Goobanaa fayyisaa axinaafuu damissee nigaatuu balaachoo


Aangoo fi gahee /Ittigaafatamummaa/ ATTDhMMNO/



Yüklə 0,62 Mb.
səhifə16/16
tarix01.11.2017
ölçüsü0,62 Mb.
#26235
1   ...   8   9   10   11   12   13   14   15   16

Aangoo fi gahee /Ittigaafatamummaa/ ATTDhMMNO/


  1. Karooraa fi raawwii hojii dhaabbilee misoomaa ni hordofa, ni qorata;

  2. Dhaabbileen misoomaa akka hundeeffaman qo’annoo pirojaktoota ni gaggeessa;

  3. Walitti qabaa fi miseensa boordii dhaabbilee misoomaa mootummaa qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessuun akka ramadaman ni taasisa, raawwii hojiisaanii ni hordofa;

  4. Ramaddii odiitaroota alaa dhaabbilee misooma mootummaa ni mirkaneessa;

  5. Mootummaa waliin abbootii qabeenyaa hojii investimentii gaggeessuuf yaada piroojektootaa dhiheessan qoratee qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiheessa, yammuu mirkanaa’u hojii irra akka oolu ni hordofa, ni to’ata;

  6. Dandeettii dhaabbilee misooma mootummaa cimsuuf qo’anno ni gaggeessa qajeelfama waliigalaa ni kenna;

  7. Galmawwan waliigalaa fi karoora investimentii dhaabbilee misooma mootummaa ni mirkaneessa;

  8. Gabaasa herreega dhaabbilee misooma mootummaa odiitaroota alaatiin qorataman ni mirkaneessa;

  9. Herreegni dhaabbilee misooma mootummaa galmee irraa haala itti haqamuu danda’u irratti qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata, raawwii isaas ni hordofa;

  10. Bu’aa qulqulluu dhaabbilee misooma mootummaa irraa dhibbeentaa mootummaadhaaf yeroo yerootti dhangala’uu qabu qoratee mana mare bulchiinsa naannichaa tiif dhiheessuun akka murtaa’u ni taasisa;

  11. Kaappitaalli dhaabbilee misooma mootummaa akka dabalu yookiin akka hir’atu qoratee mana mare bulchiinsa naannichaatiif dhiheessuun akka murtaa’u ni taasisa;

  12. Dhaabbilee misooma mootummaa walitti makuun yookiin gargar baasuun yookiin diiguun barbaachisaa ta’ee yoo argame, gadifageenyaan qo’annoo gaggeessuun yaada murtii qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiheessa, yammuu hayyamamau hojii irra ni oolcha;

  13. Sirna onnachiiftuu bu’aa irratti xiyyeeffate hojii gaggeessitootaa fi miseensota maanajimantii dhaabbilee misooma mootummaatiif oolu ni qorata, qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiheessa, hojii irra oolma isaa ni hordofa;

  14. Yaa’ii waldaalee aksiyoona abba aksiyoonotaa irratti mootummaa bakka bu’ee ni hirmaata;

  15. Gaaffii hojjattootaa fi miseensoota maanajimantii dhaabbilee misooma mootummaa daangaa umurii sooramaa ol tajaajiluuf gaafatamu irratti bu’uura seeraatiin murtee dhumaa ni kenna;

  16. Dhaabbilee tajaajila bishaan magaalotaa fi baadiyyaa qaama dhimmi ilaalu waliin ni to’ata deeggarsa barbaach isaa ta’e ni kenna;

  17. Fandii misoomaa fi industirii dhaabbilee misooma mootummaa akka hundeeffamu ni taasisa, yamuu hayyamamu hojii irra ni oolcha
        1. Aangoo fi gahee Daarektoreetota hojii

        2. Daarektoreetii Hojii Ijoo Hordoffii, To’annoo, Deeggarsaa fi Gamaggama Raawwii karoora Dhaabbolee Misoomaa


  1. Waliigala Imaammata Dh/Misooma MNO amma jiranii fi kanneen fuula dura ittiin ogganaman Baasee Hojii irra ni oolcha

  2. Dambiiwwan/ Qajeelfamoota/ hojii dhaabbolee misoomaa fooyyessan, sirna hojmaata ifa ta’e baasa, hojii irra olmaa isaa ni hordofa

  3. Oggansa tarsiima’aa ta’e kennuun hojmaata gurmaa’insa humna namaa, bulchiinsa faayinaansii fi qabeenyaa gahumsa qabu akka hojii irra oluu ni hordofa, bu’aa isaas gamaggamee duub- deebbi ni kenna

  4. Sirna walitti hidhamiinsa, qindoominaa fi wal-deeggaruu dhaabbolee misoomaa jidduuttii fi dhaabbolee misoomaa fi fayyadamtoota jidduutti akka uumamu ciminaan ni hojjata

  5. Walitti-hidaminsaa fi Qindoomina Dhaabbolee misoomaa Damee Qonnaa fi Tajaajila ciminaan ni hojjata

  6. Dhaabbolee misooma mootummaa naannoo oromiyaa giddugaleessoota teeknooloojii fi dhaabbolee barnoota ol’aanaa (Universities) wajjin akka wal-deeggaranii fi hudhaalee misooma naannichaa hiikuu irratti akkaataa waliin hojjachuu danda’an uumuu, haala mijeessuu, deeggaruu fi hordofuu irratti cimee ni hojjata

  7. Qabiyyee Karoora galmawwan waliigalaa qopheessuun hojiiwwan faayidaa qabeessa ta’an akka hammataman ni taasisa

  8. Qabiyyee qophii karoora waggaa qopheessun dhaabbolee misoomaa tiif ni erga, akkaataa qabiyyeetiin akka dhiyaatu qophii karoora irratti ni deeggara

  9. Xiinxala karoora dhaabbolee misoomaa yeroon gaggeessa, akkaataa galmawwan waliigalaa kaa’ame (faayinaansii, Ijaarsa dandeettii, Bu’a dhaabbatichi argatu) fi qabiyyee karoora waggaatiin ta’uu isaa ni mirkaneessa

  10. Sirna madaallii raawwii hojii boordii fi oggansa dhaabbolee misoomaa bu’aa irratti xiyyeeffate baasee hojii irra ni oolcha, akkaataa sirna madaallii baheen yeroo yeroon gamaggama ni gaggeessa.

  11. Sirna hordoffii, to’annoo fi gamaggama raawwii karoora dhaabbolee misoomaa fi duub deebiin ittiin kennamu ni qopheessa, haaluma kanaan madaallii raawwii ni gaggeessa.

  12. Hordoffii fi To’annoo hojiiwwan karoora dhaabbolee misoomaa faayinaansiidhaan, Ijaarsa dandeettiitiin , raawwii hojii Boordiitiin yeroo-yeroon ni gaggeessaa.

  13. Hojii irra oolmaa Dambiiwwan/Qajeelfamoota / adda –adda humna raawwachiisummaa dhaabbolee misoomaa cimsuuf bahan ni hordofa, sirreeffamani barbaachisu yeroon akka fudhatamu ni taasisa

  14. Haala gurmaa’ina humna namaa fi fooyya’insa hojmaataa irratti qorannoo gaggeessuun paakeejii ijaarsa dandeettii ni qopheessa, sagantaa baasuun hojii irra oolmaa ni hordofa, duub deebiis ni kenna

  15. Bulchiinsi gaariin dhaabbolee misoomaa keessatti diriiruu fi hojii irra oolmaa isaa ni hordofa,

  16. Qaawwa dandeettii humna raawwachiisummaa dhaabbolee misoomaa yeroo yeroon adda baasuun qaawwaa mul’atan kallattii tarsiima’aa ta’een furuu

  17. Filannoo Odiitara alaa yeroon xiinxalamee akka mirkanaa’u ni taasisa

  18. Herreegni dhaabbolee misoomaa yeroo eeggatee cufamuu isaa fi ooditara alaatiin qoratamuu to’achuu fi hordofuu

  19. Herreega galmee irraa haqamuu qabu qulqulleessuun yaada murtii qaama ilaallatuuf dhiyeessuu.

        1. Daarektoreetii Hojii Ijoo Qorannoo, Qo’annoo fi Dagaagina Bizinasii

  1. Rakkoolee ijoo guddina dinagdee naannichaa seektaraan adda baasuu fi tartiiba barbaachisummaa isaatiin kaa’uu fi yaada qorannoo fi qo’annoo qopheessuu

  2. Qorannoo babal’ina pirojaktoota bu’a qabeessummaa dhaabbolee misoomaa guddisaan, dhaabbolee misoomaa adda baasuu, walitti makuu fi pirojaktoota haaraa hundeessuuf gargaaran gaggeesuun yaada murtii raawwiif ta’u dhiyeessuu

  3. Qorannoo pirojaktoota filatamanii gadi fageenyaan gaggeessuu

  4. Gamaggama fi xiinxala bu’aa qorannichaa gaggeessuu

  5. Gabbina/Fooya’insa/ bu’aa qorannichaa irratti seektaroota /Qaama /dhimmi ilaaluu wajjin marii gaggeessuu

  6. Duub-deebbii /yaadota ijaarsaa/ kennaman walitti qabuun qindeessuu, bu’aa qorannichaa guutuu taasisan baasuu, qaama mirkaneessuuf dhiyeessanii raggaasisuu fi hojii irra oolchuu

  7. Madda muuxanoowwan gaarii akkaataa amala dhaabboleetiin sakatta’anii adda baasuun yaada qorannoof/qo’annoof/ ta’u qopheessuu

  8. Qorannoo fi Qo’annoo muuxannoo gaarii gaggeesuu, qindeessuu fi filachuun bu’aa qorannichaa guutuu /Code of Best Practices/ baasuun tooftaalee raawwii wajjin dabarsuu

  9. Qorannoo fi qo’annoo haala dhaabbolee misoomaa: oggansa kaampanii , raawwii fi sirna hojmaata faayinaansii , misooma humna namaa fi itti fayyadama qabeenyaa, waliigala haala omishaa fi omishtummaa, bu’aa ykn faaydaa hanga ammaatti dhaabbolee misoomaa galmeessisan kaayyoo hundeeffama isaanii wajjin madaluun cimna hojmaataa fi Rakkoolee ijoo ta’an adda baasanii gaggeessudhaan sadarkaa fi haala dhaabbolee misooma naannoo oromiyaa yaada kallatti fuula duraa wajjin raawwiif dhiyeessuu

  10. Qorannoo Haala Ooggansaa, sadarkaa fi rakkoolee dhaabbolee misoomaa gaggeeffame bu’ureeffachuudhaan raakkoolee fi carraa fuula duratti jijjirama gabaa addunyaa keessatti jiraachuu danda’u agarsiisuu adda baasuun odeeffannoo/ragaa gabaa gahaa /qindeessanii qopheessuu fi hojii irra oolchuu.

  11. Qorannoo Karoora haala itti-fayyadama qabeenyaa/Resource planning/ gaggeessuun akkaataa bu’aa qoranichaatiin raawwachuu

  12. Bu’aa Qorannoo fi Qo’annoo pirojektootaa irratti hundaa’udhaan haala hundeeffama dhaabbolee misoomaa haaraa fi kanneen adda bahan ykn walitti makaman akkaataa gurmaa’uu qabaniin gurmeessuu fi hundeessuun hojiitti galchuu

  13. Qorannoo humna rakkina duraan qolachuu dhaabbolee misoomaa /Risk management planning strategy/ dandeessisuu gaggeesuun ragaa odeeffannoo gahaa kennuu.




Yüklə 0,62 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   8   9   10   11   12   13   14   15   16




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin