Gamaaggama Raawwii Walakkeessaa kgt-ii


Bulchiinsa koontiraataa fi hordoffii ijaarsaa



Yüklə 286 Kb.
səhifə12/23
tarix20.05.2023
ölçüsü286 Kb.
#127325
1   ...   8   9   10   11   12   13   14   15   ...   23
Report GTP-II Final Volume-I

Bulchiinsa koontiraataa fi hordoffii ijaarsaa

Hordoffiin pirojektiirratti godhamu sadarkaa qorannoo irraa qabee sirnaan adeemuu qaba. Haa ta’uu malee gorsitootni hojii qorannoo fi dizaayinii fudhatan yeroo hundumaa haal-duree waliigaltee eeganii adeemaa jiraachuu fi hojii isaanii sirnaan raawwachaa jiraachuu isaanii abbootiin pirojektii bifa guutuu ta’een hordofaa hinjiranu. Kanarraa kanka’e gorsitootni ogeessa ga’umsa qabutti hingargaaramanu; raga lafarra jiru qabatamaan sassaabanii dizaayiniif ittihinfayyadamanu.
Yeroo ijaarsi gaggeeffamus, hordoffiin koontiraaktarootarratti godhamu dadhabaa waan ta’eef hanqini qulqullinaa fi hojiin harkifataa pirojektota keenya keessatti amala ta’ee jira. Raawwiin koontiraaktarootaa sirnaan madaalamaa waan hinjirreef, koontiraaktarootni rakkina uumaa turanii fi kanneen biro waluma qixa dorgommiif dhiyaatu. Kana waan ta’eefis akkuma ittibaretti hojii baballeessaa adeemu. Sirni bulchiinsa koontiraataa sababa adda-addaatiin hojirra hin’oolu waan ta’eef pirojektootni keenya qisaasamaaf saaxilamuu isaaniirrayyu rakkini ummata keenyarratta akka umriidheereffatu taasisee jira. Kana malees, hordoffii ijaarsaa keessatti haalli ittiin ummatni hirmaatu seeraan deeggerame waan hinjirreef hojichi iftooma dhabee jira. Pirojektoota tokko-tokko sadarkaa godinaa fi aanaatti hoogganamuu danda’an sadarkaa naannootti qabachuudhaan fageenyarraa haalli ittiin hordofamuuf yaalamu kunis sirrachuu qaba. Dhimmi kun kan dhaabbilee dhuunfaa qofa ilaallatu osoo hintaane dhaabbilee misooma mootummaa ni ilaallata.

  1. Bajataa fi kaffaltii

Bajata naannichaa hojiiwwan hunda waliinga’uuf jecha haalli ittiin ramadamus pirojektoota tokko-tokkoof sababii harkifannaa ta’ee jira. Fakkeenyaaf pirojektiin jallisii Fantaallee fi Tibilaa bajatni bara-baraan ramadamu hojicha gara fuula duraatti deemsisuuf rakkisaadha. Haala amma ittiin bajatni ramadamaa jiruun pirojektotni kun xumuramuuf amma booda waggoota 8-10 fudhata. Kana malees, kaffaltii hojii ijaarsaa yeroodhaan raawwatamuu dhabuun harkifannaa ijaarsota keenyaatiif gumaachee jira; harkifannaan ammo daballii gatiitti nugeessuurrayyu komii ummataa nutii kaasisee jira.



  1. Yüklə 286 Kb.

    Dostları ilə paylaş:
1   ...   8   9   10   11   12   13   14   15   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin