Haala Godina Qellem Wallaggaa



Yüklə 1,78 Mb.
səhifə8/36
tarix10.01.2022
ölçüsü1,78 Mb.
#101804
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   ...   36
2.2. Haala Caasaa Aanaa

Ilaalchaan

Daldala seeraan alaa fi rifoormii daldalaa karaa guutuu ta'een hojii irra oolchanii mirga fayyadamtootaa kabachiisuuf deemsi deemamu yoo jiraates, walqixa itti adeemanii tarkaanfii fudhachuu dadhabuun dhimma hojii nu gaafatuu dha.

Dhimma raabsii meeshaalee bu'uuraa ilaalchisee qajeelfamaa fi hojimaata keessatti eegamee hawaasni bal'aan bira akka gahuuf sochiin gaariin kan jalqabame yoo ta'ee illee ammas haqinaaleen ilaalamuu qaban hojii raabsii meeshaalee bu'uuraa kan ooggansaa fi kan hawaasa bal'aa gochuun ilaalchaa fi gocha kira sassaabdummaa naannoo kanatti jiru dadhabsiisuu irratti hojii qabsoo cimaa nu gaafatu dha.

Dhimmoota daldala seeraan alaan walqabatanis sochii hojii seeraan alummaa adda addaa hordofanii gara seeraatti fiduuf hojiiwwan hojjetaman akka jalqabbiitti gaariidha jechuun ni danda'ama. Meeshaalee bu'uuraa seeraan alaa iddoo iddootti socho'uu qabanii seeratti dhiyeessuu fi daldala seeraan alaa adda baasuun tarkaanfiin adda addaa fudhatamaa tureera. Hata'u malee, fooyya'insi kun akkuma jirutti ta'ee, hanqinaaleen xiyyeeffannoo barbaadan jiru.

Haaluma kanaan , to'annoo dhaabbilee daldalaa geggeeffameen rakkoo seeraa alummaa adda bahe irratti walqixa toora seeraatti fiduu irratti harcaatiin akka jiru ilaaluun ni danda'ama.

Kana malees, oomishaalee fi meeshaalee seeraan ala qabaman koree dhimmi isaa ilaallatuun tarkaanfii seeraa fudhachuun, yakki dalagame murtee haqaa fi ariifachiisaa kennuu irratti rakkoo xiyyeeffannoo barbaaduu dha.

Dhimmootni akka gatii dabalanii gurguruu, muraasa dhiyeessanii ni dhume jechuun hawaasa rakkisuun darbee darbee mul'atu, hadheeffatanii qabsaa'anii sirreessuu dadhabuun dhimma ilaalamuu qabuu dha.

Dhiyeessii

Dhiyeessii yeroo jennu humna nama hojii karoorfamee raawwachuu danda'an adda baasuun akka ramadaman gochuu fi kan ramadamanii jiran immoo ilaalchaa fi humna isaanii qaruun qopheessuu yeroo ta'u, gama biroon immoo meeshaalee hojii keenya ittiin raawwatamu qulqullinaa fi yeroon akka dhiyaatu taasisuu dha. Haaluma kanaan hanqinaalee dhiyeessiin walqabatan humna nama hojii sanaaf barbaachisan ramadamuu dadhabuu fi meeshaalee hojiif barbaachisan bifa qulqullinaa fi yeroon dhiyeessanii hojiin karoorfame akka raawwatamu taasisuu dadhabuun hojii keenya bara kanaa keessatti ilaalamuu qab




Yüklə 1,78 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   ...   36




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin