Galata /Acknowledgement/ Seensa


Haala Hirmaannaa Ummata Waligalaan



Yüklə 2,42 Mb.
səhifə3/20
tarix12.01.2019
ölçüsü2,42 Mb.
#96459
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   20

Haala Hirmaannaa Ummata Waligalaan

Ummanni keenya jaarraa dheeraaf ummata cunqursaan irra gahee ta’us qabsoo haadhaawaa wareegama lubbu kafalchiseen sirna gita bittaa of irraa cunqursudhaan sirna walqixxumma ummataa bu’ura godhatee socho’u akka diriruf gahee salphaa hinta’in baheera. Walqixxummaa ummataa mirkaneessu keessattis gahee ol’aanaa haala qabaachu danda’un hojiwwan achi asis hojjataman heeddudha. Ilaalcha gad aantummaa dubartootaa calaqisan haambisu irraa kaa’ee haanga bu’ura seeraattin rakkoo hikuf deemeetti hojin bal’aan ummata keenya biratti hojjatamaa tureera. Kana irraa ka’udhaan haawaasaa humna misoomaa ta’u danda’u umuudhaan fuleeffannaan gara misoomaatti kan galagalu danda’eefis kanuma irraa ka’udhani. Kun akkuma jirutti ta’ee haala walqixxummaa sirna korniyaa irratti haambaan sirna gita bittaa irraa as cee’ee ummata keenya haalli itti qoraa ture imul’ata ture. Kunis haaluma bu’ura dinagdeettin baadiyyaa fi magaalaatti garaagarummaa kan qabu ta’u isaati.

Baadiyyaatti bu’urri dinagdee keenyaa lafa waan ta’eef abbaa qabeennummaa lafa baadiyyaa mirkaneefachudhaan misooma qonnaattin eksteenshini qonnaa guutuu fayyadamun, omishaafi omishitummaa dabaludhaan jireenya ofi jijjiru bira darbee guddinna biyyattifi gumaacha ol’aanaa akka taasifamu hojin hojjatamaa tureef jijjiramni argamee ol’aanaadha. As keessatti dubartootni keenna kallattinis ta’ee kallattin aalaa fayyadamoo ta’aaniru. Haata’u malee baadiyyaatti gutumaan gututti ilaalchi dogongoraa hundee irraa dugugamee badeera jeechu sadarkaa nama jeechisisu irra hingeennee. Kanaaf agarsistuun dhaaltummaa lafaa irratti ammas “dubartoon lafa dhaalu hindandeettu” karaa jeedhuun mirgi heeraan keennameefitti akka hinfayyadamnee kan calaqqisu ta’u isaati. Dabalataanis dubartootumti waraqaa abba qabiyyee lafaa qabanis seeraan akka itti fayyadaman taasisu keessatti haanqinni kan jiru ta’u isaati. Kun kan ittin ibsamu iddo hundatti ta’u baatus osoo isaan hinbeekin lafa isaani nama biraatif dabarsani keennuun abbummaa isaan irraa mulqun rakko dubartoota midhaa jiru ta’u isaati. As irratti haawaasni gocha kana balaaleefachun akka sirrattu taasisu keessatti humni isaa ol’aanaa ture. Gama biraatiin barmaatileen dubartoota irratti midhaa geessisan sadarkaa gaari jeedhamun haawaasni irratti qabsaa’ee salpisuf yaalun jiraatullee ammas haala salphaa hintaaneen dubartootaafi daa’imman midhaa jira.

Hundee irra waayeen walqixxummaa dubartootaa haawaasa hundaa biratti gutumaam guutuutti jijjiramni ilaalchaa dhufee fi dhimmi dubartootaa dhimma keenya karaa jeedhuun osoo hin ta’in waan seeraan deeggarameef, seera kabajuf jecha akka ta’ee agarsiftuwwan namatti mulisan nijiru. Yakki dubartootaa fi daa’imman irratti yoo raawwatamu raga bahu dhabuun, ragaa sobaattin dubartoota irra midhaan gahu, gaa’eelaaf egumsi godhamu dhabuun kana irraa kan ka’ee diggaan gaa’eelaa baayyachunifi daa’imman sababa kanaan rakkoof saaxilamuun heeddu ta’un dhimmoota akka fakkeenyaatti kaasuu da’ndeennudha. Ummata kana yaroo yaroodhaan faana bu’ani hubannoo isaa cimsudhaan jijjirama amalaa fidee hoji hojjatamufu humna godhani fayyadamu irratti haanqinni guddaan gaggeessaa bira kan jiru ta’u hubachun dhimma murteessaa ta’aa.

Haala ummata magaalaatiis yoo ilaalle akkuma ummata baadiyyaa walqixummaa dubartootaa mirkneessu keessatti gaheen bahaa turee dhimma akka salphaatti hin ilaalamneedha. Keessattu ummanni magaalaa haala odeeffannootti dhiyeenya jirun taarkaanfiwwan mirga dubartootaa kabajuf fudhataman hundaa kalattiin dhagahee hojitti hiku keessatti gahee ol’aanaa qaba. Haata’u malee waan hundaa akka waan beekutti waan ilaalamuf hubannoon magaalaa sadarkaa barbaadamee bira akka hingahiin mallattoo heeddun ni mul’atu. Fakkeennaaf, dubartootaa fi daa’imman irratti rakkoon yoo gahu dhimmi kun kiyya mira jedhun tarkaanfin sirreefamaa akka fudhatamu gahee bahu irra rincicun, ragaa dhimma sanif keennu deemun yaroo isaan jalaa akka qisaasutti waan ilaalanif ammallii “maaltu nagalchee” ni mul’ata. Kana irraa kan ka’een tora magaalaatti gochi BMG baadiyyaa caalaa ni mul’ata. Kun akkuma jiruttii ta’ee, magaalaa keessatti gamtaan jiraachu caalaa dhunfaan jiraachuun yaroo gara yarootti dabalaa waan deemaa jiruf, dhimma ollaa isaa keessaatti raawwatee quba qabaachuu dhabuun rakkon kun akka babal’atu taasisu keessatti gahee salphaa hin taanee qaba. Akkuma ummata baadiyyaa humna ol’aanaa misoomaa kana hubannoo cimsuun itti fayyadamun ammas haanqinni kanuma gaggeessaa sadarkaan jiru ta’a.

Kanaafu KGT 2ffaa kana keessatti waayeen dubartootaa ajandaa qaama hundaa akka ta’eefi waayee seeroota garagaraa irratti hubannoo haawaasaa haala balinna qabuun uumu fi mira na ilaallattaa hunda keessatti akka jiraatu gochuun hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa sadarkaa ol’aanaatti ceesisunifi mirgaafi nageenya daa’immani eggamee haala naamusa qabuun akka guddatan gochun dirqama ta’a.


      1. Haala Jaarmiyaalee

Milkaa’ina guddina godina Keenyaatiif paakeejii misoomaa fi jijjiirama dubartootaa karaa guutuu ta’een hojiirra oolchuun murteessaa ta’uun kan wal nama gaafachiisu miti. Kana dhugoomsuuf immoo karaa ijaarameen ga’een jaarmiyaaleen dubartotaa humna misoomaa keessatti qaban murteessaa waan ta’eef haala jaarmiyaalee xiinxaluudhaan cimina isaanii itti fufsiisuu fi hanqinajiru hiikaa adeemuun akkaataa armaan gadiitiin dhiyaatee jira.

      1. Haala Waldaa Dubartoota Godina Lixa Shawaa

Waldaan Dubartoota Godina Lixa Shawaa Ergama hundeeffameef ba’achuuf sochii bal’aa taassisaa tureen bu’aa guddaa galmeessisee jira. Innis Humna namaatiin waldicha cimsuuf Dubartoota 58664 ijaaruu danda’ee jira. Miseensota kana keessaa kaayyoo waldaa isaanii irratti hubannoo hanga ta’e kan qaban %65 yammuu ta’an %40 immoo dirqama miseensummaa isaanii ba’achuu irratti argamu. Haaluma kanaan, Aanaalee 18 caasaa isaa irratti miindessuudhaan caasaa waldichaa of dandeessisee jira. Akkasumas waldichi sochii raayyaa misooma damee dubartootaa keessatti geggeessummaa tokko shanee fi garee irratti miseensotni 58664 akka hirmaatan taassisee jira. Dhimmootni armaan olitti ibsame hojii gaarii waldichaan hojjetame yammuu ta’u hanqina gama kanaan mul’atu paakeejii misoomaa fi jijjiirama dubartootaa, sagantaa fi seera ittiin bulmaata waldichaa irratti hubannoo dubartootaa miseensa waldichaa qaban gabbisuu dhaabuu fi dubartoota bal’aa mariisisanii fedhii itti uumuun human namaatiin waldicha cimsuu dhabuu dha .

Miseensotni Waldichaa kallattii paakeejii misoomaa fi jijjiirama dubartootaa fi akkaataa seera ittiin bulmaataa isaatiin yeroo waltajjii maree idilee kabajaan ibsaman geggeessuu dhabuu, bakka waltajichi itti geggeffamuttis karaa hojimaata isaa eeggate hubannoo miseensotaa cimsee ergama itti aanuuf isaan qopheessuun waltajjiin hundi kan itti miseensi irraa baratuu fi ittiin qaroomaa adeemu ta’uu dhabuu fii kkf taniidha. Dabalataanis ammas Aanaalee 4 keessatti caasaa waldichaa waan of hin danda’ee hin jiru.

Dubartootnis miseensota jiran keessaa %60 dirqama miseensummaa isaanii kan hin banee ta’uu isaanii irraan kan ka’u waldichi galma ga’iinsa kaayyoo ijaarameef akka harkifatuu fi ga’umsi hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa sadarkaa olanaatti hin mirkanoofne waldaa dhaga’ama qabuu fi mirga dubartootaaf cimee qabsaa’u wabii dubartootaa ta’uu hin dandeenye. Inumayyuu miidhaan dubartootaa irratti yammuu ga’u maqaan keenya waan baduuf dhimmichi akka dhokatu yammuu taassifamu of irraa qolachuu dadhabuun ni mul’ata. Kana irraa kan ka’e miseensotni tokkichummaa ilaalchaa fi gochaa fiduudhaan ergama isaanii beekumsaaf ga’umsaan waldaa isaanii cimsuu hin dandeenye.


      1. Haala Liigii Dubartootaa

Liigiin dubartootaa dhimmii ijoon kaayyeffatee ka’e dubartoota gama siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaadhaan fayyadamtoota gochuuf ga’ee adda durummaa fi sochii dubartoota walii gala mootora ta’e tochoosuun milkaa’ina saffisiisuudha.

Haaluma kanaan miseensota 63850 kan horate yammuu ta’u jaalala liigii isaaniitiif qaban agarsiisuuf buusii miseensummaa buusuudhaan haalli itti dirqama isaanii ba’achaa jiran haala boonsaa dha.

Sochii Raayyaa misooma damee dubartootatiin Adda duree baasuudhaaf hojiin hojjetame jajjabeessaadha. Bo’oo liigii qophaa’ee gadi bu’u irrattis hanga ta’e sadarkaa gandaatti maree geggeessuuf yaaliin taassifamaa jiraachuu isaa akka ciminaattii ilaalamuu kan danda’uudha. Geggeesummaa liigii cimsuudhaaf sadarkaa fi baay’ina humna namaa dabaluun yaaliin taassifame haala gaarii ta’uu isaa hubachuun danda’amee jira.

Haata’u malee miseensotni liigiichaa ergama liigii sirriitti beekuudhaan hubannoo guutuu qabatanii ergama isaanii haala ba’uu danda’aniin maree qayyabannaadhaan ga’oomuu dhabuu, yeroon maree isaanii akkaataa seera ittiin bulmaataa jiruun kabajuu dhabuu, dubartoota raayyaa misooma damee dubartootaatti ijaaramanii jiran keessaa 368966 miseensi Liigii 63850 yammuu ta’an baay’inni kun haalaan gadi aanaa ta’uu isaatiin olitti raayyicha sadarkaa garee fi takko shaneetti hunda bira ga’uudhaan ga’ee liigii akka hin bane taassisee jira.



      1. Haala Federeeshinii Dubartootaa Godina Lixa Shawaa

Akkuma beekamu ga’een Federeeshinii Dubartootaa Lixa Shawaa dubartoota ijaaramoota gara garaatiin kaayyolee adda addaa qabatanii ijaaraman gama tokkotti fidee of jalatti ijaaruudhaan rakkoo gama ilaalcha dandeettii fi dhiyeessiin jiru akka hiikkataniif kallattii hundaan gahoomsuun mul’ata waliiniitiin hirmaachisuu fi fayyadamoo taassisuun saffisaan jireenya dubartootaa fooyyssuu fi guddina biyyaatiif ga’e irraa eegamu gumaachuudha. Gama kanaan, federeeshinichi sochii taassiseen miseensota jaarmiyaalee afur sadarkaa naannootti horachuu danda’ee jira.

Akkasumas sosochii dubartoota bal’aa konfiraansiin uumuudhaan haala yeroo irratti dubartootni hubannoon akka argatan godhamee jira. Akkasumas hojii tol-ooltummaa irratti dubartoota hirmaachisuu, hojii kunuunsa naannoo keessatti ga’ee isaanii akka ba’ataniif hojjetee jira.

Dabalataanis rakkoo lojistisii fi faayinaansii waldichaa hiikuuf tarsimoo gara garaa fayyadamuun sochiin gara garaa karaa abdachiisaa ta’een taassifamaa turee jira. Haata’u malee caaseffama isaa yammuu ilaallu sadarkaa Godinaa, fi Aanaa Akka hojii dabalataatti kan hojjetamuu, waajjira kan hin qabnee fi waltajjii idilee ittiin mari’achuu humna ittiin miseensota isaa ga’umsaa fi beekumsaan ogganaa hojimaata jiruun fayyadamee horachuu dhabuun ni mul’ata. Akkasumas miseensota isaa irraa buusii miseensummaa sassaabuu dhabuu irraa kan ka’e federeeshinichaaf miseensotni federeeshinichaa sadarkaa baasii miseensummaa buusuu irra ga’uu dhaabuun hanqinaalee federeeshinichi qabuu keessaa isaan muraasa tuquun ni danda’ama.

Maallaqaan, humna namaa fi oggansa keessatti sadarkaa Godinaa fi isaa gaditti kan hin gahoomin waan ta’eef ergama guddaa federeeshinicha irraa eegamu raawwachuu irratti hanqina guddaatu mul’ata.

Walumaa Gala paakeejii misoomaa fi jijjiirama dubartootaa milkeessuuf sochiin jaarmiyaalee murteessaa ta’ee tarsimoo isa angafa ta’e kaa’amee jira.Haalumaa kanaan milkaa’ina kallattii hundaan dubartootaa biraatti dhufe keessatti ga’een jaarmiyaalee guddaadha yoo jedhames galma bira ga’amuu qabuun yammuu madaalamu karaa fagoon kan hafu ta’uu isaa hubachuun ni danda’ama. Sababiin isaas rakkoon ilaalchaa Al walqixummaa, dandeettii , dhiyeessii fi rakkoo oggansaa fi qindoomina galtee ta’uu sadarkaan dhabamuun kan mul’atu waan ta’eef hanqinaalee kan xiyyeeffannoon ilaalamanii dhimmoota fala argachuu qabanii dha.


      1. Haala Dubartoota

Bu’aawwan sochi hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuf taasifamee kana keessatti argaman keessaa bu’ura irraa ilaalchaa fi gocha haawaasa keessatti gadi aantummaa dubartootaa calaqqisan guutumaan guututti akka haafan taasifamu baatus sadarkaa gaari jedhamun haafuf yaalun isaa isa ijoodha. Kun ta’u isaatiin immoo dubartootni keenya qoda fudhannaan isaan hojii haawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa keessatti qaban yeroo yerootti kan dabalaa dhufee fi jiru fi jireenya isaani akka jijjiramuf gahee ol’aanaa kan ta’phte ta’un isaa ni hubatama. Kun akkuma jirutti ta’ee, kan dubartootaa akkuma kan ummataatti magalaafi baadiyyatti qodun ilaalun barbaachisaadha.

A.Haala Dubartoota Baadiyyaa



Cimina

Akka raga tilmaama ummataa WMMD Godinaa Lixa Shawaa kan bara 2008 ALI ibsutti, baayinni ummata baadiyyaa lakkoofsa ummata waligalaa keessaa %86.9 (2,,189462 ) yoo ta’u, kanneen keessaa dubartootni %50.2 (1,098540) akka ta’aan ni tilmaamama. Kanniin keessaa % 38.7( 787,582) daa’imman yoo ta’an, tarsiimoolee gama mootummaatin bahan isaanis dhiiraan qixa fayyadamtoota ta’aa haalli itti jiran nimul’ata.

Dubartoota lakkoofsaan hangana ta’aan kana cinaatti dhisani hoji misoomaa kamiyyu galmaan gahun waan hin danda’aamneef, Sagantaalee misoomaa waggootan KGT marsaa 1ffaa keessatti diriirudhaan hojii irra olan keessatti, hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa baadiyyaa mirkaneessuun akka utubaa tokkotti fudhatamee irratti hojjatamaa tureera. Kanaanis bu’aawwan heeddun argamaniru. Kan armaan gaditti ibsamanis akka fakkeenyaatti fudhachun ni danda’aama.


  • Bu’ura dinagdee baadiyyaa kan ta’ee lafa irratti abbaa qabeenyummaa isaani abbaa manaa fi warri mana bulchan akka dhunfaa isaanitti dubartootni kumataan lakkaawaman mirkaneefachun danda’aameera. Hojiwwan misooma qaonnaa keessati sochi omishaa fi omishtummaa dabaluf taasifameefi bu’aawwan argaman keessatti hirmaannaa fi fayyadamummaan dubartootaa fooyya’aa dhufun isaa wal nama hin gaafachisu.

  • Bu’aawwan haawaasni keenya hojiwwan bu’uraalee misoomaa gara garaa irraa argate irraa dubartootni keenya kallattinis ta’ee kallattiin aala fayyadamtootota ta’un isaani,

  • Baadiyyattis humna dinagdee dubartootaa cimsudhaa fi hoji hojjattameen har’a dubartootni keenya dinagdeen of danda’udhaan jiru maati isaani jijjiru bira darbee qabeenya horachudhaan guddina dinagdee biyyatti keessatti gahee isaani bahaa akka jiran dhugaa lafa irratti mul’atudha.

  • Ijaarama dinagdee gara garaatiin (Garee Walgargaarsaa irraa kaasee haanga Yuniyanitti) ijaaramudhaan hojii gara garaa irratti( daldaala garagaraa, horsisa loonii, hoji qonnaa fi kkf ) bobba’un dingdeen of danda’aa akka jiranis nibeekkama.. Dubartoota gubbaa irratti lakkoofsi isaanii ibsame keessaa hanga yoonaatti dubartootni 94585 ta’an garee wal gargaarsaatiin, dubartootni 32279 garee Liqii fi Qusannootiin, dubartootni 6295 hojii Waldaa Gamtaatiin, fi dubartootni 00000 IMX baadiyyaatiin guraa’ani human dinagdee isaanii cimsatani jiru.

  • Dubartootni keenya dubartootni baadiyyaa raayyaa misoomaa dame dubartootaatin ijaaramudhaan mirga isaanitif falmachuun hirmaannaa fi fayyadamummaan gama hundaan jiru akka cimu taasisu keessaatti karaa gurmaa’een bahaa jiran dhimma fakkeennummaa qabu akka ta’ee nibeekama.

  • Dubartootni baadiyyaa gama raayyaa isaani fi waldaa isaanitiin hoji bulchinsa gaari irratti fi hoji mioomaa naannoo isaani irratti mira abbummaattin hirmaachun jijjiramas galmeesisisu danda’aaniru. Kanumaan walqabatee BMG akka maquf sochin taasisan baay’ee ol’aanaadha.

Haanqinna

Bu’aawwan gubbaa irratti ibsaman kun akkuma jirutti ta’ee hanqinaleen baayyeen gara fula duraatti KGT marsaa 2ffaa keessatti qabamani hojjatamu qaban heeddun nijiru. Hanqinaleen kanneen keessaa, dubartootni keenya waldaan ijaaramuun isaani akkuma jirutti ta’ee waldaan kun cimee dhibbaa mirgaa dubartoota irra gahu akka haafu humna dhibbaa geessisu danda’u ta’u dhabuun dhimma akka hanqinaatti ilaalamufi yeroo itti aanutti irratti hojjachun murteessaa ta’eedha. Raayyaan misoomaa dame dubartootaa hoji bal’inna qabu akka hojjachaa jiru wal-nama hingaafachisu. Haata’u malee iddo hundatti haala walfakkaattun hojitti galu dhabunifi haarcaati kan qabu ta’un hanqinna tokko ta’ee warrumtii ciminaan hojjachaa jiran mataan isaani osoo wal hin haarcaasiin gara waldaa dubartootaatti cee’u dhabuun hanqinna irratti hojjatamu qabudha.

Gama dinagdeetinis taanaan dubartootni haala garagaraattin ijaaramani hoji madda galii adda addaatti haagalan malee dubartootin dinagdeen sadarkaa sadarkaadhaan iddo cee’aamu qabutti cee’aan lakkoofsi isaani baayye xiqaachun ammas hoji xiyyeefannoo barbaadu ta’u isaa hubachun murteessaadha. Kun akkuma jirutti ta’ee, warrumti madda galii adda addaa keessa galun omisha garagaraa omishan gabaa argachu dhabuun mataa isaa rakkoo guddaa ta’eera. Kanaafu hojiin walitti hidhaminsa gabaa irratti hojjatamee baayyee laafaa ta’u irraa kan ka’een, dhimmicha qabsaa’aani sirreessu irra abdi kutun dubatti deebi’u fi haarca’un rakkoo dubartoota baadiyyaa biratti mul’aateedha.

Gama barnootaa ilaalchisee hojiin haanga ammaa hojjatamee gaari ta’us, hojii humnaatif jecha maatiin daa’imma dubartii yaroo galmee barattootaa akka hingalmoofnee dhoksu lakkofsii isaa salphaamiti. Kana irraa kan ka’een akkuma ragaan WBG bara kanaa ibsutti daa’imman 0000 osoo barachu qabanu barnootaan aala ta’unifi kanneen keessaa moo 000 dubartoota ta’un isaa dhugaa gubbaa irratti kaafnee kana mirkaneessa. Kun aakkuma jirutti ta’ee haarcaatii baratootaa yoo fudhannee kan dubartootaa sadakraa hundattu ol ka’aadha. Kun immo hirmaannaa barnoota dubaraa irratti dhibbaa ol’aanaa qaba. Kanaafu abbaan haanqinna kanaa caalaatti kan caasaa keenyaa yoo ta’u gaheen dubartootaa salphaa miti. Itti aansudhaan ijaaramni raayyaa misoomaa dame dubartootaatis gaheen gama kanaan bahu qabu irratti hanqina kan qabu ta’u isaa mulisa.

Gama fayyaattinis yoo ilaallee sagantaalee ekstenshini fayyaa hoji irra olchuun keessattu du’aatti haadhoolee fi daa’imman haambisuf hojin hojjatamee baayyee gaarifi fakkeenyummaa qabu akka ta’ee hubatamaadha. Akkaata ragaa mootummoota gamtoommaniin wabi godhachudhaan W/E/Fayyaa Godinaa Lixa Shawaa agarsiisuti hojiiwwan hanga ammaa du'atii haadholee hir'isuuf hojjetamaa tureen haadholee 100,000 dahan keessaa bara 1990 ALAtti 1,400 kan du'aa turan bara 2014 ALA gara 420 gadi busuun danda'ame jira. Haata’u malee tajaajila karoora maatii fayyadamu irratti haanqinni jiru salphaa miti. Gama du’aatii haadholeefi daa’immanitis iddoo hundatti haala walqixa ta’een hubannoon umamee karaa Guutuu ta’een dubartootni hundii fayyadamoo ta’aa akka hinjirree, ragaan Godinaa kana irraa argamee fi dhibeentaan haadhooleen dhaabbilee fayyaa keessatti dahaan haanga ammaa %72 caalu dhabuun isaa ammas haadhooleen dahumsa irratti du’aa jiraan lakkofsi isaa salphaa akka hinta’in namaatti mulisa. Kanaaf immo raayyaan misooma dubartootaa haanqinna akka qabufi dhimma xiyyeefannaa barbaadu ta’u isaa ammarraa beekanii karoora bilchina qabunfi muxanno gaarii bu’ura godhateen qophi gahaa gochun irratti hojjachu barbaada.

Gama barmaatilee midhaa geesaninis yoo ilaallee haallii irra jiru yaroo gara yarootti gadi bu’aa deemuun isaa ni hubatama. Haata’u malee dugugamee hundee irraa dhabamu dhabuun isaa haarras dubartootni fi daa’imman gocha kanaan midhamaa jiran lakkofsi isaani salphaa miti. Keessattu kittaannaa ijoollee dubaraa kan raawwatus ta’ee kan raawwachisu warra dhiraati miti. Fudha irratti fudha ilaalchisee yaroo gara yarootti lakkoofsi isaa hirrachaa deemus haafu hindandeenne. Reebichis lakkofsii isaa dabalaa dhufeera. Dhimmoota kanaa fi kana fakkaatan irratti dubartootni walirrattis ta’ee gochicha irratti karaa waldaa isaanitis ta’ee karaa shanee isaanitin qabsaa’aani akka haafu gochu ni dand’aan turee. Haata’u malee bakkaa bakkatti sochiin gama kanaan jiru akkuma jirutti ta’ee haala walfakkaattun raawwatamu dhabuun isaa barmaatileen midhaa geessan kun umriin isaa akka dheeratu fi ammas midhaa akka geessu gahee taphateera jeedhamee kaasuun ni danda’aama. Kanaaf humna qabsoo dubartootaa akka cimu fi karaa ijaarama isaanitin akka waan hunda qabsoon hikaa deemanifi waldaa isaani cimsudhaan hoji raayyaa misoomaa dame dubartootaa sadarkaa ol’aanutti ceesisun hoji KGT 2ffaa keessatti irratti xiyyeefatamee hojjatamu ta’u beekun barbaachisaa ta’aa.



B.Haala Dubartoota Magaalaa

Cimina

Baay’inni dubartoota magaalaa raga tilmaamaa ummata kan bara 2008 ALA WMMD Godinaa ibsetti, ummata waligala godina keenyaa keessaa % 12.5 (290,286) ummata magaalaa yoo ta’aan, kanneen keessaa lakkofsii dubartootaa 2,216,430tti kan tilmaamamu ta’a. Baayinni daa’immani %52(1,152,544),tti yoo tilmaamamu kan haafan 1,063,886tti kan tilmaamaman dubartoota umnriin isaani waggaa 18 ol ta’aa akka ta’u danda’u hubachuun nidanda’aama.

Haalli dubartoota magaalaa haala umama isaatiniyyu hojii gosa gara garaa irratti boobba’aanini fi sadarkaa gara garaa irra kan jiran ta’u isaa ni hubatama. Kana irraa ka’udhaan tarsimoon hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartoota magaalaa ittin mirkanaa’u kan baadiyyaattin baayyee ta’u baatus hanga tokko garaagarummaa ni qabaata. Paakkeejjiin guddinnaa fi jijjirama dubartootaatis haaluma kanaan hoji baadiyyaafi magaalaatti dubartoota irratti hojjataman adda baasee kaa’eera. Akkaatama paakeejicha irra taa’een fi KGT marsaa 1ffaa keessatti kalatti taa’een haala qabatamaa magaalaa irratti hundaa’uudhaan hojin balinna qabu hojjatameera. Hubannoo ummata magaalaa cimsudhaan dhimmoonni hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa danqan akka maqfaman taasifamera.

Dubartootni keenya gareenis ta’ee dhuunfaadhaan hojilee madda galii argamsiisan irratti bobba’uudhaan diinagdee isaanii fooyyeeffachuudhaan sochii gara garaa taasisaa turaaniru. Yeroo ammaa kana tarsimoo misooma IMX mootummaan keenya dirirsee keessatti akka raga bara 2007 ALI hoji dhabeeyyi hojii argatani fi hojii garagaraa irratti bobba’an keessaa % 39 dubartoota ta’un akka milkaa’innaatti ka’un nidanda’aama. Dubartoota IMX keessatti hirmaatani fi idoo omishaa fi gurgurtaa qopheessun keennun fayyadamummaan isaani akka dabalaa dhufu taasifameera. Gama hoji barnootaatinis yoo ilaalle hirmaannaan barnoota shamarran magaalaa sadarkaa walqixachu irra kan gahaan ta’u fi keessattu sadarkaa tokkoffaa (1-8) keessumayyu iddoo dubartootni caalmaa agarsisan nijiru. Garaagarummaan walgitinsa saalaattis magaalaa keessatti baayye dhiphachaa dhufan isaa bu’aa jajjabeessadha. Akkuma waligalaatittu hirmaannaan bartootaa haanga bara 2007 baadiyyaa fi magaalatti 1-12 da’imman 00000 (dhi=00000, dub= 000000) ta’un isaa hirmaannaan baratoota dubaraa dhiraan walitti siqaa jiraachu yoo mu’lisu, akka magaalaatti daa’imman umrin isaani barnootaa fi gahee mana barnootaa hin galiin 859,413 keessaa 582,409 dubartoota ta’un rakko ammas magaalaa keessatti ciminaan irratti hojjatamu qabu ta’u isaa namatti agarsisa.

Gahumsa barnootaatis yoo ilaallee sagantaalee deeggarsaa adda addaa fudhatameen dabalaa deemu bira darbee qabxi ol’aanaa argachudhaan lakkoofsii badhaafamtoota dubartootaa dabalaa dhufu isaa nihubatama. Dhaabbilee barnoota ol’aanoo keessattis hirmaannaan dubartootaa dabalaa kan dhufee ta’un dhugaa ennumtu hubachu danda’udha.

Gama fayyaattin yoo ilaallee, sagantaalee paakkeeji ekstenshini fayyaa 16 hojii irra olchu fi keessattu du’aati haadholee fi daa’immani xiqeessuf raayyaa misooma dame dubartootaa ijaarudhaan hojiin hojjatamee baay’ee gaaridha. Keessattu haalloni bu’uraaleen misoomaa magaalaa keessatti ijaaramani jiran dhimma kanaaf haala mijataa waan umeef haadholee fi daa’imman itti dhiyeenyaan tajaajila fayyaa argachun isaani sadarkaa gaari irra jira jeennee kaasu ni dandeenya.

Haata’u malee, xinxala kana keessatti yoo ilaalu dhimmoonni KGT II keessatti irratti xiyyefatamee hojjatamu qabu heeddun akka jiru garu hubachun barbaachisaadha. Fakkeennaaf, sadarkaa barnoota yoo ilaalle kan dubartootaa gadi aanaa ta’un isaa gita hoji isaan irratti bobba’aani fi mindaan isaan argatan gadi aanaa ta’uf gumaacha mataa isaa qaba. Mudamas yoo ilaallee lakkofsi isaani xiqaachun hirmaanaan isaan siyaasa keessatti qaban akka xiqaatuf gaheen taphatu salphaamiti. Kun immo ilaalchi gama kanaan jiru garara fula duraatif hoji guddaa akka barbaadu namatti agarsisa.

Haanqinaalee

Magaalaan haala mijataa qabuun hojiin dubartoota irratti hojjatee gaarii ta’us haanqinnaalee baadiyyaa keessatti mul’atanin gadi kan hintaanee magaalaa keessattis akka mul’achaa jiran dhimmonni naamatti mulisan heeddu kaasun ni danda’ama. Fakkeennaaf; dubartootni hoji dhabeeyyi ta’aan kan barnoota ol’aanoo irraa ebbifamanis ta’ee kan dubartootni hin bara tiin bal’innaan magaalaa keessa kan jiran ta’u isaa beekun barbaachisaadha. Warrumti ijaaramani hoji gara garaatti bobba’aan sunumtu ciminaa sadarkaa itti aanutti cee’u dadhabufi daldaala xixiqqaa keessatti yaroo dheeraa fudhachuun ni jira. Omishini isaanitiis sababa haanqina walitti hidhaminsa gabaatiin gatii barbaadamu fi bu’aa argachu qaban irratti dhibbaa ol’aanaa kan qabu ta’un isaattis haanqinna akka magaalaatti mul’atudha. Kanaan walqabatee qulqullinna omishaattis hordoofi kan barbaadu ta’u isaa hubachun murteessaadha.

Gama biraatiin hubannoon bal’ina qabu umamus jijjiramni ilaalchaa sadarkaa barbaadamun dhufu dhabu irraa kan ka’een, dubartootni magaalaa akka kan badiyaa sana itti waltajjitti bahudhabu, ijaarama isaani keessattu raayyaa misoomaa dame dubarootaa cimsantani hojjachun bu’aa barbaadamee bira gahu dhabuun ni mul’ata.Waldaa dubartootaanis ijaarsi isaani laafinsa kan qabu fi humna dhibbaa umuu (bargaining power) isaa dadhabaa ta’un barmaatileen dubartootaafi daa’’imman irratti raawwataman dhabamu hindandeenye. Barmaatileen midhaa geesisan keessattu gudeeddiin magaalaa keessatti lakkofsi isaani dabalaa dhufun rakkoo yaroo itti aanutti irratti hojjatamu qabudha.


  1. Haala Dubartootaa Sivil Sarvaanti Keessatti

Akkuma Ragaan Waajjiri Sivil Sarvisifi Bulchinsa Gaarii Godinaa Lixa Shawaabara 2008 irraa arganeetti, bara 2004-2008 tti baayinna hojjattoota sivil sarvisi Godina Lixa Shawaa 28210 keessa dubartootni 9323 (%33.1) yoo ta’aan kan haafan 18887 (%66.96) warra dhiraati. Sivil sarvaantii keessatti baayinni dubartootaa %33.1 irra gahuun lakkofsii dubartootaa hanga tokkoo akka foyya’ee kan agarsisu ta’a. Sadarkaa barnootaatin adda baafnee yoo ilaalle sadarkaa barnoota dubartoota sivil sarvaanti ta’aan yoo ilaalle, sartafikeetaa fi isaa gadi hojjataa 2591 keessaa dubartootni 881 dubartoota sivil sarvaanti ta’aan keessaa %34, hojjattoota 15854 keessaa dubartootni 6184 (39) kan ta’aani kun dubartoota Diplomaa kolleji fi hojjetootaa Univarsiti waggaa 1-4ffaa Waligala 926 keessaa Dub 367 (39.6) ta’u isaani, akkasumas sadarkaa barnootaa BA/Bsc fi LLB isaa oli hojjataa waligalaa 8681 ta’ee keessaa dubartootni 1749 (20.3) ta’unifi lakkofsi kun dubartoota hojjattoota sivil sarvaantii ta’aan keessaa %33.1 ta’un raga gubbaa irratti ibsinee keessaa kan hubaneedha.

Sochi Kana Keessatti Dhimma Akka Ciminaatti Ka’u.

Hoji gama sivil sarvaantitin hojjatamee keessatti dhimmi akka ciminaatti ka’u danda’u yaroo gara garaa leenjii hubannoo cimsu fi ogummaa dubartoota dabalu keennuun guutuu ta’u baatullee hoji hirmaanna dubartootaa gama kanaan jiru dabalu waan ta’ee akka ciminaatti ka’u nidanda’a.



Akka Haanqinaatti

Lakkofsi dubartootaa haadabalu malee, dhibeentaa bara 2004 (%32 )fi bara 2008(%32.9) walbira qabnee yoo ilaalle waggaa 5 keessatti reettin ittin dabalee baayyee xiqqaa ta’u mulisa. Dhugaan jiru caasaan murtaa’aa waan ta’eef (fixed), yoo lakkofsi dubartootaa dabalu kan dhiraa gadi hirachaa deemun isaan waan hin oleedha. Kanaaf immo sababiin isaa tokkoffaa caasaan jiru dhiraan qabamaa ta’u isaa mulisa. Iddooma banaa argamuttillee gadaanisa sirni darbee nudhisee irraa ka’udhaan tajaajila waggaa dheeraa kan qabaatee dhiyaatu dhira waan ta’eef iddoon hin afeeru. Tarkaanfi sirreefamaa fudhachufis rakkoon ilaalchaa sadakaa hundattu waan jiruf sistamicha keessa galufu gufutu isaan qunnama. Haata’u malee dubartootni baratan barnoota ol’aanoo irraa ebefamn sirni kun horatee gosa barnootaa kaminiyu gabaa irra balinaan ni argamu. Kun ta’u dhabu isaatiin ammalee dubartooni mindaa gadi’aanaa argachaa jiru hiyyummaa gaggeessaa akka jiran mulisa.



  1. Haala Dubartoota Warshaa Keessatti Hojjatan

Tarsiimoo misoomaa indastrii Biyyi keenya fi Naanoon keenyaa hordofaa jirtuu irraa hawaasnii bal’aan fayyadamaa ta’aa akka jiru dhimma hubatamuu dha. Tarsimiicha kanaanis rakoolee hawaas-diinagdee hojii dhabdummaa hiri’isuu keessattii gumaachii isaan taphatanii fi bu’aaleen fidaa jiran kan hin tuuffatamneedha. Babal’inni Inveestimmentii fi warshaalee tarsiimicha dhugoomsuuf hojiilee raawwatamaa jiranii akka ta’e ni beekkama.

Raawwii deemsaa kanaa kessattii, akka ragaan WMMDG Lixa Shawaa barullee mata duree” Bulchinsa Mootummaa Naanoo Lixa Shawaa barruulee istaatisitiksii maxxansa 13ffaa” jeedhuun Muddee, 2007 maxxansee baasi (fula 65-103) keessatti wabi raga 2005 argatee irratti hundaa’un ibseen, warshaalee xixiqqaa warshaa jiddugala fi warshaa gurguddaa yookan industrii kessatti dhaabbin hojjatoota 26,363 keessaa dubartootni 11,630 yoo ta’aan warri dhiraa 17,519 dha.Hoji yarootiin wara mindeefamani hojjattan yoo ilaallee hojjatoota 37,248 keessaa dhirri 23,159 fi warri dubartootaa 24,115 ta’un isaa ragaan ni mulisa. Akka waligalaattii bara 2005 ragaa sassaabameen hojjatoota waligalaa 83,577 keessaa gahee dubartootaa 35,745 (%42) akka ta’ee hubachuun danda’aameera. Ragaan bara bara (2006 fi 2007) yoo itti dabalamee lakkofsi kun kanaa ol ta’u akka danda’u hubachuun barbaachisaa ta’a. Gabateen armaan gaditti ibsamees waligala ragaa kanaa ibsa. Akkaataa ragaan WMMDG L/Shawaa ibsuutti mata duree gubbaa irratti ibsamee, godinaan maqaan warshaa kan taa’ee waan ta’ee gabatee keessatti kan taa’ee walitti dabalameeti. Ragaan kun barullee keessatti yoo ibsamu godinoota baayyina hojjataa dhiraa fi dubartin osoo adda hinbaasin dimshaashaan kaa’aan waan ta’ee kan waligalaa keessatti baayyinni dhiraa fi dubartootaa yoo walitti qabamu ida’aama kan hinfinnee ta’u akka hubatamu barbaadama. Kun immoo qulqullinni ragaa waan tokko xinxaluf hangam akka nama rakkisu ni beekama. Haata’u malee ka’umsaa haala ta’u danda’un sadarkaa kanatti ragaa kana qindeessu dhimmi nama rakkisu waan hinjirreef akka armaan gaditti gabaticha keessatti ibsameetti xinxalamun danda’aameera.



Gosa warshaa

Hojjataa Dhaabbi

Hojjataa yaroo

Walitti Qabaa

Dhi

Dub

W/q

Dhi

Dub

Ida’aama

Dhi

Dub

Ida’aama

W.xixiqqaa

2260

417

2677

2457

5963

8420

4717

6380

14496

W.J.ga;eessa

4803

5049

9792

5213

3715

8928

10016

8764

22032

W.gurguddaa

10456

6164

13894

15489

14437

19900

25945

20601

47049

Ida’aama

17519

11630

26363

23159

24115

37248

40678

35745

83577

Kunis rakkoolee hojii dhabdummaa hirisuu, walgittiinsaa carraa hojii uumuu fi nageenya industrii mirkaneessuu keessattii gaheen dubartootaa yeroo dha gara yerootii dabalaa fi cimaa akka dhufe kan ibsuudha.

Haata’u malee haala Imaammttootaa, Labsii fi Qajeelfamootaa fayyadammummaa dubartootaa mirkanessuu ilaachisee mootummaan bahan haala barbaadameen hojiirra olchuun fayyadammummaa fi hirmaannaan dubartootaa daraan cimee akka hin mul’annee dhimmootni taasisaan bal’inaan mul’achaa jiru. Isaaniis Labsii 377/1996 bahee keessatti “Dubartootni sababa dubartummaa isaanitiin hojii keessatti mindeefamus ta’ee kafaltii mindaa irratti dhibbaafi logiin akka irratti hinraawwatamne ni ibsa. Dabalataanis dalagaawwan fayyaa dubartootaa irratti dhibbaa taasisan irratti akka hin hirmaachifnee ni dhowwa.” kan jeedhu irratti hojjin hojjatamee jiraatus qixaan hojiirraa oolaa kan hin jirree ta’uu isaa hubachuun ni danda’aama. Gama biraatin mirga dubartootaa waldaan gurmaa’uu (waldaa dubatootaa fi waliigaltee Gamtaa hojjetaa fi hojjisiisaa), eeyyama dahuumsaa duraa fi boodaa haala qajeelfamaatiin hojiirraa ooluu dhabuu, gitoota hojii walfakkaatan irrattii kaffaltii mindaa dhiiraan walgituu dhabuu fi kaffaltii hojii guyyaa guutuu hojjechuun raawwatamu humna dubartootnii ittidhangalaasaan darbee darbee kan walhinsimnee ta’uu isaa, faayidaaleen yemmuu qacariin raawwatamu irrattii waliigalaman hojiirra oolaa kan hin jirre ta’uu; tutuqaa saalaa jiraachuu (sexual harassment), fayyummaa fi nageenyummaa oggumaa- iddoo fi haala hojii dubartoota ulfaa mijachuu dhabuu mashiinii ho’a guddaa qaburraa akka hojjetan taasisuu, iddoo turmaata daa’immanii warshaalee keessattii mijachuu dhabuu, fi kkf akka ta’an sakatta’iinsa warshaalee irrattii gaggeefameen hubatameera.

Gamaa birootiin Ejeensii Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa akkasumas qaamooleen dhimmi ilaallatu dhimma kana akka hordofu,sirreessuu fi tarkaanffii barbaachisaa fudhatu abba aangoo ta’ee xiyyeeffannoo itti kennuun sirreessuu irrattii hanqinnii guddan akka jiru hubatameera.

Kanaafuu, fayyadammummaa dubartootaa gama taarsiimoo misooma indastiriitiin jiru dhugomsuun mirgaa fi faayidaa isaanii mirkaneessuuf hojiileen hojjetamuu malan ammas ola’aanaa akka ta’ee fi hudhaaleefi rakkoolee warshaalee keessattii dubartoota quunnamaa jiran kan furuuf hubannoo abbootii warshaa gabbisuun, qindoomina seektara dhimmicha hordofaa jiru waliin jiru cimsaa deemuun, hubannoo dubartootaa warshaalee keessa jiranii yeroo yeroon gabbisuun, mirgaa fi faayidaa isaanii kabachiisuuf hordoffii fi deeggersa itti fufiinsa qabu gaggeessuun, Abbootii Warshaalee fi Waliigaltee Gamtaa Hojjetaa fi Hojjechiisaa waliin mari’achuun haallii ijaaramoonni dubartootaa mirga dubartootaa kabachisan itti hundeefamanifi iddoon turmaataa daa’imman dubartoota warshaa keessa hojjetanii akka mijatuu taasisuun bali’inaan irratii hojjetamuu kan qabuu dha.



      1. Haala Daa’immani

Akka ragaan Waajjira Maallaqaa fi Misooma Dinagdee Godinaa Lixa Shawaa ibsutti, lakkoofsa uummataa bara 1999 A.L.I. geggeefffameenifi baayyinna ummataa keessaa %52 daa’imman umriin isaani waggaa 18ti gaditi jeedhamee taa’een tilmaama ummataa bara 2006 akka godina keenyaatti jiran keessaa 787,582 daa’immanii dha. Uummata godinichaa 10 keessaa namni 5 fi isaa ol daa’immanii jechuu dha. Lakkoofsi kunis kan agarsiisu guddina fi misooma har’a xiyyeeffannoo mootummaan itti kennee hojjechaa jiru itti fufsiisu fi lammii gaarii jiruu fi jireenya egeree biyyatti kan murteessu kana irratti xiyyeeffannoo guddaan kan hojjetmuu barbaadu ta’uu isaa agarsiisa. Waliigaltee Mirgaaota Daa’immanii Sadaasa 1989 A.L.A. ( CRC) Mootummoota Gamtoomaniin mirkaneeffamee bahee fi Chaarterii Daa’imman Afrikaa bara 1990 A.L.A qophaa’aanii ittiin hojjetamaa jiran daa’immaniif xiyyeeffannoon akka addunyaatti kennamanii jiranu olaanaa ta’uu isaa ifaa dha.

Heera Mootummaa Federaalawaa Itoophiyaa keeyyata 36 , Seera yakkaa biyya keenyaa fi Seeraa Maatii Oromiyaa keessatti akkkasumas akka mana hojii mootummaatti guddina fi nageenya daa’imman Godinichaa kan qindeessuu, hordofuu fi deggaru Godinaan Dhimma Dubartoota fi Daa’immanii aangeffamee ka’amuun isaa daa’immaniif xiyyeeffannoo guddaan kennamee ta’uun isaa beekamaa dha. Dhimmi daa’immanii akka addunyaattis ta’e akka biyyaatti eegumsa seeraa fi xiyyeeffannoon itti kennamee haa jiraatu malee ammas rakkoolee hawaas-dinagdee cimaadhaaf daa’imman saaxilamuu irratti argamu. Miidhaan daa’immanii mana keessaa eegalee bakka hedduutti kan raawwatamuu dha. Eegumsi mirgaa , kunuunsi fi deggarsi daa’immanii maatii irraa eegalee hawaasaa hunda bifa hirmaachiseen beekumsa fi karaa itti gaafatamummaa hordofsiisuun kan raawwatamaa jiru miti.

Daa’imman qaamanis ta’e sammuudhaan kan hin bilchaanne ( mature ) waan ta’iniif kunuunsa fi deggarsa olaanaa kan barbaadan qaama hawaasaa ti. Isaanis abdii borii biyyattii waan ta’aniif rakkoolee isaan quunnamuu danda’an hunda karaa tarsima’aa /strategic/ ta’een irratti hojjechuun barbachisaa fi dirqama qaama hundaa ti. Akka Godina Lixa Shawaatti daa’imman rakkina adda addaatiif saaxilamanii jiranu lakkoofsi isaanii gara 50000 akka gahu ragaaleen ni ibsu. Bara KGT 1ffaa ( 2003-2007) keesstti daa’imman 48930 qofa deggaruun danda’amee jira. Deggarsi taasifame kunis qindaa’aa kan hin taane fi hirmaannaan hawaasaa akkataa barbaadamuun kan keesstti hin mirkanoofne dha.

Dhaabbilee guddisa daa’immanii godinichaa keesstti argaman 3 oli ta’anu daa’imman rakkoolee adda addaatiif saaxilamanu giddu galeessaan 140 ta’an fudhatanii kunuunsu fi guddisuu irratti argamanu deggaruu, hordofuu fi akkataa istaandardii Ministeerri Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa bara 2004 baaseen tajaajila kennuu isaanii gamaggamuun sirreessaa deemuun dhimma ciminaan irratti hojjetmuu qabuu dha. Dhaabbiileen miti-mootummaa daa’imman irratti eeyama fi waliigaltee hojii fudhatanii hojjechaa jiranus hangam daa’imman fayyadaa akka jiranu hordofuu fi deggaruun qaawaa guddaa kan qabuu dha. Daa’imman sababa adda addaatiin maatii isaanii irraa adda bahan fi utuu maatii guddisu qabanu Dhaabbilee Guddisa Daa’immanii keessa jiarnu gara maatii fi hawaasatti makuun ( reunification & reintegration ) hojjetamaa ture KGT 1ffaa keessatti daa’imman 506 raawwatame ta’us gara fuladuraatif rakkinichi babalcahaa waan jiru hirmaannaa deggartoota fi qooda fudhattoota hunda bifa mirkaneesseen xiyyeeffannoo guddaa itti kennuun hojjechuun barbaachisaa dha.

Magaaloota gurgguddoo Lixa Shawaa fi bakkeewwan warshaaleen argamanuutti daa’ima da’anii gatuun darbee darbee kan mul’atu waan ta’eef bifa tarsima’aa ta’een irratti hojjechuun barbaachisaa dha. Yakka cimaa daa’imman irratti raawwatamu kanas akka maqasamuuf burqaa isaa irratti qaamolee mootummaa, miti-mootummaa fi haawaasa dhaabbilee barnoota ol’aanoo fi abbooti qabeennaa warshaalee waliin qindoominaan hojjechuun dirqamaa dha. Daa’imman gataman fi sababa adda addaatiin maatii dhaban guddifachaa biyya keessa fayyadamtoota taasisuun raawwii KGT 1ffaa keessatti 79 kan guddateefi akkasumas guddifachaa biyya alaa raawwii 2007 lakkofsi isaa daa’imman 0 kan gadi bu’ee ta’u isaa hojiin gama kanaan hojjatamee jajjabeessaa ta’u mulisa. Haata’u malee ammalee rakkoon kun hundee irraa sadarkaa barbaadamu bira kan gahee waan hin ta’inif hoji balinna qabufi xiyyeefannaa guddaan haala qindoomina qaama gara garaa qabuun kan irratti hojjatamu barbaachisudha. Kun akkuma jirutti ta’ee daa’imman biyya keessattis ta’ee biyya aalaa guddifachaa keennaman hordoofi kan barbaadan ta’unis hubatamee haala xinsammu guddiftoota midhu hindandeenyeen tarsimoon bahee irratti dhimma hojjatamu qabudha. Dabalataanis filannoowwan kunuunsa fi guddisa daa’immanii shanan sadarkaa hundatti xiyyeeffannoo itti kennuudhaan hojjetamuu qaba.

Daa’imman qaama miidhamtoota ta’aan, daa’imman daandii irra jiraatan, daa’imman manneen sirreessa keessatti maati isaani waliin hidhaman, akkasumas daa;imman yakka adda addaa raawwatani namoota gaheesoota waliin hidhaman ilaalchisee asifi achitti haala qindoominaafi fuftee hinqabneen hojin hojjataman jiraatanis rakkoo gama kanaan jiru bu’ura irraa hikun hindanda’aamnee. Kanaafu KGT marsaa 2ffaa kana keessatti tora xiyyeefannoo ta’ee irratti hojjatamun dhimma murteessaafi dirqama irratti qabnu ta’u isaa hubachun barbaachisaadha. Kuu akkuma jirutti ta’ee kanneen balaa uumamaa fi nam-tolcheef saaxilaman ( emergency ) bifa isaan itti deggaramuu dandaa’an mijeessuun barbaachisaa dha.

Akkuma ragaan WBG bara 2007 mulisutti barnoota idilee duraa (BID) bara 2007tti kanneen umuriin isaanii barnootaaf hin ga’in ( umuriin isaanii 4-6) galchuf daa’imman 80814 (dhi.40831, dub.39983) karoorfamee keessaa raawwiin isaa daa’imman 47792 (Dhi. 24543 fi Dub. 23249) 59 % ta’un isaa daa’imman lakkoofsii isaani salphaa hin ta’iin warruma karoorfamee keessaa galu dhabu mulisa. Kan karoorfameen aalattis daa’imman haafan waan jiranif torri kun toora irratti haanqinni jiru ta’u agarsisa. Kanaafu iddoon kunis karaa qindaa’aa ta’een irratti hojjatamu qaba.

Akka waligalaatti daa’imman eegumsa, kunuunsa fi deggarsa qaama hundaa akka argatanuuf hawaasa giddu galeessa godhachuu fi dhimmoota daa’immanii seekteroota hunda keessatti idileessuuf KGT 2ffaa keessatti irratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba.



d). Haala Seektarooraa Mootummaa

Hirmaannaa fi fayyadammummaa dubartootaa gama hundaan dhugoomsuu keessattii gaheen seektarootnii mootummaa sadarkaa hundattii jiran qaban kan bakka hin buusamneedha. Fayyaddammummaa dubartootaa magalaa fi baadiyaa gama diinagdee,hawaasummaa fi siyaastiin jiru akkaata maandeetii fi amala seektaraa tokko tokootiin Imaammattootaa dubartootaa fayyaduuf bahanii fi Paakeejii Misoomaa fi Jjijiirama Dubartootaa(PMJD) hojiiraa oolchuun isaanirraa kan eegamuudha. Yaada-rimee kun utubaawwan Karoora Guddiinaa fi Traansifoormeeshinii tokkoffaa (KGT I) keessattii kallattii ijoo ta’ee kan taa’eedha.

Fayyadammummaa dubarrtootaa gama hundaan mirkaneessuu keessati hojiirra olmaa PMJD seektaroota hiyyummaa hir’isanii fi kaneen biro yemmuu ilaalamu sadarkaa barbaadamu irraa gahee akka hin jirree fi raawwiin darbee darbee asii achiittii mul’ataniis raga qabatamaan deegaramanii qabamanii akka hin jirre gamaagamni raawwii KGT I fi Sakatta’iinsa Hojiirra oolmaa PMJD “konsaltaantii” alaatiin gaggeefame ni addeesa. Gama birootiin fayyadammummaa dubartootaa haala qabatamaa seektaraatiin dhugoomsuuf seektarootnii karoora misoomaa waliigalaa keessa galchuu irraa karooraa Korniyaa Idileessuu jechuun kophaattii karoosuun akka hojii addaa godhanii ilaaluun, dhimma korniyaa ajandaa waliigalaa mana hojiichaa taasisanii fudhachuu irraa hojii nama/qaama korniyaa idileessuu qofa godhanii ilaaluun seektarootaa sadarkaa hundattuu jiran birattii kan bal’inaan mulachaa tureedha.

Humnaa raawwii cimsuun bu’a qabeessummaa mana hojii dhugoomsuun fayyadammummaa dubartootaa mirkaneessuu ilaachisee seektarootnii haala babaadameen nama gahumsaa fi qophaa’ummaa hin qabne dhimmaa korniyaa idileessuu irratti ramaduu, hojettoota mana hojii isaanii fi caasaa mana hojiichaa sadarkaan jiruu akkasumas dubartootaa haala manadeetii mana hojiichaatiin fayyadamoo taasisuu irrattii hubannoon kenname quubsaa kan hin ta’iniifi seektaroota tokko tokko biratti immoo gonkumaa kan hin jire ta’uu, hubanoon dhimma korniyaa idileessuu ilaachisee qaamolee dhimmii ilaalatuun kennamee ilaacha qajeeloo ta’een fudhachuun xiiyyeeffannoo ittii kennanii hojiirraa ollchuu irrattii rincicinii hamaan akka jiru hubatameera. Seektaroota sadarkaa godinaa irra jiran 32 keessaa seektarootnnii 14(%43.8) humna namaa abbummaan ramdudhaan miseensa koree maanaajmanti gochun akka hirmaachisanifi hojittis galan hubatameera. Sadarkaa godinaa fi anaatti haanga tokko iddoon humna namaa ramdani hojjisisuf yaalan nijira. Seektara baayyeetti garu, hoji dabalataa gochuudhaan kan hojisisaa turan lakkoofsi isaai baayyeedha. Fakkeenyaaf sadarkaa godinaatti humna namaa guttamu qabu 32 keessaa 14(%43.8) dhaabbidhaa kan ramadamani hojjatan yoo ta’u, 18(%56.3) akk a hojii dabalataatitti keennameefi kan jirudha. Akkasumas sadarkaa aanaatti 660 seektara garagaraa keessatti ramadamuu qaban keessaa dhaabbataan 133(%20) fi hoji dabalataan 527 (%7908) akka ta’ee sakatta’insa gaggeefameefi gabaasaa aanootaa fi seektaroota godina irra hubachuun danda’aameera.

Namoonni abbumaan ramadamu dhabunifi bakka bu’insaan ykn hoji dabalataan keennamun kaayyoon korniya idileessu akka galma hingeennee dhimma taasisu keessaa isa tokko. Gama biraattin gahumsumti namootuma abbummaanis ta’e dabalataan ramadaman kun haala ulfinaafi hoji dhimmichi barbaadun kan baachu dand’aani kan kan jeedhu rakkoo biraati.

Gama birootiin Qajeelfamaa, Hojimaata fi Istaandaardii Idiileessa Korniyyaa Biiroo keenyaan bahaan irratti seektarootnnii hundumtuu hubannoo irrattii uumuun hojiirraa akka oolchan taasifamulle haala babaadameen qamooleen seektarootaa hundii nafeeffatanii kan nama hundaa taasisauun hojiirra ollchuu irrattii qaawwii bal’aa kan jiruudha. Koopiiwwaan dokimeentootaa kanaatiis caasaalee isaanii sadarkaa godinaa, magaalaa fi aanaalee biraan gahuun hottii hiikuun walqixxummaa korniyaa mirkaneessuu irratti hanqinnii bal’innaan kan jiruudha.

Hojiilee Hordoffii, Deeggersa, Madaalii,Gamaaggamaa fi Duub-deebii hojiirra oolmaa hojiimaata korniyaa idileessuu, fayyadammummaa dubartootaa sadarkaa seektarootaa hundaattii mirkaneeffachaa deemuu fi walqixxummaa korniyaa mirkaneeffachuun seektaraa gara seektaraattii garagarummaan haajiratu malee hojiicha ittifufinsaan raawwachuu fi Gabaasu irrattii hanqinnii bal’aan sadarkaa seektarootaa hundattii akka jiru hubatameera. Rakkoolee gubbaa irratti ka’aan kanaaf ennumaa caalaa abbaan gaggeessaa manneen hojii sadarkaan jirani ta’un isaa nama hinshakkisisu. Gageessaan waayee dhimma idileessa korniyaa akka waan beekutti waan ilaaluf, tokko tokkoon dokumantoota dhimma kanaan walqabatani bahaan dubbisudhaan hojiitti akka jijjiramu haala barbaachisaa ta’ee hunda mijeessu irra focal parsani dhimma korniyaa irratti gatuunifi hoggansa siyaasaa keennu dhabuun dhimmichi akka laaffatu taasifameera.

Kanaafuu, seektarootnii sadarkaa hundattii jiran hirmaannaafi fayadamummaa dubartootaa mirkaneessuu keessattii haala qabatamaa mana hojii isaanitiin hojiilee raawwatamuu qaban karooraa mana hojiichaa waligalaa keessattii sadarkaa sagantaa fi projektii ti hammachiisuun qopheessu, hojiimaata fi istaandaardii taa’een hordofii, gamaagamuu, madaaluu fi gabaasuu itti fufiinsaan raawwachuun kana irraa eegamuudha. Hojiilee humna raawwii dhimma idileessa korniyaa irrattis ramaddii nama gahumsaa fi qophaa’ummaa amala seektarichaatiin walsimuu kennuu , sagantaalee leenjiiwwanii fi hubannoowan dandeettii hojjetaa fi gaggeessaa cimsu diriirsuun hojiilee KGT II keessattii xiyyeeffanoon itti kennamee irrattii hojjetamuu qabu yemmuu ta’uu, gama caasaalee Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii sadarkaan jiranis hojiilee humna raawwii seektarootaa cimsuuf qaawwaa jiran adda baasuun cimsa deemuun, meeshaalee Idileessa Korniyaatiif qophaa’aan caasaa seektarootaa hunda bira haala gahuu danda’uu mijeessuun, hordoffii fi deeggersa walirraa hin cinnee seektarootaaf taasisuun kan irratt hojjeatamu ni ta’a.

Kun akkuma jirutti ta’ee ijoon dubbi, hoggaan siyaasaa manneen hojii kamiyyu, dursa waayeen dubartootaa dhimma ijoo siyaasaa fi guddinaa biyyatti ta’u hubatee, nafeenfatee mira abbummaafi gaafatamummaa hordoofsiisu danda’un ajandaa ijoo seekrarichaa godhatee socho’u qaba. Akkuma gubbaatti ibsamee caasaan dhimma dubartootaafi daa’imman sadarkaan jiru faanaa bu’uun hordoofu,deeggaru, gamaagamu, sireessu fi sadarkeessun akkasumas seektaroota raawwi ol’aanaa qaban badhaasunifi beekumti keennun seektaroota raawwi gadi aanaa qaban akka itti gaafataman gochu irraa eggama. Kana keessatti tarsimoo muxannoo gaari babalisunis hoji itti xiyyeefatamee hojjatamu qabudha.


    1. Feedhiwwan, Komiwwan fi Gaafiwwan Dubartootaa,Daa’immani fi Haawaasaa

Mootummaan keenya kaayyoon isaa ummata keessattu dubartoota biratti akka fudhatama argatuu dhimmoonni taasisan keessaa inni tokko ummata dhageefachuun komi fi feedhi ummataa karooraan deebisu danda’udha. “Yoo har’as hin argatiin bor nuf raawwatta” amantaa jeedhu qaba ummanni godina keenyaa, Keessattu dubartootni konfrasni aayyaana “march 8” sababeefachuun waggaa waggaan sadarkaa gandaa irraa kaasee haanga naannootti gaggefamu irratti gaafifi komi qaban ifaan gaggeessaaf kaasun deebi argachaa turaniru. Kun akkuma jirutti ta’ee hojii riformii galmaan gahu keessatti inni ol’aanaan itti qufinsa maamilaa irratti fi komi ummataa ilaalchisee sakkata’insa yoo danda’aamee waggaatti yaroo lama ta’u baanaan garu yaroo tokko gaggeessun dirqama ta’ee, seektarri keenna kana raawwachaa tureera. Dabalataanis koreen dhaabbi dhimma dubaartootaafi daa’immani Caffee yaroo hundaa kurmaaanaan ummata keessa bobba’udhaan haala jiru sakkatta’un Godinaa keennaaf dabarsaa tureera. Biirichis kana walitti qindeessudhaan sadarkaan gadi busuun raawwachaa turufi gamaagamaa deemaa kan turee ta’u isaati. Haala kanaan komiwwan dubartootaas ta’ee haawaasaa daa’immanifi dubartoota ilaallatan deebi argaachaa turun isaa ni beekkama.

Haata’u malee gaafilee kun hundumtu deebi argataniru, karaa jeedhun dhimmi ka’u hinjiru. Dhimmoni heeddun gara fula duraatifi xiyyeefannaa barbaadan nijiru. Kannin keessa dhimmota KGT II keessatti irratti xiyyeefatamee karoorfamu qabufi sakkatta’insa gaggeefamneefi haala garagaraattin adda baheen akka armaan gaditti tarraa’aaniru.



  • IMXn haa gurmaa’an malee liqi gahaa, iddo omishaa fi gurgurtaa dhabu,

  • WALQO irraa qarshi liqi argachuuf bu’aa bahi guddaa kan qabu fi dhalli isaatis baayyachu, kana keessa bahu dadhabu irraa kan ka’ee abdi kutun bittanaa’u,

  • Walitti hidhaminsi gabaa umuf hojiin hojjataee laafaa ta’u,

  • Sababa ibsaa, bishaan fi daandiin hin jirree fi dhiyeessi ambulaansitis gahaa hin ta’inif, kanumti jirus haalli qabinsa isaa rakkoo qabuf ammas du’aati haadholee haambisu dhabu,

  • BGGXn walqabatee haarcaatii jiraachuu , sababiin isaatis dareen itti baratan jiraachu dhabu, yoo furmaatni keennameefis, barsisaa argachu dhabu, akka waligalaatti haala qindaa’een hojichi hogganamu dhabu, Caasaan keenya dubartootaaf hubannoo gahaa kennuudhaan akka barnoota kana baratan taasisuu irratti hanqinni guddaan jiraachuu,

  • Dubartootni heeddun osoo baratani qabxi ol’aanaas argatani jiranu, sirna sivil sarvisis keessa galufu garu haalli ulaalaagaa jiru kan daangeessu ta’u, kana irraa kan ka’een gara hoggansaattis dubartootni gahumsa qaban dhufu dhabu,

  • Gama qaamoole haaqaatiin dubartoota dhibbaan dubartumma isaanitin irra yoo gahu murti haaqa qabeessa ta’e keennu irratti haanqinni kan jiru ta’u,

  • BMGn wal-qabatee,ammas fudha irratti fudhaafi reebichi haafu dhabu,

  • Rakko BMG maqsuf qaamooleen qindoominaan hojjachu qaban gahee isaani bahu dhabu,

  • Ummannis rakko dubaartootaa fi daa’imman irra gahu kana akka haafuf daangaa haanga daangaatti balaaleefatee akka haafu gochu keessatti haanqinni kan jirufi kanaaf immo qaamni kana qindeessu gahee isaa bahu dhabu, fakkeenyaaf, daa’imman yoo gudeedaman, yoo gataman, rakkoon gara garaa yoo irra gahu, dubartootni yoo ajjeefaman balaaleeffannaan jiru laafaa ta’u,

  • Hordooffin maatiin daa’immanif godhu fi haala iftoomina qabuun mari irratti hundaa’un daa’imman amalaa fi naamusa gaarin guddisu irratti haalii jiru haanqinna kan qabu ta’u,

  • Daa’immanifi haala mijaa’aa, iddo bashananaa umuri isaanitin walgitee, daa’imman rakkoo gara garaaf saaxilamanif iddo turti jiraachu dhabu,

Kan jeedhan akka komitti kan ka’aan yoo ta’u sababni haanqinnaalee kanaa hubannoon yaroo yaroon umamu haajiraatu malee jijjiramni amalaa sadarkaa hundattu iddo barbaadamee bira kan hingahin ta’u isaa komi dhiyaatan keessatti ka’aaniru. Kanaafu dhimmoni gubbaa irratti ka’aan kun yaroo itti aanutti kan irratti xiyyeeffatamee hojjatamu ta’u qaba.

    1. Carraa Bal’aa (Potential) Jiru

Kutannoon mootummaan hoji kana galmaan gahuf qabu, qajeelfamoonnifi tarsimowwan gara garaa safina hoji kanaatif akka carraatti fayyadamun nidanda’aama. Kana malees kaka’umsi dubartoota baadiyyaas ta’ee magaalaa bira jiru fi raayyaan misoomaa dame dubartootaas ta’ee raayyaan misoomaa guddichi galma gahinsa hoji kanaafi galtee guddaa qaba. Raayyaan misooma IMX, raayyaan barattootaafi barsiftootaa, raayyaan fayyaa, akkasumas raayyaan jijjirama mana hoji keennaa gaheen kaayoo keenna galmaan gahuf qabu guddaadha. Gama biraatiin idileessi sirna korniya fi daa’immani yaroo amma irra jirus haanqinna haaqabaatu malee akka carraatti fudhachun ni danda’aama. Hirmaannaan gama haawaasaatinis jiru kan foyyee qabufi yoo irratti hojjatamee hoji hojjannu hundaafu carraafi humna kan ta’udha

    1. Waligalteewwan, Konveenshinoota Biyyi Keenya Mallateesitee fi

Galmoota Barkumee (MDG) Akks Ka’umsa Karooraa

Itoophiyaan waliigalteewwan Addunyaa fudhattee mallatteessite qaama heere fi seera lammiin daangaa haanga daangaa biyyattii keessa socho’u hundi akka ittiin geggeeffamu fi raawwate raawwachiisu taasisamee jira. Waliigalteewwan Addunyaa kanneen kallattiin dubartoota fi daa’imman waliin quunnamtii qabanu keessa isaan gurguddoon CEDAW (1979 ) , UNCRC ( 1989) fi Chaarterii Daa’imman Afrikaa akkasumas Galma Barkumee ( Millennium Development Goal ) dha.

Dubartootni Naannoo keenyaa sababa koorniyaan loogiin kamiyyuu akka irratti hin geggeeffamne , ( CEDAW- keeyyata I) bu’uura godhachuudhaan hojiin bal’aan isaa sadarkaa hawaasaa irraa eegalamee hojjetameen jijjiiramni ilaalchaa hanga barbaadame yoo ta’uu baates bu’aan argame kan tuffatmu miti. Galmoota Barkumee ( MDG , September 2000) bara 2015 A.L.A bira gahamu qaba jedhamee biyyoottan Addunyaa 189 irratti waliigalan hojiirra oolaa jiruunis biyyi keenya daandii gaarii irra kan jirtu ta’uu ragaan ni agarsiisa. Keessumattiyyuu galmoota ka’aman keessaa hiyyummaa garmalee hir’isuu, carraa barnoota duraa waliin gahuu, du’aatii da’immanii hir’isuu, fayyaa haadholle mirkaneessuu, dhukkuboota daddarboo hir’isuu HIV/AIDS akka hiratu gochu, eegumsa naannoo, walitti dhufeenya fi qindoomina addanuyaa guddisuu irratti akka biyya fi Naannoo keenyatti hojii bal’aa hojjetme irraa kallattinis ta’e alkallattiin dubartootni fi daa’imman irraa fayyadamoo ta’anii jiru. Bu’aan argame kunis toorri mootummaan misoomawaan keenya hordofe fi kutannoon siyaasaa ( political will) cimaan waan jiruf akka ta’e beekamaa dha.

Dubartootni wal qixxummaan dhiirootaa walinii , xiyyeeffannoon addaa dubartootaaf akka taasisamu, barmaatilee miidhaa geessisan irraa bilisa akka ta’anu , imaammata fi tarsiimoo biyyattili keessatti raawwatamu hunda keessatti hirmaannaa fi murteessummaa akka qabaatanu ( Heera Keeyyata 35; 1-9) beekamtii heeraa argatee jira. Kana irraa ka’uudhaanis Seerri Maatii fi Seerri Yakkaa fooyyessamee hojiirra oolee jira. Imaammatni Dubartoota Itoophiyaa fi Paakkeejjiin Misooma fi Jijiiramaa dubartootaa rakkoo gama dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa hiikuu irratti gahee olaanaa qaba . Karoora Hiyyummaa Hir’isuu bara 1998-2002 ( Plan for Accelerated Development to End Poverty PASDEP) raawwatamaa ture keessatti xiyyeeffannoon wal qixxummaa koorniyaa mirkaneessuu fi dubartootaaf keenname ol aanaa ture. Raawwii karoora kanaa keessattis rakkoo dubartootaa wal xaxaa godaannisa sirnoota darbanii irraan kan ka’e hundee gad fageeffate yeroo gabaabaatti jijiiruun fulfaataa ta’us jijiiramni dubartoota biratti gama dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa dhufe jajjabeessaa dha. Karoora Guddina fi Taraansfoormatishiinii ( 2003-2007) tokkoffaa keessattis fayyadamummaa fi hirmaannaan dubartootaa fi dargaggootaa utubaa / pillar/ tokko ta’ee ittiin hojjetamaa ture gara boqonnaa haaraatti akka cee’anu taasisee jira.



Ajandaawwan waligaltee, konvenshinootaafi galmoota barkumeetif kenname yoo hojjatameeyyu fayydamummaan dubartootaa kan dhiirootaa waliin wal bira yoo qabame ilaalamu ammas gad aanaa ta’ee argamee jira. Dubartoota walakkaa hawasaaa kan hin hirmaachifne fi fayyadamoota hin taasisne misoomni fi guddinni ariifachiisaan biyyi keenya bira gahuuf hojjettu bira gahuun akka hin danda’amne hubachuun barbachisaa dha. Kunis dubartootaaf looguu utuun hin taane dhimma hiyyummaa keessaa bahuun guddina fi haaromsa biyya keenyaa saffisiisuuti. Galma kana bira gahuufis jijjiiramni ilaalchaa qaama huda biratti dhufuun dirqama dha.

Biyyi keenya Itoophiyaan waliigalteewwan akka Addunyaatti Daa’imman ilaallatanii bahan kanneen akka Koonveeshinii Mirgoota Daa’immanii (CRC) fi Chaarterii Mirgoota fi Nageenyummaa Daa’imman Afrikaa ( 1999 A.L.A) fudhattee mallatteessite irraa daa’imman irraa fayyadamoo ta’anii jiru. Daa’imman abdii boruu biyyaa waan ta’aniif barumsa gahaa argatanii lammii gaarii ta’anii akka guddatanuuf xiyyeeffannoo guddaan itti kennuun barbaachisaa fi diraqamaa dha. Daa’immaniif kunuunsi fi deggarsi addaa akka barbaachisu Waliigaltee Geenvaa Mirgoota Daa’imman Addunyaa bara 1924 A.L.A gegggeeffame ni dirqisiisa. Chaarterii Mirga fi Nageenyummaa Daa’imman Afrikaa xiyyeeffannoo itti kenne keessaa mirga lubbuun jiraachuu, barachuu, bakka bashannanaa argachuu, tajaajila fayyaa argachuu, qaama miidhamtoota kunuunsuu, saamicha humnaa irraa bilisa ta’uu, miidhaa qaama fi reebicha irraa bilisa ta’uu ( Keeyyata 1-15) kennameef kabachiisuuf irratti hojjetamuu qaba. Kana malees itti gaafatamummaa maatii, guddifachaa daa’immanii , daa’imman mana sirreessaa haadholii waliin galanii kunuunsa taasifamuu qabu itti xiyyeeffatee jira.

Akka biyya fi Naannoo keenyaattis Qajeeltoowwan Waliigaltee Mirgoota Daa’immanii ( UNCRC 1989 A.L.A) gurguddoo afuran ( lubbuun jiraachuu, aloogummaa, fedhii daa’immaniif dursa kennuu fi hirmaachisummaa daa’immanii ) qaama heera ( Heera keeyyata 36) godhachuudhaan hojiin hojjetame fi bu’aan argame jajjabeessaa dha. Koreen Eegduu Mirga Daa’immanii (CRC Committee) sadarkaa Naannoo irraa eegalee hanga gandaatti hundeeffameera. Paarlaamaan daaa’immanii sadarkaa aanaa fi magaalota hundatti dhaabbatee jira. Daa’imman rakkinaaf saaxilamaniif kunuunsi fi deggarsa barbaachisaa akka argatnu taasifamee jira.

Eegumsi mirga daa’immanii (Child protection) hirmaannaa kutaa hawaasaa hunda mirkaneessuun sadarkaa maatiirraa eegalamee daa’imman godina keenyaa sirnaan qabamanii guddatanii lammii abdachiisaa akka ta’anu karaa tarsiima’aa ta’een irratti hojjechuun barbaachisa dha. Hawaasa miidhaa daa’immaniif obasa hin qabaanne uumuun dirqama ta’a. Maatii fi hawaasni fakkeenyummaa positive parenting) gaarii dhalootee haaraadhaaf akka ta’e hojjetamuu qaba. Daa’imman rakkinaaf saaxilaman hundi filannoowwan kunuunsa daa’immaniitiin ( alternative child care ) akka fayyadamoo ta’anu hojjechuu dha.



Gulantaa Tokkoffaa (STEP ONE)


  1. SAKATTA’IINSA HAALA MANA HOJII (Environmental Scan)

    1. Xiinxala angoo fi gahee hojii Mana hojichaa  (Mandate analysis)

      1. Yüklə 2,42 Mb.

        Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   20




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin