Haala Godina Qellem Wallaggaa



Yüklə 1,78 Mb.
səhifə10/36
tarix10.01.2022
ölçüsü1,78 Mb.
#101804
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   ...   36
Dhiyeessii ilaalchisee

Meeshaaleen bu'uuraa yeroon hawaasa fayyadamaa bira akka ga'u gochuuf humna meeshaalee bu'uuraa raabsuu danda'u hirmaannaa uummataan yeroo barbaadametti dhiyeessufis ta'e yeroodhaan waraqaa qulqullinaa kennuu dadhabuun rakkoo hojii nu gaafatuudha.



2.2.3. Daldaltoota ilaalchisee

Ilaalchaan

Rifoormii daldalaa fi gabaa hojiirra ooluun faayidaan hawaasa keenyaa eegamuu dandaa'a amantaa jedhu fi anis kanaa keessatti fayyadamaan ta'a yaadni jedhu daldaltoota keenya birattii mul'achuu eegaleera. Daldalli seeraan alaas biyyaa fi daldalaa seera qabeessa miidha amantaan jedhus calaqqisuu jalqabeera. Daldaltoonni meeshaalee bu'uuraa raabsanis, hojichi bu'aa fi faayidaaf utuu hin taane dirqama lammummaa bahuudha ilaachi jedhus dhufuu eegaleera. Fooyya'umsi kun akkuma jirutti ta'ee hanqinaaleen hojii keenya bara kana keessatti xiyyeeffannoo barbaadanis ni jiru. Isaanis rifoormii daldalaa fi gabaa akka daldalaa gabaa keessaa baasuu fi akka isaan miidhutti ilaaluun akka jiru ilaaluun ni danda'ama. Kana malees daldaltoota seeraan ala socho'anis mootummaatu nutti gadi lakkise, nutis hayyama galchinee seeraa alummaatti deebina jechuunis ilaalcha sirraa'uu qabanii dha. Raabsii meeshaalee bu'uuraa irratti qooda kan fudhatanis dirqama lammummaa bahuun qaba amantaa jedhu laafaa ta'uun bu'aa irraa eegamu hanga kana miti, miidhamneerra to'annoon nutti cime jechuunis darbee darbee kan calaqqisuu fi gatii dabalanii gurguruu fi nama muraasaaf raabsanii ni dhume jechuun dabarsanii gurguruun rakkoo xiyyeeffannoo barbaaduu dha.




Yüklə 1,78 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   6   7   8   9   10   11   12   13   ...   36




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin