Finfinnee Waxabajjii, 2003


GULANTAA TOKKOFFAA



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə16/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   12   13   14   15   16   17   18   19   ...   156

GULANTAA



  • TOKKOFFAA



IJAARSA-SMBKT





  1. S
    Sakattaa’iinsa
    adarkaaTokkoffaa /Step One/

  1. Sakatta’iinsa Mana Hojii /Environmental scanning /

    1. Aangoo fi Gahee Hojii ATDO


Akkaataa labsii aangoo fi gahee hojii qaama raawwachiiftuu Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooyyessuuf ba’ee lakk. 163/2003 ibsameen aangoo fi gahee hojii AbbaaTaayitaa Dandiiwwanii Oromiyaa akka armaan gaditti tarreeffamee jira.

Aangoo fi Gahee hojii


  1. Imaammata, tarsiimoo fi seerota dhimma daandii ilaallatan qopheessuudhaan akka hojiirra oolan ni hordofa, ni to'ata;

  2. Hojiin tajaajila daandii bu'uura imaammata feederaalaa fi naannootiin qajeelfamuu isaa ni to'ata; deeggersa barbaachisaa ta'es ni kenna;

  3. Daandiiwwan naannoo Oromiyaa keessa jiran abbummaan ni bulcha;

  4. Imaammataa fi tarsiimoo daandiiwwan babal'isuuf gargaaran ni burqisiisa; ni qorata. Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif ni dhiyeessaa; yeroo mirkanaa'us hojiirra ni oolcha;

  5. Haala daandiiwwan naannicha keessattiitti babal'atu karoorsuudhaan hojiirra akka oolu ni taasisa;

  6. Sadarkaa fi diizaaynii daandiiwwan itti ijaaramuu qaban ni murteessa; qophii isaatiif haala ni mijeessa;

  7. Daandiiwwan adda addaa koontraaktaraa fi uummataan akka ijaaraman, sadarkaan isaanii akka guddatu, akka suphamanii fi akkasumas akka kunuunfaman ni taasisa;

  8. Riqichootnii fi ijaarsa daandiiwwan waliin wal-qabatan akka qoratammanii fi ijaaraman ni taasisa;

  9. Qorannoo fi dizaayiniin daandiiwwanii akka gaggeeffamu ni taasisa;

  10. Ummannni sadarkaa adda addaatti gurmaa'ee humna isaa qindeessuudhaa, daandii akka ijaaru, suphuu fi kunuunsa akka taasisu deeggarsa ogummaa fi meeshaal ijaarsaa ni taasisa;

  11. Qulqullina raawwii ijaarsaa fi suphaa daandiiwwanii ni too'ata; qaama biraatiinis akka to'atamu ni taasisa;

  12. D
    Sakattaa’iinsa
    aandiin akka hin mancaanee fi tajaajilaala akka hin taane ni to'ata;

  13. Waldaaleen daandii ijaaruu fi suphuuf gurmaa'anii fi kontraaktarootni xixiqqaan, dandeettii isaanii cimsanii haala fooyya'aa ta'een hojii isaanii akka raawwatan qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta;

  14. Ijaarsi daandii naannoo jireenyaa irratti dhiibbaa akka hin geessisne eegumsi gahaa ta'e taasifamuu isaa ni hordofa;

  15. Qabeenya lafaa hojii daandiitiif oolu irratti argamaniif akka barbaachisummaa isaatti bu'uura seeraatiin qaama dhimmi ilaalu waliin ta'uudhaan beenyaan akka kanfalamu ni taasisa;

  16. Tamsaasni daandii naannicha haala madaalawaa ta'een akka diriiru ni taasisa;

      1. Yüklə 4,87 Mb.

        Dostları ilə paylaş:
1   ...   12   13   14   15   16   17   18   19   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin