Galata /Acknowledgement/ Seensa


Aangoo fi Gahee Hojii Biiroo Dhimma dubartootaa fi Daa’imman oromiyaa



Yüklə 2,42 Mb.
səhifə4/20
tarix12.01.2019
ölçüsü2,42 Mb.
#96459
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   20

Aangoo fi Gahee Hojii Biiroo Dhimma dubartootaa fi Daa’imman oromiyaa


Labsii Lakk. 199/2008: Labsii qaammota raawwachiistuu Mootummaa Naanno oromiyaa irra deebiidhaan gurmeessuuf aangoio fi Hojii isaanii murteessuuf baheen;Keewwata 29 irrattiii aangoo fi gaheen hojii Biiroo Dhimma dubartootaa fi Daa’imman oromiyaa haala armaan gadiitiin tarreeffameera.

  1. Seerota dubartootaa fi daa’imman ilaalchisee hojiirra jiran irratti qo’annoo ni gaggeessa; qaama aangoo qabutti yaada furmaataa ni dhiyeessa; argannoon qo’annichaa hojiirra akka oolu ni taasisa;

  2. Mirgaa fi dantaa dubartootaa fi daa’immanii kabachiisuuf hubannoo ni uuma; akka uumamu ni taasisa;

  3. Ragaalee dhimma dubartootaa fi daa’immanii ilaallatan ni gurmeessa; qaama dhimmi ilaaluun akka beekaman ni taasisa;

  4. Manneen hojii mootummaa keessatti sirni sochii diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa keessatti hirmaannaa dubartootni taasisan cimsuu, diriiruu fi hojiirra ooluu isaa ni mirkaneessa;

  5. Dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa dhimma dubartootaa fi daa’immanii irratti hojjatan ni qindeessa; qindoominni hojii akka jiraatu haala ni mijeessa; ragaalee fi gabaasa qaamolee kana irraa dhiyaatan ni qindeessa; hojiirra akka oolu ni taasisa;

  6. Garaagarummaa fi loogiin koornayaa irratti hundaa’ee raawwatamu akka maqfamu ciminaan ni hojjata;

  7. Dubartootni hojii dhabeeyyii of danda’anii jireenya isaanii hoogganuuf akka isaan dandeessisu leenjii ogummaa fi teeknikaa, akkasumas tajaajila gorsaa haala itti argatan ni karoorsa; hojiirra ni oolcha; haala liqii itti argatanis qaama dhimmi ilaalu waliin ni mijeessa;

  8. Dubartootni fedhii isaaniitiin gurmaa’anii mirga isaanii akka kabachiifatan diinagdee keessatti akka hirmaatan hubannoo ni uuma; deeggarsa ni taasisa;

  9. Barmaatilee dubartootaa fi daa’immanii irratti miidhaa dhaqqabsiisan maqsuuf haala itti fufiinsa qabuun hawaasa ni barsiisa;

  10. Leenjii, ramaddii, jijjiirraa fi guddina hojjattootaa raawwatamu keessatti hirmaannaan dubartootaa jiraachuu isaa ni hordofa; raawwii isaatiif deeggarsa ni kenna;

  11. Mirgi abbaa qabeenyummaa dubartootaa haala itti mirkanaa’uu fi hojiiwwan misoomaa keessatti hirmaachuun tooftaa galii mataa isaanii ittiin maddisiisuu danda’an ni mijeessa; ni qindeessa; ni deeggara;

  12. Hojiin koornayaa idileessuu seektaroota mootummaa fi miti mootummaa keessatti akka mirkanaa’u ni qindeessa; ni too’ata; akkasumas qorrannoo ni gaggeessa; bakka hanqinni argametti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; hojiirra akka oolu ni taasisa;

  13. Dhimma falmii hariiroo hawaasaa fi yakkaa ilaalchisee akkaataa seeraatiin raawwatamuu fi faayidaa fi mirgi dubartootaa fi daa’immanii kabajamuu isaa ni hordofa; haala raawwii isaa qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa;

  14. Hubannoon dubartootni seera maatii, seera yakkaa fi seerota biroo irratti qaban akka cimu qaama dhimmi ilaalu waliin qindoominaan ni barsiisa;

  15. Daa’imman guddisa gaarii akka argatan tooftaaleen dandeessisan akka diriirfaman qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata; hojiirra akka oolu ni taasisa;

  16. Mirga dubartootaa fi daa’immanii kabachiisuuf Konveenshinii Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa akkasumas waliigalteewwan biroo Itoophiyaan raggaasifte akka hojiirra oolan ni taasisa;

  17. Daa’imman mirgaa fi dirqama isaanii beekanii guddachuun lammii gaarii akka ta’anii fi mirgi heeraa fi seeraan kennameef akka kabajamuuf qaama dhimmi ilaalu waliin ni barsiisa;

  18. Dhaabbilee miti mootummaa guddisa daa’immanii irratti bobba’an waliin waliigaltee ni raawwata; hayyama ni kenna; ni hordofa; ni too’ata; ni haaromsa; ni haqa;

  19. Daa’imman maatii isaanii sababa adda addaatiin dhabanii fi rakkoo hawaasummaatiif saaxilaman irratti qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata.

    1. Xiinxala Haala Waliigala Angoo fi Gahee Hojii Biiroo Dhiimma Dubartootaa fi            Daa’immanii

Xiinxalli kun haala waliigala hojiilee daangaa angoo Waajjiricha fi heera Mootummaa Godinichaan kennaman kan agarsiisu yoo ta’u Biirichi godinichaa keessatti dubartootaa fi daa’imman ilaalchisee mirgoonni heeraa fi seeraan bahanii fi keennaman hojiirra oolanii dubartoonni godinichaa gama dinagdee,hawaasummaa fi siyaasaatiin hirmaattootaa fi fayyadamtoota akka ta’an, akkasumas Daa’imman godinichaa mirgii fi nageenyi isaanii akka kabajamu hojjechuuf,qo’annoo fi qorannoo hojiirra oolmaa seerootaa fi imaammatoota dubartootaaf daa’immanii fayyaduuf bahan hangam hojiirra olaa jiraachuu isaanii gaggessuf,dabalataaniis loogiin saala irratti hundaa’ee fi Barmaatileen Midhaa Dubartootaa fi Daa’imman irratti taasifaman akka maqfaman hojjechuuf aangoon keennameef jira.

Kana malees dubartoonni humna dinagdee isaanii cimsatanii maxxantummaa dinagdee jalaa akka bahan gurmaa’aanii sochii misooma dinagdee kessattti shoora isaan irraa eggamu akka taphatan gochuuf barbaachisummaa fi faayidaa gurmii irratti hubannoo akka kennu, akkasumas liqii argatanii hojii qabatamaatti akka galan haala akka mijessu fi dhimmi korniyaa dhaabbilee motummaa fi miti motummaa, waldaalee hawaasaa fi dhaabbilee dhunfaa, akkasumas hawaasa kessatti idileffamu isaa akka to’atu,qindessuu fi gamaaggamu angoon kennameef jira. Biiriichi angoo fi dirqama seeraan kennameef irratti hundaa’uudhaan waggottan shanan dabran keessatti hojiilee bu’aa qabessa ta’eefi abdachisaa raawwachaa tureera


Haata’uu malee, rakkolee dubartootaa fi daa’immanii walxaxaa fi jaarraa hedduuf hawaasa kessatti hidda gadifageffatee ture kana maqsanii kallatti barbaachisaa ta’een furuuf angoon kennamee kan hojjechisu ta’uus qawwii muraasnni ni mul’atu. Isaaniis

Biiriichii :-



  1. Dubartoonni haala adda-addaatiin akka gurmaa’an barsisuun alatti gurmessanii qaama serumma kennuf angoo kan hin qabne ta'uu isaa,

  2. Dhimma falmii hariroo hawaasaa fi yakka ilaalchisee qaama dhimmi ilaallatu kessatti akkaataa seeraatiin raawwatamun faayidaa fi mirgi Dubartootaa fi daa’immanii kabajamuu isaa hordofuu,haala raawwii isaa qaama dhimmi ilaalutti dhihessuun kan darbe Biirichi dubartoota fi daa’immani ilaalchise falmii haariiroo hawaasaatiin walqabatan ilaalchisee bakka isaanii bu’ee fuula seeraatti dhihaate angoo falmuu kan hin qabne ta’u isaa,

Kanaafuu qabxileen armaan olitti ibsaman qaawaa(gap) gahee mana hojiichaa waliin walqabata waan ta’aniif Biiroon Dhimma dubartootaa fi Daa’imman qaama dhimmi ilaalu waliin ta’ee kan fooyyessuu qabu ni ta’a.



    1. Ergama fi Mul’ata Waajjiricha

Ergamni angoo fi gahee hojii Waajjiricha kan akkaataa ittiin hoiirra olchuu kan ibsu akkasumas barbaachisummaa hundeffama isaa kan agarsiisuu dha.Mul’anni Biiriicha ammoo waggoottan dhufan kessatti jijjirama kallatti hundaan fiduudhaan maal irra akka gahuun irra jiraatu kan agarsisuu dha.Haaluma kanaan Ergamni fi Mul’anni Waajjira Dhimma Dubartootaa Fi Daa’immanii Godinaa Lixa Shawaa akka armaan gaditt ibsameera.

      1. Ergama Waajjiricha

Godina Lixa Shawaa keessatti; Dubartonni hirmaattootaa fi fayyadamtoota misoomaa akka ta’an, dhiibbaan isaan irra ga’u akka hafu taasisuun, rakkoo hawaas-diinagdee dubartootaa fi daa’immanii furuuf hawaasa barsiisuu,deeggersa kennuu, dhimmamtotafi deeggertoota waliin qindoomina uumuun hojjechuu fi kenna tajaajilaa fooyyesuuf qorannoo fi sakkatta’iinsa ittifufiinsa qabu gaggeesuu dha.

      1. Mul’ata Waajjirichaa (Organizational vision)

               Bara 2012 tti Godina wal-qixxummaan Koorniyaa ,Gahoominni Dubartootaa fi           mirgii fi nageenyi daa’immanii kessatti mirkanaa’ee umuu.

    1. Duudhaalee ijoo Mana Hojichaa (Core values)

Duudhaan ejjennoo haala qabatamaa ergama mana hojiichaa kan ibsu, amalaa fi naamusa hojjettootaa kan ibsu, qajeeltoowwan naamusaa, kenna murtee gaggeeffamu, ergama , mul’ataafi aadaa hojii mana hojjichaa waliin dhimmoota hariiroo qaban kan ibsuudha. Ulaagaalee ykn haalota kana irratti hundaa’uudhaan duudhaaleen mana hojii keenyaa haalaa armaan gadiitti kan eeramaniidha.

A. Itti gafatamummaa

B. Iftoomina

C. Tajaajila gahuumsa qabu kennuu

D. Qophaa’ina jijjiramaa

E. Beekumsaa fi amntaan hoogganu

F. Hirmaachisummaa

G. Aadaa Qusannoo fi Bu’a Qabeessuummaa



H. Aantummaan daa’immaniif

1.3.1. Ibsa Duudhaalee Mana Hojichaa

  1. Itti gafatamummaa fudhachuu

Imaammataa fi Tarsiimoon Mootummaan dubartootaafi daa’imman fayyadamtoota taasisuuf baasee hanga sadarkaa gadiitti hubatamuu fi hojii irra ooluu kan danda’u hojjetoota fi ittigaafatamtoota ogummaa adda addaatiin qaramaniin waan ta’eef gaheen hojjetoota hundaa ol’aanaa dha. Gama kanaan, hojjetoonni sadarkaa adda addaa irratti argaman gahee hojii sadarkaa isaatti itti kenname raawwachuun fedhii dubartootaa fi daa’imman guutuu irratti shoora guddaa qabu. Kanaafuu, aangoo fi gahee hojii mana hojichaatiif kenname kessatti hojjechuun rakkoo dubartootaaf daa’immanii irraatti gahu hikuuf bekumsa fi danddeetti qabu hunda cuunfee bu’aa fiduu dhaaf itti gaafatamummaa ol’aanaan hojjatamuu qaba.

  1. Iftoomina

Dhimmi iftoominaan wal-qabate oggantootaa fi hojjettoota Godinaa fi caasaalee aanaa irratti argaman, akkasumas, dubartoota fi hawasa bal’aa kan ilaallatuu dha. Sadarkaa godinaatti dhimmoota raawwatan keessattuu hojii gama fayyadamummaa siyaasaa, misomma dinagdee fi hawaasummaa dubartootaafi daa’imman fayyaduuf karoorfamu ilaalchisee ummata bal’aa mari’achiisuu, hirmaachisuu fi waliigaltee uumuu; akkasumas ragaa ummataaf dabarsuu irratti Godinaan iftoominaan ni hojjata. Gama biraatiin karoora Waajjiricha irratti hubannoo uumuun, hojimaata haaraarratti hubannoo gahaa fi waliigaltee uumuun, raawwii hojii irratti abbummaan hogganuu irratti hoggansi gahee ol’aanaa waan qabuuf iftoomina qabaachuu qaba. Hojii sadarkaa Godinaatiin karoorfamu irra-guddaan isaa sadarkaa ogeessaatti kan raawwatu waan ta’eef, qooda ogeessonni raawwii karoora Waajjiirichaa irratti qaban guddaa dha. Kanaafuu, raawwii hojii, tajaajila dubartootaaf daa’immaniif kennuu, fi gabaasa raawwii qulqullina qabu qopheessuun dhiheessuu irratti hojjetaafi caasaan sadarkaan jiru iftoomina qabaachuu qaba.

  1. Tajaajila Gahumsa Qabu kennuu

Itti gaafatamummaa fi waadaa ummataaf galame galmaan gahuu kessatti danddettii raawwachisummaa qabaachuun tajaajila saffisaafi dhaqabamaa ta’e kennuun dhimma xiyyeffannoo argachuu qabuudha. Hoggansiis ta’e hojjetaan kamiyyuu tajaajila ummataaf kennuu akkaataa karooraa fi hojimaata mana hojirratti hundaa’uun yeroo,qulqullina, baassii xiqqeesuun fi baayyina isaa tilmaamuu fi safaruun haala bu’a qabeessa ta’een hojiirra akka oolu taasisuun kan irraa eeggamu ta’a.Kanaafuu, caasaa mana hojii hunda kessatti sirni kenna tajaajilaa saffisaa , si’aainaafi qulqulqullina isaa eggatee fedhii maammiltootaa guutu kennamuu qaba.

  1. Jijjiiramaaf Qophaa’uu

Addunyaa keessatti amalaa fi adeemsi isaa garaagarummaa haa qabaatu malee jijjiiramni kan hin hafnee fi baratamaa dha. Sababni isaas guddina saayinsii fi teekinooloojiitiin walqabatee dorggommii cimaa deemaa jiruu fi fedhii tajaajilamaa ummataa yeroo yeroon dabalaa deemuf deebii kennuun gaaffii jiruu fi jiraachuu dhabuu mootummaa fi qaamolee isaan ilaallatu waan ta’eefii dha. Bu’uuruma kanaan gama hoggansaatinis hojimaataa fi hojiilee haaraa kalaqqiidhaan, muuxannoo iddoo biroo irraa dhufanii babal’atan dabalatee dafanii hojii keessatti ittin fayyadamuudhaaf, hanqina gama ilaalchaa, dandeettii fi; hordoffii fi deeggarsaatiin jiran dhabamsiisuuf dursanii of qopheessuu fi adda duree ta’anii argamuudhaan hogganuun aadaa baratamuu qabuu dha

Haaluma walfakkaatuun, hojjataan mootummaatis imaammataa fi tarsiimoo mootummaa hordofanii hubachuudhaan sagantaalee fi qajeelfamoota jijjiirama teekinooloojii addunyaa faana tarkaanfachiisu dafanii hubatanii hojii irra oolchudhaan jijjiiramoota fedhii ummataa giddugaleessa godhatan mootummaan qopheessu dafanii ergamaa fi kaayyoo isaanii waliin walsimsiisuudhaan hojii ummata bal’aa fayyadamaa taasisu hojjachuuf hoggansi sadarkaa adda addaa irra jiru, hojjetootni mootummaa, abbootiin qabeenyaa fi ummatni bal’aan gaheen qaban ol’aanaa dha. Kanaafuu, caasaan keenya hunda hubachiisuu fi jijjiirama kallattii hundaan dhufu waliin akka tarkaanfatan duuka bu’anii deeggaruun hojii itti fufiinsaan hojjatamu ta’uu qaba.



  1. Beekumsaa fi amantaan hogganuu

Caaseffama mana hoji kessatti hoggansiifi caasaan sadarkaan jiru seera,imaammata ,qajeelfamaa fi aangoo mana hojii fiixaan baasuu kesssatti gahumsi olaanaan hojiirra oolchuun kan irraa eegamu dha. Kanaafuu, oggansi kamiyyu amantummaafi kutannoon itti gaafatamummaa qabu bahuu,karoora fi tarsimoo mana hojiichaa fiixaan baasuuf hanqinaalee jiran gutuu fi hojjettootaafiis fakkii ta’un teknolojii hammayaatiin fayyadamuun dagaagee maammiltonni hundinu tajaajila kennamuun daran qufuun hirmaattoota fi faayyadamtoota akka ta’an nitaasisama.

  1. Hirmaachisummaa

Hojiilee mirgaa fi nageenya daa’immanii kabachiisuu fi walqixxummaa korniyaa mirkanessuu kessatti gaheen hawaasni, qaamoleen motummaa fi miti motummaa adda-addaa qaban daran ol’aanaadha.Haaluma kanaan hojii Waajjira keenyaa fi caasaalee isaa sadarkaan jiran hirmaachisuun qaamoolee adda addaa cimsuun mirgaafi nageenya daa’immannii fi dubartootaa kabachiisuu fi logii korniyaa maqsuu ,akkasumas walqixxummaa korniyaa mirkanessuufi gahoomina dubartootaa dhugoomsuuf gidu galessa godhatee ni hojjetama.

  1. Aadaa Qusannoo fi Bu’aa Qabeessummaa

Hanqina hubannoofi beekumsaa irraa kan ka’e aadaan qusannoofi akkaataan madda galii uummachuu, qabeenya jirutti qusannoon fayyadamuu, qisaasama qabeenyaa hir’isuu, gurmaa’anii hojjechuudhaan kaappitaala horachuun kan hin babal’anne waan ta’eef galii dhuunfaa guddifachuun hin danda’amne. Dabalatanis qabeenya mootummaa hojii misoomaatiif oolchuu irratti hoggantoonnii fi hojjattoonni sadarkaa hunda irra jiran xiyyeeffannoo kennuudhaan hojii barbaaddameef qofa oolchuun irraa eeggama. Haala kanaan hojiin yoo hojjetame baasii mootummaa xiqqeessuun qusannoo mootummaa /government saving/ guddisuun ni danda’ama. Akka waliigalaatti, aadaan qusannoo hoggantoota, hojjatoota mootummaa sadarkaa sadarkaan jiranii fi ummata hunda biratti akka baratamuu fi akka babal’atu taasisuuf duudhaa xiyyeeffannoon irratti hojjetamu ta’a.

  1. Aantummaan Daa’immaniif

Daa’imman haala taasgabaaheefi naggeeyi isaani eeggmee , kunuunsa, kabaaja argaaatanii akka guddatan gochuun barbaachisaafi murteessadha. Kana dhugoomsuufi hojiirra oolchuufiis sadarkaa addunyaatti konvenshiniin mirgoota daa’immanii kan bahee yeemuu ta’u, biyyii keenyaas waaligaltee kana mallteessitee hojii irra olchuuf sochiin taasifamaa jira. Haaluma kanaan Godinaafi caasaan keenyas waaligaltee kana hojiirra oolchuuf qindoomina guddaafi xiyyeeffanno guddaa kan barbaadu waan ta’ef, maatii irra calqabee qaamni hundinu hirmaannaa guddaa fi kuttannon akka tuumsu barbaachisaadha.


      1. Kallattiiwwan Madaallii (Strategic Perspectives )

Sirni Madaallii Bu’aa Tarsiimoo (SMBT) kan adda isa taasisu hojiin hojjetame bu’aa dhufe sana kallattii adda-addaa tiin safaramuu isaati .Kallattiin madaallii daawwitii bu’aa raawwii tarsiimoo karaa madaalawaa ta’een madaalamuu dha.Haalli kuni bifa Lamaan kan ilaalamu yoo ta’u gumaachitoota (leading factors) fi galma dhumaa (end result) ta’uun ilaalamu. Dhimmoonni kuni akkaataa qabatamaa manneen hojiitiin garaagarummaa kan qaban yo ta’u akkaataa Waajjira Dubartootaa fi Daa’imman Godinaa Lixa Shawaa tiin galmi dhumaa yookiin xiyyeffanno olaanaa kan argachuu malu Dubartootaa fi Daa’imman ta’uun itti amanameera.Kana waan ta’eef kallattiiwwan madaallii armaan gadiitti eeraman keessaa maamilli yookiin lammileen sadarkaa Tokkoffaa irratti akka dhufan taasifameera.Haaluma kanaan kallattiwwan filataman

  • Lammilee (maamiltoota)

  • Faayinaansii

  • Adeemsa Hojii Keessaa(Internal proses)

  • Ijaarsa Dandetti (Capacity Building ) dha.

      1. Ibsa Kallattiiwwan Madaallii

A. Lammii / Maamila/ ( Customer )

Akka mana hojii keenyaatti lammii jechuun kallattii fi kallattiin alatti tajaajila Godinaa keenya irraa kan argatan yoo ta’an isaanis dubartootaa fi daa’imman godinicha kessatti jiraatan ,naannoolee kan biroo fi biyya alaa keessatti jiraatan,hawaasa bal’aa, fi sektaroota mootummaa kan hammatu dha.Lammiileen kuni kara tokkooniis ta’e gara biraan hojii misoomaa, hawaas-dinagdee fi bulchiinsi gaariin akka mirkanaa’u fi tajaajilli saffisaa fi hawwataa ta’e akka dhugoomu Godinaa keenya irraa shoora guddaa kan eganii dha.



B. Faayinaansii ( Finance )

Kallatti madaallii faayinaansii jechuun qabeenya maallaqaa fi fizikaala ta’ee baajata mootummaa,gargaarsa alaa argamuu fi pirojektoota bocuu dhaan fandii argamuu yoo ta’u qabeenya muraasa jiru kana qusannaan hojii misoomaarra olchun fedhii misooma hawas-dinagdee lammiileef guutuun kan itti danda’amu ta’uuisaa kallattii ittiin ilaalamu dha.Kanamalees kallattiin faayinaansii qabeenya maallaqaa ykn Baajata murta’aa ta’e tokkoon bu’aa dabalataa argamsisuurratti xiyyeffatee kan hojjetu fi madda galiiwwan adda-addaa baballisuun hojii bu’aa qabeessa ta’eef oolchuus ni dabalata.



C. Adeemsa Hoji Keessaa ( Internal Process )

Adeemsa Hojii Keessaa jechuun sirna waliigala adeemsa raawwii hojii, saffinaa, ga’uumsaa fi qulqullinaan raawwachuuf diriirsuun, gaaffii maamiltootaa fi dhimmamtootaaf deebii hatattamaa kennuun saffinaa fi itti fayyadama qabeenya qusannoon raawwachuuf kallattii ittiin ilaalamuu dha. Dabalataanis bu’aaleen kallattii madaallii maamilaa fi faayinaansii keessatti eegaman akka uumaman iddoo itti taasifamuu dha. Kana waan ta’eef fedhii misoomaa, hawaas-dinagdee, gaaffii mirgaa fi bulchiinsa gaarii dubartootaa fi daa’imman irratti qabu guutuuf adeemsa hojii keessaa irratti xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachiisaa dha. Kanaafuu, Biirichi ergama seeraa fi labsiin isaaf kenname kallattiidhaan hojii irra oolchuuf adeemsi hojii keessaa gahee ol’aanaa qaba



D. Ijaarsa Dandeettii (Capacity Building )

Ijaarsa Dandeettii jechuun dandeettiin raawwachisummaa Gaggeesiitootaa fi raawwattoota Waajjirichaafi caasaalee isaa keessatti sadarkaa adda addaatti argaman akka cimu, dhiyeessii fi itti fayyadama teekinooloojii ammayyaa fi qabeenya jaarmiyaa kan hammatu dha. Keessattuu qabeenyi humna namaa beekumsa, dandeettii fi ogummaa, ilaalcha aadaa hojii isaatiin jijjiiramee galma gahiinsa ergama mootummaa Waajjirichaaf shoora ol’aanaa taphachuu akka danda’u kan ittiin taasifamu dha. Dabalataanis, gahumsi gaggeessummaa sadarkaa sadarkaan jiru cimee hoggansa bu’a qabeessa ta’e kennuuf akka danda’u kan keessatti ijaaramuu dha. Akka waliigalaatti kallattiin madaallii kun galmawwan kallattiiwwan Godinaa keessatti argaman gara bu’aatti jijjiiruuf bu’uura waan ta’eef xiyyeeffannoo ol’aanaa kennuudhaan irratti hojjachuun barbaachisaa dha.



    1. Xiinxala Haala Keessaa fi Alaa (Intrenal and External Situation Analysis)


Milkaa’ina ijaarsa sirna dimookirasii, siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa mirkaneesuuf godinicha keesatti kutannoon mootummaa, kaka’umsa hoggansa siyaasaa fi qaama raawwachiiftuu akkasumas hirmaannaan dubartootaa fi daa’imman godinichaa muurteessaa dha. Sirna maadaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo gara hojiitti hiikamuu danda’u qopheessuun hojii irra oolchuuf duursaan haala qabatamaa dubartootaa fi daa’imman naannichi keessa jiruu fi haala qabatamaa alaa xiyyeeffannoo kennuudhaan gad-fageenyaan hubachuun ka’umsa ijaarsa tarsiimoo mana hojiichaatiif bu’uuradha. Faayidaan xiinxalichaa haalawwan qabatamaa keessaa fi alaa Waajjirichaa maal akka fakkaatu hubachuuf akkasumas dhimmoolee tarsiimoo hojiirra ooluu danda’an addaan baafachuudhaaf waan ta’eef, gama tokkoon ciminaa fi dadhabina (strength and weakness) Waajjiirichaa, gara biraatiin ammoo carraalee itti fayyadaman (opportunities) biirichi qabuu fi sodaalee (Threats) mudachuu danda’an akaakuun addaan baasuun beekuuf kan gargaaruu dha.

Haaluma kanaan, Dhimma Dubartootaa Fi Daa’imman Godinaa Lixa Shawaa Sirna Madaallii Bu’aa karoora Tarsiimoo (SMBKT) (2008-2012) qopheessuuf ragaalee haalawwan qabatamaa keessaa fi alaa Waajjirichaa ibsu maamiltoota alaa fi keessaa akkasumasdeeggartootaa fi dhimmamtoota irraa walitti qabuudhaan xiinxala haala qabatamaa keessaa fi alaa gad-fageenyaan taasifameera. Haaluma kanaan ciminnii fi dadhabbinni akkasumas carraaleen fi sodaaleen sakatta’amee adda ba’e gabateewwan armaan gadii keesatti ibsameera.


      1. Gabatee Xiinxala Haala keessaa

Xiinxalli haala keessaa qabxiilee(dhimmoota/ulaagaalee/factors/ )murteessoo armaan gadii irratti hundaa’uudhaan kan raawwatamuu qabuudha. Isaanis:- Bulchiinsa(Governance),Qabeenya faayinaansii(financial resource), Hooggansa(Management), Faasilitiiwwan,Humna namaa,Kenna tajaajilaa, Diimoograafii(demographic), Teeknooloojii, hawaas-aadaa(socio-cultural), haala dinagdee,haala siyaasaa/seeraa, haala addunyaa. Ulaagaalee taa’an kana irratti hundaa’uudhaan xinxallii gaggeeffame akka armaan gadiitti argamu ta’a.

Qabxiilee xiinxalaa

Cimina

Dadhabbina

1. Bulchiinsa (Governance)




1.1.Gaggeessummaa

(Leadership)


  • Leenjiin geggeessuummaa qindaa’aan dubartootaaf kennamuu

  • Geggeessummaan dubartootaa xiyyeeffannoon guddaa kennamuu

  • Humni geggeessummaa dubartootaa kallattii hundaan dabalaa dhufuu

  • Saayinsiin geggeessuumaa caasaa mana hojichaa keessatti lafa qabachaa dhufuu



  • Kutannoon gaggeessummaa jiraachuu dhabuu. (Oggantootnni caasaa keenyaa hojii dabalataan kennamu irratti xiyyeeffachuun hojiilee seektarichaaf dursa kennuu dhabuu(hojii harcaasuu)

  • Imaammatoota fi seerota mootummaan bahan hangam dubartoota akka fayyadan mirkaneeffachuu dhabuu

  • Rakkoo ilaalchaa, hanqina dandeettii fi dhiyeessii jiraachuu

Rakkoo Ilaalchaa:

  • Ilaalcha Qulqulluu Dhabuu

  • Ilaalcha Eeggattummaa

  • Ilaalcha Tajaajiltummaa Ummataa Xiqqaachuu

  • Ilaalchi hooggantootni seektaroota mootummaa korniyaa irratti qaban jijjiiruuf hojiin raawwatame laafaa ta’uu

Rakkoo Dandeettii :

  • Karoora haala qabatamaa giddugaleessa godhate qopheessuu dhabuu

  • Beekumsa irratti hundaa’anii hogganuu dadhabuu

  • Hawaasaa fi dhimmamtoota qindeesuun dhimma dubartootaa fi daa’immanii irratti sochoosuu dhabuu

Rakkoo Dhiyeessii (Deeggarsaa Fi Hordoffii)

  • Humna namaa ga’aa ta’e dhiyeessuu dadhabuu

  • Meeshaalee hojii hanga barbaadamee fi ququllinaan dhiyeessuu dhabuu

  • Sirna deeggarsaa,hordoffii fi madaallii/gamaaggamaa itti fufiinsa qabu diriirsuu dadhabuu

1.2. Tasgabbii Gaggeessitoota (stability)


Caasa tasgabbaa’e sadarkaa naannoo hanga aanaatti jiraachuu

Kaffaltiin mindaa caasichi qabu gad aanaa waan ta’eef humni namaa tasgabbii dhabuu(kan oggansaa miti.)

1.3.Ergamaa fi Mul’ata

Galmaa fi Kaayyoo



Eergama fi mula’ata dhimma Dubartootaa fi Da’immannii ifa ta’ee qabaachuu

Ergama, mul’ata , Kaayyoo fi galma Waajjirichaa beekuun qaamnii hogganuu fi raawwatu sirriitti hojii irraa olchuu dadhabuu

2.Madda Faayinaansii(Financial resource)

    1. To’annoo faayinaansii fi qoodinsa baajataa.

  • IBEXn fayyadamaa jiraachuu

  • Qoodinsi baajataa godinaaleef taasifamu baayyina aanaafi fageenya Finfinneerraa qaban irratti kan hundaa’u ta’uu



  • sadarkaa aanaa tti bajata hojiif ramandame dhimma ramadameef ooluu isa madaaluu dhabuu

  • Gabaasa argannoo bu’áa odiitii booda tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamu laafaa ta’uu isaa

  • Qoodinsi baajataaf ragaa sirrii fi amanamaa ta’e godinaalee irraa akkataa fi yeroo barbaadamutti argamuu dhabuu

    1. Ittifayyadama Baajataa

  • Bajata xiqqaa jiru qusannaan itti fayyadamuu

  • Baajata nu ramadame seeraan fayyadamuu isaanii

  • Bittaa nu gaggeeffamu si’aayinaa fi qulqullina haala barbaadameen kan hin qabaanee fi raawwiin isaas harkifataa ta’uu

    1. Gahumsa madda faayinaansii.




  • Propoozaala fandii argamsiisu qopheessuun hanqina baajataa uwwisuu

  • Gargaartotaa waliin quunnamtii gaarii uumuun hojjechuu

  • Aadaa qusannoo dubartootaa guddiisuuf hojiin hubannoo uumuu raawwatame bu’a qabeessa ta’uu isaa

  • Hanqinni baajataa sadarkaa adda addaatti jiraachuu (Sadarkaa aanaatti bajata gahaan ramachiisuu dhabuu)

  • Propoozaalli fandii maddisiisuuf qophaa’an bajata dabalataa gahaa ta’e argamsiisuu dhabuu



  1. Hooggansa(Management)

3.1. Caaseffama Waajjirichaa


  • Caaseffamni Waajjirichaa adeemsa hojiitiif mija’aa ta’e sadarkaa hundatti diriiruu isaa




  • sirna keessuumessa komii maamiltootaatiif deebii hatattamaa kennu sadarkaa hundatti jiraachuu dhabuu

  • caasaa aanaa gurmaa’insa, hojimataa fi humna namaatiin sadarkaa barbaadameen cimsuu dhabuu

  • sababa gadaantummaa mindaatiin humna namaa dorgomaa ta’e dhabuu

    1. Tarsiimoo amma jiru

  • Imaammata fi Tarsiimoon haala qabatama caasichaa waliin wal simuu fi rakkoo hiikuu danda’u jiraachuu




  • Imaammataa fi Tarsiimoolee jiran beekuun hojjeetoota sadarkaa sadarkaan jiran fi uummata qabsiisuun hojii irra oolchuurraatti hanqinni jiraachuu

  • Raawwii hojii tarsiimoo irratti kan hundaa’e osoo hin ta’iin hojii guyyaa irratti xiyyeeffachuu isaa

  • Muuxannoowwan gaarii akka godinaa fi godinaan alaa jiran addaan baasuudhaan babal’isuu dhabuu




  1. Adeemsa fi Sirna Karoora, Hordoffii, Gamaaggama, Gabaasaa Fi “MIS”

    1. Karoora

Karoora tarsiimoo misooma waggaa shanii fi karoorri waggaa (work plan) jiraachuu.


  • Karoorri qophaa’u hawaasaa fi qooda fudhattoota qixa barbaadameen hirmaachisuu dhabuu

  • Ragaan amansiisaa fi gabaasni raawwii qabatamaa qophii Karooraaf barbaachisu dhabamuu.

  • Hanqinni dandeettii qophii, raawwii fi gamaaggama karooraa irratti sadarkaa hundattii jiraachuu

    1. Hordoffii fi gamaaggama

Caasaan hordoffii fi gamaaggamaa sadarkaa hundatti jiraachuu isaa

  • Hordoffii fi Gamaaggama itti fufiinsa fi qindoomina kan hin qabne ta’uu isaa

  • Sirni Hordoffii fi gamaaggamaa dubartoota ,hawaasa fi dhimmamtoota sadarkaa hundatti hirmaachisu jiraachuu dhabuu

    1. Sirna Bulchiinsa Odeeffannoo (MIS)

  • Sirna Qunnamtii Teeknoolojii Oddeeffannoo dirreetti fayyadamuuf fedhii fi jalqabbiin jiraachuu

  • Sirna odeeffannoo daa’immanii(CWDMIS) bakka muraasatti yaaliin jalqabamuu isaa

Sirna Qunnamtii Teeknoolojii Oddeeffannoo jirutti guutummaa guutuutti itti fayyadamuu dhabuu

  • Sirna bulchiinsa odeeffannoo cimaa ta’e hundeessuun ittiin ogganamuu dadhabuu,

  • Sirna odeeffannoo mana hojichaa yeroo yeroon fooyyessuun itiin hojjachuu dadhabuu.

      1. Hoj-maata

  • Hoj-maatni tajaajiloota wal fakkaatu iddoo tokkotti haala kennuu danda’uun gurmaa’uun jiraachuu isaa (JBAH)

  • Haala mana hojichaa xiinxaluun qaawwa jiru adda baasuun JBAH irra deebi’uun hojjachuun hojiirra oolchuu

  • Dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa waliin qindoominaan hojjechuu.

  • Qajeelfamoota adeemsota hojii deggaran baasuun hojiirra oolchuu.

  • Qorannoo fi sakatta’iinsa rakkoo jiru beekuun hiikuu danda’u gaggeessuu

  • Waa’ee meeshaalee jijjiiramaa ilaaluu)




  • Dubartoota hanga barbaadamee fi gama hundaan gahoomsuu fi fayyadamtoota taasisuu dhabuu

  • Haamma barbaadametti dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa keessatti koorniyaa idileessuu dhabuu

  • Rakkoo hawaas-diinagdee daa’immanii hanga barbaadamutti furmaata kennuu dhabuu

  • Dubartoota gurmaa’aniif ogummaa adda addaatiin leenji’anii hojiitti akka galan gochuu dhabuu

  • Fedhii liqii dubartoonni bal’aan qaban guutuuf haala mijeessuu irratti hanqinni jiraachuu

  • Sirna ragaa qabachuu fi qindeessuu dhabuu

  1. Fasilitiiwwan adda adda (Physical facility)

    1. Waajjira, Meeshaa waajjira ,Konkoolaataa fi Motoraa



  • Meeshaalee tajaajilaa dheeraa kennan haaromsuufi suphuun hojiirra oolchuu

  • Meeshalee hojiif barbaachisan qaamolee deeggersa kennan gaafachuun guuttachuuf yaaluu






  • Aanoolee hedduu keessatti hir’inni waajjiraa, meeshaa , konkoolaataa fi motoraa bal’inaan jiraachuu

  • Meeshaaleen waajjiraa hojiif barbaachisan gahaan dhabamuu

  • Faasiliitiwwan kan akka Waajjiraa, Meeshaa waajjiraa fi Konkoolaataa godinarraa jalqabee hanqinni jiraachuu

    1. Meeshaalee wal quunamtii

  • Meeshaalee wal quunamtii kan akka bilbila, Faaksii, interneetii kkf sadarkaaGodinaa, fi irratti fooyya’aa ta’uu isaa






  • Meeshaalee wal quunnamtii sadarkaa aanaatti dhabamuu

  • Qabiinsi, ittifayyadamni fi bulchiinsi meeshaalee dadhabaa ta’uu

  • Sirni bulchiinsa qabeenya mootummaa bu’aa qabeessa ta’e jiraachuu dhabuu

  • Sararri bilbila tolaa miidhaa daa’immanii ittiin gabaafamu naannoo keessatti diriirfamuu dhabuu

  1. Qabeenya Humna Namaa (Human Resource)

    1. Ogummaa fi Dandeettii




  • Leenjii fi hubannoon dandeettii hojjettootaafi Hoggantoota cimsan sadarkaa hundatti kennamuu isaa

  • Carraa barnootaa hojjiirraa hojjettootaaf kennamuu isaa

  • Sadarkaa aanaatti humni namaa ogummaa fi beekumsa qabu hanga barbaadameen jirachuu dhabuu

  • Humna namaa teekinooloojii ammayyaa fayyadamuu irratti ogummaa fi dandeettii gahaa qabu sadarkaa barbaadametti uumamuu hafuu isaa

  • Hojjettootni Caasichaa akka barbaadametti yeroo yeroon of haaromsuu dhabuu

  • Humni namaa caasichi barbaadu gabaarraa dhabamuu ( Dhaabbilee Baroonta olaanoo irraa argachuu dhabuu )




    1. Duudhaalee, ilaalchaa fi Aadaa hojii

  1. Aadaan qindominaan hojjechuu raawwattoota bira jiraachuu

  2. Hojjettootaa ilaachota doggoggoraa korniyaa(gender biased attitude) jiran cabsuun kutannoofii kaka’uumsan hojjetan jiraachuu

  • Aadaan hojii fi ilaalchi tajaajiltummaa uummataa rawwaattoota biratti sadarkaa barbaadamutti jiraachuu dhabuu isaa.

  • Eeggatummaan jiraachuu fi kaka’umsa ofiitiin hojjachuun akka aadaatti hanga baarbaadame baratamuu dhabuu




    1. Haala mijaawaa naannoo hojii




  • Haalli mijaawaan naannoo hojii sadarkaa naannootti uumuuf jalqabbiin jiraachuu isaa




  • Haalli hojii mijaawaa ta’ee sadarkaa Godinaa fi aanaatti hanqina kan qabu ta’uu isaa

  • Hojjettootaaf faasilitiiwwan(material) adda-addaa mijatu dhabuu.

    1. Hojii misooma qabeenya humna namaa.

Barbaachisummaan dandeettii humna raawachisummaa cimsu hubatamee carraaqqiin taasifamuu isaa

  • Hanqina dandeettii humna namaa caasichaa guutuuf/furuuf yaaliin godhame xiqqaa ta’uu.

  • Humna namaa gahaa guuttachuu dhabuu

    1. Bulchiinsa qabeenya humna namaa.

Qacarriinii fi jijjiirran haala danbiilee fi qajeelfma hojjattoota siivilii sarviisiitiin kan raawwatamu ta’uu isaa

  • Danbiileee fi qajjelfama hojjettoota siiviil sarviisii hojjettoota ittifufiinsan beeksisuun dirqamaa fi mirga isaanii akka bahan gochuuf hojiin raawwatame hanqina kan qabu ta’uu isaa

  • Ragaalee qabeenya humna namaa akkaataa barbaadamuun qabamuu dhabuu




    1. Madaallii Raawwii

  • Sirni madaallii bu’aa karoora tarsiimoo caasaa mana hojiichaa keessatti hojiirra oolchuu

  • Hubannoon sirna madaallii irratti jiru fooyyee kan qabu ta’uu

  • Madaallii geggeeffameen sirni badhaasaa ykn oonnachiiftuu dhabamuu




    1. Mindaa fi Faayidaa.

  • Garaagarummaa tokko malee kan seeraan eyyamame itti fayyadamuu

  • Kaffaltii mindaa fi faayidaaleen oggeessota hojiirra tursiisuu fi gabaarraa harkisuu dandeessisu jiraachuu dhabuu




    1. Turtii Hojjataa




  • Sirnni oggeessota oggummaa fi dandeettii qaban hojiirra tursiisuu diriiruu dhabuu

  1. Kenna tajaajilaa (Service delivery)

    1. Ittiquufinsa Tajaajilaa

    2. Tajaajila si’aayinaa fi saffina




    1. Bu’aa qabeessummaa.



    1. Sirna komii itti keessumeessamu




  • Kenna tajaajilaa fedhii maamilaa guutu kennuuf sochiin jiru jajjabeessaa ta’uu isaa

  • Istaandaardiin Kenna tajaajilaa jiraachuu isaa

  • Hojii irraa oolmaa JBAHtin Saffinni fi si’aayinni kenna tajaajilaa fooyya’uu isaa

  • Riifoormii caasaafi mana hojichaa keessatti diriiruun bu’aalee buusaa jiraachuu

  • Waliigaltee kenna tajaajilaa adeemsaalee deeggarsaafi ijoo waliif mallatteessuun hojii fooyya’aa jiraachuu

  • Kenni tajaajilaa akkaataa fi sadarkaa maamilli barbaadu irra gahuu dhabuu;

  • Kenni taajaajilaa Istaandaardii raawwii hojiif taa’een raawwatamuu isaa haala ittifufiinsa qabuun galmeessuu fi madaalaa deemuu dhabuu

  • Meeshaaleen jijiiramaa karaa qindaa’aa ta’een guutumaan guututti hojiirra oolchuu dhabuu.

  • Sirni keessumeessa komii sadarkaa hundaatti bifa walfakkaatuun driiree hojii irra kan hin oolle ta’uu isaa

  • Qo’annoo fi qorannoo irratti hundaa’uudhaan si’aayinaa fi saffina kenna tajaajilaa foyyeessuuf hanga barbaadameen hojjatamuu dhabuu.



Yüklə 2,42 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   20




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin