Gabaasa Raawwii Karoora Waggaa emtqoo


Pirojektii Muuxannoowwan gaggaarii qindeessuu



Yüklə 0,65 Mb.
səhifə4/6
tarix28.10.2017
ölçüsü0,65 Mb.
#18562
1   2   3   4   5   6

9. Pirojektii Muuxannoowwan gaggaarii qindeessuu

  • Muuxannoon mana hojii keenyaan qindaa’e jiraachuu baatus hojiilee moosaajii misoomsuu hojjanne sadarkaa Ministeera TQO federaalaatti akka muuxannoo gaariitti fudhatamuun naannoleen customize godhanii akka itti fayyadaman irratti waliigalameera.

10. Pirojektii Sirna Qo’annoo Fi Qorannoo Gaggeessuu

Garee qindeessitoota TQO godinaalee fi EMTQOO irraa gurmaa’aniin hojiiwwan armaan gadii hojjetamaniiru.

Hojii W.O.H fi Mirkanessa Gahumsa Daldala TQO irratti

  • Wiirtulee TQO Haawaasaa duraan hundeeffaman 32 dambii ittiin bulmaataa irratti keessa deebi’amee/review/ fooyyessuun dookumantiin bakka bu’iinsaa WWSSBG godinaalee,aanaalee fi Bul. Magaalotaa tiif kennameera.

  • Dookumantii bakka bu’iinsaa qophaa’e irratti leenjiin hubannoo/workshop/ kennameera.

  • Dookumantii bakka bu’iinsaa MTQOF/MCIT/tin qophaa’e Afaano Oromotti jijjiiramee leenjiin hubannoo/workshop/ erga kennamee booda WSSBG bul.M/12 fi WSSBG godinaalee 18f raabsameera.

Hojii Irra deebii JBAH/Recaliberation/ EMTQOO irratti

  • Bal’ina hojii TQO sadarkaa naannoo fi hojiiwwan bakka bu’insaan M.TQO.F/MCIT/irraa nuuf kennaman irraa kan ka’e irraa deebiin JBAH Adeemsaalee ijoo qoratamee dookumantii qophaa’ee BSSBGO tiif ergameera.

  • Adeemsaalee Ijoon duraan 3/sadii/ turan riikaliibereshinii booda erga qoratamee adeemsaalee ijoo 5/shan/ akka ta’u dookumantii qophaa’ee “RTT” BSSBGO tiin gamaaggamameera.

Haaluma Kanaan:-

Lakk.

Adeemsa Hojii Ijoo Duraanii

Adeemsa Hojii Ijoo Haaraa

1

Ad/H/I “E-Government”

Ad/H/I “E-Government”

2

Ad/H/I M.Q.N TQO,Qorannoo fi W.TQO.H

Ad/H/I Misooma Humna Namaa TQO

3

Ad/H/I Babal’ina Bu’’ura Cimdaa fi Moosaajii

Ad/H/I Misoomaa fi Suphaa Cimdaa

4




Ad/H/I Misoomaa Moosaajii

5




Ad/H/I dhimma Kenna Tajaajil TQO Ummataa


11. Raawwii Hojii Waggaa Kanaa Keessatti Bu’aawwan Argaman

  • Gama Tajaajila vidiyoo konfiraansii seektarootaa fi dhaddacha mana murtii kennameen baasii xiqqeessuu fi tajaajila si’oomina qabu kennuu danda’amuu.

  • Ogeessota TQO Godinaalee fi Aanaalee fayyadamuun hojiin cimdaa diriirsuu fi isa diriire suphuu manneen hojii sadarkaa Naannoo jiraniif hojjatame dandeettii humna keessaa kan cimsee fi baasii guddaa gorsitootaan bahuu malu kan hambise ta’uu

  • Seektarootni sadarkaa naannoo sarara Interneetii fi WaredaNet qaban irraa fayyadamoo akka ta’an haali mijateefii jira

  • Fedhiin, dandeettii fi itti fayyadamni TQO yeroo dhaa gara yerootti dabalaa adeemuu,

  • Manneen hojii naannoo MIS hojii irra oolchan irratti xiyyeeffachuun hanqinaalee gama gahumsa suphaa moosaajichaa fi itti fayyadamaan jiru hiikuuf leenjiin olaanaa gama dhaabbilee gorsitootaa dhimma kana irratti muuxannoo qabaniitiin ogeessota Biiroolee,EMTQOO, godinaalee fi aanaa tiif kennamee yeroo ammaa rakkoo lakaddaa(code)MIS furuuf suphaan moosaajjii gaggeeffamaa jiraachuu fi moosaajjii MIS’n walgitu humna keessaatiin misoomsuu danda’amuu

  • Marii yeroo gara garaatti taasifameen miirri waliin hojjachuu cimaa dhufuu

12. Hojilee karoora keessatti qabamanii osoo hin raawwatamin hafanii fi sababa isaa

  • Hojiiwwan gurguddoo osoo hin raawwatamin hafan



  1. Leenjii suphaa Kompiwutaraa ol’aanaa /Advanced Pc Maintenanace/

Sababa:

    • Leenjii CCNA fi “Web development using Symfony 2 framework” wajjin walirra waan bu’eef

  1. Leenjii suphaa meeshaalee biiroo /Office machine maintenance/

Sababa:

    • Ogeessonni TQO godinaalee leenjii kan biroon waan qabamaniif.

  1. Study Tour” naannolee adda addaa gaggeessuu

Sababa:

    • Hojiiwwan waan walirra bu’aniif.

  1. Manneen hojii mootummaa tajaajila bilbila tolaa/888/ keessa galchuu

    • Fedhiin dhiyaate xiqqaachuu fi isa dhiyaateef caasaa oppereetarootaa seektarichi hayyamsiisuu dhabuu

V) Tajaajila bilbila ganda baadiyyaa kallattii mootummaan kaa’een uummataaf tajaajila akka

kennuuf qaamota sadarkaa sadrkaadhan jiran biratti hubannoo uumuu.



Sababa:

    • Sababii maanuwaaliin qindaa’aa Ethiyo telekom irraa ni ergama jedhame hin ergamin hafeef

Vi) Kenniinsa tajaajila poortaalii sadarkaa biyyooolessaatti guddisudhaan manneen hojii mootummaa akka itti fayyadaman hordofuu, deeggarsa kennuu

Sababa:

Meeshaan bitamuuf malu “firewall” bitamee kan hin galle waan ta’eef ammallee osoo sadarkaa biyoleessaatti hin hojjatamin/host hin ta’in/ hafee jira.

Vii) Meeshaa wireless install gochuu( Install wireless machine) hin raawatamne

Sababa


      • meeshaan wireless waan hin bitamneef

Viii) Diizayinii cimdaa manneen hojii mootummaa sadarkaa naannootii fi godinaalee irratti argamanii bifa waltaawaan (instandard) qopheessuu dhabuu

Sababa


13. Hojiilee karooran ala raawwataman

      • Ogeessota TQO godinaalee 6/jaha/ irraa walitti ba’an 10 leenjii “Advanced Computer Application-Oracle 11g & Java” ji’oota 3f fudhatanii leenjicha irratti qabxii olaanaa galmeessisaniin moosajii otomeeshinii SMBKT (BSC Automation) “Web based” ta’e akka misoomsaniif hojii qindeessuu fi hordoffii taasifameen yeroo ammaa xumura irra gahuuf jedha. Kunis sirna gabaasaa akka naannootti seektaraalee mootummaa sadarkaan jiranii ni fooyyessa jedhamee amanama.

      • Ogeessotni TQO Biirolee 17 leenjii “Advanced Computer Application-Oracle 11g & Java ” ji’oota 3f fudhatan MIS mana hojii isanii irratti hojii “Source Code Maintenance” akka hojjetan taasifamee jira.

      • Deeggarsi Ogummaa Misooma ‘website’ waajjira G/Galeessaa Dh.D.U.Of kennamee jira.

14.a) Ciminoota adeemsa raawwii karooraa keessatti mul’atan

  • Ogeessota TQO Godinaalee fi Aanaalee fayyadamuun hojiin cimdaa diriirsuu fi isa diriire suphuu manneen hojii sadarkaa Naannoo jiraniif hojjatame dandeettii humna keessaa kan cimsee fi baasii guddaa gorsitootaan bahuu malu kan hambise ta’uu

  • Fedhiin, dandeettii fi itti fayyadamni TQO yeroo dhaa gara yerootti dabalaa adeemuu,

  • Gaaffiin itti fayyadama viidiyoo konfaransii, intarneetii fi e-meelii yeroodhaa gara yerootti dabalaa adeemuu

  • Manneen hojii naannoo MIS hojii irra oolchan irratti xiyyeeffachuun hanqinaalee gama gahumsa suphaa moosaajichaa fi itti fayyadamaan jiru hiikuuf leenjiin olaanaa gama dhaabbilee gorsitootaa dhimma kana irratti muuxannoo qabaniitiin ogeessota Biiroolee, EMTQOO, godinaalee fi aanaa tiif kennamee yeroo ammaa rakkoo lakaddaa (code) MIS furuuf suphaan moosaajjii gaggeeffamaa jiraachuu fi moosaajjii MIS’n walgitu humna keessaatiin misoomsuu danda’uun keenya dhimma akka cimina ijootti ilaalamuudha.



b) Hanqinaalee

      • Hojii guyyaa guyyaa galmeessaa deemuu dhabuu

      • Hojii hunda akkaataa karooraatiin duguuganii yeroo yeroon sakatta’anii raawwachuu dhabuu

      • Hojii guyyaa guyyaan haalaan madaaluun torbanitti gabaasaa fi duub deebii walii kennuu dhabuu

      • Itti quufinsa maamilaa itti fufiinsaan battala tajaajilli kennamutti guuchisuu irratti harcaatiin jiraachuu

      • Gabaasni sadarkaa sadarkaan qaama ilaallatuuf yeroon dhiyaatuu dhabuu


15.Raakkolee Raawwii Karooraa Keessatti Nu Qunnaman

  • Rakkoo tajaajilli Ethio telecom ciccitaa ta’u isaa

  • Adeemsaalee hojii tokko tokko keessatti hanqinni humna namaa guddaan jiraachuu

  • Sirni bittaa meeshaalee walxaxaa fi harkifataa ta’uu isaa irraa kan ka’e raawwii karooraa fiizikaalaa fi faayinaansii irratti dhiibbaa guddaa fiduu isaa

  • Rakkoo hamaa AC fi Fairwalii Wiirtuu Daataa saarbeetii hojjachuu dhabuu fi gaaffiin suphaa isaa deebii argachuu dhabuu.

  • Rakkoo Logisticsii /dhiyeessii konkolaataa/ ilaalchisee rakkoo kana hin jedhamne kan nuqunnamaa jiruu fi rakkinnichi ittuma caalaa bara baratti darbaa kan adeeme ta’uun isaa kenna tajaajilaa:-

      1. Hojii suphaa networkii

      2. Hojii suphaa elektrikaa wiirtuu daataa Istaadiyeemii,

      3. Hojii Viidiyoo Konfaransii mootummaan yeroo barbaachisaa ta’ee argametti akka qophaa’u yeroo nu gaafatutti deebii attattamaa kennuuf ogeessonni keenya bakki jireenyaa isaanii fagoo ta’uu irraan kan ka’e hojii sanbataa fi dilbata qunnamu irratti rakkoo kana hin jedhamne fidaa kan jiru ta’uu irraan kan ka’e hojii keenya irratti dhiibbaa guddaa qaqqabsiisaa kan jiru ta’uun isaa akka rakkoo cimaatti kan ibsamuudha.



  1. Kallattii Raawwii Gara Fuula Duraa

  • Qindoominaan hojjachuun milkaa’ina hojiirra olmaa MISf murteessaa waan ta’eef daran xiyyeeffannaa laachuu fi haala walirraa hin cinneen raawwachuu.

  • Hanqina humna namaa ogeesota muuxannoo qabanii qaama ol-aanaa wajjin mari’achuudhaan furmaata akka argatu taasisuu.

  • Dokumantii unka hojii guyyaa guyyaa itti galmaa’u qopheessuudhaan hojii guyyaa galmeessaa adeemuuu.

  • Karooraan ogganamuudhaan karoora hanga nama dhuunfaatti gadi bu’e hordoffii cimaan hojiirra oolchuu.

  • Deeggarsaa fi hordoffii itti fufiinsa qabu sadarkaa sadarkaan gochuun raawwii keenya yoomiyyuu caalaa fooyyessuu

  • Sochii raayyaa jijjiiramaa Siviil Sarviisii cimsuu


Gabatee 6 karooraa fi Raawwii Kaayyoolee, Manii fi Tarkaanfiiwwan Tarsiima’aa bara 2007


Lakk

Kallatti Madaallii



Kaayyolee Tarsiimo’aa

Safartuulee Raawwii

Manii Waggaa Shanii (2003-2007)

Ka’umsa 2006

2007

%



Tarkaanfiwwan Tarsiima’oo (Initiatives)

kar

Ra

1

Lammii(Maamila)

Amantaa ummatni mootummaa irratti qabu guddisuu

amantaa dabale %

95

92.5

95

90


94.7

  1. Piroojeektii Sakatta’insa Itti-quufiinsa Maammilaa

  2. Piroojeektii Sirna Qo’annoo fi Qorannoo Gaggeessuu




Itti quufiinsa ummataa/lammii guddisuu

Itti quufiinsa dabale %

98

94.5

98

92

93.8

Fayyadamumma ummataa guddisuu

Kenna tajaajilaa fooyya’e %

98

93.8

98

95

96.9

2


Faayinaansii

Gahuumsaa fi bu’a qabeessummaa itti fayyadama baajataa fooyyeessuu

Gahuumsaa fi bu’a qabeessummaa itti fayyadama baajataa dabale %

100

100

100

100

100




Bu’a qabeessummaa itti fayyadama baajataa dabale %

100

100

100

100

100

  1. Piroojeektii Muuxannoowwan gaggaarii gaggeessuu

  2. Pirojektii Qorannoo, Misoo-ma Qabeenyaa Namaa TQO Fi WOH

  3. Pirojektii Hojii E-Govarnmantii

  4. Pirojektii Misooma Bu’uura Cimdaa Fi Moosajii TQO

Itti fayyadama qabeenyaa fooyyessuu

Qisaasina hir’ate %

5

8

5

5

100




Adeemsa Hojii Keessaa

Sirna deggarsaa fi hordoffii foyyeessuu

Deeggarsa fi hordoffii taasifame lakkofsaan

4

4

4

4

100

Manneen hojii deeggarsaa fi hordoffii argatan %

100

100

100

100

100

Uwwisa misooma TQO dabaluu

Uwwisa TQO dabale %

90

84

90

90

100

Sirna hoggansa odeeffannoo (MIS) fooyyessuu

Sirna odeeffannoo naannicha keessatti diriiree (%)n

40

32

40

32

80



  1. Pirojeektii itti fayyadama miidiyaa guddisuu

  2. Piroojektii Danddeettii Raawwachiisummaa hojii cimsuu



  1. Piroojeektii Qophii Karooraa, Baajataa, Sirna Gamaaggamaa fi Hordoffii Raawwii Karooraa

  2. Pirojeektii Hirmaannaa fi itti fayyadamummaa ummataa cimsu gaggeesuu

Manneen hojii MIS hojii irra oolchaan akkofsaan

100

8

25

8

32

Sirna kenniinsa leenjii, misooma qabeenya namaa fi tajaajila gorsaa TQO fooyyeessuu

Fedhii leenjii adda bahee leenjiin irratti kenname%

95

85

95

96.9

100

Misooma qabeenya namaa TQO dabale %

95

85

95

96.9

100

Manneen hojii gorsa argatan lakkoofsaan

40

30

40

40

100

Sirna Qo’annoo fi Qorannoo TQO fooyyessuu

Qo’annoo fi qorrannoo gaggeeffame keessaa kan hojiirra oole %

100

87

100

89

89







Sirna muuxannoowwan gaggaarii babal’isuu fooyyeessuu



Muuxannowwan gaggaarii qindaa’an sekteraan

10

9

1

1

80


Muuxannoo gaggaarii hojiirra oolan %


100

58

100

60

60




Ijaarsa Dandeettii

Dandeettii raawwachiisummaa hoggantootaa fi raawwattootaa fooyyessuu

Baay’ina hoggantootaa fi raawwattoota leenjii yeroo dheeraa fi barnoota argatanii lakkoofsaan

100

62

65

63

97

Dhiyeessii fi itti fayyadama TQO guddisuu

Itti fayyadama TQO dabale %

100

95

100

100

100




Aadaa fi naannoo hojii foyyeessuu.

Aadaa hojii hojjattootaa fooyya’e%


80

68.7

80

74

92.5

Gadi- lakkisa hojii ogeessotaa

xiqqaate %


5

10.7

5

1.6

71

Itti quufiinsa hojjettootaa dabale %

98

88.7

98

90

92

Qindoomina dhimmoota seektarootas hundaa guddisuu

Raawwii hojii idileeffannaa %

95

89

95

95

100




Yüklə 0,65 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin