Gabaasa Raawwii Karoora Waggaa emtqoo


Projeektii Dandeettii Raawwachiisummaa Suphaa Meeshaalee TQO cimsuu



Yüklə 0,65 Mb.
səhifə3/6
tarix28.10.2017
ölçüsü0,65 Mb.
#18562
1   2   3   4   5   6

Projeektii Dandeettii Raawwachiisummaa Suphaa Meeshaalee TQO cimsuu

    • Sadarkaa godinaalee fi aanaaletti meeshaalee school neetii suphaa teeknikaa irratti deeggarsaa fi hordoffiin barbaachisoon taasifamee jira.

    • Dandeettii raawwachisummaa suphaa meeshaalee TQO cimsuu keessatti kan sirna elektrikaa waliin walqabate nageenyummaa wiirtuu daataa sadeenii eeguu keessatti janareetaroota akka dalagan taasisuu, sararoota ibsaa akkaataa meeshaalee TQOtiif mijatutti diriirsuu fi hordoffii fi deeggarsi wal-irraa hincinne taasifameera.

    • Ibsaan yeroo badutti hojii Ejansiicha keessatti hojjatamu irratti dhiibbaa akka hinfidneef sararri janeeretaraa diriirfameera.

    • Suphaan meeshaalee TQO ‘kompitaroota, pirintaroota, iskaanara, maashina footokoppii fi laptoppii’ sadarkaa Godinaalee fi Aanaaleetti ogeessota TQO WSSBGtiin raawwatameera.

Gama biraatiin saamuda godina tokko irraa fudhatameen meeshaaleen elektirooniksii gosa adda addaa manneen hojii sadarkaa Godinaa fi Aanaalee baay’inaan 932 ta’an suphamuun hojiirra akka oolan taasifamaniiru. Kanaanis maallaqni mootummaa bahuu malu tilmaamaan qarshii 675,375.00 ta’u qusatamuun danda’ameera.

• Maanuwaaliin Itti fayyadama meeshaalee TQO Office machine irratti kan qophaa’e yoo ta’u hojiin hafe qaama dhimmi ilaallatuun gamaggamsiisuun seektaroota naannoofi godinaaleef kan hin raabsamin waan ta’eef bara dhufu kana hojjennee kan xumurru ta’a.



3.4. Projeektii kenna tajaajilaa, Haroomsaa fi Standardazeshinii

Bulchiinsa Wiirtu Daata (BWD)

  • Nageenyummaa wiirtuu daataa ilaalchisee iccitii isaa irratti hojiin haaromsaa yeroo yerootti hojjatamaa turuu isaatiin odeeffannoon walirraa hincinne manneen hojii sadarkaa naannoo fi godinaaleetiif akka laatamu taasifameera. Haaluma kanaan hordoffii fi hojii gama kanaan hojjatamaa tureen odeeffannoon mootummaa qaama garagaraatiif dabarfamu amansiisaa fi fudhatama kan qabu akka ta’u godhameera.

  • Iccitiin Wiirtuu Daataa(data center) akka eeggamu taasifamee jira.

  • Deeggarsaa fi hordoffiin itti fufiinsaan wiirtuulee daataa jiran irratti gaggeeffamee jira .

  • Ogeessota TQO mana hojii keenyaaf hubannoon waliigalaa wiirtuu daataa irratti kennameera.

  • Tajaajilli akka walirraa hin cinneef ganama otuu hojjettootni hin galin seeran sararoota kaasuu, hordoffi taasisuu, galgala seeran cufanii bahuudhaan hordoffiin barbaachisoon taasifameera.


3.5 pirojektii Ijaarsa Istidiyoo Vidiyoo konfiransii

  • Ijaarsa Istudiyoo Vidiyoo Konfaransiin walqabatee manneen hojii gamoo gamoo isaaniitti hundeeffachaa kan jiran waan ta’eef, fakkeenyaaf Biiroo Qonnaa, Mooraa Galma Aadaa , Waajjira Pireezidaantii fi Mana Murtii akkasumas Ejansii keenya keessatti kan hundeeffame ta’uu waliin walqabatee karoorichi irra deebi’amee akka ilaallamu ta’eera.



  1. Pirojektii Qorannoo, Misooma Qabeenya Namaa TQO fi WOH

4.1 Pirojektii Misooma Humna Namaa TQO

      1. Leenjii Ol’aanaa Kompiwutaraa akka kennamu gochuu

    • Leeenjii ol’aanaa ogeessota TQOiif kennuu

      • Ogeessoota TQO EMTQOO 10/dhi=7,dub=3/ leenjii “CCNA Routing & Switching” irratti dhaabbata gorsaa “JImma University”tin ji’oota 1/tokko/f kennameera.

      • Ogeessoota TQO godinaalee 18/dhi=15,dub=3/ fi Biirolee 2/dhi=2/leenjii “Web Development using Symfony 2 Framework” irratti dhaabbata gorsaa “JImma University”tin ji’oota 1/tokko/f kennameera.

      • Ogeessoota TQO EMTQOO 10/dhi=10,dub=0/ leenjii “Linux Admin,CMS with Drupal,DNS Configuration,Samba File Server Config and bandwidth optimization” irratti dhaabbata gorsaa “JImma University”tin ji’oota 1/tokko/f kennameera.

      • Leenjii suphaa mata duree “Adavanced PC Maintenance” irratti ogeessota godinaalee wiirtuu TQO hawaasaa itti argaman irraa namoota 14(kudha afuri) Ministeera Teknoolojii Qunnamtii Odeeffannoo“MCIT” dhaan akka kennamu godhameera.

      • Leenjii suphaa mata duree “Office Machine Maintenance” irratti ogeessota godinaalee wiirtuu TQO hawaasaa itti argaman irraa namoota 7(torbaaf) “MCIT” dhaan kennameera

Bu’aa Leenjicha irraa argama jedhamee abdatamu

      • Ogeessonni TQO EMTQOO leenjii “CCNA Routing & Switching” irratti beekumsa argataniin rakkoolee cimdaa /Routing & Switching/wajjin walqbatan sadarkaa naannootti ni furu jedhamee abdatama.

      • Ogeessonni TQO godinaalee leenjii “Web Development using Symfony 2 Framework” irratti beekumsa argataniin godinaalee isaanitti deebi’anii “Website” waajjiraalee mootummaa godinatiif ni missoomsu jedhamee abdatama.

      • Ogeessotni kun meeshaalee TQO wiirtulee TQO hawaasaa laamsha’an suphaa gaggeessuun WHO tajaajilli akka addaan hin cinne gargaara.

  • Leenjii hojjettoota/fayyadamtoota manneen hojii mootummaa leenjiin dandeettii cimsuu akka kennamu gochuu,

      • Leenjii “Basics of Networking” fi “Intenet” oppireetaroota bilbila tolaa/888/f 16/dhi=2,dub=14/kennameera

    • Leeenjii ol’aanaa MIS irratti

Leeenjii ol’aanaa ogeessota TQO manneen hojii sadarkaa naannoo MIS qabaniif kennuu

      • Ogeessoota manneen hojii 14 MIS dhaabbata INSA tiin misoome irraa Namoota lama lama (“Programar=1”,”DB Admin=1”,walitti=28 “Oracle 11g Database” fi “Programming Language: Java” irratti leenjii ji’oota 3/sadii/f fudhatan MIS misoome keessaa “HRMS” irratti leenjii lakkaddaa/source code/ irratti kennameen suphaa lakaddaa(source code) gaggeessaa turaniiru.

      • Ogeessoota mannee hojii 6 MIS dhaabbata METHODIC n misoome irraa Namoota lama lama (“Programar=1”,”DB Admin=1”,walitti=12 “SQL Server 2008 Database” fi “Programming Language: C#” irratti leenjii ji’oota 3/sadii/f fudhatan MIS misoome keessaa “HRMS” irratti leenjii lakkaddaa/source code/ irratti kennameen suphaa lakaddaa(source code) gaggeessaa turaniiru..

Bu’aa Leenjicha irraa argame

      • Ogeessonni TQO leenjii C# fi SQL Server 2008 Database fudhatanii keessaa qabxii olaanaa galmeessuun ogeessotni godinaalee ja’a filatamanii hafan moossajjii gabaasni ittiin sassaababamuu “MCIT Report Format” moossajjii “Web based ” ta’e qarshii hedduun itti bahu hambisuun ji’oota sadii gidduutti misoomsaniiru

      • Akkasumas Ogeessonni TQO leenjii Java fi Oracle 11g database fudhatanii keessaa qabxii olaanaa galmeessuun godinaalee 7(torba) keessaa geessotni 10 filatamanii hafan moossajjii “BPR Automation”n “Web based ” ta’e qarshii hedduun itti bahu danda’u ji’oota 6f hojjetaa kan turaniif sadarkaa xumuraa irra gahaan jiru.

      • Moossajjiin “Woreda net Service Report System” jedhu wiirtuu data oromiyaa irratti fe’amuun ogeessonni TQO godinaalee fi aanaalee leenjii irratti fudhatanii hojii keessa seenaaniiru.



        1. “Automation” SMBKT Exceln qophaa’ee ture “web based System” akka ta’u godhameera.

  • Kana malees dabalataan dandeettii raawwachiisummaa ogeessota TQO gama cimdaa fi daataa beeziin cimsuuf Ejansiin keenya bara kana keessa leenjiin ol-aanoo ogeessotaaf akka laatamu haala taasiseen,

    1. Mata duree Leenjii “Linux system”, “DNS”, “Drupal Web Development”, “Proxy” fi “Monitoring Tools” irratti ogeessota afuriif leenjii ol-aanoo turtii ji’a tokkoof kan laatamee yemmuu ta’uu bifa walfakaatuun ogeessota torbaaf ammoo, mata duree leenjii “CCNA Rowuting & Swiching” jedhu irratti Yuuniversitii Jimmaatiin laatame irraatti hirmaachuun dandeettii ogeessotaa cimsuun danda’ameera.

    2. Mata duree leenjii “Database Managment System” jedhuu fi Enterprise Content Managment System jedhuun tokkoon tokkoon isaanii turtii guyyoota kudhan kudhaniif ogeessota ejansii keenyaa fi ogeessota godinaalee, akkasumas Biiroo Naannootiif (BMMDO, fi Biiroo Mummicha Odiitii)tiif carraa laachuudhaan ogeessonni afur /4/ akka leenji’an taasifameera.



      1. Qormaata Gahumsaa Ogeessota TQO naannoo ,godinaalee fi aanaaleef kennuu

      • Ogeessota TQO gita hojii TQO irratti sadrkaa biiroo fi godinaatti gitoota hojii adda addaa irratti qormaatni gahumsa TQO kenname akkaataa guca armaan gadiitti ibsameera.

Guca 2: Ogeessota TQO Qormaata Gahumsaa Fudhatan

Lakk.


Qormaata Kan Fudhatan

Dhi

Dha

Ida’ama

1

135

58

193

Walumaagalatti ogeessota sadarkaa adda addaatti barbaadaman 132 gahumsi isaanii mirkanaa’e keessaa ogeessotni 62 yoo milkaa’an ogeessotni 70 ammoo kan hin milkoofne ta’uun isaanii barameera. Ida’amni ogeessota qormaata fudhatanii 193 yoo ta’u kan barbaadaman ammoo namoota 132 turan akkaataa fedhii dhiyaateen.

      1. Giddu-galeessawwan leenjii TQO cimsuuf kompiwutaroonni “refurbished” ta’an ykn haaromsaman dhaabbata CRTC_Federaalaa irraa bitaman kompiwutaroonni sadi sadii aanaalee 195 tiif, bulchiinsa magaalaa 4’f, seektara naannoo 3 fi seektara godinaa 2tiif waliigala kompitarootni 840 raabsamuun rakkoo kenna tajaajilaa leenjii TQO sadarkaan ture furuun danda’amee jira.



    1. Wiirtuu Odeeffannoo Hawaasaa fi Raadiyoo Hawaasaa Cimsuu fi Babal’isuu

  1. Dambii ittiin bulmaata wiirtuu TQO hawaasaa fooyyessuun hanqinaaleen tajaajila wiirtuu odeeffannoo hawaasaa irratti mudataa ture akka furamuuf dookumantiin walharkaa fuudhiinsaa qophaa’uun akkaataa WSSBG bakka wiiruchi itti argamu bulchan taasifameera.

  2. Wiirtulee TQO hawaasaa haaraa hundeessuuf haalduree barbaachisu guuttachuu isaanii ilaaluuf to’annoo fi hordoffiin wiirtulee 14 irratti adeemsifameera

  3. Wiirtulee TQO Hawaasaa 14(kudha afur) haaraan hundeeffamanii jiru

  • Wiirtulee kanneen keessatti meeshaaleen TQO M.TQO.F/MCIT/ kennamaniiru, hojiis jalqabaniiru. Kunis dargaggootaaf carraa hojii kan uumuu fi fayyadamummaa isaanii kan mirkaneessuudha.

  1. Wiirtuleen Raadiyoo Hawaasaa godinaalee sadii keessatti akka hundaa’aniif qaama dhimmi ilaallatuuf hubannoon taasifame dhaabbatni gorsaa/Consultant/ deemee buufata dhaabuuf qorannoo adeemsiseera.

Guca 3:Iddoowwan raadiyoon hawaasaa itti hundeeffamuuf adda bahan

lakk

Godina

Aanaa/Magaalaa

1

Gujii

Adoolaa Reedde/Adoolaa

2

I/A/Booraa

Cawwaaqaa

3

Booranaa

Diilloo

4.3 Dhaabbilee Dhuunfaa Tajaajila TQO kennan Cimsuu

      • Qajeelfama Bakka bu’iinsa daladala TQO irratti hubannoo ogeessota Ministeera TQO Federaalaa fi Ogeessa Daldalaa Misooma gabaa oromiyaatiin Ogganoota Waajjiraalee Siviil Sarvisii fi Gaarii fi ogeessota TQO Godinaalee 18 fi bulchiinsa magaalaa Sadarkaa 1ffaa 12 irraa dhufan hojjetoota 60(jaatamaaf) hubannoon kennameera.

Osoo bakka bu’insi sadarkaalee garaagaraatti hin kennamin dura dhaabbileen dhuunfaa gahumsa daldala TQO Ejansii keenya irraa Qanxabboo”Apparatus” bilbilaa,Moobayilaa fi meeshaaleeQuunnamtii, Internet resale, Hojii suuphaa fi Ijaarsaa meeshaalee Quunamti fi Elektrooniksii, Daldala qinxabooMeshaalee kominikeeshiin, Bareeffama kompitaraa, Suphaa meeshaalee Biiroo,herregaa fi kompitaraaa, Tajaajila dhiyeessii fi gorsa mosaajii/software fi kkf fudhatan bara kana waliigala haala gabatee armaan gadii keessatti ibsameen ta’a:

Guca 4: Mirkaneessa Gahumsa Daldala TQO

Lakk

Baayina Namaa Dhuunfaa /dhaabbata Mirkaneessa gahumsaaf waraqaa ragaa fuudhatan

Waliigala

328

5. Pirojektii Qophii Karooraa, Baajataa, Sirna Gamaaggamaa fi Hordoffii Raawwii Karooraa

  • Karoora mana hojichaa bara 2007 keessa deebiin foyyessuun kallattii xiyyeeffannoo dhaabaa fi mootummaa adda baasuun kan waggaa, kurmaanaa ,ji’aa kan garee fi dhuunfaa akka qophaa’u haala waliigalameen xumuramee qaama dhimmi ilaalu biraan gahamee jira.

  • Baajata mana hojii kan bara 2007 hayyamame akkaataa Hojii adeemsiftuu fi Baajataa kappitaalaa ramadame caccabsuudhaan tajaajilaaf akka oolu adeemsaaleef ramaduun danda’ameera .

  • Unkootaa fi maaniwaaliin gabaasaa akkaatuma karooraatiin qophaa’ee qaamolee dhimmi ilaallatuuf raabsamee hojiirra oolee jira.

  • Raawwiin karooraa hojii fiizikaalaa fi faayinaansii kurmaanaan al afur madaalamuun qaama dhimmi ilaaluuf akka ergamu taasifameera.

  • Deeggarsii fi hordoffiin hojii fiizikaalaa fi faayinaansii irratti taasifameera.


6. Dandeettii Raawwachiisummaa hojii cimsuu

  • Ejensii keenya keessatti akkaatuma kallattii mootummaan kaayeen hojiin raawwatamu hundi karaa raayyaa ijaarameen akka raawwatuuf gumiin adda durootaa, Raayyaan jijjiiramaa fi tokko shaneen hojii isaa cimsee akka itti fufu taasifameera.

  • Sochii riifoormii waliigala mana hojii keenyaa ilaalchisee deeggarsaa fi hordoffii taasifameen jijjiiramni gaariin dhufaa jira.

  • Tajaajila TQO waliigalaa kennamu keessatti dubartootnii fi dargaggootni fayyadamoo ta’aniiru. Fakkeenyaaf cimdaa manneen hojii sadarkaa godinaatti diriirfame keessatti dhiirri 163 fi dubartootni 17 akka hirmaatan taasifameera. Akkasumas firii qormaata kutaa 10 fi 12 dhiirri 886 fi dubartootni 219 bilisaan interneetii fayyadamuun akka ilaallatan taasifamanii jiru.

  • Dhimma HIV/AIDS ilaalchisee Hubannoon qajeelfama fandii HIV/AIDS, bajata 2%, VCT fi itti fayyadama kondomii fi ittisa waliigalaa irratti hojjattoota Ejansii keenyaa dhiira 22 fi dubartii 19 walumatti hojjattoota 41’f kennamee jira.

  • To’annoo yeroo guyyaa guyyaattiin akkaasumas Waaree Duraa fi Waaree Boodaa akka seeraa fi dambii jirutti hordoffiin taasiifamee jira.

  • Haala qabiinsa meeshaa fi bulchiinsa faayinaansii irratti too’annoo fi hordoffiin keessaa taasifameera.

7. Pirojektii Hirmaannaa fi itti fayyadamummaa ummataa cimsu gaggeessuu

Bilbila ganda Baadiyyaa

  • Ragaan Gandoota bilbila baadiyyaa bifa haarawaa fi gurmaa’insaan akka hojjatamuuf Ministeerri TQO Federaalaa kallattii kaa’ee fi jalqaba hojii paayilat testii naannoolee irratti hojjachuuf karoorfate keessatti akka naannoo keenyaatti Godina Shawa Kibba lixaa Aanaa Ammayyaa Ganda Qotaa jedhamu keessatti, Walda Hoji ICT Ganda Qotaa Shirkaa jedhamu Miseensa dhiira 5 fi Aanaa Walisoo Ganda Soddoo Garboo jedhamu keessatti Waldaa Hoji ICT Ganda Soddoo Garboo Jedhamu Miseensoota Dhiira 4 qabate bara 2007 keessatti hundeessuun aanaa ammayyaa fi Wolisoo irratti ganda qotee bulaa lamaan armaan olii keessatti waldaaleen lama miseensoota waliigalaa dhiiira 9(sagal) qabu hojii keessa akka galan taasifamanii jiru. Haaluma kanaan Tajaajila Bilbila Baadiyyaa bara kana keessa business model haarawaa Ministeera TQO Federaalaa irraa gadi bu’een Ethiyo telecom waliin ta’uudhaan hojii hojjanneen yaaliidhaaf ‘pilot test’ gandoota baadiyyaa lama irratti (godina K/L/Sh ganda Qotaa fi Sooddoo Garboo) irratti mana akka qopheeffatan taasisuudhaan, meeshaaleen kan akka kompitara tokkoo, bilbila tokko fi maashina tokko kan akka fotokoppii, faaksii, pirintaraa fi scanning walitti hojjachuu danda’u Ethiyo telekomiin kennameeraaf, maashinicha irratti leenjiin hubannoo cimsu ogeessota gandoota lamaan irratti gurmaa’anii jiran 9’f laatameera.




  • Kenni tajaajila isaanii kan ganda sooddoo garboo ilaalchee tajaajilli Intarneetii fi Faksiitiin alatti tajaajila barreeffamaa, fotokoppii fi tajaajila bilbilaa bilbiluus fudhachuus ni danda’a. haalli galii isaanii guyyaatti qarshii 30 hanga 40 galuu danda’uu isaa odeeffannoo arganneen mirkaneeffachuun danda’ameera. Sababii interneetiin hinjirreef tajaajila faksii fi intarneetiin hojjachaa kan hinjirre ta’uun isaa qaama ilaaluuf gabaafameera irratti hojjatamaa jira.

  • Kan ganda qotaa bilbilli isaanii itti bilbilama malee isaan bilbiluu hindanda’an rakkoon gandi isaanii bilbiluu danda’uudha waan ta’eef kana mootummaan hubatee furmaata akka kaa’uuf kan jedhu qaama ilaallatuuf gabaafameera.


Bilbila Tolaa (Free Call Center 888)

Kaayyoo Bilbila Bilisaa (Free Call Center 888)

  1. Ijaarsa sirna diimokiraasii, hirmaannaa ummataa fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuudhan sirni iftoomina fi itti-gaafatamummaa akka dagaagu gochuudhaaf, keessattuu lammiin kamiyyuu iddoo jiru taa’ee bu’aa bahii tokko malee imaammata,karoora fi sagantaalee mootummaa,akkasumas haala kenniinsa tajaajila manneen hojii mootummaa ilaalchisee baasii tokko malee lakk. 888 irratti bilisaan bilbilee odeeffannoo barbaadu akka argatu gochuu dha.

Haaluma kanaan;

      • Tajaajila manneen hojii 7 tajaajila iftoomina fi si’aayina qabu ummtni bakka jiru taa’ee karaa sarara bilbila tolaa 888 akka argatuuf irratti hojjetamee jira.

        • Haaluma kanaan, tajaajila bilbila tolaa, 888, kanatti fayyadamuun ummatni baasii bilbila bilisaatin fayyadaman akkaataa guca armaan gadiitti qarshiin qusatame dhiyaateera.

Guca 5: Itti fayyadama Bilbila tolaa fi Ummatni baasii qusate kan waggaa bara 2007.

Lakk

Maqaa Mana Hojii

Baayyina sarara bilbila tolaa,888,qaban

Kan waggaa

Haasaa/dubbachuu

irratti daqiiqaa fudhate giddu galeessaan

Taariifii waamicha biyya keessaa

Bara kana Keessa baayyina bilbila tolaa galmaa’e yoo qarshiitti jijjiirame

1

Mana Murtii Waliigala Oromiyaa

2

43152

53.67

0.83

1922253

2

Biiro Haqa Oromiyaa

2

34055

40

0.83

1130626

3

Biiroo Induustrii fi Misooma Magaalaa

2

50093

44.33

0.83

1843117

4

Komiishinii Invastimantii

2

29699

47.67

0.83

1175074

5

Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa

2

41639

58.33

0.83

2015906

6

Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa

2

53161

64.33

0.83

2838473

7

Komiishinii Namusaa fi Farra Malaammaltummaa

2

25513

48.67

0.83

1030626

Ida’ma Waliigalaa

14

277312

357




11,956,075



    • Guca 5 armaan olii irraa hubachuun akka danda’mutti Waggaa kana keessa Bilbili tolaa abba dhimmaa/ummata irraa dhiyaate gara qarshiitti yoo shallagamu,dhimmamtoonni bilbila tola,888 tii fayyadamuun tilmaamaan qarshii 11,956,075 (miliyoona kudha tokkoof kuma dhibba sagaliif kuma shantamii ja’aaf torbaatamii shan)qusatameera.

8. Pirojektii itti fayyadama miidiyaa guddisuu



      • Tajaajila poortaalittti fayyadmuun hojiilee mana hojichaa keessati hojjataman beeksisuun danda’ameera.

      • Hojiiwwan Ejansichaa beeksisuuf Egzibiishinii biyyoolessaa qophaa’e irratti birooshariiwwan garagaraa baay’inaan 1000 ta’an maxxanfamanii raabsamanii jiru.

      • TV Oromiyaa fi fana broadcasting fayyadamuun kurmaana kurmaanaan hojiiwwan waliigalaa mana hojii keenyaa ummataaf ibsameera.

Yüklə 0,65 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin