Haala Godina Qellem Wallaggaa


Ergama, Mul’ata, Dudhaalee Mana Hojichaa



Yüklə 1,78 Mb.
səhifə5/36
tarix10.01.2022
ölçüsü1,78 Mb.
#101804
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   36
Ergama, Mul’ata, Dudhaalee Mana Hojichaa

Ergamni barbaachisummaa hundeeffama jaarmiyaa kan agarsiisuu yoo ta’u, mul’anni immoo jaarmayichi waggoota dhufan keessatti jijjiirama kallattii hundaan fiduudhaan maal irra akka gahuun irra jiraatu kan agarsiisuu dha. Haaluma kanaan ergamni fi mul’anni Waajjira Daldalaa fi Misooma Gabaa G/Q/Wallaggaa kanatti aanee dhiyaataniru.

  1. Ergama (Mission)

Sirna daldala fi gabaa hammayya’aa fi haqa-qabeessa ta’e diriirsuun ummannii fayyadamaa akka ta’u taasisuu dha.

  1. Mul'ata (Vision)

Bara 2017tti Godina Q/Wallaggaa keessatti misoomni daldala fi gabaa dagaagee, jiruu fi jireenyi uummataa Godina Q/wallaggaa fooyya’ee gara biyyoottan galii gidduu galeessa argatanitti akka guddatuu gochuu dha.

  1. Duudhaalee (Core Values)

Duudhaaleen galma gahinsa karoora tarsiimoo’aa Waajjirichaa gargaaran fi hojjatoota hunda biratti calaqqisuu qaban haala armaan gaditti ibsamaniiru

        1. Itti gaafatamummaa (Accountability)

        2. Iftoomina (Transparency)

        3. Tajaajila gahumsa fi bu’aa qabeessummaa qabu (Efficiency and Effectiveness)

        4. Hirmaachisummaa (Participatory)

        5. Jijjiiramaaf hojjachuu (Work for Change)

        6. Qindoominaan hojjachuu (Cooperation)

        7. Malaammaltummaa irratti kutannoon qabsaa’uu

1.3.3. Haala Gurmaa’insa WDMG Godina Q/Wallaggaa

WDMG Waajjiraalee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin labsii lakk 163/2003 hundeeffaman keessaa isa tokkoodha. Ergamni waajjiira kanaa sirna daldalaa fi misooma gabaa haqa-qabeessa ta’e diriirsuudhaan omisha qonnaa; meeshaalee fi bu’aawwan industrii magaalaa fi baadiyyaa akkasumas biyya keessaa fi alaa gidduu jiru akka cimuu fi wal-deeggaru gochuun daldalli fi misoomni gabaa humna sochooftu guddina diinagdee Godinichaa ta’uun hawaasa sadarkaa sadarkaan jiru fayyadamaa taasiisuudha.

Waajjirichi hojii isaaf kenname galmaan gahuu akka danda’uu sadarkaa Godinaatti adeemsaalee hojii ijoo ja'a (6) fi Garee deggersaa tokkoon (1) ,humna namaa dhi 16 fi dha 11 waliigala 27 kan qabnu yammuu ta’u; Sadarkaa aanaatti waajjiraalee aanaalee 10, magaalaa 1,wajjiraalee 11 diriirsuun humna namaa aanaa dhi 113 dha 65 waliigala 178 jiraniin hojiittii akka seenamu taasiifaamee jira. Manni hojichaa maamiltootaaf bu’aa buusuu kan danda’u kurfaa’insi adeemsaalee hojii bu’aa qabeessa ta’e (process performance), raawwattoota gahumsa qaban (performers) fi naannoo hojii mijaawaan (working environment) yoo jiraate dha. Haaluma kanaan Tarsiimoo babal'isuu foyya'iinsa siivil sarvisii fi paakeejii bulchiinsa gaarii hojiirra oolchuuf qorannoo ‘JBAH’ gaggeeffame akka hojiirra oolu manuwaaliin hojii sadarkaa hundaatti raabsamee hojiitti akka galamu taasifameera.Sagantichi haala hojimaataa qophaa'een hojiirra oolchuuf leenjiiwwan hubannoo geggeessaa fi raawwataa cimsan kennamanii jiru.Bara kanas hojii irraa oolmaa JBAH sakkatta’un hanqinoota jiran sirreesisuudhaan uummatni tajaajila saffisaa qulqullina qabu akka argatu ni taasifama . Madaalli raawwii bu’aa irratti xiyyeeffattee (BSC) ilaalchisee, Qorannoon gaggeeffamee dokumantii qophaa’ee irratti hubannoon kennamee jira.


Yüklə 1,78 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   36




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin