Galata /Acknowledgement/ Seensa


Gabatee Xiinxala Haala Alaa



Yüklə 2,42 Mb.
səhifə5/20
tarix12.01.2019
ölçüsü2,42 Mb.
#96459
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   20



      1. Gabatee Xiinxala Haala Alaa

Qabxiilee xiinxalaa

Carraa

Sodaa

  1. Siyaasa/Seera

(Political/legal)


  • Seerri maatii fi serri yakkaa fooyya’e jiraachuu

  • Siyaasa keessatti hirmaannaa Dubartootaa guddisuun xiyyeeffannoo mootummaa ta’uu.

  • Rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuuf kutannoon siyaasaa cimaan jiraachuu

  • Heeraa fi seera, Imaammata, tarsiimoo hojii misoomaa hojjechiisuu danda’u jiraachuu

  • Siyaasni addunyaarraa yeroodhaaa yerootti jijjiiramaa jiraachuu

  • Fedhiin uummataa siyaas-dinagdee irratti qabanu qabatamaa ta’uu hafuu fi yeroon kan jijjiiramu ta’uu

  • Qaawwaa a Seera Maatiin diiggaan gaa’ilaa uumamun mirgi dubartootaa fi daa’immanii sarbamuu




  1. Dimoograafii

(Demographic)

  • Dubartootni humna misoomaa (working force) ta’uu danda’an ballinaan jiraachuu

  • Nama barate hedduun jiraachuu

  • Humna bal’aa abdii borii godinichi qabaachuu isaa




  • Sababoonni daa’imman haala rakkisaa keessatti kuffisan bal’inaan jiraachuu

  • Guddinni Baayyina ummataa dabalaa dhufuu isaatiin (Popn. Growth rate) fedhiiin hawaas-diinagdee guddaachaa deemuu isaa




  1. Hawaas-Aadaa

(Socio-cultural)


  • Dubartootni godinichaa Raayyaan Misoomaan ijaaramuu

  • Gumii shamarranii , Gumii farra barmaatilee miidhaa geessisan fi Gumiin CRC manneen barnootaa fi dhaabbilee barnootaa keessa jiraachuu,

  • Aadaa Dubartootaa fi daa’imman kunuunsu ummata keenya keessa jiraachuu

  • Hawaasni BMG maqsuuf akka naannoo isaatti Seera aadaa(customery law) tumachuun baratamaa dhufuu isaa

  • Aadaa Maatiin/hawaasni daa’imman akka kan ofii isaatti kunuunsuu fi qajeelchuu irratti qabu laafaa dhufuu

”Ilmoo koo ka guddisu ollaadha” ilaalchi/duudhaa jedhu laafuu isaa

  • Dhiibbaa HIV/AIDSn dubartootaa fi daa’imman iraatti geessisuu bal’aa ta’uu

  • Aadaa fi gochaawwan uummata keenyaaf algaa ta’an karaa sab-quunnmtii hawaasaa adda addaatin fi gocha qabatamaan mul’taa jiranu ( Phornography , Homosexual , ...) babal’atu daa’immanii fi dubartoota irratti miidhaa olaanaa geessisuu.

  • Aadaa Maatiin/hawaasni daa’imman akka kan ofii isaatti kunuunsuu fi qajeelchuu irratti qabu laafaa dhufuu

”Ilmoo koo ka guddisu ollaadha” ilaalchi/duudhaa jedhu laafuu isaa



IV. Haala Diinagdee

(Economic conditions)




  • Diinagdee Dubartootaa cimsuuf dhaabbileen maayikroo faayinaansii jiraachuu

  • Aadaan qusannaa dubartootaa dabalaa dhufuu

  • Babal’ina inveestimeentii carraa hojii dubartootaaf uumaa dhufuu

  • Kaka’uumsa/fedhii maxxantummaa diinagdee jalaa bahuuf dubartootni qaban jajjabeessaa ta’uu

  • Ijaaramootni dinagdee dubartootaa ( Yuuniyeenii, WHG,Qusannoo fi Liqii, Garee Wal Gargaarsaa ) bal’inaan jirachuu.

  • Hiyyummaan dubartoota irratti kan cime ta’uu.

  • Maddii liqii dubartootaa dhabamuu

  • Dhalli liqii (interest rate) yeroodhaa yerootti dabalaa fi nuffisiisaa dhufuu.

  • Hojii dhabummaan Dubartootaa irratti kan cime ta’uu

  • Qaala’uu jireenyaa

  • Daa’imman rakkoo hawaas diinagdeen saxilaman baayyachuu

V. Haala Teeknooloojii

(Technological condition)



  • Dubartootni teeknooloojii humnaa fi yeroo qusatutti fayyadamuuf fedhii guddaa qabaachuu

  • Teknooloojiwwan ammayyaa fi bu’a-qabeessa ta’an jiraachuu isaanii

  • Sirni Qunnamtii Teeknooloojii Odeeffannoo ammayyaa aanoolee heeddu wal qunnamsiisuu diriiraa jiraachuu isaa (Woreda Net & school net)

  • Mootummaan teeknoolojii ammayaa babali’suuf xiyyeeffannaan ol’aanaa kennuu isaa

  • Dhiyeessitootni teekinooloojii human fi yeroo dubartootaa qusatuu xiqqachuu

  • Guddinni teeknooloojii miidhaawwan adda addaa inni qabu rakkoo ta’uu






      1. Xiinxla Cimina, Dadhabbina, Carraa Gaarii Fi Sodaa(SWOT Matrix)

Akkaataa xiinxala haala keessaa fi alaa mana hojii/caasaa Dhimma Dubartootaa fi daa’imman Oromiya armaan olitti gaggeeffameen kallattii(perspective) afur-maamila(customer), faayinaansii(financial), adeemsa keessaa(internal process), fi Ijaarsa Dandeettii (Capacity building )tiin cuunfuun addaan baasuun gabatee armaan gadii keessatti tarreeffamaniiru.

Gabatee :- Xiinxla Cimina, Dadhabbina. Carraa Gaarii Fi Sodaa(SWOT Matrix)



Kallattii madaallii

Cimina/Strength

Dadhabina/weakness

Carraa/Opportunity

Sodaa/Threat

Lammii /Maamilaa(citizen/Customer)

  • Imaammata fi tarsiimoon haala qabatama naannoo waliin wal-simuu fi rakkoo dubartootaa hiikuu danda’u jiraachuu,




  • Hirmaannaan abbootii qabeenyaa fi investimantii godinicha keessatti babal’achuun galii dubartootaa guddisaa jiraachuu isaa




  • Dubartootaa fi qooda fudhattoota ijaaruun misoomaaf sochoosuu dhabuu




  • Ilaalcha fi gochi kiraa sasaabdummaa sadarkaa adda addaatti jirachuu isaa.




  • Kutannoo siyaasaa dimokiraasii, misooma ittifufiinsa qabu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf jiraachuu isaa,

  • Fedhiin hirmaannaa dubartootaa misooma irraatti qaban jiraachuu,

  • Hirmaannaan fi deeggarsi arjoomtootaa fi qooda fudhattootaa gudachaa dhufuu




  • Darbee darbee walitti bu’iinsa uumamu keessatti dubartootni fi daa’imman hubamuu

  • Dhiibbaa ilaalcha siyaasa alaa dubartootarratti fiduu

  • Baayyinnii uummataa gar-malee dabaalaa deemuu isaatiin fedhiiin tajaajila hawaas-diinagdee dubartootaa guddaachaa deemu isaa

  • Dubartoota naannoo gamoojjii jiran faffaca’ee jiraachuun isaa kenna tajaajilaaf rakkisaa ta’uu.

  • Aadaan dubartoota qixa hundaan hojii misoomaa irraatti hirmaachisuu dadhabaa ta’uu.

  • Tatamsa’innii dhibee HIV/AIDS, hirmannaa/ humna dubartootnni misoomaaf oolu miidhuu danda’uu

Faayinaansii/Financial

  • Baajata xiqqaa ramadamee qusannoon itti fayydamauun hojii bu’a qabeessa ta’e hojjechuu.

  • Fandii barbaaduun hanqina bajataa deeggaruu

  • IBEXn fayyadamuu

  • Qoodinsi baajataa godinaaleef taasifamu baay’ina aanoolee fi fageenya Finfinnee irraa qabanuun qooduu

  • Baajata nuf ramadame seeraan fayyadamuu



  • Hanga barbaadamutti projektii qophessuun fandii barbaachuu dhabuu.

  • Bajata hojiif barbaachisaa ta’e ramachiisuu dhabuu

  • Bajatni ramadame dhimma ramadameef ooluu isaa madaaluu dhabuu

  • Sadarkaa aanaatti bajata hojiif ramadame dhimma ramadameef ooluu isa madaaluu dhabuu

  • Gabaasa argannoo bu’áa odiitii booda tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamu laafaa ta’uu isaa

  • Qoodinsi baajataaf ragaa sirrii fi amanamaa ta’e godinaalee irraa akkataa fi yeroo barbaadamutti argamuu dhabuu

  • Bittaa gaggeeffamu si’aayinaa fi qulqullina haala barbaadameen kan hin qabaanee fi raawwiin isaas harkifataa ta’uu

  • Hanqinni baajataa sadarkaa adda addaatti jiraachuu (Sadarkaa aanaatti bajata gahaan ramachiisuu dhabuu)

  • Propoozaalli fandii maddisiisuuf qophaa’an bajata dabalataa gahaa ta’e argamsiisuu dhabuu

  • Dhaabbileen deggersa dubartoota fi daa’immaniif kennan jiraachu.

  • Dhaabbileen Maayikiroo faayinaansii dubartootaaf liqii dhiyeessan jiraachu.




  • Dhalli liqii ( Interest Rate ) guddaa ta’uu

  • Karoora mana hojiin qabameef bajatni wal gitu dhabamuu

  • Qaala’uu jireenyaa fi gatii messhalee adda addaa

Adeemsa Hojiilee keessaa/

Internal process

  • Humna namaa muraasan fedhii maammila bal’aa guutuuf hojjechuu

  • Dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa waliin hojjechuu.

  • Qajeelfamootaa fi tarsiimoowwan adeemsota hojii deeggeran baasuun hojirra oolchuu.

  • Qorannoo fi sakatta’iinsa rakkoo maamilaa hiikuu danda’uu gaggeesuu

  • Kaka’umsi JBAH qorachuun hojii irra oolchuuf jalqabbiin gaarii jiraachuu

  • Eergama fi mula’ata dhimma Dubartootaafi Da’immannii ifa ta’ee qabaachuu

  • Caaseffamni Waajjiirichaa adeemsa hojiitiif mija’aa ta’e sadarkaa hundatti diriiruu fi tasgabbii kan qabu ta’uu isaa

  • Imaammata fi Tarsiimoon haala qabatama caasichaa waliin wal simuu fi rakkoo hiikuu danda’u jiraachuu

  • Karoora tarsiimoo misooma waggaa shanii fi karoorri waggaa (work plan) jiraachuu.

  • Caasaan hordoffii fi gamaaggamaa sadarkaa bhundatti jiraachuu isaa

  • Sirna Qunnamtii Teeknoolojii Oddeeffannoo dirreetti fayyadamuuf fedhii fi jalqabbiin jiraachuu

  • Hoj-maatni tajaajiloota wal fakkaatu iddoo tokkotti haala kennuu danda’uun gurmaa’uun jalqabbiin jiraachuu isaa (JBAH)

  • Kenna tajaajilaa fedhii maamilaa guutu fooyya’uuf hojii irraa oolmaa JBAHtin Saffinni fi si’aayinni jiru jajjabeessaa ta’uu isaa

  • Istaandaardiin Kenna tajaajilaa jiraachuu isaa

  • Aadaa qusannoo dubartootaa guddiisuuf hojiin hubannoo uumuu raawwatame bu’a qabeessa ta’uu isaa



  • Dubartoota hanga barbaadamutti gama hundaan gahoomsuu fi fayyadamtoota taasisuu dhabuu.

  • Dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa keessatti hamma barbaadametti korniyaa idileessuu dhabuu.

  • Ilaalchi boodatti hafoo fi BMG dubartoota fi daa’imman irratti raawwataman hawaasa kessatti hidda gadifageffatanii jiraachuu isaani.

  • Ilaalchi oggantoota seektaroota mootummaa koorniyaa irratti qaban hanga barbaadamu jijjiirama fiduu dhabuu

  • Maatiin daa’imman isaa sirriitti akka lammi gaarii ta’anii guddatan kunuunsa barbaachisu gochuu dhabuu.

  • Rakkoo hawaas-diinagdee daa’immanii hanga barbaadamutti furmaata kennuu dhabuu

  • Dubartoota gurmaa’aniif ogummaa adda addaatiin leenji’anii hojiitti akka galan gochuu dhabuu

  • Fedhii liqii dubartoonni bal’aan qaban guutuuf haala mijeessuu irratti laafaa ta’uu.

  • Imaammatoota fi seerota mootummaan bahan hangam dubartoota fi daa’imman akka fayyadan mirkaneeffachuu dhabuu

  • Hawaasaa fi dhimmamtoota qindeesuun dhimma dubartootaa fi daa’immanii irratti sochoosuu dhabuu

  • Sirna deeggarsaa,hordoffii fi madaallii/gamaaggamaa itti fufiinsa

qabu diriirsuu caasaa sadarkaan jiruuf yeroon kennu dadhabuu

  • Ergama, mul’ata , Kaayyoo,galma fi tarsiimoo Waajjirichaa beekuun qaamnii hogganuu fi raawwatu sirriitti hojii irraa olchuu dadhabuu

  • Sirna keessuumessa komii maamiltootaatiif deebii hatattamaa kennu sadarkaa hundatti jiraachuu dhabuu

  • Imaammataa fi Tarsiimoolee jiran beekuun hojjeetoota sadarkaa sadarkaan jiran fi uummata qabsiisuun hojii irra oolchuurraatti hanqinni jiraachuu

  • Muuxannoowwan gaarii akka naannoo fi naannoon alaa jiran addaan baasuudhaan babal’isuu dhabuu

  • Sirna ragaa qabachuu fi qindeessuu akkasumas akkaataa barbaadamuun ragaa qabachuu fi qindeessuu dhabuu

  • Kenni tajaajilaa akkaataa fi sadarkaa maamilli barbaadu irra gahuu dhabuu;

  • Kenni taajaajilaa Istaandaardii raawwii hojiif taa’een raawwatamuu isaa haala ittifufiinsa qabuun galmeessuu fi madaalaa deemuu dhabuu

  • (Hojmaata diriiree jiru itti fufiinsaan hojii irra oolchuu fi fooyyessaa deemuu dadhabuu)

  • Sararri bilbila tolaa miidhaa daa’immanii ittiin gabaafamu naannoo keessatti diriirfamuu dhabuu

  • Meeshaaleen jijiiramaa (JBAH, SFSS) TQOn deeggaramuu dhabuu

  • Sirni keessumeessa komii sadarkaa hundaatti bifa walfakkaatuun driiree hojii irra kan hin oolle ta’uu isaa

  • Qo’annoo fi qorannoo irratti hundaa’uudhaan si’aayinaa fi saffina kenna tajaajilaa foyyeessuuf yaaliin godhamu hanga barbaadameen hojjatamuu dhabuu.




  • Dhimmi dubartootaaf daa’immanii heera mootummaa kessatti xiyyeffannoo addaa argachuu

  • Dhimmi koorniyaa akka addunyaa fi biyyaatti xiyyeffannoo qabaachuu.

  • Daabbilee dubartootaa fi daa’imman irratti hojjetan baayyinaan jiraachuuu.

  • Imaammata,qajeelfamoonni, danbiin,paakeejotni adda addaa fi konveenshinootnni addunyaa dubartoota fi daa’imman fayyadan jiraachuu isaanii

  • Tajaajila saffisaa fi quubsaa maamilaaf kennuun xiyyeffannoo mootummaa ta’uu.

  • Sirni kenna Yaada maamiltotaa jiraachuu.

  • Koreen dhaabbi Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii hojii ilaaluun yaada kennu.




  • Hiyyummaan dubartoota irratti kan cime ta’u.

  • Carraalee “Globalization” fidu keessaa kan dhiibbaa geessisu dhiisuun fayyadamu dhabuu.

  • Dhiibbaa HIV/AIDSn dubartootaa fi daa’imman iraatti geessisuu danda’u



Ijaarsa dandeettii

  • Leenjii fi hubannoon adda-addaa hojjettootaaf kennamuu.




  • Carraa barnootaa hojjiirraa hojjettootaaf kennamuu.




  • Gaggeessummaa (leadership) caasaa dhimma dubartotaa fi daa’immanii cimsuuf leenjii kennuu




  • Meeshalee hojiif barbaachisan qaamolee deeggersa kennan gaafachuun guuttachuuf yaaluu

  1. Aadaan qindominaan hojjechuu raawwattoota bira jiraachuu



  • Hojjettootaaf faasilitiiwwan

(material) adda-addaa mijataa ta’uu dhabuu.

  • Sirni maadallii raawwii adeemsota, garee dhimmaa fi hojjettoota hojiin adda baasee badhaasisiisuu fi adabuu jiraaachuu dhabuun,

  • Sirni oggeessota oggummaa fi dandeettii qaban hojiirra tursiisuu diriiruu dhabuu (sadarkaa mindaa fi faayidaalee adda addaa)




  • JBAH hojii irra oolchuuf hojjetoota biraatti kutannoo walqixa ta’e dhabamuu.

  • Meeshaaleen hojii fi Teekinoolojii ammayyaa, humna namaa gahaan dhabamuu

  • Sadarkaa aanaatti humni namaa ogummaa fi beekumsa qabu hanga barbaadameen jirachuu dhabuu

  • Humna namaa teekinooloojii ammayyaa fayyadamuu irratti ogummaa fi dandeettii gahaa qabu sadarkaa barbaadametti uumamuu hafuu isaa

  • Aadaan hojii fi ilaalchi tajaajiltummaa uummataa rawwaattoota biratti sadarkaa barbaadamutti jiraachuu dhabuu isaa.




  • Eeggatummaan jiraachuu fi kaka’umsa ofiitiin hojjachuun akka aadaatti hanga baarbaadame baratamuu dhabuu

  • Humni namaa barate gabaa irratti bal’inaan jiraachuu.

  • Dhaabbileen deggersa barnootaa fi leenjii kennan jiraachuu.

  • Teknoolojiin hammayyaa bal’inaan jiraachuu.

  • Tarsiimoon Muuxannoo gaarii baballisu jiraachuu



  • Humni namaa muuxanno qabu caasicha yeroo-yeroon gadilakkisu.(high turnover)

  • Dhiibbaa HIV/AIDSn hojjettoota irratti geessisuu danda’u






  • Hojjettootaa ilaalchota doggoggoraa korniyaa(gender biased attitude) jiran cabsuun kutannoofii kaka’uumsan hojjetan jiraachuu

  • Haalli mijaawaan naannoo hojii sadarkaa naannootti uumuuf jalqabbiin jiraachuu isaa

  • Barbaachisummaan dandeettii humna raawachisummaa cimsu hubatamee carraaqqiin taasifamuu isaa

  • Qacarriinii fi jijjiirran haala danbiilee fi qajeelfma hojjattoota siivilii sarviisiitiin kan raawwatamu ta’uu isaa



  • Haalli hojii mijaawaa ta’ee sadarkaa Godinaa fi aanaatti hanqina kan qabu ta’uu isaa

  • Humna namaa gahaa guuttachuu dhabuu

  • Caasaa aanaa gurmaa’insa, hojimataa fi humna namaatiin sadarkaa barbaadameen cimsuu dhabuu

  • Danbiileee fi qajjelfama hojjettoota siiviil sarviisii hojjettoota ittifufiinsan beeksisuun dirqamaa fi mirga isaanii akka bahan gochuuf hojiin raawwatame hanqina kan qabu ta’uu isaa









      1. Dhimmoota Ijoo Qophii Tarsiimootiif Ka’umsa Ta’an(Pains & Enablers)

        1. Dhimmoota Ijoo Dadhabina Fi Sodaa Irraa Maddanii Fi Tarkaanfii Fudhatamuu Qaban (Pains)

Dhimmoota Gufuu ta’an(Pains)

Tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban

      1. Dubartoota gama hawaasumma,diinagdee fi siyaasatiin gahoomsu fi fayyadamtoota taasisuu irratti hojii hojjetamen bu’aan argame xiqqaa ta’uu




  • Hubannoo gama fayyadamummaa dubartootaa fi daa’immanii jiru olguddisuu dhaaf Sochii hawaasaa finiinsuu.

  • Dubartoota garee adda-aaddaa kan akka dinagdee fi mirgaa akka ijaaraman barbaachisaa hunda raawwachuu.

  • Dhiheessa maallaqaa guddina dinagdee dubartootaaf oolu pirojektii adda-addaa hojjechuu dhaan fandii maddisisuu.

  • Leenjii ogummaa bu’aa qabeessaa fi dubartoota gara hojii galii argamsisuu irratti hirmaachisu kennuu.

  • Barnootaa fi leenjii shamarranii irratti cimanii hojjechuu dhaan hirmaannaa fi beekumsa isaanii cimsuu.

  • Dhimmamtoota kan akka dhaabbilee miti mootummaa dhimma misooma dubartootaa irratti hojjetan,seektaroota mootummaa ,Dhhaabbilee maaykiroo faayinaansii fi kkf waliin qindoomina cimsuudhaan waliin hojjechuu.

  • Barmaatilee miidhaa dubartoota irratti geessisan maqsuuf maanuwaalii paaraalegaalsii (gorsitoota seeraa) fayyadamuu dhaan hirmaannaa ummataa guddisuu.

      1. Dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa akkasumas hawaasa keessatti koorniyaa idileessuu dhabuu.




  • Hubannoo barbaachisummaa koorniyaa idileessuu bal’inaan uumuu

  • Humna raawwachiisummaa raawwattoota dhimma koorniyaa seektaroota motummaa cimsuuf leenjii kennuu

  • Qindoomina hojii qaamolee dhimma koorniyaa hordofan(dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa keessatti ) waliin uumuu

  • Paakeejii misoomaa fi jijjiirama dubartootaa ,Qajeelfama koorniyaa idileessuu, hojiirra akka oolu gochuf deeggersa kennuu

  • Qamoolee mootummaa fi miti mootummaa waliin sirna qindoominaan h diriirsuu

  • Muxxannoowwan gaggaarii addaan baasuun qindeessuu fi akka babal’atu gochuu.

  • Fooramii net woorkii dhaabbilee miti mootuummaa dhaabuun hojii bu’a qabeessa ta’e hojjachuu.

  • Idileeffama koorniyaa seektaroota mootummaa fi dhaabbilee mitimootummaa ilaalchiisee qorannoo gaggeessuu fi yeroo yeroon sakatta’iinsa taasiisuu.

      1. Ilaalchi seektarootni mootummaa koorniyaa irratti qaban hanga barbaadamu jijjiirama fiduun dubartoota fayyadamtoota taasisuu dhabuu




  • Waltajjii hubannoo isaanii cimsu uumuu

  • Sirna deggarsa,hordoffii fi gamaggamaa sekteroota waliin cimsuudhaan kanneen bu’aa gaarii galmeessaniif beekamtii kennuu

  • Gamaaggama raawwii koorniyaa idileessuu iratti akka hirmaatan gochuu

  • Koorniyaa idileessuu mana hojii isaanii abbummaan akka fudhatanii socho’an taasisuu

  • Cheekliistii hojiirra oolmaa koorniyaa idileessuu qopheeesuun kennuu/beeksisuu

  • Gabaasa raawwii karoora mana hojii isaanii kessatti dhimmi koorniyaa akka hammatamu akka taasisan gochuu

  • Hirmaannaa fi fayyadamtummaa dubartootaa mana hojii isaanii raawwattoota dhimma koorniyaa isaanii waliin haala mijeessuun hojii qabatamaa raawwachiisuu




  • Mirgii fi nageenyi isaanii kabajamee daa’imman abdii boorii akka ta’an hawaasni daa’ima isaa kunuunsee akka guddisu hubannoo hawaasaa cimsuu.

  • Daa’imman haala adda-addaatiin(kilaboota mana barumsaa fi kkf akka gurmaa’an taasisuu dhaan mirga isaanii beekanii fi naamusa gaarii qabatanii akka guddatan taasisuu.

  • Paaarlaamaan daa’immanii sadarkaa adda-addaatti akka dhaabbatu gochuu.

  • Daa’imman rakkoo hawaas-dinagdee qaban qorannoon addaan baasuun akkaataa deggersa ittiin argachuu danda’an uumuu .

  • Dhaabbilee kunuunsaa fi nageenya daa’immanii irratti hojjetan waliin qindoomina cimaa ta’e uumuun hojjechuu.

  • Hawaasa keessatti aadaa fi duudhaaleen daa’immaniif faayidaa qaban addaan baasuun akka baballatan gochuu.

  • Koree mirga daa’immanii eegsisan kan akka koree CRC,OVC fi kkf ijaaru.

  • Filannoowwan kunuunsa daa’immanii akkataa haala qabatamaa Nannoo keenyaatti hojiirra oolchuu

  • Filannoowwan kunuunsa daa’immanii hawaasa bu’uureffate hojiirra oolchuu

  • Dhaabbata Tursiisa Daa’immanii mootummaan hogganamu akka hundeeffamu taasisuu.

  • Dhaabbileen guddisa daa’immanii godinicha keessatti dhaabbatan akkaataa seeraafi konveenshiinii biyyattiin mirkaneessiteen sirriitti faayidaa daa’immaniif hojjechuu isaanii yeroo-yeroon qorachuu dhaan sirreffama barbaachisu fudhachu.

5.Baajatni ramadame dhimma ramadameef     ooluu isaa madaaluu dhabuu. fi argannoo bu’áa odiitii booda tarkaanfiin sirreeffama fudhatamu laafaa ta’uu isaa


  • Oditii keessaa bu’aa qabessa ta’e fi rakkolee jiran adda baasuun yaada furmaataa kennu cimsuu,

  • Argannoo bu’aa odiitii irratti tarkaanfilee sirreeffamaa ittifufinsaan fudhachaa deemuu

  • Sirna to’annoo keessaa cimaa ta’e diriruu isaa qorachuun sirreffama taasisuu.

  • Hojiin hojjetame fi baasiin itti bahe kan walgitu ta’u isaa (cost effecive) ta’uu fi bu’aa dabalataa (value add) fiduu isaa Xiinxaluu

6. Ragaalee qabatamaa fi amanamaa(tangebile & reliable) ta’an akkataa fi yeroo barbaadamanitti qindeeffachuun qabachuu dhabuu

  • Sirna qabiinsa ragaa akkaataa amala caasichaatiin diriirsuu, ammayyeessuu

  • Ragaalee qophii karooraa fi bajataaf barbaachisan dursanii akka qophaa’aan caasaalee sadarkaa hundatti jiraniif hubachiisuu,sassaabuu sirreessuun fayyadamaaf qophii gochuun

  • Foormaatota ragaaleen ittiin sassaabamanii fi qindaa’an qopheessuun yeroon guutamanii akka deebi’an gochuun

  • Sirna odeeffannoo(MIS) mirga fi fayydamummaa dubartoota fi daa’immanii mul’isuu danda’u akka mana hojiitti diriirsuu.

  1. Deeggersaa fi hordoffiin ittifufiinsa qabu   caasaa sadarkaan     jiru, seektaroota mootummaa fi dhaabbilee miti mootummaa dubartootaa fi daa’imman irratti hojjetaniif kennu/taasisuu     dhabuu.

  • Madaallii(monitoring) fi hordoffii itti fufiinsa qabu fi saganteeffame ( (yeroo eeggate) taasisuu

  • Dowwii dirree gaggeessuun raawwii qabatamaan jiru ilaaluu

  • Gamaaggama(evaluation) raawwii karooraa caasaa fi dhimmamtoota waliin yeroo yeroon gaggeessuu

  • Madaalliifi gamaaggamoota gaggeefamanii fi gabaasota qaamolee adda addaa dhiyaatan irratti duub-deebii(”feed back”) kennuu

  • Muuxannoo gaarii raawwii caasaa dhimma dubartootaa fi daa’immanii, seektaroota mootummaa fi dhaabbilee miti mootummaa dubartootaa fi daa’imman iratti hojjetanii fi Dhaabbilee guddisa daa’immanii irraa argaman qindeessuun qaama dhimmi ilaaluuf dabarsuu

  1. Imaammatoota, seerota,fi paakeejota     mootummaan bahan hangam dubartootaa     fi daa’imman akka fayyadan     mirkaneeffachuu dhabuu

  • Qorannoo fi sakatta’insa hojiirra oolmaa imaammattoota, seerotaa fi paakeejotaa gaggeessuu

  • Ragaalee barbaachisoo ta’an seektaroota mootummaa, dhaabbilee miti mootummaa dubartootaa fi daa’imman irratti hojjetanii fi dhaabbilee guddisa daa’immanii irraa sassaabuu

  • Dhimmamtootaa fi qooda fudhattoota waliin qindoomina uumuu

  • Lecoolee(resource) qoranoof/sakata’iinsaaf barbaachisoo ta’an barbaaduu.

  1. Dandeettii raawwachiisummaa Hoggantootaa fi Hojjeettootaa caasaa     Waajjirichaa gadii aanaa ta’uu isaa



A .Ilaalcha,

  • Caasaa dhimma dubartootaa fi daa’immanii keessatti aadaa gamtaan hojjechuu(team spirit) diriirsuu

  • Hoggantootaa, Hojjeettootaa fi maamiltootni karora tarsiimoo fi hoji maata mana hojii akkasumas waa’ee bulchiinsa gaarii iratti hubannoo gahaa akka qabaatan fi gumaacha akka taasisan gochuu

  • Ilaalcha eeggatummaa cabsuuf, kaka’umsaa fi si’oominaan adda duree ta’anii hojjachuuf; aadaa Fakkeenya(role model)ta’anii hojjechuu dagaagsuu

  • Hoggantoonni fi hojjatoonni ilaalcha miira tajaajiltummaa qabaachuun tajaajila fedhii dubartootaa fi daa’immanii irratti hundaa’e kennuu akka dand’an taasisuu,




B. Hanqina Dandeettii

  • Dandeettii raawwachisummaa hoggansaa fi hojjettoota cimsuu fedhii leenjii adda baasuun leenjii itti fufinsa qabu kennuu

  • Ogummaa(Skill) Fayyadama teeknooloojii ammayyaa(IT) hojjetootaa haala itti cimsatan diriirsuu/mijeessuu

  • Sagantaa muuxannoo waljijjiirraa mijeessuun

  • Marii garee(Discussin forum) sadarkaa hundaatti gaggeessuun hubannoo raawwii hojii cimsuun




C. Deggersaa fi hordoffii/ Dhiyeessii

  • Hojmaata fi gurmaa’ínsaa siviil sarvisii saffisiisuu danda’u rakkoowwan dhiyeessaa ijoo ta’an hiikuun seera , dambiilee fi qajeelfamoota baasanii hojiirra oolchuu

  • Caasaa sadarkaa hunda irra jiran TQOn akka deggeraman taasisuu

  • Sirna hordoffii , gamaaggamaa fi deeggersaa bu’a qabeessa ta’é diriirsuun hojiirra oolchuu

  • Muuxannoowwan gaggaarii addaan baasuun akka babal’atu gochuu

  • Humna namaa ga’aa ta’e sadarkaa hundaatii ramaduu

  • Meeshaalee hojii hanga barbaadamee fi ququllinaan dhiyeessuu




  1. Ilaachotaa fi gochoota duubatti hafoo dubartootaa fi daa'imman irratti miidhaa geessisan haala ykn sadarkaa barbaadamuun maqfamuu dhabuu

  • Sagantaa Finiisa sochii hawaasaa diriirsuudhaan

  • Hubannoo hawaasaa jijiirama amalaa fiduu itti fufiinsaan kennuu

  • Muuxannoo gaarii naannolee biraa,godinaalee fi kan biroo qindeesuun babal’isuu

  • Itti fayyadama Midiyaalee eeleektrooniiksii fi preesii babal’isuu

  • Ijaaramoota ilaalchota doggoraa balaaleffatanii fi jijiirama amalaa fidan sadarkaa adda addaatti ijaaruu (M/Barnootaa, M/Hojii fi kkf)

  • Abbootii gadaafi amantaa,Jaarsolee biyyaa, namoota beekamoo(influencials), namoota fakkenya ta’an(role models) fi gaggeessitoota siyaasaa fi kkf fayyadamuun hubannoo uummataa gabbisuu

  • Dhimmamtootaa fi qooda fudhattoota waliin qindoomina uumuun hojjechuu

  • Dhaabbilee amantaa, Dhaabbilee miti mootummaa fi waldaalee hawaasaa ilaacha hawaasaa jijiiruu irratti shoora akka qabaatan gochuu



        1. Yüklə 2,42 Mb.

          Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   20




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin