Gamaaggama Raawwii Walakkeessaa kgt-ii


Kaayyoo Gamaaggamichaa (objectives)



Yüklə 286 Kb.
səhifə2/23
tarix20.05.2023
ölçüsü286 Kb.
#127325
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   23
Report GTP-II Final Volume-I

Kaayyoo Gamaaggamichaa (objectives)


Kaayyoon ijoon gamaaggamichaa adeemsa walakkaa KGT II keessatti maniiwwan waggaa shaniif taa’an keessaa hangam akka raawwatamee, kanhinraawwatamin hafe sababa maaliitiin akka hinraawwatamin beekuu, fi kallattii fuula duraa kaa’uudha.
    1. Tooftaa Gamaaggamichaa (Approach)


Gamaaggama kana gaggeessuuf koreen ol’aanaa (steering committee), koreen kilastaraa (cluster committee), koreen teeknika ol’aanaa (higher technical committee), fi koreen teeknika kilastaraa (cluster technical team) hundaa’anii socho’aa turaniiru. Koreen ol’aanaan karoora gamaaggamichaa kan raggasise yemmuu ta’u, koreen ol’aanaa teeknikaa “framework” gamaaggamaa qopheessuudhaan kilastaraa fi manneen hojiitiif dabarseera. Kanumarratti hundaa’uudhaan, koreen teeknikaa ol’aanaan gabaasa (manneen hojii fi kilastaraan gamaaggamamee) barreeffamaan koreewwan teeknika kilastaraa irraa dhiyaateef mariidhaan gabbisaa dhufee sadarkaa xumuraa irraan gahee jira.
Tooftaa gamaaggamaa kana keessatti dhimmi iddoo ol’aanaa qabu tokko ragaadha. Gosti raga gamaaggama kanaaf oolan hangamtaa (quantitative) fi akkamtaa (qualitative) yemmuu ta’an madda odeeffannoo jalqabaa (primary sources) keessattuu hordoffii raawwii hojii gaggeeffamaa ture fi madda odeeffannoo harka lammaffaa (secondary sources) kan akka gabaasa manneen hojii, Eejensii Istaatistiiksii Giddugaleessa, fi qo’annoowwan gara-garaa turan. Xiinxalli raga hangamtaa caalmaatti haala guddinaa (trend analysis), uwwisa (coverage), hiraa (ratio) irratti xiyyeeffatee gaaggeefame. Xiinxalli akkamtaa haalota hooggansaa fi hojmaataa irratti kan xiyyeeffate ta’ee madda rakkinootaa addaan baasuuf yaalii godha.
    1. Hanqinoota Mul’atan (limitations)


Gamaaggama kana keessatti rakkina guddaa ta’ee kan harkisaa ture qulqullina ragaati. Qabiisni raga manneen hojii imaammataan waan hinhoogganamneef ragaan walfaallessu yeroo adda-addaatti mana hojii tokkorraa argamuun fi gabaasnis guutuu ta’ee yeroo barbaadametti dhiyaachuu dhabuun rakkina guddaa ture. kana malees, ragaan EIGG irraa argamus iddoo tokko-tokkorratti xiinxalaa gaggeessuu keessatti rakkina ta’ee mul’ateera. Fkf barnoota keessatti hirmaannaan qulqulluu %100 ol ta’ee kan mul’ate dogoggora raga EIGG irraa kanka’edha.


  1. Yüklə 286 Kb.

    Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin