Gurmaa’nsaa, Hojimaata fi Sirna Deeggarsaa fi Hordoffii Koomaand Poostii Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa



Yüklə 118,22 Kb.
tarix29.11.2017
ölçüsü118,22 Kb.
#33262

Gurmaa’insa, Hojimaata fi Sirna Deeggarsaa fi Hordoffii Koomaand Poostii Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa


Biiroo Siviil Sarviisii fi Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa



Gurmaa’insa, Hojimaata fi sirna Deeggarsaa fi Hordoffii Hojii Koomaand Poostii Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa

(Isa dhumaa)

Guraandhala, 2008

Finfinnee

1. Seensa

Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma ariifataa, itti fufinsa qabu, ummatni sadarkaa sadarkaan irraa fayyadamuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuudhaan karoora yeroo dheeraa, giddu-galeessaa fi gabaabaa qopheessuun rakkoolee hawaas-dinagdee sadarkaa sadarkaan hiikuun hojii irra olchaa tureera.

KGT1ffaa dabarsine keessatti hirmanna fi fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneesuun injifannoo irraa gara injifannootti kan ceesisee fi milkaa’inni gaariin kan itti galmaa’e yoo ta’u, guddina jalqabame caalaman itti fufsiisuuf Mootummaan nannoo Oromiyaa KGT 2ffaa qopheesuun hojii irra oolchuu jalqabeera.

Bifa wal-fakkaatuun rakkoowwan bulchiinsa gaarii gufuu misooma keenyaa ta’an yeroo adda adda ummata irraa ka’an dhaggefachuun deebii kennuuf karoora addaa qopheessuun hojiitti galamee jira. Bara karoora 2008 kana keesattis rakkoo bulchiinsa gaarii sadarkaa sadarkaan ka’u deebisuuf xiyyeefannaa adda kennee gaggeesa jira.

Haaluma Kanaan karoora sosochii bulchiinsa gaarii bara KGT 2ffatti qophaa’ee karaa guutuu ta’een milkeesuuf gurmaa’insa fi hojimaata hojjechiisuu danda’u qopheesuun murteesaa ta’ee argaamee jira.

Kanaafuu, karoora Sosochii Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa(SBGO) bara 2008 qophaa’e milkeesuu fi hirmaannaa hoo’aa ummataatiin dhugoomsuuf, gurmaa’insa fi hojimaata Koomaand Poostii Bulchiinsa Gaarii Naannoo Ooromiyaa haala adda ta’een qophaa’ee jira.


Akkaataa gurmaa’insa fi hojimaata koomaand poostii bulchiinsa gaarii qophaa’ee kanan, qaamoleen dhimmi ilaalatu hundi gahee fi itti gaafatamummaa isaan irratti gatame karaa guutuu ta’een hojii irra oolchuun karoora KGT 2ffaa gama bulchiinsa gaarii mirkaneesuun qabame raayyaa ijaarameen milkeesuun murteessa dha.

Gurmaa’insa fi hojimatni koomand poostii bulchiinsa gaarii sadarkaa sadarkaan qophaa’e kunis sosochii bulchiinsa gaarii karaa guutuu ta’een hoogganuu fi sirna ittigafatamummaa karaa mirkaneesuu danda’uun qophaa’ee jira.



2. Kaayyoo

Kaayyoon gurmaa’iinsa fi Hojimaataa Koomand Poostii Bulchiinsa Gaarii naannoo keenyaa kan irratti xiyyeefate, Rakkoowan bulchiinsa gaarii adda bahan karaa ijaaramee fi gurmaa’insa komaand poostiin cimaan akka hoogganaman gochuuf, Rakkoo bulchiinsa gaarii adda bahan fi hiikaman karaa deeggarsa fi hordoffii ittifufiinsa qabuun hoogganamaa akka deeman gochuuf, Rakkoowwan adda bahan, yoom akka hiikaman, eenyu akka hiiku, yoo hiikamuu baate sirna ittigaafatamummaa akka hordofsiisu fi hojii irra oolmaa sosochii bulchiinsa gaarii ummata ijaarameen akka hiikamaa deemu gochuuf,



3.Galma

  • Raayyaa cimaa ijaarameen tajaajila mootummaan kennu hunda, deebii ariifataa kan dhugoomsu, si’oomina kan qabu, bu’a qabeesa kan ta’ee fi Sadarkaa hundattii qaqabamaa taasisuu,

  • Hojiiwwan bulchiinsa gaarii raayyaa ijaarameen milkeesuun fayyadammumaa ummata keenyaa haala amansiisaa ta’een dhugoomsuu,

  • Hojii misooma fi bulchiinsa gaarii ittifufiinsa akka qabaatu gochuun ittiqufiinsa uummata keenyaa karaa guutuu ta’een mirkaneesuu,

4.Barbaachisummaa

  • Gaaffin ummata keenyaa sadarkaa sadarkaan ka’aa jiru, dhimma kenniinsa tajaajilaa, dhimma deebii ariitii kennuu dhabuu fi dhimma tajaajiltummaa ummataa mirkaneesuu waan ta’eef mootummaan rakkoo bulchiinsa gaarii ummanni kaasu hundee irraa hiikuuf ijaarsa fi gurmaa’insa cimaa diriirsuun barbaachisaa waan ta’eef,

  • Bu’aawwan gama ijaarsa sirna dimookraasii, misooma fi nageenyatin argaman daran cimanii akka ittifufan gochuuf,

  • Raayyaa Damee Sadan cimsuun hojii misooma fi bulchiinsa gaarii dhugoomsuu haala addaan hin cinneen raawwachuun fayyadammumaa ummataa mirkaneesuuf

5.Gurmaa’insa Koomaand Poostii Bulchiinsa Gaarii Sadarkaa Sadarkaan

Bulchiinsa Gaarii Naannoo Oromiyaatti jalqabame, karaa guutuu ta’een dhugoomsuuf Koomand Poostii Bulchiinsa Gaarii Sadarkaa sadarkaan ijaaruu fi Damee Dhaabaa, mootummaa fi Ummata ofkessatti qabachuun akka armaan gadiitti ijaaramee jira.



5.1. Gurmaa’insa Koomaand Poostii Bulchiinsa Gaarii Naannoo

T.L

Miseensota Koomaand poostii

Ittigaafatamummaa

1

Preezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Walitti Qabaa

2

I/A Pireezidaantii fi Hoogganaa BSSBGO

I/A/Walitti qabaa

3

Afyaa’ii Caffee Oromiyaa

Miseensa

4

I/G/Waaj.Dh.D.U.O.Giddu

Miseensa

5

Preezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa

Miseensa

6

Hog.Biiroo Industriif Mis. Magaalaa Oromiyaa

Miseensa

7

Hog. Biiroo Dhimm. Koomun. Mootummaa

Miseensa

8

Hog.Biiroo Haqaa Oromiyaa

Miseensa

9

Hog.Biiroo Bulchiinsa fi Nageenya Oromiyaa

Miseensa

10

I/G/Waajjira Pireezidaantii BMNO

Miseensa

11

Biiroo Lafaa fi Eegumsa Naannoo Ooromiyaa

Miseensa

12

I/G/Ejansii Mis. Mana.Lafa Magaalaa Oromiyaa

Miseensa

13

Koom. Koomishinii Invastmantii Oromiyaa

Miseensa

14

Daarektara Ejansii Misooma IMX Oromiyaa

Miseensa

15

Hooganaa Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa

Miseensa

16

Hog.Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa

Miseensa

17

I/G/ Waldaa Dubartoota Oromiyaa

Miseensa

18

I/G/Waldaa Damee Daldalaa Oromiya

Miseensa

19

I/G/ Waldaa Darggagoota Oromiyaa

Miseensa

20

I/A/ Hooganaa BSSBGO

Barreesaa


5.2 Koomaand Poostii Bulchiinsa Gaarii Sadarkaa Godinaa


T.L

Miseensota Koomaand poostii

Ittigaafatamummaa

1

Bulchaa Godinaa

Walitti Qabaa

2

I/G/ Waaj. Siviil Sarviisii fi Bul.Gaarii

I/Wal.Qaba

3

I/G/ Waaj. Haqaa

Miseensa

4

Prez.Mana Murtii Olaanaa Godinaa

Miseensa

5

I/G Waajjira Bulchiinsa Godinaa

Miseensa

6

I/G/ Waaj. Bulchiinsa fi Nageenyaa

Miseensa

7

I/G/Waaj. Industriif Misooma Magaalaa

Miseensa

8

I/G/ Waajjira Dhimmoota Koomunikeeshinii

Miseensa

9

I/G/Waajjira Daldalaa fi Misooma Gabaa

Miseensa

10

I/G/Waajjira Invastmantii Godinaa

Miseensa

11

I/G/Ejansii Manajimantii Lafa magaalaa

Miseensa

12

I/G/Ejansii Misooma IMX

Miseensa

13

I/G/Waaj. Galiiwwanii

Miseensa

14

I/G/Waaj.Dh.D.U.O. Godinaa

Miseensa

15

I/G/ Waldaa Dubartoota Godinaa

Miseensa

16

I/G/ Waldaa Darggagoota Godinaa

Miseensa


5.3 Koomaand Poostii Bulchiinsa Gaarii Sadarkaa Aanaa


T.L

Miseensota Koomaand poostii

Ittigaafatamummaa

1

Bulchaa Aanaa

Walitti qabaa

2

Afyaa’ii Mana Marii

Miseensa

3

Prez. Mana Murtii Aanaa

Miseensa

4

I/G/ Waaj. Siviil Sarviisii fi Bul.Gaarii

I/Wal.Qaba

5

I/G/ Waajira Bulchiinsa Aanaa

Miseensa

6

I/G/ Waaj. Haqaa

Miseensa

7

I/G/ Waajjira Dhimmoota Koomunikeeshinii

Miseensa

8

I/G/ Waaj. Bulchiinsa Fi Nageenya

Miseensa

9

I/G/ Waaj Misooma IMX

Miseensa

10

I/G/Waaj. Galiiwwan

Miseensa

11

I/G/Waajjiraa Dh.D.U.O

Miseensa

12

I/G/ Waldaa Dubartoota Aanaa

Miseensa

13

I/G/ Waldaa Darggagoota Aanaa

Miseensa


5.4 Koomaand Poostii Bulchiinsa Gaarii Sadarkaa Magaalaa


T.L

Miseensota Koomaand poostii

Ittigaafatamummaa

1

Kantiibaa Magaalaa

Walitti Qabaa

2

Afyaa’ii Mana Marii

Miseensa

3

I/G/ Waaj. Siviil Sarviisii fi Bul.Gaarii

I/Wal.Qaba

4

I/G/ Waaj. Haqaa

Miseensa

5

I/G/Waajjira Poolisii

Miseensa

6

I/G/Waajjira Kantiibaa Magaalaa

Miseensa

7

I/G/ Waajjira Dhimmoota Koomunikeeshinii

Miseensa

8

I/G/ Waaj. Bulchiinsa Fi Nageenya

Miseensa

9

I/G/Ejansii Misooma IMX

Miseensa

10

I/G/Ejansii Manajimantii Lafa magaalaa

Miseensa

11

I/G/Waaj. Galiiwwan

Miseensa

12

I/G/ Waajjira Dh.D.U.O

Miseensa

13

I/G/ Waldaa Dubartoota Magaalaa

Miseensa

14

I/G/ Waldaa Darggagoota Magaalaa

Miseensa


5.5 Koomaand Poostii Bulchiinsa Gaarii Sadarkaa Gandaa


T.L

Miseensota Koomaand poostii

Ittigaafatamummaa

1

Bulchaa Gandaa

Walitti qabaa

2

Maanajara Gandaa

I/Wal.Qaba

3

I/G/Koree Mana Murtii Hawwassumma

Miseensa

4

I/G/ Koree Bulchiinsa fi Nageenya

Miseensa

5

I/G/Koree Barnootaa

Miseensa

6

I/G/Koree Fayyaa

Miseensa

7

I/G/ Mana Maree Gandaa

Miseensa

8

I/G/ Waldaa Dubartoota Gandaa

Miseensa

9

I/G/ Waldaa Darggagoota Gandaa

Miseensa

6.Ittigaafatamummaa fi Gahee Hojii Koomaand Poostii Bulchiinsa Gaarii Naannichaa.


  1. Sosochii Bulchiinsa Gaarii Naannichaa Olaantummaan ni Hooggana.

  2. Hojimaata fi Gurmaa’insa Bulchiinsa Gaarii Koomand Poostii sadarkaa sadarkaan jiru akka qophaa’u ni taasisa.

  3. Rakkoon bulchiinsa gaarii sadarkaa naannoo irraa kaasee hanga gandaatti adda bahee akka qoratamu fi karoora mataa isaa danda’ee akka qophaa’uu ni taasisa,

  4. Manneen hojii hundi Rakkoowwan bulchiinsa gaarii adda bahaan irratti hundaa’uun, ka’umsa rakkichaa, furmaata rakkichaa, yeroo itti hiikkatuu fi qaama rakkicha hiiku adda baasuun sagantaa raawwii hojii akka qopheesaan ni taasisaa,

  5. Rakkoowwan bulchiinsa gaarii adda bahan akkaataa sagantaa raawwitiin hojii iraa akka oolu hoggansaa fi raawwataa sadarkaa sadarkaan jiran waliin waliigaltee tokko irra ni gaha,

  6. Sosochiin bulchiinsa gaarii naannichaa ittifufiinsaan akka raaawwatamu gochuun tarsiimoo koominikeeshinii Ummannii Odeefannoo wayitawaa argatan ni taasisa,

  7. Rakkoowwan bulchiinsa gaarii hiikamaa deemuu isaanii waltajjii gammaagama waliinii fi kan seektaraa ni qopheesaa,

  8. Rakkoowwan bulchiinsa gaarii adda bahaan furmaata argachaa deemuu isaanii karaa mana marii naannichaa, bakka bu’ootaa fi waltajjii ummataa irratti akka irratti mari’atamu ni taasisa,

  9. Hojii irra oolmaa isaa hordofuuf sirna deeggarsaa fi hordoffii idilaa’ee ni diriirsa,

7.Ittigaafatammumaa fi Gahee Hojii Koomaand Poostii Godinaa

  1. Sosochii Bulchiinsa Gaarii sadarkaa Godinaa jiru olaantummaan ni hoogganaa,

  2. Hojimaata fi gurmaa’insa bulchiinsa gaarii Koomandi poostii sadarkaa godinaatti akka qophaa’uu ni taasisa,

  3. Rakkoon bulchiinsa gaarii sadarkaa Godinaa irraa kaasee hanga gandaatti adda bahee akka qoratamu fi karoora mataa isaa danda’ae akka qophaa’uu ni taasisa,

  4. Mannen hojii hundi Rakkoowwan bulchiinsa gaarii adda bahaan irratti hundaa’uun, ka’umsa rakkichaa, furmaata rakkichaa, yeroo itti hiikkatuu fi qaama rakkicha hiiku adda baasuun sagantaa raawwii hojii akka qopheesaan ni taasisaa

  5. Rakkoowwan bulchiinsa gaarii adda baahan akkaataa sagantaa raawwitiin hojii iraa oolchaan hoggansaa fi raawwataa sadarkaa sadarkaan jiran irratti waliigaltee tokko irra ni gaha,

  6. Hojii bulchiinsa gaarii ittifufiinsaan akka raaawwataman taasisaa,

  7. Rakkoowwan bulchiinsa gaarii hiikamaa deemuu isaanii waltajjii gammaagamaa waliinii fi kan seektaraa ni qopheesaa,

  8. Rakkoowwan bulchiinsa gaarii adda bahaan furmaata argachaa deemuu isaa karaa kaabinee godinichaa fi waltajjii ummataa irratti akka mari’atamu ni taasisa,

  9. Hojii irra oolmaa isaa hordofuuf sirna deeggarsaa fi hordoffii ifa ta’ee fi idilaa’ee ni diriirsa,

8. Ittigaafatammumaa fi Gahee Hojii Koomaand Poostii Aanaa/Magaalaa

  1. Sosochii Bulchiinsa Gaarii Aanichaa/Magaalichaa Olaantummaan ni hooggana.

  2. Hojimaata fi gurmaa’insa bulchiinsa gaarii Koomandi poostii sadarkaa Aanaa/Magaalaatti akka qophaa’uu ni taasisa,

  3. Rakkoon bulchiinsa gaarii sadarkaa Aanaa/Magaalaa irraa kaasee hanga gandaatti adda bahee akka qoratamu fi karoora mataa isaa danda’ae akka qophaa’uu ni taasisa,

  4. Mannen hojii hundi Rakkoowwan bulchiinsa gaarii adda bahaan irratti hundaa’uun, ka’umsa rakkichaa, furmaata rakkichaa, yeroo itti hiikkatuu fi qaama rakkicha hiiku adda baasuun sagantaa raawwii hojii akka qopheesaan ni taasisaa

  5. Rakkoowwan bulchiinsa gaarii adda baahan akkaataa sagantaa raawwitiin hojii iraa oolchaan hoggansaa fi raawwataa sadarkaa sadarkaan jiran irratti waliigaltee tokko irra ni gaha,

  6. Hojii bulchiinsa gaarii ittifufiinsaan akka raaawwataman taasisaa,

  7. Rakkoowwan bulchiinsa gaarii hiikamaa deemuu isaanii waltajjii gammaagamaa waliinii fi kan seektaraa ni qopheesaa,

  8. Rakkoowwan bulchiinsa gaarii adda bahaan furmaata argachaa deemuu isaa karaa mana marii Aanaa/Magalaa fi waltajjii ummataa irratti akka mari’atamu ni taasisa,

  9. Hojii irra oolmaa isaa hordofuuf sirna deeggarsaa fi hordoffii ifa ta’ee fi idilaa’ee ni diriirsa,

9.Ittigaafatammumaa fi Gahee Hojii Koomaand Poostii Gandaa

  1. Sosochii bulchiinsa Gaarii Gandichaa Olaantummaan Ni hooggana,

  2. Hojimaata fi gurmaa’insa bulchiinsa gaarii Koomandi poostii sadarkaa Gandaatti akka qophaa’uu ni taasisa,

  3. Rakkoon bulchiinsa gaarii sadarkaa Ganda irraa kaasee hanga tokko shaneetti akka qoratamu fi karoora mataa isaa danda’ae akka qophaa’uu ni taasisa,

  4. Rakkoowwan Bulchiinsa Gaarii Adda bahaan irratti hundaa’uun caasan Gandichaa hundi sagantaa raawwii hojii akka qopheesaan ni taasisa,

  5. Rakkoowwan bulchiinsa gaarii adda baahan akkaataa sagantaa raawwitiin hojii iraa oolchaan hoggansaa fi raawwataa sadarkaa Ganda jiran irratti waliigaltee tokko irra ni gaha,

  6. Hojii bulchiinsa gaarii ittifufiinsaan akka raaawwataman taasisa,

  7. Rakkoowwan bulchiinsa gaarii hiikamaa deemuu isaanii waltajjii gammaagamaa waliinii fi kan caasaa gandaa ni qopheesa,

  8. Rakkoowwan bulchiinsa gaarii adda bahaan furmaata argachaa deemuu isaa karaa mana marii Gndaa fi waltajjii ummataa irratti akka mari’atamu ni taasisa,

  9. Hojii irra oolmaa isaa hordofuuf sirna deeggarsaa fi hordoffii ifa ta’ee fi idilaa’ee ni diriirsa,

10. Hojimaata Koomaand Poostii Bulchiinsa Gaarii Naannichaa

  1. Hooggansa koree koomand poostii bulchiinsa gaarii sadarkaa Naannoo, Sadarakaa Kilaastara fi sadarka seektaraa jiru rakkoowwan bulchiinsa gaarii sadarkaa naannoo irraa kaasee hanga gandaatti adda baasuu, hiikuu fi ummataan mirkaneesaa deemuu qaba.

  2. Rakoowwan bulchiinsa gaarii adda baasu fi hiikuu keessatti hirmaannaa ummataa ijaarameen akka deegaramu gochuu,

  3. Rakkoowwan bulchiinsa gaarii adda bahee, hiikamee fi kan hiin hiikamin hafe maaliif akka hin hiikamne waltajjii ummataatiin ibsi kennamuu qaba.

  4. Rakkoowwan adda bahaan irratti hojjetaa adda duree fi rawwataa sadarkaa hunda irra jiru waliin mari’achuu, waliigaltee irra gahuu fi hojii irra oolmaa isaatiif qopheesuu,

  5. Akkaataa sagantaa raawwii hojiitiin rakkoowwan rifoormii hojii irra oolchudhaan deebii argatanii fi rakkoowwan yeroo gabaabaatti deebii argachuu qaban (quick win), rakkoowwan yeroo giddugaleesaa fi dheeraa keessatti deebi’an irratti adda baasuun haala Dameen ummataa sadarkaa sadarkaan jiru hirmaachuu danda’au uumuu,

  6. Rakkoon bulchiinsa gaarii deebii argachuu isaatiin hojimaata safartuuleen itti quufinsa lammii mirkanaa’u diriirsuu,

  7. Manni marii sadarkaan jiru(Naannoo,Aanaa fi Ganda) hojimaata koree dhaabbitiin deggarsaa fi hordofii idilaa’ee akka deegaramu gochuu,

  8. Koreen qindeesituu Sagantaa Fooya’iinsa Sirna Haqaa waltajjii idilee isaatiin rakkoowwan bulchiinsa gaarii gama haqaatiin jiru sagantaa mataa isaatiin akka gaggeefamu fi hoogganamu gochuu,

  9. Dameen uummataa karaa ijaarameen (waldaa darggagootaa, waldaa dubartootaa fi waldaan hoogummaa) rakkoo bulchiinsa gaarii karooran qabamee hiikuu keessatti Ergama fi gahee isaanii akka bahan gochuu,

  10. Koomand poostiin bulchiinsa gaarii seektara sadarkaa sadarkaan jiru keessatti hooggansa olaanaa mana hojichaatiin kan gaggeefamuu fi koree mataa isa danda’een kan ijaaramu ta’a.

11. Sirna Deeggarsaa Fi Hordoffii Koomand Poostii Bulchiinsa Gaarii

11.1 Karoora SBGO

  1. Karoori SBGO sadarkaa Koomaand Poostii Bulchiinsa Gaarii Naannotti qindaa’ee kan dhiyaatu ta’a.


  2. Bifa walfakkaatuun, Karoorii SBGO sadarkaa Koomaand Poostii Bulchiinsa Gaarii kilaastara fi seektaraatti kan qindaa’uu ta’a.

  3. Seektaroonnii sadarkaa Naannoo irraa kaasee hanga Aanatti jiranis bifa walfakkaatuun karoora sosochii bulchiinsa gaarii qopheesuun qaama sadarkaa ol jiruun kan mirkanaa’u ta’a.

  4. Karoori SBGO sadarkaa hundatti dhiyaatu hundi, Hoggansa, raawwataa fi damee Ummataa isaan ilaalatuuf dhiyaatee yaadan kan gabbatuu fi waliigaltee irraa gahuun gara hojiitti kan jijjiiramu ta’a.

  5. Karoora sadarkaa sadarkaan mirkanaa’e fi irratti waliigalame bu’uura gochuun akkaataa armaan gadi dhiyaaten gabaasni yeroo isaa eeggate kan dhiyaatu fi qaama dhima ilaalatu hundaaf kan ibsamu ta’a.

11.2 Gabaasa SBGO


Gabaasni raawwii hojii barreefamaan sadarkaa olitti dhiyaatu kamiyyuu, hooggansa dhimma ilaalatuun xiinxalamee, ragga’e fi sirrummaan isaa miira ittigaafatamummaa hordofsiisuun mirknaa’ee qaama dhimmi ilaalatuuf ol darbuu qaba.

Haaluma Kanaan sirni gabaasa hojiiwwan bulchiinsa gaarii barreefamaan ol darbu akkaataa armaan gadiitiin kan dhiyaatu ta’a.



  1. Koreen koomaand poostii bulchiinsa gaarii Naannoo, koree sadarkaa Godinaa/Magaalaa jiru irraa, Gabaasa torban lamaa lamaan, jimaata sa’aatii 3:00 irraa eegalee E. Maailii fi barreefaman ni fudhata.

  2. Koreen koomaand poostii bulchiinsa gaarii Godinaa, Koree Koomaand poostii Bulchiinsa Gaarii Aanaa irraa Gabaasa torbanii (kamisa kamisa) sa’atti 3:00 irraa eegalee fudhata.

  3. Koreen koomand poostii bulchiinsa gaarii Magaalaa/Aanaa irra jiran, koree Koomaand Poostii Bulchiinsa Gaarii Gandaa irraa gabaasa guyyaa guyyaa dhan fudhata.

  4. Koreen Koomaand Poostii Bulchiinsa gaarii sadarkaa sadarkaan jiru, koomaand poostii sadarkaa oli jiru irraa gabaasa dhiyeeseef duubdeebii argachuu qaba.

  5. Gabaasni dhiyaatu hundi akkaataa staandardii gabaasatiin kan qophaa’uu ta’ee, mallattoo walittiqabaa yookiin I/A Walitii qabaa koomaand poostiin barreefamaani fi I-meeliin (tbgo2007@gmail.com yookiin sbgo2008 @gmail.com ) kan ergamu ta’a.

11.3 Suupervizionii SBGO

  1. Koreen koomaand poostii bulchiinsa Gaarii sadarkaa Naannoo irraa ramadame fi koreen koomand poostii bulchiinsa gaarii Godinaa fi Magaalaa qindominaan suuperviizinii ji’a ji’an kan gaggeesan ta’a,

  2. Koreen koomaand poostii bulchiinsa Gaarii sadarkaa Godinaa fi Aanaa/ Magaalaa qindominaan suuperviizinii ji’a ji’an gara Gandaatti boba’uun kan gaggeesan ta’a

  3. Dameen ummataa seektara dhimma ilaallatu irraa adda bahani, hojii bulchiinsa gaarii mirkaneesuuf bifa ijaarameen koomand poostii waliin ta’uun akka hordofan kan ramadaman ta’a.

  4. Koreen koomaand poostii bulchiinsa Gaarii sadarkaa Naannoo Godinaa, Aana fi Magaalaa irra jiru, adeemsa kenna tajaajilaa fi rakkoowwan bulchiinsa gaarii hiikamaa deemuu isaanii suupervizionii dhaan mirkaneesaa ni deema.

  5. Waldaan Dargaggootaa, waldaan Dubartootaa, liigonni dubartootaa fi dargagootaa, Waldaaleen hoggumaaa adda addaa suupervizionii bulchiinsa gaarii gaggeefamu hunda keessatti bifa ijaarameen kan socho’an ta’a.

  6. Rakkoon bulchiinsa gaarii sadarkaa Gandaa, Aanaa, Magaalaa fi Godinaatti Hiikamaan, akkasumas rakkoo humnaa oli ta’anii gara oliitti darbarsuun furmaata yeroo isaa eeggate argachaa deemuu isaanii gareen suuperviizinii sadarkaa hundatti ijaarame kan mirkaneesu ta’a.

11.4 Gamaaggama SBGO

  1. Koreen koomaand poostii bulchiinsa gaarii Naannoo, koree sadarkaa Godinaa/Magaalaa jiru waliin gabaasa torban lamaa lamaan dhiyaate irratti hundaa’uun gamaggama hojii viidiyoo koonfraansii fi akka barbaachisummaa isaatti immoo qaaman kan gaggeesu ta’a,

  2. Koreen koomaand poostii bulchiinsa gaarii Godinaa koree sadarkaa Aanaa jiru waliin gabaasa torban lamaa lamaan dhiyaate irratti hundaa’uun gamaggama hojii immoo qaaman kan gaggeesu ta’a

  3. Ji’atti yeroo tokko gamaaggamni bulchiinsa gaarii seektaroota sadarkaa Naannoo, seektaroota sadarkaa Godinaa fi magaalaa bakka jiranitti gamaagama raawwii hojii kan gaggeefamu ta’a.

  4. Konfransiin bulchiinsa gaarii sadarkaa Naannoo, Godinaa fi Magaalaatti rakkoowwan bulchiinsa gaarii adda bahaani furmaata aragatan irratti hundaa’uun sadarkaa hundatti kurmaana kurmaanaan kan gaggeefamu ta’a.

  5. Sosochiin bulchiinsa gaarii jalqabame hundi miiraa ittigaafatamummaa olaanaa hordofsiisuun kan raawwatamu ta’ee, meeshaaleewwan Riifoormii qoratamanii hojii irra oolaan haala guutuu ta’ee fi qindaa’een hojii irra oolchuuu yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeefannaan kan hoogganamu ta’a.

  6. Gamaagamni fi qorannoowwan adda addaa, sadarkaa hojii irra oolmaa bulchiinsa gaarii kan gaggeefamu guyyaa hojiitiin alaa fi sanbata lamaan irra ta’uu qaba.


12. Sirna Ittigaafatamummaa Mirkaneesuu

12.1 Hiika Ittigaafatamummaa

Gaafatamummaa jechuun namni yookiin qaamni tokko raawwii hojii isaatiin madaalamee bu’aa gaarii yoo galmeesse sirna itti jajjeebeeffamu, yeroo yakka hojjete immoo sirna ittigaafatamu jechuu dha. Waan kana ta’eef, sirni iftoominaa fi gaafatamummaa qajeeltoo dimookraasii fi bulchiinsa gaarii murteessaa ta’anii fi adda adda bahanii kan ilaalaman miti.

Gaafatamummaan akka sirnaatti bakka hin jiraannetti ittigaafatamummaa caasaa Mootummaa irratti gatame fiixaan baasuun baay’ee rakkisaa waan ta’eef sirni itti gaafatamummaa irraa gadi, gadii olii fi walcina akka jiraatu gochuun hooggansi bakka ittigaafatamummaan ramadametti hunda sirni gaafatamummaan mirkanaa’uu qaba.

12.2 Heera Mootummaa fi Ittigaafatamummaa

Akkaataa heera mootummaa biyyooleesaa fi Mootummaa naannoo keessatti bara 1987 keewwata 12ffaa keewwata xiqqaa 2 jalatti tuqameen ‘‘filatamaan ummataa fi ittigaafatmaan hojii kamiyyuu ittigaafatamummaa isaa yoo hir’ise, ittigaafatama’’ jedha. Gama biraatiin akkaataa keewwata 12ffaa keewwata xiqqaa 3 jalatti, ‘‘ummatichi bakka bu’aa filate irratti amantaa yomuu dhabu, iddoo isaattii kaasuu ni danda’a’’ jechuun sirni ittigaafatamummaa jiraachuu isaa jala muree kaa’ee jira.

Kanaafuu, Seektaroota raawwii isaanitiin bu’aa galmeesiisaniif beekamtii kennuuun akkuma jiruti ta’ee, gama biraatiin hoogganaan Mootummaa sanada bulchiinsa gaarii naannichaa karaa guutuu ta’een raawwachuu dhabuu fi raawwiin isaanii gadi-aanaa ta’e, ka’umsaa rakkoo isaanii gadi fageenyaan adda baasuu fi qorannaa gaggeesuun akkaataa sirna ittigaafatmummaa hojii irra ooluu fi tarkaanfii wal-madaalu akka fudhatamu ta’a.

Hooggansi sadarkaa sadarkaan jiru karoora mootummaan baase hojii irraa oolchuu fi kenniinsa tajaajilaa seektara isaa irraa eegamu karaa bu’a qabeesa ta’ee fi amantaa cimaan raawwachuun dirqama qaba. Kana ta’uu baanaan ittigaafatamummaa mootummaa fi ummanni itti kenne baachuu waan hindandeenyeef ittigaafatammuma kan hordofsiisu ta’a.



12.3 Ittigaafatamummaa bahaa dhabuu

Akkuma beekamu Hooggansi sadarkaa sadarkaan jiru karoora mootummaan baase hojii irraa oolchuuf imaanaa ummanii itti kenne bahuu dhabuun yeroo adda addaa kan calaqisu yoo ta’e illee gama Kanaan badii umamaa tureef sirni ittigaafatamummaa karaa guutuu ta’een hojii irra oolaa hin turee.

Kanaafuu, Hooggansi sadarkaa sadarkaan jiru tokkoffaa, karoora mootummaa qopheesuun yeroo fi akkaataa gaafatameen dhiyeesuu baanan ittigaafatamuu qaba. Lammaffaa, sanada raawwii hojii fi gabaasa mootummaa barreefamaan dhiyeesuu baanan ittigaafatamuu qaba. Sadaffaa, tajaajilaa ummataaf kennuu dhabuu fi harkisuun yeroo barbaadame keessatti murtee kennuu baanaan ittigaafatamuu qaba. Afaraffaa, hooggansi sadarkaa sadarkaan jiru Akkaataa barbaadamee fi gaafatameen dhiyeesuu yoo dadhabe sababa dhiyeesuu hin dandeenye, maal akka rakkate, maaliif deebii kennuu akka hin dandeenye, qaama isaa ol jiruuf barreefamaan gabaasa dhiyeesuu qaba. Hanqinni hooggansa bira jiru hanqina dandeetti, hanqina namuusaa fi hanqina dhibaa’ummaatiin walqabatee argame yoo ta’e, raga dhiyaatu irratti hundaa’uun tarkaanfiin sadarkaa adda addaatti kan fudhatamu ta’a.

Dabalataan, hooggansi sadarka sadarkaan jiru, hawaasa tajaajila kennuu qabuuf Deebii yeroo isaa eeggate kennuu dhabuu, Murtee harkisuu, hojimaata cabsuu fi kkf ittigaafatmumma isaa yoo hir’ise tarkaanfiwwan bulchiinsa fi seeraa fudhachuun murteesaa ta’a.

Kanaafuu gosaa fi akaakuu tarkaanfii hoggansi sadarkaa sadarkaan jiruf kennamuu qabu bu’uuruma heera mootummaa keessatti tumameen qajeelfama ofdanda’ee qopheesuun akkuma jirutti ta’ee mirgaa fi kabaja ummata keenyaa eegsiuun dirqama waan ta’eef tarkaanfiin adda addaa fudhachuun dirqama ta’a.

12.4 Tarkaanfii Bulchiinsaa fi Seeraa fudhatamuu qaban

Hooggansi sadarkaa sadarkan jiru, karoora erguu dhabuun, gabaasa qulqulina qabuu fi yeroo murtaa’ee keessatti dhiyeesuu dhabuun,murtii ummataa harkisuu fi tajaajila ummanni barbaadu yeroo ka’ame keessatti argachuu baanan koomand poostiin bulchiinsa gaarii sadarkaa sadarkaan jiru ragaa fi gabaasa dhiyaatu irratti hundaa’uun tarkaanfiiwwan armaan gadi fudhachuu danda’a.Tarkaanfiwwan fudhataman hooggansa olaanaa sadarkaa sadarkaan jiraniin ilaalamee kan raga’au ta’a.



  1. Ummata fuulduratti dhiyaatee dhiifama gaafachuu,

  2. Of eeggannoo afaanin,

  3. Of eeggannoo duraa Xalayyaa dhan,

  4. Xalayaa akeekachisaa isa dhumaa,

  5. Hooggansaa irraa Sadarkaa tokko gadi buusuu,

  6. Iddoo irraa kaasuu,

  7. Badii umeef seeratti dhiyeesuu,

Tarkaanfiwwan armaan olitti heeraman kan hojii irra oolaan, Ragaa yeroo adda addaa qabamu fi gamaaggama yeroo adda addaa taasifamee yaada keesa galachuun yookiin maddallii raawwii hojii yeroo yeroon gaggeefamee yookiin qabatamaan yaada Ummata tajaajila gaafatee dhabe irraa yeroo mirkanaa’uu, koomaand poostii bulchiinsa gaarii sadarkaa sadarkaan jiruuf dhiyaatee hooggansa sadarkaa sadarkaan jiruun murtee dhumaa kan argatu ta’a.

13.Xmuura

Sosochii bulchiinsa gaarii sadarkaa biyyaa irraa kaasee hanga Gandaatti gaggeesuun guddina dinagdee ariifata fi ittifufiinsa qabu sadarkaa olaanatti ceesisuun KGT 2ffaa dhugoomsuun dhimma murteesaa dha.

Sochiin misooma keenyaa hojii bulchiinsa gaarii ittifufiinsa qabuun deeggaramuu baannaan deebi’ee hudhaa misoomaa ta’ee nu rakkisuun isaa kan hafuu miti.

Kanaafuu hojimaata koomand poostii bulchiinsa gaarii kun akka milkaa’uu gochuuf raayyaa bulchiinsa gaarii cimaa ijaaruu gaafata. Kanaafuu miseensonni koree koomand poostiis ta’ee, hooggansi siyaasaa sadarkaa sadarkaan jiru hojiiwwan bulchiinsa gaarii gama hundaan jalqabame ittigaafatammumaa olaanaa fi namuusaa cimaan gaggeesuun karoora hiixataa qabame galmaan gahuun barbaachisaa dha.

Akkaataa hojimaata koomand poostii bulchiinsa gaarii barreefama kana keessatti kaa’ame bu’uurrefachuun gurmaa’insa isaa sadarkaa naannoo irraa kaasee hanga sadarkaa gandattii diriirsuu, karoorsuu fi qabatama hojiitti galchuun sochii bulchiinsa gaarii ittifufiinsa qabu keessa galchuun barbaachisaa dha.

Yeroo ammaa hojiin misoomaas ta’ee bulchiinsa gaarii galma barbaadame bira gahuu kan danda’u, raayyaa fi raayyaa ijaarameen qofa akka ta’e sirriitti hubachuun raayyaa damee dhaabaa, damee mootummaa fi damee ummataa bifa qindaa’een ijaaruun sosochiina bulchiinsa gaarii ittifufiinsa qabu keesa galchuu qabna.



Waan kana ta’eef, bara Karoora 2008 kana keessatti hojiin bulchiinsa gaarii dhimmaa yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeefannaa argate raawwatamu qofa ossoo hin taane, dhimmi jiraachuu fi jiraachuu dhabuu akka ta’e motummaan keenya amantaa guutuun qabatee sochii keessa galaa waan jiruuf sosochii bulchiinsa gaarii naannichaa dhugoomsuu dhabuun dhimmi ittigaafatamummaa hordofsiisu akka ta’e hubachuun barbaachisaa dha.


Yüklə 118,22 Kb.

Dostları ilə paylaş:




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin