Haala Godina Qellem Wallaggaa



Yüklə 1,78 Mb.
səhifə7/36
tarix10.01.2022
ölçüsü1,78 Mb.
#101804
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   36
2.1. Haala Caasaa Godinaa

Ilaalchaan

  • Rifoormii daldalaa fi gabaa hammayyeessuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuun kan danda'amu rifoormii daldalaa hojii irra yoo oole qofaadha amantaan jedhu laafaa ta'uu

  • Hojimaata dhaabaa fi mootummaa wal-simsiisanii hojiirra oolchuudhaan meeshaa raawwachiiftuu hojii keenyaa taasifachuu dadhabuu

  • Gurmaa'insa keenya lafa qabsiisuun hojii keenya hunda raawwataman raayyaadhaan meeshaalee rifoormiitiin safaranii fudhachuu dadhabuun, amaluma barameen lakkoofsa qofa irratti xiyyeeffachuun jiraachuu

  • Daldala seeraan alaa to'achuun, sirna daldala keenyaa ammayyaa'aa taasisuu irrattis wal-makiinsi ilaalchaa jiraachuu, walqixa tarkaanfii fudhachuu dadhabuu, utuu arganii bira darbuun, itti araaramuunis darbee darbee aanaalee keenya biratti mul'atu hordofanii sirreessuu dadhabuu, utuu arganii bira darbuun itti araaramuunis darbee darbee aanaalee keenya biratti mul'atu hordofanii sirreessuu dadhabuu

Dandeettii

  • Karoora haala qabatamaa Godinichaatiin poteenshaala ofii karaa guutuu ta'een beekanii baasuu dadhabuun jiraachuu

  • Karoora qophaa'e irratti orenteeshinii kennuun yoo jiraateyyuu, karaa bilchina qabuun ogeessaa fi qooda fudhattoota hunda qopheessuun laafina qabaachuu, haaluma kanaan sirna hordoffii fi deggersaa bilchina qabu kennuu utuu hojiin hin miidhamin kallattii ka'aa adeemuu dadhabuu

Dhiyeessii

  • Humna namaa hojii kanaaf barbaachisu hunda guutanii hojii milkeessuu dadhabuu fi meeshaalee hojii keenya hunda milkeessuu danda'an adda baasanii kan Biiroon deggersa godhuuf kan Aanaan guuttachuu qabu, yeroon adda baasanii akka guutamuuf walitti fufiinsaan hojjechuu irratti kan hojii nu gaafatuu dha.


Yüklə 1,78 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   36




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin