Galata /Acknowledgement/ Seensa


Dhimmoota Ijoo Ciminaa fi Carraa Gaarii Irraa Maddanii fi Tooftaa Itti Fayyadama Isaanii (Enablers)



Yüklə 2,42 Mb.
səhifə6/20
tarix12.01.2019
ölçüsü2,42 Mb.
#96459
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   20

Dhimmoota Ijoo Ciminaa fi Carraa Gaarii Irraa Maddanii fi Tooftaa Itti Fayyadama Isaanii (Enablers)

Dhimmoota eeraman galmaan

gahuu kan dandeessisan (Enablers)

Tooftaa itti fayyadama dandeessistootaa

  1. Kutannoon siyaasaa deemokiraasii, misooma itti fufiinsa qabu , bulchiinsa gaarii fi fayyadammumaa dubartootaa mirkaneessu jiraachuu




  • Kallattii fi tarsiimoowwan mana hojiichaan kaa’aman ifatti hawaasa mari’achiisuun waliigaltee uumuu

  • Dhimmamtoota waliin qindoominaan sochoosuun hojii faayidaa dubartootaa fi daa’immaniif hojjechuu

  • Sirna madaallii bu’aa tarsiimoo (SMBKT) meeshaa hoggansa ol’aanaa (strategic management tool) ta’ee karoora guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii waliin walsimee akka hojii irra oolu gochuu.

  • Muuxannoowwaan gaarii paakkeejii misoomaa fi jijjiirama dubartootaa fi bulchiinsa gaarii hojii irra oolchuudhaan argaman babal’isuu

  • Sirna iftoomaa fi ittigaafatamuummaa mirkaneessu diriirsuun ilaalchaa fi gocha kiraa-sassaabdummaa maseensuu

  1. Kutannoo,kaka’uumsi fi fedhiin hojjettoota caasichaa keessa jiraachuu

  • Carraa barnootaa hojjettootaaf kennuu/uumuu

  • Sagantaa sirna badhaasaa qopheessuu

  • Naannoo hojii mi’jataa uumuu

  • Hojii bu’a qabeessummaan raawwattameef beekkamtii kennuu,jajjabeessuu(onachiistuu kennuu)

  • Sagntaa haaromsaa qopheessuu hojiif kakaasuu

  1. Karooraa Guddinaa fi tiraansformeshiinii akka biyyaa fi naannootti qophaa’e keessatti dhimmi dubartootaa fi daa’immanii xiyyeffannaa argachuu isaa.

  • Karoora tarsimaa’aa waggaa shani hirmaannaa dhimmamtootaa fi maammiltootaatiin qopheessuu.

  • Karoora bara baraa kan karoora tarsimaa’aa irraa madde baasuu hojiirra oolchuu.

  • Dhimmamtootaa fi maammiltoota akkasumas caasaalee sadarkaan jiran waliin raawwii karoorichaa irratti marii gaggesuun madaaluu.

  • Sektaroonni motummaa,dhaabbilee miti motummaa , waldaalee hawaasaa fi hawaasa keassatti dhimma koorniyaa daa’ idilessuun fayyadamummaa dubrtootaa mirkanessuu isaanii hordofuu fi madaaluu.

  1. Imaammtoota,seerota,konveenshinoota addunyaa fi paakeejota dubartootaa fi daa’imman fayyaduuf bahan jiraachuu

  • Qajeelfamoota fi tarsimoowwan adeemsoota hojii deggeran baasuun hojirra oolchuu

  • Dhimmoota kana irratti bal’inaan dhimmamtootaa fi hawaasa biratti hubannoo akka argatan gochuun hirmaannaa isaanii gabbisuu

  • Maanuwaalii hubannoon itiin uumamu/leenjiin itiin kennamu qopheesuun qaamolee dhimmi ilaaluuf dabarsuu

  • Leenjii leenjistootaa kennuun

  • Madaallii hojiirra oolmaa imaammattootaa, koveenshinootaa fi paakeejotaa yeroo yeroon gaggeessuu

  • Sakatta’iinsa gaggeessuu

  1. Daabbilee dubartootaa fi daa’imman irratti hojjetan fi deggersa kennan baayyinaan jiraachuuu.

  • Dhaabbilee mootummaa fi miti motummaa dubartootaa fi daa’imman irratti hojjetan waliin qindominaan hojjechuu.

  • Dhaabbileen deggersa barnootaa fi leenjii kennan waliin walitti dhufeenya cimaan hojjechuun hirmaannaa barnoota dubartootaa fi daa’immanii cimsuu

  • Dhaabbilee maayikroo faayinaansii waliin hojjechuun fedhii liqii dubartootaa haala ittiin guutamuu danda’u mijeessuu

  • Fooramii ”net work” dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa akkaataa barbaachisummaa dhimmichaatiin ijaaruun dubartootaa fi daa’imman daran fayyadamtoota taasisuu

  • Seerota, imaammatoota, paakeejotaa fi konveenshinoota dubartootaa fi daa’imman fayyaduuf bahan irratti hubannoo waliigalaa qabaachuun hojiirra akka oolan gochuu

  • Karoora fi pirojektoota bu’aa qabeessa ta’an dubrtootaaf daa’imman fayyadan qophessuun haala Fandiin Dhaabbilee Motummoota Gamtoomaniin (UN agencies) dhaan keannamu akka ballatu haala mijesuu.

  1. Walqunnamtiin teeknooloojii ammmayyaa godinichaa keessatti babal’achaa dhufuu isaa

  • Sirna qunnamtii teekinooloojii odeeffannoo ammayyaa aanaalee hedduu wal-qunnamsiisaa jiru itti fayyadamuu

  • Hojmaata mana hojiichaa haala teeknooloojii ammayyaatiin deeggaramu mijeessuu bu’a qabeessummaa isaa mirkaneessuu.

  • Dandeettii itti fayyadamummaa teeknolojii ammayyaa hojjettootaa cimsuuf haala mijessuu.

  1. Saffinaa fi si’aayinni kenna tajaajilaa ummaataaf kennamu JBAH hojii irra oolchuu dhaan fooyya’uu isaa

  • JBAH hojiirra oolaa jiru irra deebiin fooyyeessuu fi sirreeeffama barbaachisu taasisuun caalmaatti bu’aa olaanaa akka galmeessu gochuu.

  • Maloota jijjiiramaa kanneen JBAH’n waldeeggaran kan akka sirna madaallii bu’aa tarsiimoo (SMBT) hojii irra oolchuu

  • Bu’aawwan hanga ammaatti hojii irra oolmaa JBAH tiin argaman qindeessuun akka muuxannoo gaariitti itti fayyadamuu




  1. Ergama fi mul’ata ifa ta’e, imaammatootaa fi tarsiimoolee seeraan tumamanii hojjachiisuu danda’an jiraachuu

  • Mul’ata, imaammattoota adda addaa fi tarsiimoolee godinichaa irratti hubannoo fi waliigaltee uumuun gahee Godinaa fi caasaan isaa hundi guddina fi misooma godinicha keessatti qabu cimsuu

  • Hojmaatni fi qajeelfamootni qophaa’an ergama, mul’ataa fi galmoota akka Waajjirichaatti lafa kaawwaman galmaan gahuu kan dandeessisan qophessanii hojiirratti oolchuu.

  • Hooggansi fi hojjettoonni sadarkaa sadarkaa dhaan jiru mul’ataa fi ergama Waajjirichaa galmaan gahuurratti fakkeenya gaarii (role model) akka ta’uu gochuu.

  • Caasaa sadarkaan jiru irratti humna namaa gahumsa qabu ramadu.

GULANTAA LAMMAFFAA (Step 2)

TOORA XIYYEEFFANNOO FI BU’AALEE(Strategic Theme & Strategic Results)

    1. Toora Xiyyeeffannoo (Strategic Themes)

Toorri xiyyeeffannoo (Strategic theme) ergamaa fi mul’ata Waajjirichaa irratti bu’uureffatee, hojiilee ijoo manni hojii irrattii xiiyyeeffatee, bu’aalee akka mana hojiitti fiduuf yaadaman kan ibsuu dha. Toorri xiyyeffannoo tarsiimo’aan utubaalee milkaa’inaa (Pillar of Exellence) mana hojii waan ta’aniif raawwii isaatiifis ijibbaata barbaachisaa ta’e gochuun dhimma murteessaadha. Mana hojii tokko keessatti rakkooleen furmaata barbaadanii fi carraaleen gaariin misoomaa fi guddinaaf gumaacha ol’aanaa taasisan hedduun ni jira. Haa ta’u malee, haalli rakkoolee fi carraaleen manni hojii tokko qabu milkaa’ina mul’ata tokkoo irratti qaban walqixa hin ta’u. Kanaafuu, gama lachuunuu kanneen ijoo ta’an addaan baasanii ciminaan irratti hojjechuu barbaada. Yeroo utubaaleen milkaa’inaa kun guutummaan guutuutti hojii irra oolan rakkooleen ijoo(qulfii) ta’an hiikkatanii ce’umsi siyaas-diinagdee (political economy transformation ) mirkanaa’e, jiruu fi jireenyi dubartootaa fi daa’immanii ni mirkanaa’a.

Kanaafuu , gama ijaarsa sirna dimokirasii, misooma itti fufiinsa qabuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuutiin milkaa’anii ga’umsa fi fayyadamummaa dubartootaa fi daa’immanii mirkaneessuuf waggoottan shanan dhufan keessatti toorawwan xiyyeeffannoo armaan gadiirratti xiyyeeffachuun sochii hawaasa bal’aa uumuun ni hojjetama.



Isaanis:-

1. Hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa mirkanessuu

2.Mirkaneessa Mirgaafi Nageeyna Daa’immanii

    1. Ibsa Toora Xiyyeffannoowwanii

      1. Hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa mirkanessuu

Addunyaarratis ta’e, akka biyya keenyaatti sirna bittaa olaantummaa dhiiraa (Patriarchy ) keessatti dubartoonni jaarraa hedduuf gadantummaan ilaalamaa waan turaniif sadarkaa maatii, hawaasaa fi caasaalee adda-addaa keesatti hacuucaan, dhibbaaniifi loogiin irratti taasifamaa turuu isaatiin mirgi isaanii sarbamee, rakkoolee suukkaneessaa dhaan dararamuun jiruu gadadoo fi doofummaan umurii isaanii guutuu akka dabarsan ta’ee jira .

Haata’u malee, sirna mootummaa kanaa, keessattuu KGT 1ffaa keessatti rakkoolee dubartootaa yeroo dheeraaf keessa turan maqsuuf hojiilee gurguddoo qaama kana fayyadamaa taasisuuf bal’inaan hojjatamaa turuun ni yaadatama. Hojii kanaanis dubartoonnii hirmmaattootaa fi fayyadamtoota sagantaa misoomaa ta’aniiru. Kanamlees , sirni dimookiraasii fi bulchiinsa gaarii biyyattii keessatti akka mirkanaa’u gochuuf, dhimmi koorniyaa sochii hawaas-dinagdee keessatti xiyyeffannoo argatee, sadarkaa seeraatti,imaammataatti, qajeelfama, sagantaa, piroojektii fi caasaalee adda-addaa keessatti idileeffamee walqixxummaa koorniiyaa mirkaneessuun murteessaa dha. Kanaafuu, bakka hirmaannaan dubrtootaa haalaa fi ilaalcha sirrii hin taaneen fudhatamaa jirutti milkaa’inni misoomaa fi guddina biyyaa hawwii fi abjuu ta’uun alatti essayyuu kan hin geenye ta’uun isaa hubatamee galma gahiinsa kaayyoo kanaa fi jijjirama waliigalaa fiduuf deemamu kessatti dhimma koorniyaa idileessuu fi gahoomina dubartootaa mirkaneesuun dhimma murteessaa fi barbaachisaa dha. Kanaafis, tumsi fi qindoominni qaamoolee mootummaa,miti mootummaa ,waldaalee hawaasaa,dhaabbilee hawaasaa fi dhuunfaa iddoo guddaa kan qabu fi shoora olaanaa kan taphatu waan ta’eef dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa hubatamuu qaba.

Torri xiyyeeffannoo kun dubartootni sochii hawaas –dinagdee fi siyaasa keessatti xiyyeffannoo argatanii; sagantaalee, pirojektoota fi caasaalee adda-addaa (mootummaa fi miti mootummaa,hawaasa fi waldaalee hawaasa) keessatti hammatamuu isaani hordofuun, fayyadamummaa fi hirmaannaa dubartootaa mirkaneessuun, garaagarummaa raawwii isaanii akka sirreeffaman qaama dhimmi ilaalatutti dhiyeessuun akka raawwatamu taasisuuf kan hojjetu jechuudha

Idileessa koorniyaa osoo hin mirkanaa’in dubartoota gahoomsuun ulfaataadha. Kanaafuu hojii kornyaa idileessuu sadarkaa hundatti hojjattamu faana dubartoonni gama hundaan akka gahoomanfii hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii gama siyaasaa,dinagdee fi hawaasummaatiin jiru guddisuun bulchiinsa gaarii mirkaneessuu,misooma arifachiisaa fi itti fufiinsa qabu fiduu ,ijaarsa sirna dimookiraasii dagaagsuu qabnu keessatti shoora dubartoonni taphachuu qabaniifii humna misoomaa akka ta’an gochuufi gama hundaan ofitti amanamummaa gonfatanii dorgomtoota akka ta’an danddessisuu dha.

Gama biraatiin hojiilee fininsa sochii hawaasaa uumuu, gurmaa’insaa fi madda galiiwwan dubartootaa cimsuu,fi gochoota dubartoota miidhan hirmaannaa hawasaa fi dubartootaatiin maqsuu, humni jijjiramaa dubartootuma mataa isaanii ta’uu hubachisuun barsiisuun beekumsaa fi dorgomtummaa isaanii cimsuun ofitti amanamummaadhaan hirmaannaan dubartootaa akka dabalu gochuu irratti kan xiyyeffatu dha.


      1. Mirkaneesa Mirgaa fi Nageeyna Daa’immanii

Daa’imman boru lammii biyya dhaalanii gaggessaniifi guddina ykn misooma biyyattii itti fufsiisaniidha. Daa’imman umuriin, qaamnii fi sammuun isaanii hinbilchaatiin keessa waan jiraniif guddisa isaanii irratti xiyyeeffannoo guddaan taasisfamee guddachuu qabu. Haala qabatamaa naannoo keenyaas ta’e biyyattii keenya keessa jiru daa’imman rakkoolee hawaasummaa ,siyaasaa fi dinagdee adda-addaatiif saaxilamanii argamu.Keessattuu hiyyummaa akka biyyaattiitti maatii isaanii bira jiru irraa kan ka’een kunuunsaa fi guddina gaarii akka hinarganne taasisee jira.Kunuunsaa fi guddisa daa’immaniirratti,Maatiin ,hawaasni,dhaabbilee mootummaa fi mitimootummaa marti qindoomina uumuun guddisa daa’immaniitiif gumaacha gochuun irraa eegama.

Toorri Xiyyeeffannoo akka mana hojii keenyatti filatame kun Daa’imman akka lammii tokkotti kunuunfamanii akka guddatan gochuu keessatti seerotaa fi konveenshinoota adda-addaa daa’imman fayyaduuf bahan akkaataa sadarkaa isaaniitiin hojiirra oolanii,daa’imman akka fayyadamtoota tahan gochuuf kan hojjetu jechuu dha.

Toorri Xiyyeeffannoo kuni seerota,immaammoota fi konveenshinoota daa’imman fayyaduuf bahan irratti hawaasa bal’aa fi qaamolee dhimmi ilaallatuuf hubannoo kennuu, dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa akkasumas dhaabbilee guddisa daa’immanii waliin qindoomina uumuu, dhabbilee guddisa daa’immanii fi caasaalee dhimma dubrtootaa fi daa’immanii sadarkaan jiran haala mirgi fi nageenyi daa’immanii kabajamu irratti hordoffii fi deggersa ogummaa kennuu;gamaaggama raawwii karooraa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin yeroo-yeroon gaggeessuu fi aadaalee boonsaa guddina daa’immanii irratti gumaacha qaban(guddifachaa biyya keessaa) dagaagsuun fayyadamummaa daa’immani daran cimsuuf xiyyeffatee nihojjeta

Bu’aalee_Tarsimaa’aa_(Strategic_Results)'>Bu’aalee Tarsimaa’aa (Strategic Results)

Bu’aaleen tarsiimaa’aan bu’aalee raawwii ykn milkaa’ina toora xiyyeeffanno tokkoo ykn jijjiirama raawwii isaatiin dhufu kan ibsuudha. Bu’uuruma kanaan toora xiyyeeffannoo(strategic theme) tokkoon tokkoon isaatiif bu’aaleen tarsiimaa’aan(strategic results) gabatee armaan gadii keessatti haala tarreeffameen ibsameera.



Toora Xiyyeeffannoo

(Strategic Themes)

Bu’aalee Tarsiimaa’aa(Strategic Results)

1. Hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa mirkanessuu

Dubartootaa gama hawaasummaa,dinagdee fi siyaasaan gahoomanii wal qixummaa koorniyaa mirkanaa’e

2.Mirkaneesa,Mirgaafi Nageeyna Daa’immanii

Daa’imman mirgi fi nageenyi isaanii kabajamee guddatanii abdii gaarii egeree biyya ta’an.


GULANTAA 3FFAA

    1. KAAYYOOLEE TARSIMAA’AA KALLATTI (PERSPECTIVES) AFRANIIN

      1. Toora Xiyyeeffannoo :- Hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa mirkanessuu

Bu’aa tarsimaa’aa :- Dubartootaa gama hawaasummaa,dinagdee fi siyaasaan gahoomanii wal qixummaa koorniyaa mirkanaa’e.

Kallatti

(perpective)



Kaayyoo tarsimaa’aa

Lammii/maamila

  1. Amantaa dubartootni mootummaa irratti qaban guddisuu

  2. Itti quufiinsa dubartootaa dabaluu




Faayinansii




  1. Gahumsaa fi bu’aa qabessummaa baajataa dabalu

  2. Gahuumsaafi bu’a qabeessummaa Ittifayyadama qabeenya fooyyeessuu




Adeemsa keesaa

  1. Hojiimaata Bulchiinsa gaarii fi kenniinsa tajaajilaa foyyessuu

  2. Sirna qabiinsa ragaa fi odeeffannoo foyyessuu

  3. Sirna karoora , hordoffii, deeggarsa, to’annoo fi gamaaggamaa foyyeessuu

  4. Gahumsa Dubartootaa dabaluu

  5. Mirgaafi Nageenya dubartootaa irratti Hirmannaa Ummataa fi dhimmamtoota guddisuun ilaalcha hawaasaa fooyyessuu

  6. Kunuunsa fi deeggarsa dubartootaa miidhaa adda addaf saxilaman guddisuu

  7. Gurmaa’insa dubartootaa mirgoota diimookraasii isaanii dagaagsanii fi kabachiisan cimsu

  8. Qo’annoo Fi Qorannoo Geggeessuu

  9. Idileessa Dhimmoota seektaroota hunda guddisuu

  10. Koorniya idileessuun hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa guddisuu

Ijaarsa Danddettii

  1. Humna raawwachiisummaa cimsuun kenna tajaajilaa fooyyeessu

  2. Itti fayyadama teeknooloojii ammayyaa dabaluu.

  3. Aadaa fi naannoo hojii foyyessuu

3.1.1. Toora xiyyeeffannoo : Hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa mirkanessuu

1. Amantaa dubartoonni mootummaa irratti qaban guddisuu

Ibsa: Godinichaa keessatti bulchiinsa gaarii diriirsuun, hoggansa fi siiviil sarvaantii ilaalcha ummatummaa qabu uumuun dubartootni tajaajila saffisaa ,qulqullinaa fi loogii irraa bilisa ta’e haala itti fufiinsa qabuu fi walirraa hincinneen akka argatu taassisuun barbaachisaa dha.

Dubartoota yeroo yeroon mariisisuun waliigaltee irra gahame irratti hundaa’udhaan hojiiwwan misoomaa, bulchiinsa gaarii fi nageenyaa karoorfaman rawwatamuu isaanii irratti sakatta’iinsa gaggeessudhaan hanqinaalee mul’atan sirreessuu irratti hojjachuu. Akkasumas sirna haqaa ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu danda’u cimuu isaa, dubartoonni itti fayyadamaa mirga isaa ta’uu, amantaa mootummaa irratti qabu mirkaneessudhaan hirmaannaa hojii misooma, bulchiinsa gaarii fi nageenya irratti itti fufiinsaan miira abbummaa akka qabaatu gochuu dha.



Bu’aa: Hirmaannaa dubartootaa gama hundaan dabale

Milkaa’ina: Amantaa dubartootaa dabalee

2.Itti qufiinsa maammilaa dabaluu

Ibsa:- Itti quufiinsa jechuun tajaajila manni hojii tokko kennu qabu haala ykn akkataa maamilli barbaaduun raawwatamuun gammachuu isaanitti dhga’amu fi amantaa isaan seektericha irratti qabanu dabalaa adeemuu jechuu dha. Dubartoonni hundi akkaataa fedhii isaanitiin tajaajila barbaadan hunda haala saffisaa,qubsaa fi deddeebii malee argatanii,tajaajila mana hojichaatiin guutummaa guututti akka gammadan gochu.

Hojiin kunis kan raawwatamu sadarkaa Godinaa irraa eegalee hanga aanaatti yaada jaajilamtootaa sassaabun,xiinxala fedhii maammilaa gaggessuun,garaagarummaa /gap/ fedhii fi raawwii gidduutti argame tajaajila qubsaan duchuun itti qufiinsa maammiltootaa dabalu dha.Dubartootni hirmaannaan fi fayyadamummaan isaanii mirkanaa’ee itti quufinsi isaanii dabalee kaayyoo manni hojichaa dhaabbateef galma geessisuun barbaachisaa fi dirqama dha.



Bu’aa:- Itti quufinsa dabale

Milkaa’ina:- Hirmaannaa fi fayyadamummaa Dubartootaa dabale

3. Gahumsa fi Bu’aa qabessummaa baajetaa fooyyessuu.

Ibsa :-Baajatni qabeenya xiqqaa ( scarse resourse) waan ta’eef karoora ijoo fi rakkoolee gurguddoo hiikuu dhaaf qussannaa dhaan ittiin fayyadamuun barbaachisaa dha. Maalaqni xiqqaan qabnu oso hin qisaasamiin kaayyo karoorfamee fi hojiilee dursa kennamu qabuuf seera kaffaltii eguun hojii bu’aa qabessa ta’ee hojjechu u dha.Akkaataan hojiirra olmaa isaatiis haala karoora hojii (action plan ) dhaan ogganamuun feedhii maallaqaa ji’aa fi kurmaanaa (cash need) qopheessuun ta’a.

Akkaataan hojiirra olmaa isaatiis hangam seera faayinaansii egee haala bu’aa qabeessa ta’een raawwatamuu isaatiis sirna to’annoo keessaa dirirsuun deggersa fi hordoffii odittii keessaa cimsuun yeroo-yeroon oditii faayinaansii taasisuun arganno argame irrattiis tarkaanfiin seera qabeessa fi yeroo isaa eggate fudhachuun baasiin bahe fi bu’aan argame kan walgitu ta’u isaa mirkanessuun kan raawwatamu ta’a.


Bu’aa:- Baajeta haala bu’aa qabeessummaan hojii irra oole.

Milkaa’ina:-karoora galmaan gahe.

4 .Itti fayyadama maallaqaafi qabeenyaa fooyyessuu

Ibsa:-Hojii dhimma dubartootaa galmaan gahuuf qabeenya baajata xiqqaa ta’e irraa qoddachuun hojimaata adeemsichaa galmaan gahuuf bitaman hanga umriin tajaajila isaanii dhumee maqfamanitti qusannaan fi haala bu’aa qabessa ta’een fayyadamuun barbaachisaa dha.Meeshaaleen kuniis kan dhaabbii fi dhumataa kan ilaallatan yo ta’u dhimma hojii ramadamaniif qofa oluu isaanii mirkanessus ni dabala. Meeshaalee bitaman ykn kennaman hojjettonni quqama qabaatanii kunuunsa meeshaa irratti shoora taphachuu akka danda’an taasiisuun barbaachisaa dha.

Kunis kan hojjetamu meeshaalee haarka hojjettotaatti jiran sirritti akka kunuunsaman gochuun, kan suphamuu qaban akka suphamanii tajaajila barbaadamu akka kennaanu gochuun, kan yeroo isaanii fixan akka maqfaman kutaa qabeenyaatti dhihessuun raawwatama.



Bu’aa:- Qisaasa’ummaa qabeenyaa hir’ate.

Milkaa’ina:-Bu’a qabeessummaa qabeenyaa dabale

5. Hojimaata Bulchiinsa Gaarii fi kenniinsa tajaajila foyyessuu

Ibsa:-Manni hojii tokkoo dursa kan hundaa’u maamilltoota qabachuu ykn horaachuu irratti kan hundaa’uudha.Dabaaltaaniis itti quufiinsii maamiltoota kanaa gama kenniinsa tajaajilaattin jiru mirkana’uu qaba. Kun ta’uu baanaan garuu, maamiltoota keenya waaliin turuu akkasuumas maamila haaraa horachuu fi hawaachuun kan hin danda’aamne waan ta’uuf, jireenyi mana hojichaa gaffii keessa kan galuu ta’a. Kanaafuu,rakkoo dubartootaa bu’uura irraa hiikuuf manni hojii tokkoo akkataa fi haala bulchiinsi gaarii barbaaduunii fi maamiltoota gamaachiisuu danda’uun sirna kenniinsa tajaajila sia’taa fi bau’a qabeessa ta’e diriirssun akkasumas hojjatoonni hundinuu kaayyoo kana galamaan gahuu keessatti miira taajaajiltuumma qabaatanii shoora guddaa akka ta’phatan taasiisuun barbaachiisaadha.

Hojii kana raawwachuufis, fedhii maamilaa yero-yeroon sakatta’uun garaagarummaa raawwii (performance gap)jiru gutuu dhaaf akkaataa fedhii isaanitiin hojimaata rakkoo hiikuu danda’u diriirsuun tajaajila saffisaa,qulqullina qabu, dedeebii hinqabnee fi bakka tokkotti kan dhumu(one stop shopping) kan ta’e kennuu dhaan itti quufiinsa maamilaa mirkanessuu dha.



Bu’aa:- Kenniinsa tajaajilli foyyaa’e.

Milkaa’ina:-Itti quufinsa maammilaa dabale.

6.Sirna qabiinsa ragaa fi odeffannoo foyyessuu.

Ibsa:- Hojii akka korniyaa idilessuufi Gahoomina dubartootarratti hojjetamu kamiiyyuu ragaa qabatamaa ka’umsa(base line) ta’uu danda’u jiraachuun murtessaa waan ta’eef ragaa dhabuu keenyaan hojii keenya irratti huudhaa akka hintaane ragaa sirrii fi ifa ta’e haala qulqullina qabuun iddoo ifa ta’eef karaa salphaan qaamni lammaffaa hubachuu akka danda’utti qindaa’ee akkaataa qabiinsa ragaa keenyaa hammayyessaa deemuun murteessaadha. Kanaafuu, ragaa sochii hojii hunda karaa guutuu ta’een qindeesanii qabachuun sirna qabiinsa ragaa fi yaa’iinsa odeeffannoo fooyyesuudhaaf kan hojjatamu ta’a.

Bu’aa:- Ragaa dhamaatii tokko malee argamee .

Milkaa’ina:-Dubartoota bu’aa bahii malee fayyadaman

7.Sirna Karoora,Hordoffii fi Gamaaggamaa Foyyessuu.



Ibsa:- Raawwii hojii ammaan dura jiru kan ammaa waliin madaaluu fi sirressuuf akkasumas ammarraa ka’anii kan fulduratti hojjetamu qabu qabatamaan karoorsuuf akkasumas yeroo-yeroon hordofanii deggersa barbaachisaa ta’e kennuuf ragaan qabatamaa fi amansiisaa ta’e argamuun murtessaa fi baayyee barbaachisaa dha.

Akka Godinaa keenyaa,keessattuu caasaaleen keenya kessatti ragaan guutuu ta’ee fi haala salphaa ta’een haalli itti argamu sadarkaa qulqullina qabuurraa waan hin jirreef ragaa kana akka galtee (input) fayyadamuuf waan rakkisaa ta’eef dhimma kana irratti xiyyeffatanii hojjechuun sirna qabiinsa ragaa diriirsuun dhimma murtessadha.

Kanaaf hirmannaa fi fayyaadamummaa dubartootaa fi Hojii Mirkanessa mirgaa fi nageenya daa’immaniin hojjetamu kamiiyyuu ragaa qabatamaa ka’umsa(base line) ta’uu danda’u bifa ammayya’aa ta’een soft copy fi hardcopy akkasumas teknolojiidhaan kan deggeramee hanga caasaa gadiitti jiraachuun murtessaa waan ta’eef ragaa dhabuu keenyaan hojii keenya irratti huudhaa akka hin taane ragaa siirri fi ifa ta’e haala qulqullina qabuun iddoo ifa ta’eef karaa salphaan qaamni ragaa kana barbaaduu fi hubachuu akka danda’utti qindaa’ee akkaataa qabiinsa ragaa keenyaa hammayyessaa demuun barbaachisaa dha. Kanuma bu’ureffachuuniis ragaalee hojii dhimma daa’immanii fi dubartootaa hunda adda baasanii kompitaraan ykn akkaataa barbaachisummaa isaatiin maloota birootiin fayyadamuun ragaa amansisaa,wayitawaa fi siirrii ta’ee qabachuun hojiimaata galmaan gahuuf murtessaa dha.


Yüklə 2,42 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   20




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin