Goobanaa fayyisaa axinaafuu damissee nigaatuu balaachoo


Tarreeffama Fakkiiwwanii KUTAA TOKKOFFAA: SADARKAA KAROORSUU



Yüklə 0,62 Mb.
səhifə2/16
tarix01.11.2017
ölçüsü0,62 Mb.
#26235
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   16



Tarreeffama Fakkiiwwanii



KUTAA TOKKOFFAA: SADARKAA KAROORSUU

    1. Seensa


Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma ariifachiisaa fi ittifufiinsa qabu galmeessisuun jiruu fi jirenya uummata naannoo keenyaa fooyyessuuf, akkasumas galmoolee jaarraa mirkaneessun guddina biyya keenyaa keessatti qooda guddaa gumaachuuf waggootii darban keessatti sochii guddaa gochaa turee jira. Ammas waggootii kurnan nu fuuldura jiran keessatti biyya keenya sadarkaa biyyoota galii jiddugaleessaa qaban cinaa hiriirsuuf galma guddaa akka biyyaatti kaawwame bu`uureeffachuun karoora guddinaa fi tiraansfoormeeshinii qopheessee raawwii keessa galamee jira. Galma gahiinsi karoora kanaatiis kutannoo fi hirmaannaa bal`aa mootummaa, uummata fi abbootii qabeenyaa akka gaafatu ifa ta`ee jira. Mootummaan humnoota kanneen qindeessee fi haala mijeessee hojii keessa galchuun hoogganuu bira darbee iddoowwan murteessaa fi guddina diinagdee keenyaa keessatti faayidaa tarsiima`aa kennan keessatti kallattiidhaan hirmaachudhaan sochii godhamu deeggaraa turee jira. Ammas iddoowwan hirmaannaan uummataa fi abbootii qabeenyaa qofti gahaa hin taane keessatti kallattiin hirmaachuun guddina diinagdee keenya saffisiisuuf hojjachaa jira.

Mootummaan kallattiidhaan misooma keessatti kan hirmaatu hirmaannaa abbootii qabeenyaa otoo hin daangessine dhaabbolee misoomaa gabaa bilisaa keessatti hojjatanii fi hir`ina gabaa guutan dhaabudhaan. Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggootii darban keessatti iddoowwan tarsima`aa fi hirmaannaan abbootii qabeenyaa gahaa hin taane keessatti kallattiidhaan hirmaachuun wabii nyaataa mirkaneessuu fi guddina diinagdee keenyaa saffisiisuuf dhaabbolee misoomaa adda addaa hundeessudhaan sochii bal`aa keessa seenee hojii misoomaa bal’inaan hojjataa jira. Haala kanaanis karaa dhaabbolee kanaatiin hojiileen muuxannoo bal`aan irraa fudhatamuu danda`an heddu raawwatee jira. Waggootii itti aanan keessatti muuxannoowwan gaggaarii gama kanaan argaman babal`isuun dhaabboleen misoomaa keenya karoora Guddinaa fi Tiraansfoormeeshinii galmaan gahuu keessatti gahee isaan irraa eeggamu akka bahan mootummaan xiyyeeffannoo kennee hojjachuu irratti argama.Dhaabboleen misoomaa gahee isaan irraa eeggamu gahumsaan akka bahan haala isaan irra jiran sakatta`uu, hanqinaalee isaanii addaan baasuun guutuu fi cimina isaanii daran akka guddifatan deeggaruun barbaachisaa qofa osoo hin ta’in dhimma murteessa dha.

Kanaafuu,hojmaata dhaabbolee misoomaa gama hundaan hamayyeessuu fi teeknooloojiidhaan deegaruun sirna bulchiinsa gaarii diriirsuun feedhii misoomaa mootummaan (Hawaasn) qabu guutuuf, mana hojii ATTDhMMNO fi Dhaabbolee misoomaa hunda keessatti hojiin riiformii ykn qorannoon jijjirama bu’ura adeemsa hojii akka gageeffamu ta’ee jira.

Haluma kanaan,qorannoo Jijjirama Bu'ura Adeemsa Hojii (JBAH) mana hojii abbaa taayitichaa gaggeeffamee, haala karoora qophii qorannichaa, galama gahiinsa Imaammata Misooma Diinagdee Mootummaa keessatti gahee fi barbaachisummaa dhaabbolee misooma Mootummaa, xiinxala gurmaa’ina fi caaseffama mana hojii abbaa taayitichaa ergama isaa bahuu keesatti maal akka fakkaatu, Muuxannoowwan gaarii hoggansa dhaabbolee misooma mootummaa sadarkaa adunyaa fi biyyoolesaatti jiran, ragaalee ada-addaa fi fedhii mootummaa, Hawaasaa fi maamiltootaa,dhimmamtootaa fi deeggartootaa guutuuf, mul’ataa fi gurmaa’insa (caaseffama) haaraa humna namaa mana hojii abbaa taayitichaaf barbaachisu waliin kutaa sadiin dokmantii kana keessatti dhiyaatee jira.


    1. Kaayyoo Qorannichaa


Adeemsa hojii fedhii maamiltootaa giddugaleeffatee fi bu’a qabeessa, si’aa’inaa fi gahoomisa(efficient) qabu diriirsuun haala Abbaan Taayitaa To’annoo Dhaabbolee Misooma Mootummaa Oromiyaa hoggansa dhaabbolee misoomaatiif keennuu qabu kallattii hundaan cimsuun itti danda’amu diriirsuu dha.
    1. Bu’aa Qorannicha irraa eegamu (Output)


Gurmaa’ina/Caaseffama/Abbaa Taayitaa To’annoo Dhaabbolee Misoomaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa haala tarsiima’aa fi bu’a qabeessa ta’een Dhaabbolee Misooma Mootummaa gaggeessuu dandeessisu qoratanii hojii irra oolchuu dha.
    1. Ergama, Mul’ata fi Duudhaa Mana Hojichaa (Adeemsa Moofaa)

      1. Ergama


Dhaabboleen misooma mootummaa jiran humna isaanii guutuu sadarkaa fooyyee qabuun hojii irra akka oolchan, sirna maanaajimantii fi teeknooloojii fooyya’aatti fayyadamanii bu’aa caalmaa qabu akka galmeessan deeggaruu, hordofuu, to`achuu fi mirkaneessuu Dameelee diinagdee sababa adda addaatiin abbootiin qabeenyaa keessatti hin hirmaatiin, ykn hirmaannan isaanii keessatti laafaa ta`ee fi misooma keenya keessatti faayidaa tarsiimawaa ta`e kan qabaatan dhaabboleen misooma mootummaa haarawwan akka dhaabbatanii fi fedhii misoomaa gabaan gutuu hin danda’iin akka guutamu gochuu

Dhaabboleen misoomaa naannichaa baasii xiqqaadhaan hojii bal’aa hojjachuudhaan bu’aa argatanii akka guddatanii fi invastimantii naannichaa keessatti gahee isaan irraa eegamu akka bahan deeggaruu.


      1. Mul’ata


Dhuma KGTWS irratti Dhaabbolee Misoomaa gahumsa manaajimantii sadarkaa biyyaa fi adunyaatti fudhatama qabu (Meeting National and International standards in management efficiency) qabaatanii iddoo hanqinni gabaa jirutti hirmaachuun Faayidaa diinagdee tarsiima`aa fi ittifufiinsa qabu kan argamsiisanii fi sadarkaa gaanfa Afirikkaa keessatti dorgomtoota ta`anii akka argaman dandeessisuu dha.
      1. Duudhaa


ATTDhMMNO duudhaawwan ykn sonawwan (values and operating principles) armaan gadii qaba

  1. Amnataa balaaleffannaa kiraa sassaabdummaa fi hojimaata badaa

  2. Hawwii jijjiiramaa

  3. Komitimantii hojii

  4. Qulqullina hojii

  5. Aantummaa ummataa

  6. Al-logummaa

  7. Iftoomina

  8. Hirmaachisummaa

  9. Amantaa hojii garee /team spirit

  10. Amantaa walqixummaa saalaa (gender equality)

    1. Yüklə 0,62 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   16




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin