Finfinnee Waxabajjii, 2003



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə23/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   19   20   21   22   23   24   25   26   ...   156
Q
Sakatta’iinsa
ophaa’ina jijjiiramaa


Guddina saayinsii fi teekinooloojiitiin walqabatee dorgommii cimaa deemaa jiruu fi fedhii tajaajilamaa uummataa yeroo yeroon dabalaa deemuf deebii kennuun barbaachisaa dha. Kanaafuu, hundeeffamni Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Oromiyaa fedhii uummataa guutuu waanta’eef gurmaa’ina, hojimaataa fi adeemsa haaraa yeroo yeroon uumuu, dafanii hojiitti hiikuu fi sirna raawwii jijjiirama irraa argame ittin madaalan diriirsuun aadaa goonee ittiin hogganamna.

Gama hoggansaatiin hojimaataa fi hojiilee haaraa kalaqqiidhaan, muuxannoo iddoo biroo irraa dhufanii babal’atan dabalatee dafanii hojii keessatti ittin fayyadamuudhaaf, hanqina gama ilaalchaa, dandeettii fi; hordoffii fi deeggarsaatiin jiran dhabamsiisuuf duursanii of qopheessuu fi adda duree ta’anii argamuudhaan hogganuun aadaa baratamuu qabuu dha. Haaluma walfakkaatuun, hojjataan waajjiriichaatis imaammataa fi tarsiimoo mootummaa hordofanii hubachuudhaan sagantaalee fi qajeelfamoota jijjiirama teekinooloojii addunyaa keessa jiru faana tarkaanfachuuf nama dandeechisan dafanii hubachuun hojii irra oolchudhaan tajaajilamaa fayyadamaa jijjiiramichaa gochuudhaaf hanqina gama ilaalchaatiin qabu dhabmsiisee of qopheessuudhaan hojjachuun barsiifata yeroo hunda dagatamuu hinqabne ni ta’a.

Hojiin ATDO keessatti raawwatamuu kamiyyuu tajaajila saffisaa fi qulqullina qabu yeroodhaan tajaajilamtoota keenyaaf kennuudhaan akka itti gammadan gochuu aadaa keenya taasifachuun dirqama mana hojichaati. Haaluma kanaan hojjataan kamiyyuu aadaa mana hojii kabajuu fi kabachiisuu qaba. Aadaa kana qaama ilaalatuu hunda beeksiisuun, kunuunsuun, uummata/lammii biratti hubannoo akka argatu taasisuu qaba. Akkasumas, hojii isaatti dursa kennuun daaqiqaa tokko illee mana hojii isaa keessatti akka gaatii qabduu beekee hojii isaa ni raawwata . Haaluma kanaan, yeroo hojii isaatiif dursa kennuun aadaalee fi duudhaalee hawaasaa kabajuun dirqama hoggansaa fi hojjata hundaati.



  1. Yüklə 4,87 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   ...   19   20   21   22   23   24   25   26   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin