Gamaaggama Raawwii Walakkeessaa kgt-ii


Hooggansa pirojektota misoomaa



Yüklə 286 Kb.
səhifə10/23
tarix20.05.2023
ölçüsü286 Kb.
#127325
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   ...   23
Report GTP-II Final Volume-I

Hooggansa pirojektota misoomaa

Hojiin ijaarsa bu’uurota misoomaa (ijaarsa manneen barnootaa, dhaabbilee fayyaa, gamoowwani, fi kanbiraatis dabalate) sirna hooggansa pirojektotaa cimaadhaan yoo deeggerameen alatti fiixa-ba’uu hindanda’u. Kuni ta’uu dhabuu isaatiin, akkuma armaan-olitti ilaalle, ijaarsi bu’uurota misoomaa keenya harkifataa waan ta’eef galma kaawwanne bira ga’uuf hindandeenye. Hojii ijaarsa bu’uurota misoomaa keenya waggoota darbanii yemmuu ilaallu qorannoo pirojektii bu’uura misoomaa irraa kaasee hanga bulchiinsa bu’uurota misoomaatti hanqinooti akka jiran addaan baasuun danda’ameera.



  1. Qorannoo

Qorannoon ijaarsa bu’uurota misoomaa keenya gama tokkoon kan ummata (fayyadamaa fi dhimmamaa) hinhirmaachifne yemmuu ta’u, gama biraatiin naamusaa fi dandeettii ogummaatiin deeggeramee kanhinraawwatamne akka ta’e gamaaggamaan bira gahameera. Hirmaannaa ummataa ilaalchisee rakkinoota mul’atan keessaa pirojektii bishaan dhugaatii Arsii Nageellee Siraaroo qofa kaasuun gahaadha. Pirojektiin kun godina Arsii Lixaa keessatti Arsii Nageellee, Magaalaa Shaashamannee, Shaallaa, fi Siraaroo waliingaha. Pirojektiin kun bara 2001tti yemmuu jalqabamu waggoota lama keessatti xumuramuuf yaadameti. Pirojektiin ummata 540,163 obaasuuf karoorfame kun haala gatii bara 2005tti fooyya’een Qarashii 133,307,975’m ijaarsama. Haa ta’uu malee hojiin hanga kana guddaa kun diddaa ummatni madda gubbaa jiruutiin rakkina keessa galee jira Rakkini akka kanaa silaa yeroo qorannoo sirritti qulqullaa’ee fala argachuutu irra ture.
Gama naamusa ogummaatiin rakkinootni sadarkaa qorannoo pirojektiitti mul’atan gorsitootni gadi-bahanii raga dirreerraa (lafarraa) osoo hinsassaabin hojii isaanii “xumuruu” isaaniiti. Kana waan ta’eef ragaan sobaa kun qophii dizaayiniitiif eega oole booda dizaayiniin hojii ijaarsaa gaafa lafarra bu’u haala lafaa wajjiin yeroon inni itti waldidu baay’eedha. Dizaayinii fi haalli lafarra jiru yeroo itti waldidan tarkaanfiin fudhatamu dizaayinii fooyyeessuu ta’a. kun ammo yeroo ijaarsaa garmalee dheeressuu fi baasii dabaluu isaarrayyu saamichaaf karaa akka banu hubachuun hinrakkisu. Kana malees dandeettiin qorannoo ogeessaa rakkina qaba. Kanaaf fakkeenya gaarii kanta’an boolla bishaan gadifagoo bakka heddutti qotamanii osoo bishaan hinkennin hafanidha.

  1. Dizaayinii

Wanti qorannoorratti dabe dizaayiniirratti rakkisuun isaa akkuma jirutti ta’ee, hanqini naamusa ogeessaa dizaayinii keessatti rakkinoota gara biraas uumaa jira. Kunisa, dizaayinii keessaa hojiiwwan hanga ta’e hambisuudhaan booda jijjiirraan hojii (variation) akka ittigaafatamu taasisuun isa tokko yemmuu ta’u, inni gara biraa dizaayinii iddoo tokkoof qophaa’e osoo hinfooyyessin iddoo gara biraatiif ittigargaaramuudha. Dizaayinii iddoo tokkoof qophaa’e iddoo biraatiif ittigargaaramuun ijaarsa keessatti hanqina qulqullina ijaarsaatiif sababii ta’uu isaarrayyu fooyya’insa gatii hojiitiif saaxila. Rakkinootni dizaayiniirratti mul’atan kun gara jijjiirraa hojiitii fi hojii dabalataatti waan geessaniif ijaarsi akka harkifatu fi gatiin ijaarsaa akka dabalu taasisuu bira darbee saamichaaf karaa banee jira.


  1. Yüklə 286 Kb.

    Dostları ilə paylaş:
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin