Gamaaggama Raawwii Walakkeessaa kgt-ii


Walharkaafuudhinsa bu’uura misoomaa



Yüklə 286 Kb.
səhifə13/23
tarix20.05.2023
ölçüsü286 Kb.
#127325
1   ...   9   10   11   12   13   14   15   16   ...   23
Report GTP-II Final Volume-I

Walharkaafuudhinsa bu’uura misoomaa

Walharkaa fuudhinsa bu’uurota misoomaa keessatti rakkini ijoon bakka qaamni dhimmi ilaallatu hundi jirutti raawwatamuu dhabuu isaati. Kanarraa kanka’e hojii hinxumuramin walharkaa fuudhuu fi tajaajilaaf oolchuun akkasumas hojii sadarkaa isaa hin’eegganne walharkaafuudhuun mudateera.


  1. Bulchiinsa bu’uura misoomaa

Bu’uuraaleen misoomaa ijaaraman yeroo tajaajila ummataatiif oolan haalli ittiin ummatni ofitti fudhatee bulchuu fi kunuunsu yeroo-gara-yerootti fooyya’aa dhufaa jira. Fkf bishaan magaalaa intarpiraayizii mataa isaa danda’een kanbulu yemmuu ta’u bishaan baadiyyaa koree bishaaniitiin kan bulu akka ta’e beekamaadha. Jallisiirratti hojiin yeroo ammaa hojjetamaa jirus ittifayyadama bishaaniirratti rakkina uumamu hiikuu qofaaf osoo hintaane jallisiin ijaarame ittifufiinsaan tajaajila kemmuu akka danda’u ni gargaara jedhamee amanama. Gama kanaan bulchiinsi bu’uura misoomaa ummataan hindhuunfatamin hafe daandiidha. Sagantaa waliinga’iinsa daandii baadiyyaatiin daandiin hanga ha’aatti km 35,042 ijaaramee tajaajilaaf banaa ta’eera. Haa ta’uu malee ummatni ittifayyadama isaa too’achuu fi bulchuu akka danda’u sirni diriirfame waan hinjirreef geejjiba humna isaatii-ol baadhatee yeroo gabaabaa keessatti manca’aa jira.
Bu’uurota misoomaa ummatni ykn intarpiraayiziin tokko yemmuu bulchu tajaajila bu’uura misoomaa sanirraa galii seera-qabeessa sassaabee bu’uura misoomaa sana ittiin bulchuuf ni oolcha. Haa ta’uu malee galiin bifa kanaan sassaabamu bu’uura misoomaa sana suphuufis ta’e sadarkaa isaa fooyyessuuf ga’aa hinta’u. Kanaafuu, madda gara-biraarraa maallaqa barbaaduun hinhafu. Kana waan ta’eef bu’uurota misoomaa ijaaraman ittifufiinsaan tajaajila kennuu akka danda’an fandiiwwan hundeessuun dhimma ittiyaadamuu qabudha.

  1. Hooggansa dhaabbilee misooma mootummaa

Dhaabbileen misooma mootummaa naannichaa 9 keessaa 6 hojii ijaarsa bu’uurota misoomaarratti kan bobba’anidha. Kaayyoon hundeeffama dhaabbilee kanaa hanqina humna konistiraakshinii duuchuudhaan gabaa dame kanaa akka tasgabbeessaniif, akkasumas lafa dhaabbileen dhuunfaa hinseenne gahuudhaan ummata tajaajiluuf akka ta’e beekamaadha. Haa ta’uu malee hojii kana bifa intarpiraayiziitiin akka raawwatan yemmuu taasifamu kasaaraadhaan akka raawwataniif hinturre. Pirojektii tokkorratti yoo kasaaran pirojektii biraa irraa buufachaa yoo xiqqaate deeggersa keessaa akka ba’aniif; yoo ta’e ammo gabaa osoo hinjeeqin bu’aa akka buufataniifidha. Haa ta’uu malee dhaabbileen misoomaa kun akka dhaabbata bu’aaf hojjetuutti hoogganamaa waan hinjirreef hojii lafarra harkisuun fi qabeenya qisaasuudhaan ofis kasaarsanii ijaarsa bu’uurota misoomaas miidhaa irraan gahaa jiru. Kanaafuu yeroo itti-aanutti hanqini gama kanaan mul’atu sirraa’ee dhaabbileen kun bu’aa giddu-galeessa godhatanii akka socho’an keessa-deebiin akka gurmaa’an ni taasifama.
Walumaagalatti rakkinootni hooggansa pirojektii keenya keessatti mul’atan qisaasamaaf saaxilee kan nukenne ta’uu isaatiin hiyyummaa fi rakkini ummata keenyarratti akka umrii dheereffatan taasisee jira. Kallattiiwwan tokkon-tokkoo rakkinoota armaan-olitti ibsaman jalatti taa’an akkuma jiranitti ta’ee, dabalataan wantoota murteessoo lamaarratti kallattii kaa’uu barbaachisa. Inni jalqabaa ilaalch qorannoo fi dizaayiniif qabnu sirreeffachuudha. Waa’een pirojektii yoo ka’u kan yaada keenyatti dhufu ijaarsa. Haa ta’uu malee gufuun gurguddaan ijaarsa keessatti nu qunnamaa jiru maddi isaa rakkina qorannoo fi dizaayinii keessatti uumamudha. Kana waan ta’eef, qorannoo fi dizaayiniif iddoon kennamu akka hojmaataatti yoo xiqqaate kan ijaarsaan walgitu ykn kan ijaarsa caalu ta’uu qaba. Qorannoo fi dizaayiniin yeroo bal’aa fudhatanii naamusaa fi dandeettii ogummaa ol’aanaadhaan raawwatamuu qaba. Yoo kana ta’e rakkina ijaarsa keessatti nu qunnamu harka caalu hambisuu dandeenya.
Inni lammaffaan hirmaannaa ummataati. Ummatni qorannoo keessatti hirmaatee yaada kennuu dhabuu isaatiin rakkina pirojektota keenyarra ga’e ilaalleerra. Kana malees, qaamni hirmaachisu jiraannaan ummatni ijaarsa keessattis humnaa fi maallaqaan gumaacha akka godhu haala ittiin manneen barnootaa babal’ata yaadachuun gahaadha. Hirmaannaa ummataa humnaa fi maallaqaan godhamu caalaa garuu kan bu’a-qabeessuummaa hojii keenyaatiif murteessaa ta’e ummatni yaada kennuudhaan, falmuudhaan, fi qeequudhaan fi deeggersa hawaasa bal’aa qindeessuudhaan hirmaachuu danda’uu qaba. Gama kanaan hojiin ijaarsa jallisiitiin walqabatee jalqabame jiraatus deeggersa seeraa argachuu qaba. Kanaafuu, hojii konistiraakshinii keenya qaamota “3C” jedhamanii beekaman- client, consultant, contractor- afraffaa “community” itti dabaluudhaan “4C” seeraan beekamtii kennuu barbaachisa.


    1. Yüklə 286 Kb.

      Dostları ilə paylaş:
1   ...   9   10   11   12   13   14   15   16   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin