Finfinnee Waxabajjii, 2003



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə32/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   28   29   30   31   32   33   34   35   ...   156
Ijaarsa dandeettii:- Dandeettiin raawwachisummaa hoggantootaa fi raawwattootaa Abbaa Taayitichaa keessatti sadarkaa adda addaatti argaman akka cimu, dhiyeessii fi itti fayyadama teekinooloojii ammayyaa’aa, qabeenya fi humna namaa mana hojichaa kan hammatu dha. Keessattuu qabeenyi humna namaa beekumsa, dandeettii fi ogummaa, ilaalcha fi aadaa hojii isaatiin jijjiiramee galma gahiinsa ergama ATDO tiif shoora ol’aanaa taphachuu akka danda’u kan ittiin taasifamuu dha. Dabalataanis, gahumsi raawwattootaa sadarkaa sadarkaan jiran cimee hojii bu’aa-qabeessa ta’e kennuu akka danda’an dandeettiin isaanii kan keessatti ijaaramudha. Akka waliigalaatti kallattiin madaallii kun galmawwan kallattiwwan biroo keessatti argaman gara bu’aatti jijjiiruuf bu’uura waan ta’eef xiyyeeffannoo ol’aanaa kennuudhaan irratti hojjachuun barbaachisaa dha.
    1. X
      Sakatta’iinsa
      iinxala Haala Keessaa fi Alaa (Intrenal and External Situation Analysis)


Milkaa’ina ergama waajjira tokkoo yeroo fi haala barbaachiisaa ta’een galmaan gahuuf Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo ilaalchisee xiinxala haalawwan keessaa fi alaa irratti hunda’e qopheessuun sakattaa’uun barbaachisaa dha. Dhimmoota tarsiimoo’aa ta’an sirritti hubachuuf wantoota abbaa taayitichaa irratti dhibbaa uumuu danda’aan kan keessaa fi alaa qaamota dhimmichi ilaaluu waliin ta’uudhaan gadii fageenyaan xiinxaluun karoora madaallii jijjirama misoomaa fiduu danda’u qopheessuu irratti shoora ol’aanaa qaba. Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo gara hojiitti hiikkamuu danda’u qopheessuun hojii irra oolchuuf dursaan haala qabatamaa AbbaaTaayitiichaa keessa jiruu fi haalawwan alaaf xiyyeeffannoo kennuudhaan gad-fageenyaan xiinxaluu fi hubachuun ka’umsa ijaarsa tarsiimoo gara hojiitti hiikamuu qabuuf bu’uuradha. Faayidaan xiinxalichaa haalawwan qabatamaa keessaa fi alaa AbbaaTaayitiichaa maal akka fakkaatu xiinxaluu fi hubachuuf akkasumas, dhimmoota tarsiimoo hojiirra ooluu danda’an addaan baafachuudhaaf waan ta’eef, gama tokkoon ciminaa fi dadhabina (strength and weakness) gara biraatiin ammoo carraalee (opportunities) Abbaan Taayitiichaa itti fayyadamuu danda’uu fi sodaalee (Threats) mudachuu danda’an addaan baasuun xiinxaaluu dha.

Haaluma kanaan, ATDO Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo (SMBKT) (2003-2007) qopheessuuf ragaalee haalawwan qabatamaa keessaa fi alaa Abbaa Taayitiichaa ibsu maamiltoota alaa fi keessaa akkasumas deeggartootaa fi dhimmamtoota irraa walitti qabuudhaan xiinxala haala qabatamaa keessaa fi alaa gad-fageenyaan taasifameera. Kanaafuu, sakatta’a mana hojii gaggeessuudhaaf qabxiilee armaan gadii hordofuuf yaalameera.




Yüklə 4,87 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   28   29   30   31   32   33   34   35   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin