Bishaan dugaatii qulqulluu waliingahuu
KGT II kana keessa iskiimota bishaan dhugaatii baadiyyaa fi magaalaa haaraa ijaaruudhaan fi kanneen jiran suphuudhaan uwwisa bishaan dhugaatii bara 2007tti % 50.9 irra ture hanga bara 2010tti % 69.7 irraan gahuuf karoofameera. Haaluma kanaan iskiimota bishaan dhugaatii baadiyyaa gosa adda-addaa 47, 136 ijaaruf karoorfamee ijaarsi iskiimota adda-addaa 18,033 xumuramee jira.Kanaanis uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu % 63.5 irraan ga’uun danda’amee jira. Kana keessaa uwwisni bishaan baadiyyaa % 63.7 irra kan jiru yemmuu ta’u kan magaalaa % 62.2 irratti argama. Raawwiin kun gadi-aanaa kan ta’eef rakkina dhiyeessa meeshalee fi hooggansa ijaarsaatiin walqabateen akka ta’e hubatamee jira.
Dabalataanis suphaa iskiimota turanii gaggeessuudhaan baay’ina iskiimota tajaajila hinkennina bara 2007tti % 15 irra ture bara-baraan % 19.73’n fooyyeessaa bara xumura KGT-II tti % 5tti gadibuusuuf karoorfameera. Haa ta’uu malee adeemsa hanga ammaatti bara baraan giddugaleessaan % 11.72’n fooyyeesaa gara % 10.32tti gadi-buusuun danda’ameera. Suphaan iskiimotaa hanga barbaadame akka hindeemne kan taasise gama tokkoon dhiyeessa meeshaa yemmuu ta’u gama biraatiin dandeettii teeknikaa jirudha.
Rakkinootni gurguddoon gama dhiyeessii, hooggansa pirojektii, fi dandeettii teeknikaatiin mul’atan akkuma jiranitti ta’ee, gurmaa’insi hojii ijaarsa bishaanii fi bulchiinsa tajaajila bishaanii keessa deebi’amee ilaallamuu akka qabu ilaaluu barbaachisa. Kunis, tajaajilli bishaan baadiyyaa koreedhaan kan bulu yemmuu ta’u dhiyeessa meeshaleetiif gara giddu-galeessaatti dhufanii deeggersa barbaaduun isaanii dhiyeessa meeshalee fi ga’umsa teeknikaa wajjiin walitti ida’amee rakkina guddaa ta’ee jira. Kana malees, dhaabbileen tajaajila bishaan dhugaatii magaalaa suphaa gurguddaadhaf deeggersa giddu-galeessarraa kan barbaadan yemmuu ta’u kenna tajaajila isaaniitiin walqabatee hordoffiin jiru laafaa waan ta’eef madda kiraa sassaabdummaa ta’ee jira. Kana waan ta’eef bulchiinsi tajaajila bishaanii cimee akka socho’uu danda’u taasisuuf gurmaa’insi mijataan diriirfamuu qaba.
Ijaarsaa fi suphaawwan kana raawwachuudhaan bu’aan argame maal fakkaata? Ulaagaa hangina bishaan nama tokkoof guyyatti dhiyaatuu (baadiyyaatti litira 25 fi magaalaatti litira 30-100 keessatti) fi fageenya buufata bishaanii irraa jiruun (baadiyyaatti km 1.0 fi magaalaatti km 0.25) bu’uura godhachuun, uwwisni bishaan dhugaatii qulqulluu bara 2007tti % 50.9 tureera. Kana keessatti uwwisni kan bishaan baadiyyaa % 52.6 fi kan magaalaa % 40.4 yemmuu xumura KGT IItti uwwisa kana gara % 78.9 (kan baadiyyaa % 79.1 fi kan magaala % 77.5) geessisuuf karoorfameera. Hanga bara bajata 2010tti uwwisa gara % 69.7 (kan baadiyyaa % 70.1 fi kan magaalaa % 67.6) tti olguddisuuf karoorfamee hanga ammaatti % 63.5 (baadiyyaa % 63.7 fi magaalaa % 62.2) qofaarra ga’uu danda’ame. Sochii kanaanis ummata Naannichaa keessaa % 63.5 qofaa bishaan dhugaatii qulqulluu akka argatu gochuu danda’ame. Uwwisa bishaan dhugaatii waliigalaa hanga bara 2010tti waggatti giddu-galeessaan % 11.05’n dabaluuf karoorfamus guddini uwwisaa yeroo kana keessatti mul’ate waggatti % 7.65 qofaadha. Akkuma ilaaluun danda’amu raawwiin gama dhiyeessa bishaan dhugaatiitiin jiru dadhabaa akka ta’e hubachuun ni danda’ama. Maddi rakkina kanaas hooggansa pirojektii keenya wajjiin kanwalqabate waan ta’eef sirna hooggansa pirojektii keenya ilaaluun murteessaa ta’a.
Dostları ilə paylaş: |