Gabatee Xiinxala Haala Alaa
səhifə 5/20 tarix 12.01.2019 ölçüsü 2,42 Mb. #96459
Gabatee Xiinxala Haala Alaa
Qabxiilee xiinxalaa
Carraa
Sodaa
Siyaasa/Seera
(Political/legal)
Seerri maatii fi serri yakkaa fooyya’e jiraachuu
Siyaasa keessatti hirmaannaa Dubartootaa guddisuun xiyyeeffannoo mootummaa ta’uu.
Rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuuf kutannoon siyaasaa cimaan jiraachuu
Heeraa fi seera, Imaammata, tarsiimoo hojii misoomaa hojjechiisuu danda’u jiraachuu
Siyaasni addunyaarraa yeroodhaaa yerootti jijjiiramaa jiraachuu
Fedhiin uummataa siyaas-dinagdee irratti qabanu qabatamaa ta’uu hafuu fi yeroon kan jijjiiramu ta’uu
Qaawwaa a Seera Maatiin diiggaan gaa’ilaa uumamun mirgi dubartootaa fi daa’immanii sarbamuu
Dimoograafii
(Demographic)
Dubartootni humna misoomaa (working force) ta’uu danda’an ballinaan jiraachuu
Nama barate hedduun jiraachuu
Humna bal’aa abdii borii godinichi qabaachuu isaa
Sababoonni daa’imman haala rakkisaa keessatti kuffisan bal’inaan jiraachuu
Guddinni Baayyina ummataa dabalaa dhufuu isaatiin (Popn. Growth rate) fedhiiin hawaas-diinagdee guddaachaa deemuu isaa
Hawaas-Aadaa
(Socio-cultural)
Dubartootni godinichaa Raayyaan Misoomaan ijaaramuu
Gumii shamarranii , Gumii farra barmaatilee miidhaa geessisan fi Gumiin CRC manneen barnootaa fi dhaabbilee barnootaa keessa jiraachuu,
Aadaa Dubartootaa fi daa’imman kunuunsu ummata keenya keessa jiraachuu
Hawaasni BMG maqsuuf akka naannoo isaatti Seera aadaa(customery law) tumachuun baratamaa dhufuu isaa
Aadaa Maatiin/hawaasni daa’imman akka kan ofii isaatti kunuunsuu fi qajeelchuu irratti qabu laafaa dhufuu
”Ilmoo koo ka guddisu ollaadha” ilaalchi/duudhaa jedhu laafuu isaa
Dhiibbaa HIV/AIDSn dubartootaa fi daa’imman iraatti geessisuu bal’aa ta’uu
Aadaa fi gochaawwan uummata keenyaaf algaa ta’an karaa sab-quunnmtii hawaasaa adda addaatin fi gocha qabatamaan mul’taa jiranu ( Phornography , Homosexual , ...) babal’atu daa’immanii fi dubartoota irratti miidhaa olaanaa geessisuu.
Aadaa Maatiin/hawaasni daa’imman akka kan ofii isaatti kunuunsuu fi qajeelchuu irratti qabu laafaa dhufuu
”Ilmoo koo ka guddisu ollaadha” ilaalchi/duudhaa jedhu laafuu isaa
IV. Haala Diinagdee
(Economic conditions)
Diinagdee Dubartootaa cimsuuf dhaabbileen maayikroo faayinaansii jiraachuu
Aadaan qusannaa dubartootaa dabalaa dhufuu
Babal’ina inveestimeentii carraa hojii dubartootaaf uumaa dhufuu
Kaka’uumsa/fedhii maxxantummaa diinagdee jalaa bahuuf dubartootni qaban jajjabeessaa ta’uu
Ijaaramootni dinagdee dubartootaa ( Yuuniyeenii, WHG,Qusannoo fi Liqii, Garee Wal Gargaarsaa ) bal’inaan jirachuu.
Hiyyummaan dubartoota irratti kan cime ta’uu.
Maddii liqii dubartootaa dhabamuu
Dhalli liqii (interest rate) yeroodhaa yerootti dabalaa fi nuffisiisaa dhufuu.
Hojii dhabummaan Dubartootaa irratti kan cime ta’uu
Qaala’uu jireenyaa
Daa’imman rakkoo hawaas diinagdeen saxilaman baayyachuu
V. Haala Teeknooloojii
(Technological condition)
Dubartootni teeknooloojii humnaa fi yeroo qusatutti fayyadamuuf fedhii guddaa qabaachuu
Teknooloojiwwan ammayyaa fi bu’a-qabeessa ta’an jiraachuu isaanii
Sirni Qunnamtii Teeknooloojii Odeeffannoo ammayyaa aanoolee heeddu wal qunnamsiisuu diriiraa jiraachuu isaa (Woreda Net & school net)
Mootummaan teeknoolojii ammayaa babali’suuf xiyyeeffannaan ol’aanaa kennuu isaa
Dhiyeessitootni teekinooloojii human fi yeroo dubartootaa qusatuu xiqqachuu
Guddinni teeknooloojii miidhaawwan adda addaa inni qabu rakkoo ta’uu
Xiinxla Cimina, Dadhabbina, Carraa Gaarii Fi Sodaa(SWOT Matrix)
Akkaataa xiinxala haala keessaa fi alaa mana hojii/caasaa Dhimma Dubartootaa fi daa’imman Oromiya armaan olitti gaggeeffameen kallattii(perspective) afur-maamila(customer), faayinaansii(financial), adeemsa keessaa(internal process), fi Ijaarsa Dandeettii (Capacity building )tiin cuunfuun addaan baasuun gabatee armaan gadii keessatti tarreeffamaniiru.
Gabatee :- Xiinxla Cimina, Dadhabbina. Carraa Gaarii Fi Sodaa(SWOT Matrix)
Kallattii madaallii
Cimina/Strength
Dadhabina/weakness
Carraa/Opportunity
Sodaa/Threat
Lammii /Maamilaa(citizen/Customer)
Imaammata fi tarsiimoon haala qabatama naannoo waliin wal-simuu fi rakkoo dubartootaa hiikuu danda’u jiraachuu,
Hirmaannaan abbootii qabeenyaa fi investimantii godinicha keessatti babal’achuun galii dubartootaa guddisaa jiraachuu isaa
Dubartootaa fi qooda fudhattoota ijaaruun misoomaaf sochoosuu dhabuu
Ilaalcha fi gochi kiraa sasaabdummaa sadarkaa adda addaatti jirachuu isaa.
Kutannoo siyaasaa dimokiraasii, misooma ittifufiinsa qabu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf jiraachuu isaa,
Fedhiin hirmaannaa dubartootaa misooma irraatti qaban jiraachuu,
Hirmaannaan fi deeggarsi arjoomtootaa fi qooda fudhattootaa gudachaa dhufuu
Darbee darbee walitti bu’iinsa uumamu keessatti dubartootni fi daa’imman hubamuu
Dhiibbaa ilaalcha siyaasa alaa dubartootarratti fiduu
Baayyinnii uummataa gar-malee dabaalaa deemuu isaatiin fedhiiin tajaajila hawaas-diinagdee dubartootaa guddaachaa deemu isaa
Dubartoota naannoo gamoojjii jiran faffaca’ee jiraachuun isaa kenna tajaajilaaf rakkisaa ta’uu.
Aadaan dubartoota qixa hundaan hojii misoomaa irraatti hirmaachisuu dadhabaa ta’uu.
Tatamsa’innii dhibee HIV/AIDS, hirmannaa/ humna dubartootnni misoomaaf oolu miidhuu danda’uu
Faayinaansii/Financial
Baajata xiqqaa ramadamee qusannoon itti fayydamauun hojii bu’a qabeessa ta’e hojjechuu.
Fandii barbaaduun hanqina bajataa deeggaruu
Qoodinsi baajataa godinaaleef taasifamu baay’ina aanoolee fi fageenya Finfinnee irraa qabanuun qooduu
Baajata nuf ramadame seeraan fayyadamuu
Hanga barbaadamutti projektii qophessuun fandii barbaachuu dhabuu.
Bajata hojiif barbaachisaa ta’e ramachiisuu dhabuu
Bajatni ramadame dhimma ramadameef ooluu isaa madaaluu dhabuu
Sadarkaa aanaatti bajata hojiif ramadame dhimma ramadameef ooluu isa madaaluu dhabuu
Gabaasa argannoo bu’áa odiitii booda tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamu laafaa ta’uu isaa
Qoodinsi baajataaf ragaa sirrii fi amanamaa ta’e godinaalee irraa akkataa fi yeroo barbaadamutti argamuu dhabuu
Bittaa gaggeeffamu si’aayinaa fi qulqullina haala barbaadameen kan hin qabaanee fi raawwiin isaas harkifataa ta’uu
Hanqinni baajataa sadarkaa adda addaatti jiraachuu (Sadarkaa aanaatti bajata gahaan ramachiisuu dhabuu)
Propoozaalli fandii maddisiisuuf qophaa’an bajata dabalataa gahaa ta’e argamsiisuu dhabuu
Dhaabbileen deggersa dubartoota fi daa’immaniif kennan jiraachu.
Dhaabbileen Maayikiroo faayinaansii dubartootaaf liqii dhiyeessan jiraachu.
Dhalli liqii ( Interest Rate ) guddaa ta’uu
Karoora mana hojiin qabameef bajatni wal gitu dhabamuu
Qaala’uu jireenyaa fi gatii messhalee adda addaa
Adeemsa Hojiilee keessaa/
Internal process
Humna namaa muraasan fedhii maammila bal’aa guutuuf hojjechuu
Dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa waliin hojjechuu.
Qajeelfamootaa fi tarsiimoowwan adeemsota hojii deeggeran baasuun hojirra oolchuu.
Qorannoo fi sakatta’iinsa rakkoo maamilaa hiikuu danda’uu gaggeesuu
Kaka’umsi JBAH qorachuun hojii irra oolchuuf jalqabbiin gaarii jiraachuu
Eergama fi mula’ata dhimma Dubartootaafi Da’immannii ifa ta’ee qabaachuu
Caaseffamni Waajjiirichaa adeemsa hojiitiif mija’aa ta’e sadarkaa hundatti diriiruu fi tasgabbii kan qabu ta’uu isaa
Imaammata fi Tarsiimoon haala qabatama caasichaa waliin wal simuu fi rakkoo hiikuu danda’u jiraachuu
Karoora tarsiimoo misooma waggaa shanii fi karoorri waggaa (work plan) jiraachuu.
Caasaan hordoffii fi gamaaggamaa sadarkaa bhundatti jiraachuu isaa
Sirna Qunnamtii Teeknoolojii Oddeeffannoo dirreetti fayyadamuuf fedhii fi jalqabbiin jiraachuu
Hoj-maatni tajaajiloota wal fakkaatu iddoo tokkotti haala kennuu danda’uun gurmaa’uun jalqabbiin jiraachuu isaa (JBAH)
Kenna tajaajilaa fedhii maamilaa guutu fooyya’uuf hojii irraa oolmaa JBAHtin Saffinni fi si’aayinni jiru jajjabeessaa ta’uu isaa
Istaandaardiin Kenna tajaajilaa jiraachuu isaa
Aadaa qusannoo dubartootaa guddiisuuf hojiin hubannoo uumuu raawwatame bu’a qabeessa ta’uu isaa
Dubartoota hanga barbaadamutti gama hundaan gahoomsuu fi fayyadamtoota taasisuu dhabuu.
Dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa keessatti hamma barbaadametti korniyaa idileessuu dhabuu.
Ilaalchi boodatti hafoo fi BMG dubartoota fi daa’imman irratti raawwataman hawaasa kessatti hidda gadifageffatanii jiraachuu isaani.
Ilaalchi oggantoota seektaroota mootummaa koorniyaa irratti qaban hanga barbaadamu jijjiirama fiduu dhabuu
Maatiin daa’imman isaa sirriitti akka lammi gaarii ta’anii guddatan kunuunsa barbaachisu gochuu dhabuu.
Rakkoo hawaas-diinagdee daa’immanii hanga barbaadamutti furmaata kennuu dhabuu
Dubartoota gurmaa’aniif ogummaa adda addaatiin leenji’anii hojiitti akka galan gochuu dhabuu
Fedhii liqii dubartoonni bal’aan qaban guutuuf haala mijeessuu irratti laafaa ta’uu.
Imaammatoota fi seerota mootummaan bahan hangam dubartoota fi daa’imman akka fayyadan mirkaneeffachuu dhabuu
Hawaasaa fi dhimmamtoota qindeesuun dhimma dubartootaa fi daa’immanii irratti sochoosuu dhabuu
Sirna deeggarsaa,hordoffii fi madaallii/gamaaggamaa itti fufiinsa
qabu diriirsuu caasaa sadarkaan jiruuf yeroon kennu dadhabuu
Ergama, mul’ata , Kaayyoo,galma fi tarsiimoo Waajjirichaa beekuun qaamnii hogganuu fi raawwatu sirriitti hojii irraa olchuu dadhabuu
Sirna keessuumessa komii maamiltootaatiif deebii hatattamaa kennu sadarkaa hundatti jiraachuu dhabuu
Imaammataa fi Tarsiimoolee jiran beekuun hojjeetoota sadarkaa sadarkaan jiran fi uummata qabsiisuun hojii irra oolchuurraatti hanqinni jiraachuu
Muuxannoowwan gaarii akka naannoo fi naannoon alaa jiran addaan baasuudhaan babal’isuu dhabuu
Sirna ragaa qabachuu fi qindeessuu akkasumas akkaataa barbaadamuun ragaa qabachuu fi qindeessuu dhabuu
Kenni tajaajilaa akkaataa fi sadarkaa maamilli barbaadu irra gahuu dhabuu;
Kenni taajaajilaa Istaandaardii raawwii hojiif taa’een raawwatamuu isaa haala ittifufiinsa qabuun galmeessuu fi madaalaa deemuu dhabuu
(Hojmaata diriiree jiru itti fufiinsaan hojii irra oolchuu fi fooyyessaa deemuu dadhabuu)
Sararri bilbila tolaa miidhaa daa’immanii ittiin gabaafamu naannoo keessatti diriirfamuu dhabuu
Meeshaaleen jijiiramaa (JBAH, SFSS) TQOn deeggaramuu dhabuu
Sirni keessumeessa komii sadarkaa hundaatti bifa walfakkaatuun driiree hojii irra kan hin oolle ta’uu isaa
Qo’annoo fi qorannoo irratti hundaa’uudhaan si’aayinaa fi saffina kenna tajaajilaa foyyeessuuf yaaliin godhamu hanga barbaadameen hojjatamuu dhabuu.
Dhimmi dubartootaaf daa’immanii heera mootummaa kessatti xiyyeffannoo addaa argachuu
Dhimmi koorniyaa akka addunyaa fi biyyaatti xiyyeffannoo qabaachuu.
Daabbilee dubartootaa fi daa’imman irratti hojjetan baayyinaan jiraachuuu.
Imaammata,qajeelfamoonni, danbiin,paakeejotni adda addaa fi konveenshinootnni addunyaa dubartoota fi daa’imman fayyadan jiraachuu isaanii
Tajaajila saffisaa fi quubsaa maamilaaf kennuun xiyyeffannoo mootummaa ta’uu.
Sirni kenna Yaada maamiltotaa jiraachuu.
Koreen dhaabbi Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii hojii ilaaluun yaada kennu.
Hiyyummaan dubartoota irratti kan cime ta’u.
Carraalee “Globalization” fidu keessaa kan dhiibbaa geessisu dhiisuun fayyadamu dhabuu.
Dhiibbaa HIV/AIDSn dubartootaa fi daa’imman iraatti geessisuu danda’u
Ijaarsa dandeettii
Leenjii fi hubannoon adda-addaa hojjettootaaf kennamuu.
Carraa barnootaa hojjiirraa hojjettootaaf kennamuu.
Gaggeessummaa (leadership) caasaa dhimma dubartotaa fi daa’immanii cimsuuf leenjii kennuu
Meeshalee hojiif barbaachisan qaamolee deeggersa kennan gaafachuun guuttachuuf yaaluu
Aadaan qindominaan hojjechuu raawwattoota bira jiraachuu
Hojjettootaaf faasilitiiwwan
(material) adda-addaa mijataa ta’uu dhabuu.
Sirni maadallii raawwii adeemsota, garee dhimmaa fi hojjettoota hojiin adda baasee badhaasisiisuu fi adabuu jiraaachuu dhabuun,
Sirni oggeessota oggummaa fi dandeettii qaban hojiirra tursiisuu diriiruu dhabuu (sadarkaa mindaa fi faayidaalee adda addaa)
JBAH hojii irra oolchuuf hojjetoota biraatti kutannoo walqixa ta’e dhabamuu.
Meeshaaleen hojii fi Teekinoolojii ammayyaa, humna namaa gahaan dhabamuu
Sadarkaa aanaatti humni namaa ogummaa fi beekumsa qabu hanga barbaadameen jirachuu dhabuu
Humna namaa teekinooloojii ammayyaa fayyadamuu irratti ogummaa fi dandeettii gahaa qabu sadarkaa barbaadametti uumamuu hafuu isaa
Aadaan hojii fi ilaalchi tajaajiltummaa uummataa rawwaattoota biratti sadarkaa barbaadamutti jiraachuu dhabuu isaa.
Eeggatummaan jiraachuu fi kaka’umsa ofiitiin hojjachuun akka aadaatti hanga baarbaadame baratamuu dhabuu
Humni namaa barate gabaa irratti bal’inaan jiraachuu.
Dhaabbileen deggersa barnootaa fi leenjii kennan jiraachuu.
Teknoolojiin hammayyaa bal’inaan jiraachuu.
Tarsiimoon Muuxannoo gaarii baballisu jiraachuu
Humni namaa muuxanno qabu caasicha yeroo-yeroon gadilakkisu.(high turnover)
Dhiibbaa HIV/AIDSn hojjettoota irratti geessisuu danda’u
Hojjettootaa ilaalchota doggoggoraa korniyaa(gender biased attitude) jiran cabsuun kutannoofii kaka’uumsan hojjetan jiraachuu
Haalli mijaawaan naannoo hojii sadarkaa naannootti uumuuf jalqabbiin jiraachuu isaa
Barbaachisummaan dandeettii humna raawachisummaa cimsu hubatamee carraaqqiin taasifamuu isaa
Qacarriinii fi jijjiirran haala danbiilee fi qajeelfma hojjattoota siivilii sarviisiitiin kan raawwatamu ta’uu isaa
Haalli hojii mijaawaa ta’ee sadarkaa Godinaa fi aanaatti hanqina kan qabu ta’uu isaa
Humna namaa gahaa guuttachuu dhabuu
Caasaa aanaa gurmaa’insa, hojimataa fi humna namaatiin sadarkaa barbaadameen cimsuu dhabuu
Danbiileee fi qajjelfama hojjettoota siiviil sarviisii hojjettoota ittifufiinsan beeksisuun dirqamaa fi mirga isaanii akka bahan gochuuf hojiin raawwatame hanqina kan qabu ta’uu isaa
Dhimmoota Ijoo Qophii Tarsiimootiif Ka’umsa Ta’an(Pains & Enablers)
Dhimmoota Ijoo Dadhabina Fi Sodaa Irraa Maddanii Fi Tarkaanfii Fudhatamuu Qaban (Pains)
Dhimmoota Gufuu ta’an(Pains)
Tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban
Dubartoota gama hawaasumma ,diinagdee fi siyaasatiin gahoomsu fi fayyadamtoota taasisuu irratti hojii hojjetamen bu’aan argame xiqqaa ta’uu
Hubannoo gama fayyadamummaa dubartootaa fi daa’immanii jiru olguddisuu dhaaf So chii hawaasaa finiinsuu.
Dubartoota garee adda-aaddaa kan akka dinagdee fi mirgaa akka ijaaraman barbaachisaa hunda raawwachuu.
Dhiheessa maallaqaa guddina dinagdee dubartootaaf oolu pirojektii adda-addaa hojjechuu dhaan fandii maddisisuu.
Leenjii ogummaa bu’aa qabeessaa fi dubartoota gara hojii galii argamsisuu irratti hirmaachisu kennuu.
Barnootaa fi leenjii shamarranii irratti cimanii hojjechuu dhaan hirmaannaa fi beekumsa isaanii cimsuu.
Dhimmamtoota kan akka dhaabbilee miti mootummaa dhimma misooma dubartootaa irratti hojjetan,seektaroota mootummaa ,Dhhaabbilee maaykiroo faayinaansii fi kkf waliin qindoomina cimsuudhaan waliin hojjechuu.
Barmaatilee miidhaa dubartoota irratti geessisan maqsuuf maanuwaalii paaraalegaalsii (gorsitoota seeraa) fayyadamuu dhaan hirmaannaa ummataa guddisuu.
Dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa akkasumas hawaasa keessatti koorniyaa idileessuu dhabuu.
Hubannoo barbaachisummaa koorniyaa idileessuu bal’inaan uumuu
Humna raawwachiisummaa raawwattoota dhimma koorniyaa seektaroota motummaa cimsuuf leenjii kennuu
Qindoomina hojii qaamolee dhimma koorniyaa hordofan(dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa keessatti ) waliin uumuu
Paakeejii misoomaa fi jijjiirama dubartootaa ,Qajeelfama koorniyaa idileessuu, hojiirra akka oolu gochuf deeggersa kennuu
Qamoolee mootummaa fi miti mootummaa waliin sirna qindoominaan h diriirsuu
Muxxannoowwan gaggaarii addaan baasuun qindeessuu fi akka babal’atu gochuu.
Fooramii net woorkii dhaabbilee miti mootuummaa dhaabuun hojii bu’a qabeessa ta’e hojjachuu.
Idileeffama koorniyaa seektaroota mootummaa fi dhaabbilee mitimootummaa ilaalchiisee qorannoo gaggeessuu fi yeroo yeroon sakatta’iinsa taasiisuu.
Ilaalchi seektarootni mootummaa koorniyaa irratti qaban hanga barbaadamu jijjiirama fiduun dubartoota fayyadamtoota taasisuu dhabuu
Waltajjii hubannoo isaanii cimsu uumuu
Sirna deggarsa,hordoffii fi gamaggamaa sekteroota waliin cimsuudhaan kanneen bu’aa gaarii galmeessaniif beekamtii kennuu
Gamaaggama raawwii koorniyaa idileessuu iratti akka hirmaatan gochuu
Koorniyaa idileessuu mana hojii isaanii abbummaan akka fudhatanii socho’an taasisuu
Cheekliistii hojiirra oolmaa koorniyaa idileessuu qopheeesuun kennuu/beeksisuu
Gabaasa raawwii karoora mana hojii isaanii kessatti dhimmi koorniyaa akka hammatamu akka taasisan gochuu
Hirmaannaa fi fayyadamtummaa dubartootaa mana hojii isaanii raawwattoota dhimma koorniyaa isaanii waliin haala mijeessuun hojii qabatamaa raawwachiisuu
Mirgii fi nageenyi isaanii kabajamee daa’imman abdii boorii akka ta’an hawaasni daa’ima isaa kunuunsee akka guddisu hubannoo hawaasaa cimsuu.
Daa’imman haala adda-addaatiin(kilaboota mana barumsaa fi kkf akka gurmaa’an taasisuu dhaan mirga isaanii beekanii fi naamusa gaarii qabatanii akka guddatan taasisuu.
Paaarlaamaan daa’immanii sadarkaa adda-addaatti akka dhaabbatu gochuu.
Daa’imman rakkoo hawaas-dinagdee qaban qorannoon addaan baasuun akkaataa deggersa ittiin argachuu danda’an uumuu .
Dhaabbilee kunuunsaa fi nageenya daa’immanii irratti hojjetan waliin qindoomina cimaa ta’e uumuun hojjechuu.
Hawaasa keessatti aadaa fi duudhaaleen daa’immaniif faayidaa qaban addaan baasuun akka baballatan gochuu.
Koree mirga daa’immanii eegsisan kan akka koree CRC,OVC fi kkf ijaaru.
Filannoowwan kunuunsa daa’immanii akkataa haala qabatamaa Nannoo keenyaatti hojiirra oolchuu
Filannoowwan kunuunsa daa’immanii hawaasa bu’uureffate hojiirra oolchuu
Dhaabbata Tursiisa Daa’immanii mootummaan hogganamu akka hundeeffamu taasisuu.
Dhaabbileen guddisa daa’immanii godinicha keessatti dhaabbatan akkaataa seeraafi konveenshiinii biyyattiin mirkaneessiteen sirriitti faayidaa daa’immaniif hojjechuu isaanii yeroo-yeroon qorachuu dhaan sirreffama barbaachisu fudhachu.
5.Baajatni ramadame dhimma ramadameef ooluu isaa madaaluu dhabuu. fi argannoo bu’áa odiitii booda tarkaanfiin sirreeffama fudhatamu laafaa ta’uu isaa
Oditii keessaa bu’aa qabessa ta’e fi rakkolee jiran adda baasuun yaada furmaataa kennu cimsuu,
Argannoo bu’aa odiitii irratti tarkaanfilee sirreeffamaa ittifufinsaan fudhachaa deemuu
Sirna to’annoo keessaa cimaa ta’e diriruu isaa qorachuun sirreffama taasisuu.
Hojiin hojjetame fi baasiin itti bahe kan walgitu ta’u isaa (cost effecive) ta’uu fi bu’aa dabalataa (value add) fiduu isaa Xiinxaluu
6. Ragaalee qabatamaa fi amanamaa(tangebile & reliable) ta’an akkataa fi yeroo barbaadamanitti qindeeffachuun qabachuu dhabuu
Sirna qabiinsa ragaa akkaataa amala caasichaatiin diriirsuu, ammayyeessuu
Ragaalee qophii karooraa fi bajataaf barbaachisan dursanii akka qophaa’aan caasaalee sadarkaa hundatti jiraniif hubachiisuu,sassaabuu sirreessuun fayyadamaaf qophii gochuun
Foormaatota ragaaleen ittiin sassaabamanii fi qindaa’an qopheessuun yeroon guutamanii akka deebi’an gochuun
Sirna odeeffannoo(MIS) mirga fi fayydamummaa dubartoota fi daa’immanii mul’isuu danda’u akka mana hojiitti diriirsuu.
Deeggersaa fi hordoffiin ittifufiinsa qabu caasaa sadarkaan jiru, seektaroota mootummaa fi dhaabbilee miti mootummaa dubartootaa fi daa’imman irratti hojjetaniif kennu/taasisuu dhabuu.
Madaallii(monitoring) fi hordoffii itti fufiinsa qabu fi saganteeffame ( (yeroo eeggate) taasisuu
Dowwii dirree gaggeessuun raawwii qabatamaan jiru ilaaluu
Gamaaggama(evaluation) raawwii karooraa caasaa fi dhimmamtoota waliin yeroo yeroon gaggeessuu
Madaalliifi gamaaggamoota gaggeefamanii fi gabaasota qaamolee adda addaa dhiyaatan irratti duub-deebii(”feed back”) kennuu
Muuxannoo gaarii raawwii caasaa dhimma dubartootaa fi daa’immanii, seektaroota mootummaa fi dhaabbilee miti mootummaa dubartootaa fi daa’imman iratti hojjetanii fi Dhaabbilee guddisa daa’immanii irraa argaman qindeessuun qaama dhimmi ilaaluuf dabarsuu
Imaammatoota, seerota,fi paakeejota mootummaan bahan hangam dubartootaa fi daa’imman akka fayyadan mirkaneeffachuu dhabuu
Qorannoo fi sakatta’insa hojiirra oolmaa imaammattoota , seerotaa fi paakeejotaa gaggeessuu
Ragaalee barbaachisoo ta’an seektaroota mootummaa, dhaabbilee miti mootummaa dubartootaa fi daa’imman irratti hojjetanii fi dhaabbilee guddisa daa’immanii irraa sassaabuu
Dhimmamtootaa fi qooda fudhattoota waliin qindoomina uumuu
Lecoolee(resource) qoranoof/sakata’iinsaaf barbaachisoo ta’an barbaaduu.
Dandeettii raawwachiisummaa Hoggantootaa fi Hojjeettootaa caasaa Waajjirichaa gadii aanaa ta’uu isaa
A .Ilaalcha,
Caasaa dhimma dubartootaa fi daa’immanii keessatti aadaa gamtaan hojjechuu(team spirit) diriirsuu
Hoggantootaa, Hojjeettootaa fi maamiltootni karora tarsiimoo fi hoji maata mana hojii akkasumas waa’ee bulchiinsa gaarii iratti hubannoo gahaa akka qabaatan fi gumaacha akka taasisan gochuu
Ilaalcha eeggatummaa cabsuuf, kaka’umsaa fi si’oominaan adda duree ta’anii hojjachuuf; aadaa Fakkeenya(role model)ta’anii hojjechuu dagaagsuu
Hoggantoonni fi hojjatoonni ilaalcha miira tajaajiltummaa qabaachuun tajaajila fedhii dubartootaa fi daa’immanii irratti hundaa’e kennuu akka dand’an taasisuu,
B. Hanqina Dandeettii
Dandeettii raawwachisummaa hoggansaa fi hojjettoota cimsuu fedhii leenjii adda baasuun leenjii itti fufinsa qabu kennuu
Ogummaa(Skill) Fayyadama teeknooloojii ammayyaa(IT) hojjetootaa haala itti cimsatan diriirsuu/mijeessuu
Sagantaa muuxannoo waljijjiirraa mijeessuun
Marii garee(Discussin forum) sadarkaa hundaatti gaggeessuun hubannoo raawwii hojii cimsuun
C. Deggersaa fi hordoffii/ Dhiyeessii
Hojmaata fi gurmaa’ínsaa siviil sarvisii saffisiisuu danda’u rakkoowwan dhiyeessaa ijoo ta’an hiikuun seera , dambiilee fi qajeelfamoota baasanii hojiirra oolchuu
Caasaa sadarkaa hunda irra jiran TQOn akka deggeraman taasisuu
Sirna hordoffii , gamaaggamaa fi deeggersaa bu’a qabeessa ta’é diriirsuun hojiirra oolchuu
Muuxannoowwan gaggaarii addaan baasuun akka babal’atu gochuu
Humna namaa ga’aa ta’e sadarkaa hundaatii ramaduu
Meeshaalee hojii hanga barbaadamee fi ququllinaan dhiyeessuu
Ilaachotaa fi gochoota duubatti hafoo dubartootaa fi daa'imman irratti miidhaa geessisan haala ykn sadarkaa barbaadamuun maqfamuu dhabuu
Sagantaa Finiisa sochii hawaasaa diriirsuudhaan
Hubannoo hawaasaa jijiirama amalaa fiduu itti fufiinsaan kennuu
Muuxannoo gaarii naannolee biraa,godinaalee fi kan biroo qindeesuun babal’isuu
Itti fayyadama Midiyaalee eeleektrooniiksii fi preesii babal’isuu
Ijaaramoota ilaalchota doggoraa balaaleffatanii fi jijiirama amalaa fidan sadarkaa adda addaatti ijaaruu (M/Barnootaa, M/Hojii fi kkf)
Abbootii gadaafi amantaa,Jaarsolee biyyaa, namoota beekamoo(influencials), namoota fakkenya ta’an(role models) fi gaggeessitoota siyaasaa fi kkf fayyadamuun hubannoo uummataa gabbisuu
Dhimmamtootaa fi qooda fudhattoota waliin qindoomina uumuun hojjechuu
Dhaabbilee amantaa, Dhaabbilee miti mootummaa fi waldaalee hawaasaa ilaacha hawaasaa jijiiruu irratti shoora akka qabaatan gochuu
Dostları ilə paylaş: