Galata /Acknowledgement/ Seensa


Bu’aa:- Qisaasa’ummaa qabeenyaa hir’ate. Milkaa’ina:-



Yüklə 2,42 Mb.
səhifə8/20
tarix12.01.2019
ölçüsü2,42 Mb.
#96459
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   ...   20

Bu’aa:- Qisaasa’ummaa qabeenyaa hir’ate.

Milkaa’ina:-Bu’a qabeessummaa qabeenyaa dabale

5. Hojimaata Bulchiinsa Gaarii fi Kenniinsa tajaajilaa foyyessuu.

Ibsa:- Kenninsa tajaajilaa foyyessuu jechuun hanqinoota tajaajila kennamaa ture rakkoo qabu adda baasanii beekuu dhaan maammiltonni tajaajila barbaadan hunda haala salphaa fi yeroo gabaabaa keessatti akkasumas akkaataa feedhii isaanii gituun foyyessanii tajaajiluun akka itti gamadan gochuu dha.

Gama biraatiin kenna tajaajilaa sadarkaa barbaadametti ummanni argachuu dhabuun rakkooleen bulchiinsa gaarii uumamuu danda’a. Haaluma kanaan feedhii maammilaa yeroo-yeroon sakatta’uun garaagarummaa raawwii (performance gap)jiru gutuu dhaaf rakkoolee kenna tajaajilaa dhimma daa’immanii ilaallatan hunda gadifegeenyaan qorachuun argannoowwan bira gahame irratti tarkaanfii sirreffamaa attatamaa fudhachuun akkaataa fedhii isaanitiin hojimaata kunuunsa fi guddina daa’immanii sirressuun tajaajila saffisaa,qulqullina qabu ,daddeebii hin qabnee fi bakka tokkotti kan dhumu(one stop shopping) kan ta’e kennuu dhaan itti qufiinsa maammilaa mirkanessuun ta’a.



Bu’aa:- Kenniinsa tajaajjilli foyyaa’e.

Milkaa’ina:-Itti quufinsa dabale.

6 .Sirna qabiinsa ragaa fi odeeffannoo daa’immanii foyyessuu.

Ibsa:- Hojii Dhimma Daa’immanii irrtti hojjetamu kamiiyyuu ragaa qabatamaa ka’umsa (base line) ta’uu danda’u jiraachuun murtessaa waan ta’eef ragaa dhabuu keenyaan hojii keenya irratti huudhaa akka hin taane ragaa siirri fi ifa ta’e haala qulqullina qabuun iddoo ifa ta’eef karaa salphaan qaamni lammaffaa hubachuu akka danda’utti qindaa’ee akkaataa qabiinsa ragaa keenyaa hammayyessaa deemuu dha.

Ragaan daa’imman waliigalaa fi kanneen maatii dhabanii fi rakinaaf saaxilaman sadarkaa hundatti haala barbaadamuun sirnaan hard & soft copy qindeeffamee sirnaan ka’amuu qaba. Ragaan daa’immanii ( Child Wellbieng data base ) Naannoo irraa eegalee hanga aanatti mosajiin( Software ) qindeessuun kaa’uun ragaa fi odeegffannoonn daa’immanii qaama barbaadu hundaaf haala salphaa fi bu’aa ba’ii malee akka argamu taasisuu dha.



Bu’aa:- Ragaa dhamaatii tokko malee argamee.

Milkaa’ina:-Daa’imman bu’aa ba’ii malee fayydamoo ta’an

7. Sirna Karoora Hordoffii, deeggersaa, to’annoo fi gamaaggamaa fooyyeessuu

Ibsa:- Milkaa’ina ergamaa fi galmoota mana hojiitiif hojiin deeggersaa fi hordoffii caasaalee dhimma dubartootaa fi daa’immanii sadarkaan jiraniif, seektaroota fi dhaabbilee guddisa daa’immaniif taasisuun murteessaadha. Hojiimaata hanga ammatati jiru keessatti hojii deeggersaa fi hordoffiitiif xiyyeeffannoon kennamaa ture xiqqaa fi hudhaa sirna keenyaa ta’uun isaa ni beekama. Kanaafuu, ”Deggersaa fi hordoffii fooyyessuun” akka kaayyoo tarsimaa’aa tokkootti fudhatameera.

Deeggersaa fi hordoffii jechuun hojimaata, tarsimoo motoummaa fi mana hojii,dandeettii raawwachiisummaa caasichaa fi deeggertootaa kallattii mootummaanii fi manni hojiichaa kaawwateeniifi beekkumsa irratti hundaa’eee deemuu/ raawwatamuu isaa haala ittifufiinsa qabuun gamaaggamuun deeggersa teeknikaa/oggummaa fi beekkumsaa, sirreeffama hojimaataa kennuun, hanqinaalee raawwii keessatti mula’atan maqsuun, akkasumas muxannoowwan gaggaarii argaman babal’isuun galma gahiinsa kaayyoole tarsimaa’aa mana hojiichaa caalmaatti fiixaan baasuun bu’a qabeessa ta’uuf hojjechuu jechuudha.

Raawwii kaayyoo kanaatiif hojiilee- karoora adeemsichaa godinaalee/magaalotaa/aanaalee, seektaroota mootummaa fi projektoota dhaabbilee miti mootummaa daa’imman irratti hojjetan madaaluun; doowwii dirree gaggeessuun raawwii jiru qabatamaan ilaaluu; gabaasaalee raawwii karooraa/projektootaa dhimma dubartootaa fi daa’immanii sadarkaan jiruu, seektaroota mootummaa fi dhaabbile miti mootummaa xiinxaluun duub-deebii kennuu; hojiirra oolmaa taarsimoo(raawwii karooraa fi projektootaa) irratti madaallii fi gamaagama gaggeesuu(Review meeting); to’annoo/hordoffii oditii maallaqaa fi qabeenyaa gaggeessuun fi kkf raawwachuun, doggogoroota raawwii keessatti raawwatamaniif sirreeffama kennuun, hojimaatnifi kenni tajaajila caasichaa sadarkaa hundatti bu’uuraan akka fooyya’u gochuun ni raawwatama.

Bu’aa:- Akkataa fi saffina barbaadamen karoora raawwatame.

Milkaa’ina:- Galma gahiinsa kaayyoo mana hojichaa mirkanaa’e.


  1. Mirgaa fi Nageenya daa’immanii irratti Hirmannaa Ummataa fi dhimmamtoota guddisuu

Ibsa :- Rakkooleen mirga fi nageenya daa’imman irratti midhaa gessisan hedduun bekkumsa dhabuu irraa kan maddani idha. Hawaasni dhimma kana haala qubsaa ta’een yo hubate ofii isaatiin tumsa barbaachisuu hunda gochuun mirga fi nageenya daa’immanii egsisuu irratti shoora guddaa nitaphata, kuniis rakkoo jaarraa hedduuf hidda gadifageffatee jiraate hundee irraa buqqisuuf furmaata kan biraa hin qabnee dha.

Kutaan haawaasaa hundi waa’ee miga daa’immanni akkataa heera mootummaa fi waliigaltee addunyaa biyyi keenya mallattesite akka kabajamu ganda Godinichaa hundatti qaamoolee Motummaa fi Miti Motummaa dhimmi ilaalu waliin qindaa’anii akkasumas gorsitoota seeraatiin fayyadamuun fi marii hawaasaa kan waliirraa hin cinne gochuun hubachiisuu,barsiisuu, fi leenjii kennuun dhimma uummata Godinichaa akka ta’u gochuun sochii finiinsa hawaasaa cimsuun raawwatama.

Gochonni Daa’imman irratti midhaa gessisan mirga namoomaa isaanii irratti midhaa gessisuun alattiis hirmaannaa barumsaa isaanii xiqqessuun gara mana barnotaa akka hin demne taasisuun doofummaaf saaxila.Rakkoon kuniis daa’imman abdii boruu ta’anii biyya dhaalanii bulchan akka hin taane gufuu buqqa’u qabu dha.

Kanumaafuu yaada ykn ilalcha bodatti hafoo fi barmaatilee daa’imman irratti miidhaa geessisan hawaasa keessaa maqsuuf barumsa hubannoo cimsu kennuu,haawasnnii seera aada akka naannoo isaatti akka baafatu taasisuu, seerota dhimma kana ilaalchisanii bahan hojjiirra ooluu isaanii madaaluu, akkasumas koree CRC ganda hunda keessatti hundeessuu fi jajjabeesuun,guumiiwwan farra barmaatilee miidhaa geessisanii manneen barnootaa cimsuun bakka hin dhaabbanetti dhaabuun , paarlaamaa daa’immanii sadarkaa adda-addaatti akka dhaabbatu gochuun ,fiiniinsa sochii hawaasaa uumuun guutu Lixa Shawaa keessaa barmaatilee midhaa geessisan maqsuuf hojjechuu dha.



Bu’aa:: Jijiiirama ilaalchaa kabaja mirga fi nageenya daa’immanii dhufe

Milkaa’ina Fayyadamummaa daa’immanii mirkanaa’e

  1. Kunuunsa fi deeggarsa daa’immanii miidhaa adda addaf saxilaman guddisuu

Ibsa:- Daa’imman maatii dhabanii fi rakkinaalee adda addaatiif saaxilaman akktaa Heera fi Seeroota biyyii keenya baafte akkasumas konveenshinii fi waliigalteewwan mirgoota daa’immanii biyyattiin mirkanessitee fudhate keessatti daa’imman mirgi fi nageenyi isaanii kabajamee akka guddatan tumameera.Haata’uutii sababa hiyyuummaa fi rakkoo dinagdee fi hawaasummaatiin akkasumas goochoota daa’imman irratti miidhaa gessisan fi kkf. irraan kan ka’e ammaas daa’imman lakkofsi isaanii salphaa hin taane rakkoo kessa jiru.

Daa’imman kana keessaa maatii guddisu kan hin qabne,maatii qabaniis rakkoo hiyyuummaa hamaa qaban ,kan HIV/AIDSf saaxilaman,kan gataman,maatii isaanii irraa adda kan bahan fi rakoolee hawaassummaa kan biroo kan qabanii dha.Kanumaafuu daa’imman kanaaf quuqamanii rakkoo isaanii faluuf cimanii hojjechuun dirqama yoo ta’u, lammii abdii borii ta’us horachuu dha. Daa’imman Godinichaa nageenyi isaannii eegamee,knuunsa barbaachisaa ta’ee argatanii guddatanii abdii biyyaa akka ta’an gochuuf aadaa guddifachaa biyya keesaa dagaagsuun,dhaabbilee guddisa daa’immannii irratti haala seera qabessaan faayidaa daa’immaniif hojjjetan deggersa akka godhaniif gochuun(sponsor ship) ,sakata’iinsa /qorannoo gaggeessun ,filannoowwan kunuunsa daa’immanii /Alternative child care/ hojiirra oolchuu, filannoo kunuunsa daa’immanii hawaasa bu’uureffate dagaagsuu fi cimsuu dha. .



Bu’aa:- Daa’imman kunuunsa fi deggarsa argatn

Milkaa’ina:- Jireenya daa’immanii fooyya’e.

10 Gurmaa’insa daa’immanii mirgoota diimookraasii isaanii dagaagsanii fi kabachiisan cimsu

Ibsa : Biyyaa keenyaa keessaatti sirnii dimookirasii akka daraaruu taasiisuuf dhaaabbilee fi jarmiyaalee dimokiraasii hunda’aanii jiraan kallaattii misooma, dinagdee fi hawaasummaa gumaachuu danda’an irraa akka gahaan tasiisuu fi dhaabilee biro akkaa ummaamaan gochuu dha. Daa’imman ilaalcha dimookratawaa qabatanii akka guddataniif gurmaa’ina fi ijaraamota adda addaa keessatti hirmaatanu taasisuu dha.

Hojichis kan hojetamu daa’imman paarlamaan mana barumsaa irraa eegalanii hanga sadarkaa oliitti akka ijaaramanu taasisuu, Gumii CRC manneen barnootaa keessatti akka ijaaramanu taasisuu, skaawutii barattootaa keessatti akka ijaaramanu Mana Maree sadarkaan jiru waliin taasisuu daa’imman qajeeltoowwan diimookraasii akka shaakalanii fi mirga isaanii ofii isaanittiif akka falamachuu danda’an geessisuu dha.



Bu’aa: Aadaa Diimookratawaa daa’imman biratti dagaagee

Milkaa’ina: Mirgoota Daa’immanii kabajaman

11, Sirna sakatta’iinsaafi qorannoo guddisuu

Ibsa:- Hojiiwwan daa’imman irratti hojjetamu hangam bu’aa buusee fi rakkoowwan isaanii sakatta’uu fi qorannoodhaan adda baasuun fayydamummaa daa’immanii mirkaneessuun barbaachisaa dha Qorannoon gaggeffamu kuni raawwi irratti rakkoolee daa’imman iratti miidhaa geessisan addaan baasanii beekuun hanga qaama seera baaftutti dhiyeessuun daa’imman haala furmaata taa’ee tiin fayyadamtoota akka ta’an nifayyada.

Muuxannoo gaggaarii hojii eegumsa fi kunuunsa fi deggrsa daa’immanii bakka adda addaa irraa qindeessuu fi babal’isuu , qawaa raawwii seerota fi qajeelfamootaa adda baasuu, bu’awwaan qorannoowwan daa’imman waliin wal qabatnii akka addunyaa fi biyyatti bahan akka haala qabatamaa Naannoo keenyatti qindeessuu fi argannoo qorannoowwan qoratamnii hojii irra akka ooluu tattaaffii taasisuu akkasumas qaamoolee dhimmii ilaalu hunda itti hirmaachisuun mala fi fala rakkoo daa’immanii Godinichaa gama hundaan jiru fala akka aragatuuf kan hojjetamuu ta’a.



Bu’aa:- Rakkoowwan daa’immanii furaman

Milkaa’ina:-Daa’imman fayyadamtoota ta’an.

12. Dhimma daa’immanii idileessuun hirmaannaafi fayyadamummaa daa’immanii guddisuu

Ibsa: Hojiin dhimma daa’immanii hojii sektera Dhimma dubartootaa fi daa’immanii qofaan kan hojjetamu waan hin taaneef seekteroonni mootummaa kanneen hawasummaa, dinagdee fi siyaasa irratti hojjetanu akkasumas dhaabbilee miti-mootummaa waliinwalitti dhufeenya barbaachisaa ta’e uumuun mirgi fi nageenyi daa’immanii akka kabajamu gochuu dha.

Caasaan mana hojichaa sadarkaa itti aanuuf tajaajila deggarsa ogummaa fi teekinikaa akkasumas hordofii wal irraa hin citne taasisuu dha. Hojiin mirga fi nageenya daa’immanii kabachiisuuf hojjetamu akkaataa karorfameen haala bu’aa qabessa ta’een hojjetamuu isaa yeroo-yeroon haala itti fufiinsa qabuun madaaluu dhaan bakka ciminni jiru jajjabessuu dhaan bakka hanqinni jiru deggersa teknikaa kennuun galama gahiinsa hojimaataa idileessa dhimmota Daa’immanii lafa qabsiisuun fayydamummaa daa’immanii mirkaneessuu dha.



Bu’aa:- Dhimma daa’immanii Idilaa’e

Milkaa’ina:- Daa’imman fayyadamtoota ta’an

13. Humna raawwachiisummaa seektarichaa cimsuun kenna tajaajilaa fooyyeessuu

Ibsa:- Tarsimoo mana hojichaa qiyyeffame gara gochaatti jijjiruun bu’aa eggamu fiduun kaayyoo adeemsichaa galmaan gahanii jireenyi daa’immanii akka foyya’u taasisuun dhimma quuqamaa fi kaka’umsa guddaa barbaaduu dha.Hojii kanaafiis humna namaa danddetti qabu eggattummaa irraa bilisa ta’ee ofitti amanuu dhaan hojjetu jiraachuun murtessaa dha.Humna kana horachuuniis kan danda’amu yero-yeroon dandetti hojjettoota adeemsichaa cimsuun ta’a.

Kanumaafuu hanqinaalee dandeettii raawwii hojjettoota fi geggeessitoota Mirkaneessa Mirga fi Nageenya Daa’immanii sadarkaa hundatti jiranii addaan baasanii beekuun , leenjiiwwan gaggabaaboo fi kan hojiirraa sakata’iinsa feedhii irratti kan hundaa’ee haala itiifufiinsa qabuun kennuu; akkasumas jijjiirama leenjichi raawwii hojii irrattii fide madaalaa deemuun danddettii raawwachisummaa hojjettootaa gama hundaan cimsuun galmagahiinsa hojii ademsichaaf murtessaa dha.



Bu’aa:- Dandeettii raawwachiisummaa fooyya’e

Milkaa’ina :- Kaayyoo Mana Hojichaa galma gahe

14 .Itti Fayyadamummaa teeknooloojii ammayyaa dabaluu

Ibsa:- Yeroon kuni addunyaan gara ganda tokkotti kan itti deebite dha.kuniis kan ta’u danda’e meeshaalee amayyaan adda-adda fayyadamuun odeffanno hunda bakka jiranitti yeroo barbaadanitti argachuu waan danda’ameef dha.Teknolojiwwan akkanaaniis fayyadamuun hojii adeemsichaa gara sadarkaa olaanutti guddisuun ni danda’ama.

Kanaafiis,Teeknooloojiiwwaan ammayyaa amala adeemsichaaf barbaachisan adda baasuun(sadarkaa naannoo hanga aanaatti), sirna quunnamtii godinaalee fi aanaalee akkasumas adeemsoota waliin jiraachuu malu fi fayyaadama isaa diriirsuun, tooftaalee meeshaaleen teeknooloojichaa ittii guutaman maddisiisuun, hojjettotaa akkaataa amala hojii isaanitiin leenjii akka argatan haala mijessuun fayyadammummaa teeknooloojii ammayyaa isaanii akka guddisan taasisuun hojii adeemsichaa saffisuun ni danda’ama.



Bu’aa :-Fayyadama teekinoolojii dabale.

Milkaa’ina:- Saffisa tajaajilaa dabale

15.Aaadaa fi Naannoo hojii foyyessuu

Hojjettoonni dhimma daa’immanii sadarkaa sadarkaan jiran dudhaa mana hojichaa hubaachuuf fi hojiitti jijjiruu akkasuumas haallii naannoo hojii akka mija’uuf gochuu dha.

Hojii kununsa fi guddina daa’immanii kana galmaan gahuuf aadaa waliin hojjechuu (team sprit) dagaaguun barbaachisaadha. Kuniis hojjeettoni hundi hubannoo gaha hojii irratti argataanii wal bakka bu’anni ykn hojii wal harkaa fuudhanii hojjechuun maammilli akka itti quufu gochuudha.

Hojiin akka saffiisuu fi qulqullina godhatuuf hojjettooni muuxannoo gaarii bakka biroo irraa akka fudhatan mijeessu, kannen raawwii hojiin cimaa ta’an badhasuu akkasuumas meeshaalee hojii barbaachisaa ta’an akka guuttamuuf taasiisudha. Gama birootiin rakkoolee hawaas-dinagdee isaan qabaan mala furmaataa itti argachu danda’u mijeessuun hojjetamu qaba.

Adaa fi naannoo hojii akkaataa amala hojiichaatiin gabbisuu dhaan hojjettonni kaayyoo kaa’ame galmaan gahuuf onnee guutuu, kaka’umsa olaanaa fi feedhii hojii guddaa horatanii akka hojjetani taasiisuf barbaachisaa waan ta’eef xiyyeffannoo gudda kennamuufi qaba.

Bu’aa: Aadaa hojii fooyya’ee fi naannoo hojii mijaawaa uumame

Milkaa’ina: Kaka’umsaa fi raawwii hojii dabale


.Kaayyoo Tarsimmaa’aa Ol’aanaa Mana Hojiichaa (Corporate Level Strategic Objectives)
Ctives)
3.3Kallattii/

Perspective/


Kaayyoo tarsimmaa’aa



Lammii/

maamila


  1. Amantaa dubartootni fi daa’imman mootummaa irratti qaban guddisuu

  2. Itti quufiinsa dubartootaa fi daa’immanii dabaluu




Faayinaansii




  1. Gahumsaa fi bu’aa qabessummaa baajataa dabalu

  2. Ittifayyadama qabeenya fooyyeessuu




Adeemsa Hojii keessaa

  1. Hojiimaata Bulchiinsa gaarii fi kenniinsa tajaajilaa foyyessuu

  2. Sirna qabiinsa ragaa fi odeeffannoo foyyessuu

  3. Sirna karoora , hordoffii, deeggarsa, to’annoo fi gamaaggamaa foyyeessuu

  4. Gahumsa Dubartootaa dabaluu

  5. Mirgaa fi Nageenya dubartootaa fi daa’immanii irratti hirmannaa Ummataa fi dhimmamtootaatiiin ilaalcha hawaasaa fooyyessuu

  6. Kunuunsa fi deeggarsa dubartootaafi daa’imman miidhaa adda addaf saxilaman guddisuu

  7. Gurmaa’insa dubartootaa fi daa’immanii mirgoota diimookraasii isaanii dagaagsanii fi kabachiisan cimsu

  8. Sirna sakatta’iinsaafi qorannoo guddisuu

  9. Idileessa Dhimmoota seektaroota hunda guddisuu

  10. Koorniya fi Dhimmoota Daa’immanii idileessuun hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa fi daa’immanii guddisuu

Ijaarsa Dandetti

  1. Humna raawwachiisummaaoggantootaafi ogeessotaa cimsuun kenna tajaajilaa fooyyeessu

  2. Itti fayyadama teeknooloojii ammayyaa dabaluu.

  3. Aadaa fi naannoo hojii foyyessuu

Bu’aa mul’ataa(Vision result):- Dubartoota gama hundaan gahoomanii walqixxumman korniyyaa                                                       mirkanaa’ee fi mirga dubartootafi daa’immanii kabajame



GULANTAA ARFAFFAA (Step Four)


  1. MAAPPII TARSIMAA’AA QOPHEESSUU (Preparing Strategic mapping)

Sadarkaalee hojii ijaarsa sirna madaallii bu’aa karoora tarsiimoo keessaa tokko qophii maappii tarsiimoo dha. Maappiin tarsiimoo fakkii galmoota tarsiimo’aa kallattiwwan madaallii adda addaa keessatti kaa’aman sababaa fi bu’aadhaan walitti hidhamanii faayidaa dabalata uumuudhaan bu’aan tarsiimoo’aa akkamitti dhufuu akka danda’u wal-simsisuun galmoota kan itti mul’atuu fi tarsiimichi gabaabinaan kan ittiin ibsamuudha.
Maappiin tarsiimoo’aa, tarsiimicha haala salphaa ta’een ibsuudhaan hubachiisuun hogganaan, raawwattootni fi qaamni hundi hubannoo isaanii akka gabbifatan meeshaa gargaaruudha.

Dabalataanis, bu’aalee duraa fi boodaa (leading and lagging) gidduu walitti hidhaminsa cimaa jiraachuu isaa kan ittiin mirkaneessinu ta’ee ifaa fi gabaabaa akkasumas xiinxalootni tarsiimoo’aa fi sababni qunnamtii bifa mul’achuu danda’uun fakkii ittin ibsinuu dha.

Kallatti madaallii isa ol’aanaa irraa ka’uudhaan hanga isa gadiitti galmootni sababaa fi bu’aan walitti hidhamanii bu’aa barbaadamu tajaajilamtootaa fi qaamota biroof kan uumu ta’uu isaa fakkichaan ni ibsama. Maappicha irratti galmootni kallattiiwwan madaallii ol-aanaan kaa’aman qabiyyee tarsiimichaa maal akka ta’e, galmootni kallattiwwan madaallii gar-jalaa kaa’aman ammoo qabiyyeen tarsiimichaa akkamitti argamuu akka danda’u kan argisiisaniidha.

Bu’uruma yaad-rimee kanaan maappiin tarsiimoo Waajjira Dhimma dubartootaa fi Daa’imman Godinaa Lixa Shawaa akka armaan gadii ta’a.



Toora xiyyeeffannoo :- Hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa mirkanessuu


Amantaa dubartootni mootummaa irratti qabanu guddisuu
Bu’aa tarsimmaa’aa Dubartootaa gama hawaasummaa,dinagdee fi siyaasaan gahoomanii wal qixummaa koorniyaa mirkanaa’e .

Lammii

/maamila


Ittiquufiinsa dubartootaa dabaluu


Fayina

ansii



Qo’annoo fi Sakatta’insa babal’isuu

Gahumsa fi bu’a qabeessummaa baajataa fooyyeessuu

Ittifayyadama maallaqaa fi qabeenyaa fooyyeessuu



Adeemsa Hojii

Keessaa

Gurmaa’ina mirgoota diimookraasii dubartootaa babal’isan guddisuu



S/K/H/D/T/G fooyyeessuu


Kunuunsa fi deggarsa dubartootaa guddisuu

Hojiimaata Bulchiinsa Gaarii fi kenna Tajaajilaa fooyyeessuu




Dhimma koorniyaa idileessuun hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa dabaluu
S/K/H/D/T/G fooyyeessuu

Gahumsa Dubartootaa dabaluu




Sirna Qabiinsa Ragaa fi odeeffannoo daa’immanii fooyyeessuu



Hirmaannaa uummataa fi dhimmamtootaa guddisuu



Idileessaa dhimmoota seekteroota hundaa guddisuu


Ijaarsa Dandeettii


Dandeettii raawaachiisummaa cimsuu

Fayyadama teeknooloojii hammayyaa dabaluu

Aadaa hojii fi naannoo fooyyeeessuu


Toora xiyyeeffannoo :- Mirkaneessa Mirga fi Nageenya Daa’immanii


Amantaa daa’imman mootummaa irratti qabanu guddisuu
Bu’aa tarsimmaa’aa:- Daa’imman mirgi fi nageenyi isaanii kabajamee guddatanii abdii gaarii egeree biyya ta’an.

Lammii

/maamila


Ittiquufiinsa daa’immanii dabaluu


Fayina

ansii



Gahumsa fi bu’a qabeessummaa baajataa fooyyeessuu

Ittifayyadama maallaqaa fi qabeenyaa fooyyeessuu



Adeemsa Hojii

Keessaa


Hojiimaata Bulchiinsa Gaarii fi kenna Tajaajilaa fooyyeessuu

Qo’annoo fi Sakatta’insa babal’isuu



Kunuunsa fi deggarsa daa’immanii guddisuu


Dhimma daa’immanii idileessuun hirmaannaa fi fayyadamummaa isanii dabaluu



S/K/H/D/T/G fooyyeessuu




Sirna Qabiinsa Ragaa fi odeeffannoo daa’immanii fooyyeessuu



Gurmaa’ina mirgoota diimookraasii daa’immanii babal’isan guddisuu




Hirmaannaa uummataa fi dhimmamtootaa guddisuu


Ijaarsa Dandeettii


Fayyadama teeknooloojii hammayyaa dabaluu

Aadaa hojii fi naannoo fooyyeeessuu

Dandeettii raawaachiisummaa cimsuu


1. Hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa mirkanessuu 2. Mirkaneessa mirgaafi nageenya daa’immanii

Bu’aa Mul’ataa(Vision Result):- Hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa fi kabaja mirga fi nageenya daa’immanii mirknaa’e .

Lammii

/maamila


Ittiquufiinsa dubartootaa fi daa’immanii dabaluu

Amantaa dubartootni fi daa’imman mootummaa irratti qabanu guddisuu
\


Gahumsa fi bu’a qabeessummaa baajataa fooyyeessuu
Fayina

ansii



Yüklə 2,42 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   ...   20




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin