Finfinnee Waxabajjii, 2003


Bu’aa: Itti fayyadamaa teeknooloojii dabale Milkaa’ina



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə77/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   73   74   75   76   77   78   79   80   ...   156
Bu’aa: Itti fayyadamaa teeknooloojii dabale

Milkaa’ina: Ga’umsaa fi bu’aa qabeessuumaa tajaajilaa fooyya’e

  1. Aadaa fi naannoo hojii fooyyessuu

Ibsa (Description): Aadaa hojii jechuun mana hojii kam iyyuu keessatti hojjetaanis ta’e hoggansi sadarkkaa adda addaa irra jiru hojii bu’a qabeessa ta’e, sirnootaa fi seerota mana hojichaa kabajuun raawwachuu dha.

Kana dhugoomsuun kan danda’amu hojjetaan beekumsaa fi dandeetti qabu itti fayyadamee muuxannoo wal-jiijjiruun jaalala hojii horatee bu’aa buusuuf itti fufiinsaan akka hojjetu taasisuu dha. Aadaa hojii itti fufiinsa qabu mana hojii keessatti dagaagsuun duudhaalee fi amantaa walinii (shared values and beliefs) uumuun akka danda’amu raawwii hojii sadarkaa dhuunfaa fi gareetti raawwatamu badhaasaa fi onnachiiftuuwwan adda addaattin walqabsiisuun barbaachisaa dha.

Hogganaa fi raawwataan miira tajaajiltummaa uummataa uumaanii kabaja lammii fi maamilaaf qaban guddisuudhaan yeroo hojii mootummaa kabajuu, iftoominaa fi amanamummaan haala naamusa ogummaa eegeen tajaajila gahaa, saffinaa fi qulqullina qabu, fakkeenyummaan kennuu akka danda’an hubannoo isaanii cimsuun hojii irra oolmaa karoora guddinaa fi traanisfoormeeshiniitiif gahee guddaa akka taphatan gochuu irraa eegama.


Yüklə 4,87 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   73   74   75   76   77   78   79   80   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin