Haala Godina Qellem Wallaggaa



Yüklə 1,78 Mb.
səhifə11/36
tarix10.01.2022
ölçüsü1,78 Mb.
#101804
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   ...   36
Dandeettii ilaalchisee

Daldaltoonni keenya rifoormii daldalaa fi gabaa irratti hubannoon isaan qaban kanaan duraa fooyya'aa dhufeera. Miidhaa daldalli seeraan alaa isaan irrattis ta'e diinagdee biyyaa irratti fiduu danda'u hubatanii irraa of qusachuu irratti haalli jiru gaarii dha jechuun ni danda'ama. Kanuma faana qajeelfamaa fi hojimaata raabsii meeshaalee bu'uuraa hubatanii ittiin tajaajiluu fi tajaajilamaa irratti fooyya'iinsi mul'achuu eegaleera.

Haata'u malee jijjiiramni mul'achuu eegale kun akkuma jirutti ta'ee, rakkooleen hojii nu gaafatan adda baahanis jiru. Hanqinaaleen xiyyeeffannoo barbaadanis rifoormii daldalaa fi gabaa, akkasumas qajeelfamaa fi danbiiwwan mirgaa fi dirqama isaanii addaan baasanii hubachiisuuf waltajjii irratti yeroo waamaman amala baramaan daldaluuf deemuu malee dandeettii fi ga'umsa koo cimsachuun qaba hubannoon jedhu dadhabaa dha. Kanumaan walqabatee mirgaa fi dirqama isaanii beekuu irratti hubannoon jiru laafaa ta'uun walqabatee dirqama isaanii bahuu irratti booda harkifachuutu mul'ata. Raabsii meeshaalee bu'uuraatiin walqabatees dirqama lammummaa bahuun qaba hubannoon jedhus dadhabaa dha.

Dhiyeessii

Meeshaalee bu'uuraa yeroo ta'ee fi bakka barbaadametti dhiyeessuun rakkoolee armaan dura dhufan walbira qabnee yeroo ilaallu fooyya'insi mul'achuu jalqabeera. Haata'u malee rakkoon keessaa hin baa'amnes jira. Innis hojii dhuunfaa ofii ilaaluun yeroo argamanii meeshaalee bu'uuraa qaama dhimmi alaalu irraa fuudhanii dhiyeessuu dadhabuu fi waraqaa qulqullinaa fudhatanii of-harka tursuun rakkoo hiikamuu qabuu dha.




Yüklə 1,78 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   ...   36




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin