Haala Godina Qellem Wallaggaa


Adeemsa Hojii Seera Qabsiisa daldalaa



Yüklə 1,78 Mb.
səhifə15/36
tarix10.01.2022
ölçüsü1,78 Mb.
#101804
1   ...   11   12   13   14   15   16   17   18   ...   36
Adeemsa Hojii Seera Qabsiisa daldalaa ilaalchisee Sirna daldala keenyaa seera qabsiisuuf Hojii raawwatu keessaa hojii hubannoo uumuu fi Daldaltootni seerota, qajeelfamoota fi dambiiwwan mootumma bahan irratti hundaa’uudhaan hojii isaanii akka geggeessan gochuudhaaf to'annoo, dhiyeessaa, raabsa fi gatii meeshaalee bu’uuraa,Qorannoo madda daldala seeraan alaa geggeessuu, safartuulee madaallii fi daldalaa seeraan alaa iratti gaggeessuun barbaachisaa dha. Haaluma kanaan hojjiwwan waggaa kana keessatti raawwatamanii fi bu’aan argame akkaataa armaan gaditiin dhihaataniru.

Uummataa bal’aa fi Hawaasni daldalaa seeraa fi dambiiwwan hojii daldalaa bahan hubatanii daldalaa seera qabeessa ta’anii hojjechuun fi gahee isaanii irraa eegamuu akka gumaachan gochuuf daldaltoota 50,330'f marsaa 12 hubannoo kennuuf karoorfamee daldaltoota 56,971 ta’aniif irra deddeebiidhaan hubannoon kennameera. Raawwiin isaas 100 % ol ta’a. Hubannoo hawaasa bal'aa 153,641 karoorfamee 145,296 (94.57) raawwatameera. Haaluma kanaan hubannoo kenname kanaan seerawwan daldalaa eeguun tajaajila qulqullina qabu kennuun jaalqabee jira.

Dhaabbilee daldalaa 112,752 to’annoo ulaa ulaa irra-deeddebiin geggeessuuf karoorfamee dhaabbilee daldalaa 113,274 taa'an irratti to’annoon gaggeefameera. Raawwiin isaas bara 2009 keesaa 100 ol ta’a.


Yüklə 1,78 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   11   12   13   14   15   16   17   18   ...   36




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin