina dinagdee biyyattiif gumaacha ol'aanaa taasisu gochuu. Saganticha qindeessuu fi hojiitti galchuun (coordinating and mobilizing) kenna deeggarsa ogummaa fi meeshaa barbaachisu raawwachuudhaan kan itti adeemamuu ta’a.
Sagantaan babal’ina teeknooloojiitiin hojii misoomaa fi suphaa daandii keessatti qulqullinaa fi saffisan akka raawwatmuu gahe ol’aanaa qaba. Kana waan ta’eef, akka mana hojii keenyaatis teeknooloojiiwwan bu’a-qabeessaa fi hammayyaa’aa ta’an fayyadamuun qulqulina fi si’aayina hojii misoomaa fi suphaa daandii fooyyessuun bu’aa ol’aanaa galeessuuf waan nugargaaruuf haala humnaa fi yeroon eeyyamuutti irratti xiyyeeffatamee ni hojjatama. Kana malees, tekinooloojiiwwan biyya keessaa fi alaa sakatta’uu, xiinxaluu, gurmeessuu fi madaqsuu irratti xiyyeeffatamee kan hojjetamu yommuu ta’u bifa bu’a-qabessa ta’een bakka filatamu irratti hojii irra oolchuu dhimma gaafatu dha.
Piroojektiin qo’annoo fi qorannoo hojii daandii irraa caalatti bu’aa qabeesummaa isaa ol guddisaa adeemuuf iddoo guddaa qaba. Waan kana ta’eef, wiirtuu qo’annoo (research center) dhaabuun qo’annoo misoomaa daandii saffisiisuu danda’an gaggeessuun teeknooloojiiwwan adda addaa madaqsuu fi qo’annoo bu’uuraa gaggeessuun hojii keenya yeroodha gara yerootti irratti xiyyeeffannoo kennuun irratti kan hojjatamuu ta’a. Dabalatanis, qorannoo daandiilee bara tarsiimoo kana keessatti bal’inaan gaggeessuun kan faayidaa qaban madaqsuun hojii irra oolchaa adeemuun xiyyeeffannoon laatameefii kan hojjatamuu ta’a.
Sagantaan Jijjirama Bu'uura Adeemsa Hojii (JBAH) tarsiimoo adeemsa hojii safisaanii fi qulqullinaan hojii irra olchuuf akkasumas, hojimaata hojiif mijaa'u uumuu fi deebi gahaa si’aayinaa fi qulqullina of keessaa qabu laachuun tajaajiltummaa uummataa mirkaneessuudha. Kanaafuu, qorannoowwan Jijjirama Bu’uura Adeemsa Hojii fi Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo gaggeeffame irratti hundaa’uun yaalii duraa (pilot test) tiin hanqinoota mul’atan sirreessaa deemuu fi guutummaa guutuutti lafa qabsiisuun barbaachisaa ta’a.
Teeknooloojii humna maashinaariin (machine based) baasii kaappitaalaa guddaa (budget- intensive) waan gaafatuuf akkasumas, haala qabatamaa dinagdee biyyaa keenyaa waliin kan wal hin simne waan ta'eef teeknooloojii adda addaa humna namaa baal’inaan hirmaachisu, hiyyummaa hir’isuu fi baasi kaappitalaa qusachuu danda’utti fayyadamuun filannoo guddinaa dinagde biyyaatiif bifa gumaachuu dandaa’uun ijaarsaa fi suphaa daandii raawwachuun barbaachisaa ta’a.
Hojii ijaarsa fi qorannoo daandii baadiyyaa fi magaalotaa akkasumas, dhimmoota walii galaa hirmaannaa ogummaa barbaachisuu fi deeggarsa teeknikaa quubsaa ta’e kennuun carraa hojii waajjiricha keessatti hanga aanaattii argamu uummataaf haala barbaachisummaa isaatiin yeroo barbaadame keessatti oggeessota hirmaachisuudhaan deeggarsa teeknikaa kennuu haala itti fuufinsa qabuun kan hojjatamuu ta’a.
Hanqina dandeetti fi beekumsa humna nama amma jiruu haalan fooyyeessuuf leenjii gabaabaa fi dheeraa hojii irrattii fi hojiin alaa kennuun ogummaa fi dandeettii cimsuun hojiitti bobbaasuun sirna guddinaa fi onnachiiftuu hordofuun dandeettii, gahumsa, kaka’umsaa fi hamilee hojjetaa kaasaa adeemuun dhimma murteessaa ta’a. Kanaafuu, tarsiimoo daandii ATDO waggoota shanan dhufanii haala gahinsa qabuun galmaan gahuuf akka dandeessisu hojjattoota caaseeffama mana hojichaa keessatti argamanii fi misooma daandii irratti hirmaataaniif xiyyeeffannoo addaa kennuun ni hojjatama. Hojii misooma daandii irrattii hojii waajjiricha haala iftoomina fi bu’aa qabeessa ta’een raawwachuuf ogummaa fi dandeettiin humna nama hojii irrattii bobba’uu murteessaa waan ta’eef qaxarriin gaggeeffamu kan ulaagaalee, qajeelfamaa fi seera eeggatee fi beekumsaa fi ogummaa hojiin barbaadu waliin wal simu, kunis gahumsaa fi qulqullina hojii kan fidu itti gaafatammummaa kan mirkaneessu akkasumas hojimaata hojiif hin mijoofne kan maqsuu fi hojii bu’aa qabeessaa fi faayidaa qabu galmeessuuf kan gargaaru dha. Gahumsa fi daandeettii hojjattootaa gamaggamuun deeggarsa barbaachisu kennuun geessisuu fi ofittii amantummaa cimsachaa akka deemu, hanqina mul’atu (Skill gap) irratti hubannoo kennuun fooyyeessuu akkasumas ogeessaa ogummaa fi dandeetti qabu hojii irrattii ramaduun bu’aa raawwannaa mana hojichaa olkaasuun barbaachisaa dha. Tarkaanfiiwwan Tarsiimoo’aa
Ergamaa fi mul’ata ATDO galmaan gahuuf haala jijjirama guddinaa naannoo keenya, biyooleessaa fi adduunyaa hubaachuudhaan teeknooloojii hamayaa’aa ofitti simaachuun barbachisaa dha. Kunis, hojimaata kan saaffisiisu, dandeetti humna rawwachisuumaa kan dabaluu fi ogummaa walii dabarsuu kan dandeessisu waan ta’eef xiyeeffannaadhaan ilaalamee kan hojii irraa oluu dha. Kana malees, ragaalee mana hojiichaa yeroo yerroon funaanu, qindeessuu fi hojjachuun daataa beezii uumaa deemuun dhimma murteessaa dha.
Muuxannoowwan gaggaarii misooma daandii fi geejjibaa irratti naannoo Oromiyaa keessaa (Goddina fi Aanaa adda addaa) fi alaatti (sadarkaa biyyaa fi biyyaa alaa) argaman haala qabatamaa naannootiin qorachuu fi wal-simsiisuun hojiitti hiikuudhaan facaatii fi waliingahinsa daandii sadarkaa barbaadamerra geessisuu dha. Kana galmaan gahuuf tarsiimoo muuxannoo gaarii babal’isuu irratti hundaa’uun muuxannoowwan gaggaarii argaman calaluun, qindeessuun, bifa bu’a qabeessa ta’een bakka hundatti tamsaasuu fi madaqsuun akka hojii irra oolu gochuun haala walirraa hin chitneen kan raawwatamu ta’a.
Mul’ataa fi ergama ATDO galmaan gahuuf sagantaa badhaasaa fi onnachiftuu dhimma murteessaa dha. Kunis, hojiilee hojjataman kamiyyuu keessatti raawwattoonis ta’e hogganis kalaqaa adda addaa fi kaka’umsaa hojii argamisiisanii meeshaa jijjirama ta’uuf qophii ta’ani raawwii bu’aa olaanaa galmeessaniif gara fuula duraatti fakkeenya gaarii akka ta’an badhaassuu, jajjabeessuu fi onnachiftuu kennuun barbaachisaa dha. Dabalatanis, hojii haala karoora raawwatame bu’aa argame walii biraa qabuun Godinaalee, Aanalee fi dhaabbilee misooma adda addaa raawwii bu’aa qabeessa argamsisaan waliin dorgomsiisuun xiyyeeffatame ni hojjatama.
Hojii Irra Oolmaa-SMBKT
|