Gamaaggama Raawwii Walakkeessaa kgt-ii


Sirna hooggansaa fi fooyya’insa siviil sarviisii



Yüklə 286 Kb.
səhifə19/23
tarix20.05.2023
ölçüsü286 Kb.
#127325
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   23
Report GTP-II Final Volume-I

Sirna hooggansaa fi fooyya’insa siviil sarviisii

Sirna hooggansaa fi siviil sarviisii fooyyessuudhaan ga’umsaa fi bu’a-qabeessummaa fiduuf maniiwwan KGT II waa lamarratti akka xiyyeeffatan ta’eera. Isaan kunis, tokkoffaa, sagantaawwan fooyya’insa siviil sarviisii (JBAH, SMBKT, RJSS, ChL, fi Kaayzanii) guutummaan hojirra oolchuu; fi lammaffaa, TQOtti gargaaramuudhaan hojmaata manneen hojii hammayyeessuudha. Madaallii bara 2010 gaggeeffameen akka naannootti hojirra-oolmaan JBAH % 66.2, hojirra-oolmaan SMBKT %74, hojirra-oolmaan ChL % 57.5, fi hojirra-oolmaan RJSS % 59.5 irraa akka jiran hubatameera. Akka madaallii kanaatti JBAH fi SMBKT’n sadarkaa giddu-galeessaarra kan jiran yemmuu ta’u ChL fi RJSS sadarkaa gadi-aanaa irratti argamu. Gama biraatiin falaasama Kaayizanii leenjii kennuu bira darbee gara sagantaatti hinjijjiiramne.


Akkuma beekamu sagantaawwan fooyya’insa siviil sarviisii kun bara 2000 irraa kaasanii akka hojirra-oolan sochiin godhamaa ture. haa ta’uu malee ammas sadarkaan raawwiin isaanii irratti argamu amansiisaa miti. Kaayyoon meeshalee jijjiiramaa kana hojirra oolchuun saffina, qulqullinaa fi iftoomina mirkaneessuudhaan bu’aa ol’aanaa galmeessisuudha. Kana malees hojirra-oolmaan meeshalee jijjiiramaa kun qisaasama leecalloo fi malaammatummaa ni hambisa jedhamee itti amanama. Kallattii biraatiin yoo ilaalle, meeshalee jijjiiramaa kana hojirra-oolchuu dhabuun malaammaltummaaf karaa saaqa.
Gama qisaasama bajataatiin yemmuu ilaallu, waggaa lamaa fi walakkaa kana keessatti manneen hojii mootummaa naannichaa keessatti hir’ini maallaqaa Qar 48,723,011.27 kan argamee fi Qar. 11,347,899.20 (%23) kan deebi’e akka ta’e gabaasni Mana Hojii Oditara Ol’aanaa Oromiyaa ni agarsiisa. Qisaasama maallaqaa kana yemmuu bajata bara-baraan ramadameen walbiratti ilaalamu % 0.03 hanga % 0.05 kan ga’u yemmuu ta’u, qisaasamni maallaqaa kun bara-baraan giddu-galeessaan % 17’n gadi-bu’aa jira. Raga kanarraa kaanee yemmuu xiinxalinu bajata Mootummaa irratti qisaasamni godhamu salphataa waan jiruuf kiraa sassaabummaan gadi hir’ataa jira nama jechisiisa. Haa ta’uu malee gama tokkoon ragaan kun kan waggoota sadii qofaa ta’uu isaatiin haala jiru sirritti waan hin’ibsineef; gama biraatiin ammo maallaqni hir’ate haala gaariin deebi’aa waan hinjirreef xumura akkasii irra ga’uuf nama hindandeessisu. Kana malees hir’ini maallaqaa mul’achuu dhiisuun isaa gonkuma kiraa sassaabummaan hinjiru hinjechisiisu. Kanafuu, dhimma kiraa sassaabummaa irratti argannoo qo’annoo Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa fi Yunivarsiitiin Saayinsii fi Teknolojii Adaamaa gaggeessan fudhacuun filatamaadha.
Akka qo’annoon Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Yunivarsitii Saayinsii fi Teknolojii Adaamaa wajjiin ta’uun bara 2009 maxxansee baase agarsiisutti hubannoo hawaasa bira jiruun malaammaltummaan Oromiyaa keessatti yeroo-gara-yerootti dabalaa jira. Bu’aa hojirra-oolmaa meeshalee jijjiiramaa kanarraa eeggamuu fi sadarkaa hojirra-oolmaa isaaniitiin walbiratti yemmuu ilaallamu, argannoo qo’annoo kanaatiin kanwalsime ta’uu isaa ilaaluun barbaachisaadha. Dabalataanis, haala qulqullinaa fi saffina ijaarsa pirojektota keenyaa ilaaluun ni danda’ama.
Meeshalee jijjiiramaa kana akka hojirra hin’oolchine wanti rakkina uume maali? Kun qo’annoo mataa isaa danda’e barbaada. Haa ta’uu malee waa lama kaasuun ni danda’ama. Tokko, gurmaa’insa manneen hojii Mootummaa Naannichaa yeroo-yeroon godhamuun walirra-bu’iinsi angoo manneen hojii giddutti uumamuu isaati. Kanarraa kanka’e hojii kamtu eessatti hojjetama kanjedhu mataa isaa danda’ee akka madda rakkina kanaatti fudhatamuu danda’a. kanuma hubachuudhaan yeroo ammaa gurmaa’insaa fi angoo manneen hojii irratti fooyya’insi godhamaa jira. Rakkini ijoon garuu rakkina ittifayyadama TQOti. Manneen hojii keenya tajaajila hammayyaa’aa fi hawaasa bira dhaqqabu kennuuf TQO fayyadamuun dirqama.
TQO fayyadamuuf haala amma itti adeemnu kanaan jijjiirama fiduu hindandeenyu. TQOn walqabsiisee gama tokkoon hooggantootni dheebuu argisiisuu dhabuun isaanii, gama biraatiin dhaabbileen TQO dhuunfaa biyya kanarratti maqaa gaarii kanhinqabne ta’uu isaaniitiin wanti hundi akkuma jirutti akka turu ittimurtaa’ee jira. Murtiin kun murtii sirrii waan hintaaneef komiin ummataa babal’atee sadarkaa Mootummaa haaromsa keessa galchuutti cee’e jira. Kanaaf fala kanta’u dhaabbilee misooma mootummaa naannichaa waldorgomanii fudhachuudhaan manneen hojii TQO’n hammayyeessan hundeessuu barbaachisa.

    1. Yüklə 286 Kb.

      Dostları ilə paylaş:
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin