Finfinnee Waxabajjii, 2003



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə19/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   ...   156

Ergama fi Mul’ata ATDO


Ergamni barbaachisummaa hundeeffama jaarmiyaa kan agarsiisuu yoo ta’u, mul’anni immoo jaarmayichi waggoota dhufan keessatti jijjiirama kallattii hundaan fiduudhaan maal irra akka gahuun irra jiraatu kan agarsiisuu dha. Tarsiimoo mana hojii hundeessuun dura hoggansi sadarkaa adda addaa sababa manni hojichaa dhaabbateef (purpose), Duudhalee (values) , bu’aa fi fedhii gara fuulduraa irratti waliigaluun ni barbaachisa. Kanaafuu; ergamnii fi duudhaaleen mana hojii tokkoo yeroo dheeraaf turuu ni malu. Mul’anni akka ergamaa fi duudhaalee mana hojii yeroo dheeraa turuu irra waggoota sadii hanga shanii karoora tarsimoo’aa keessatti kan turu dha. (The execution premium, Robert S.Kapilan & David P.Norton, 2008. P.37).

Akkuma beekamu Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Oromiyaa akkuma manneen hoji mootummaa kamiyyuu kanaan dura mula’ata, ergama fi duudhaa mataa isaa qaba ture. Haa ta’u malee sagantaan SMBKTn dhimmoonni kun yoo hanqina ykn ibsaa barbaachisaa ta’e mana hojichaa ibsu yoo qabaate carraa fooyyessuu ni kenna. Bu’uruma kanaan ”mandeetii,” adeemsa fi jijjirama yeroo waliin gadifageenyaan qorachuun keessumaa mula’anni mana hojichaa fooya’insa murtaa’aa ta’een akka armaan gadiitti sirreeffamu irratti waliigalameera. Haaluma kanaan ergamnii fi mul’anni ATDO kanatti aansee dhiyaate jira.



      1. Yüklə 4,87 Mb.

        Dostları ilə paylaş:
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin