Kaayyoowwan Tarsiimoo’aa
irmaannaa uummataa fi qindoomina qooda fudhattoota guddisuu
Ibsa: Hirmaannaa uummataa fi qindoomina qooda fudhattotaa guddisuu jechuun uummataa fi qaamolee adda addaa humnoota misoomaa ta’ani fi naannicha keessa jiran hojiilee gama misooma daandii irratti haala iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabuun karoorsuu irraa kaasee hanga raawwii madaaluutti akkasumas bu’aa argame irraa gama hundaan fayyadamaa taasisuu dha
Kana dhugoomsuuf haala gurmaa’insaa fi hojimaata qaamolee sadarkaa hunda irratti argaman hirmaachisuu danda’u diriirsuu fi hojii irra oolchuudhaan gama guddina misooma daandiitiin eeggamu fiduuf ga’ee guddaa akka taphatan ni taasifama.
Sirna hirmaachisaa, iftoomina, qulqullinaa fi itti gaafatamummaa qabu qaama hawaasa hunda qixa sirrii ta’een hojii misoomaa daandii keessatti akka hirmaatan hubannoo uumuu fi hojii irra oolchuu akkasumas hordoffii taasisuun tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa deemuun bu’a qabeessa waan ta’eef xiyyeeffannaan guddaan itti kennamee ni hojjatama.
Bu’aa: Hirmaannaa uummataa dabale
Milkaa’ina: Misooma daandii hirmaanaa uummataan guddate
-
Dostları ilə paylaş: |