Finfinnee Waxabajjii, 2003


Bu’aa: Itti fayyadamaa teeknooloojii dabale Milkaa’ina



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə94/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   90   91   92   93   94   95   96   97   ...   156
Bu’aa: Itti fayyadamaa teeknooloojii dabale

Milkaa’ina: Ga’umsaa fi bu’aa qabeessuumaa tajaajilaa fooyya’e

Ibsa (Description): Aadaa hojii jechuun mana hojii kam iyyuu keessatti hojjetaanis ta’e hoggansi sadarkkaa adda addaa irra jiru hojii bu’a qabeessa ta’e, sirnootaa fi seerota mana hojichaa kabajuun raawwachuu dha.

Kana dhugoomsuun kan danda’amu hojjetaan beekumsaa fi dandeetti qabu itti fayyadamee muuxannoo wal-jiijjiruun jaalala hojii horatee bu’aa buusuuf itti fufiinsaan akka hojjetu taasisuu dha. Aadaa hojii itti fufiinsa qabu mana hojii keessatti dagaagsuun duudhaalee fi amantaa walinii (shared values and beliefs) uumuun akka danda’amu raawwii hojii sadarkaa dhuunfaa fi gareetti raawwatamu badhaasaa fi onnachiiftuuwwan adda addaattin walqabsiisuun barbaachisaa dha. Miira gareen hojjechuu guddisuun, walta’iinsa hoggansaa fi hojjetootaa daran akka dabalu gochuun fi naannoo hojii mana hojii keenyaa hojjetaa haala hawwatu fi fedhii itti uumuu danda’uun hojjechuu ni barbaachisa.

Hogganaa fi raawwataan miira tajaajiltummaa ummataa uummanii kabaja lammii fi maamilaaf qaban guddisuudhaan yeroo hojii mootummaa kabajuu, iftoominaa fi amanamummaan haala naamusa ogummaa eegeen tajaajila gahaa, saffinaa fi qulqullina qabu, fakkeenyummaan kennuu akka danda’an hubannoo isaanii cimsuun hojii irra oolmaa karoora guddinaa fi traanisfoormeeshiniitiif gahee guddaa akka taphatan gochuu irra eegama. Walumaagalatti, aadaa hojii guddisuun jijjiirama ilaalchaa mirkaneessuu, duudhaalee hojii uumuu, sirna oggansa hirmaachisaa ta’e mirkaneessuu, sirna qaxarrii iftoomina qabu diriirsuu, misooma humna namaa, madaallii bu’aa giddugaleessa godhate hojii irra oolchuu, fi kkf. irratti xiyyeeffannoo ol’aanaa kennuun ni hojjetama.


Yüklə 4,87 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   90   91   92   93   94   95   96   97   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin