Finfinnee Waxabajjii, 2003


Hojimaata karooraa, hordoffii, deeggarsaa, gamaaggamaa fi duub-deebii fooyyessuu



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə73/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   69   70   71   72   73   74   75   76   ...   156
Hojimaata karooraa, hordoffii, deeggarsaa, gamaaggamaa fi duub-deebii fooyyessuu

Ibsa (Description) : Karoora hojii hirmaachisaa ta’ee fi yeroo isaa eeggate karoorsuu irraa kaasee sagantaa hordoffii fi gamaaggamaa baasuudhaan deeggaraa adeemuun fi duub-deebii fudhachuun sirreeffama barbaachisu taasisuun dhimma murteessaa dha.

Haaluma kanaan, karoorri hojii kamiyyuu yeroo karoorfamu qaamota sadarkaa sadarkan jirani fi kan isaan galchu hundaa hirmaachisuun yeroo eeggatee karoorfamuu qaba. Kana malees, karoorri mana hojii tokko sagantaalee hordoffii fi gamaaggama sirrii fi qindaa’een hin deeggaramu taanaan hojiin hojjetamaa jiru hagam bu’aa akka fidaa jiruu hubachuun waan hin danda’amneef sagantaan hordoffii fi gamaaggamaa gama ooggansaa fi raawwattootaan qophaa’ee hojii irra ooluu qaba.

Gama biraatiin, qaamni hojii karoorse hordoffii fi gamaaggama hojii gaggeffamuun hanqinootaa fi ciminootaa adda baasee erga beekeen booda bakka hanqinni mul’atetti deeggaruu fi duub-deebii fudhachaa adeemuun, gabaasa qulqullina qabuu fi yeroo isaa eeggate fudhachuu fi dabarsuun dhimma murteessaa dha.


Yüklə 4,87 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   69   70   71   72   73   74   75   76   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin