Gamaaggama Raawwii Walakkeessaa kgt-ii



Yüklə 286 Kb.
səhifə11/23
tarix20.05.2023
ölçüsü286 Kb.
#127325
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   ...   23
Report GTP-II Final Volume-I

Mirkaneessa Pirojektii

Eega Biiroon Konistiraakshinii hundaa’ee booda rakkini kun furamaa kandhufe ta’us, pirojektotni buleeyyiin qorannoo fi dizaayiniin osoo hinmirkanaa’in bajataan deeggeramanii ijaarsatti galame heddutu jira. Kana waan maaltu akka hojjetamuu fi yeroo fi baasii hangamiitiin akka raawwatamu, akkasumas ummata hangamii akka fayyadu osoo dura-bu’amee hinmurtaa’in hojitti galameera. Kanaaf kankaraa bane gama tokkoon fedhii ariitiin misoomuu yemmuu ta’u gama biraatiin ammo hooggansi keenyaa qajeeltoodhaan buluu keessaa ba’ee bakka ga’etti ummataaf waadaa gala adeemuu isaati. Kana ta’uu isaatiin gama ijaarsa bu’uurota misoomaatiin bu’a-qabeessuummaan mootummaa gadi-bu’eera. Haa ta’uu malee rakkini kun ammas sadarkaa godinaa fi magaalaatti guutummaatti hinfuramne.

  1. Bittaa tajaajilaa konistiraakshinii

Sirni bittaa tajaajilaa ifa ta’e osoo jiruu bittaan tajaajila konistiraakshinii keenya rakkina keessa galee argama. Kanaafis agarsiiftuwwan koontiraaktara ga’umsa hinqabneef hojii kennuu, koontiraaktara tokkoof ykn muraasaaf irra deddeebiin hojii kennuu, fi qorannoo fi dizaayinii osoo hinmirkaneessisin caalbaasii geggeessuudha. Kana malees dhaabbileen misooma mootummaa hojii baay’inaan ofharkarraa qaban hojii dabalataan fudhachuudhaan socho’uu dadhabuun isaanii wanta fala barbaadu akka ta’e ilaaluu barbaachisa.

  1. Dhiyeessa meeshalee

Hojiiwwan ijaarsa bishaanii yeroo hedduu dhiyeessi meeshalee gama mootummaatiin rawwatama. Adeemsi kun adeemsa yeroo dheeraaf baramee fi bu’a-qabeessa jedhamee itti-amanamaa turedha. Haa ta’uu malee bal’ina hojii fi fedhii jiru wajjiin yeroo ammaa hojimaata boodatti-hafaa akka ta’e ilaaluu barbaachisa. Yeroo heddu rakkinicha hanqina sharafa biyya-alaa wajjiin walqabsiisanii ibsuuf yaaliin gidhamu bu’uurarraa dogoggora ta’ee fudhatamuu qaba. Rakkina kana hiikuuf filannoo lama keessaa tokkoon adeemuu barbaachisa. Filannoon inni salphaan mootummaan dhiyeessa meeshalee ijaarsaa keessaa ba’uudhaan guutummaa hojii koontiraaktaraaf dhiisuudha. Filannoon inni lammaffaan, bittaa meeshalee ijaarsa pirojetiitiin bara bajataa tokko dursanii raawwachuudhaan mana kuusaatti galfachuudha.


  1. Yüklə 286 Kb.

    Dostları ilə paylaş:
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin