Gamaaggama Raawwii Walakkeessaa kgt-ii



Yüklə 286 Kb.
səhifə9/23
tarix20.05.2023
ölçüsü286 Kb.
#127325
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   ...   23
Report GTP-II Final Volume-I

Misooma jallisii

Irkannaa roobaa jalaa bahuu ijaarsa jallisii hammayyaa babal’isuun hojii murteessaadha. Hanga bara 2007tti Oromiyaan jallisiiwwan hammayyaa 473 (xixiqqaa 448, giddu-galeessa 22, gurguddaa lama, fi isprinkilarii tokko) lafa heektaara 72,575 altokkotti misoomsuu danda’an qabaachuu turte. KGT II kana keessatti jallisiiwwan hammayyaa haaraa 955 (xixiqqaa 429, giddugaleessa 18, gurguddaa 9, inspiriinkilarii 249, fi jallisii cophaa 250) dabalataan ijaaruudhaan dabalataan lafa heektaara 210,041 altokkotti misoomsuuf karoorfameera. Kana keessaa walakkaan isaa walakkeessa KGT II kanatti akka xumuramu yaadamee hanga ammaatti jallisiiwwan 88 (xixiqqaa 83, fi giddugaleessi 5) xumuramanii (kan waggaa shanii keessaa % 9.21) lafa heektaara 7,199.5 (kan waggaa shanii keessaa % 3.43) dabalataan misoomsuu danda’aniiru. Kanaanis abbootiin/haawwotiin warraa 25,454 (kan waggaa shanii keessaa % 3.74) fayyadamaa ta’anii jiru.


Akkuma karooraa irraa ilaaluun danda’amu jallisiin xiqqaan tokko giddu galeessaan lafa he 120, jallisiin giddu galeessi he 588, fi jallisiin guddaan he 6847 kan altokkotti misoomsuu danda’a. Kanarraa kaanee raawwii keenya yemmuu xiinxalinu, sababni raawwiin keenya gama lafa misoomeetiin baay’ee gadi-bu’eef xiyyeeffannaan keenya jallisii xixiqqaarratti ta’ee waan tureefidha. Jallisii xixiqqaa 5 misoomsuu fi jallisii giddu-galeessa tokko misoomsuun gama lafa misoomuu danda’uutiin kan walgitu ta’us haqa-qabeessuummaa ijaarsa jallisii eeguuf akkasumas ijaarsi jallisii xixiqqaa salphaa ta’uu wajjiin walqabatee jallisiin xixiqqaan filatamaadha. Haa ta’uu malee jallisiin xixiqqaan yeroo heddu laga xixiqqaa (steams) hordofanii kan ijaaraman waan ta’eef, laggeen kun ammo gogiinsaaf saaxilamaa waan jiraniif, jallisiiwwan xixiqqaan kun yeroo gabaabaa booda faayidaan-ala ta’uu danda’u. Kanaafuu, saffina misoomaatiif xiyyeeffannaan keenya gara jallisii giddu-galeessaa ykn bajata gahaa ramaduun yoo danda’ame ammo gara jallisii gurguddaa naannessuun murteessaa ta’aa dhufeera.

      1. Yüklə 286 Kb.

        Dostları ilə paylaş:
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin