Haala Godina Qellem Wallaggaa



Yüklə 1,78 Mb.
səhifə9/36
tarix10.01.2022
ölçüsü1,78 Mb.
#101804
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   ...   36
2.2.2. Haala Caasaa Gandaa

Ilaalchaan

Rifoormiin daldalaa fi gabaa lafa qabatee fayyadamummaan uummataa akka dhugoomuuf sochiin jiru gaarii dha. Fooyya'umsi kun akkuma jirutti ta'ee hanqinaaleen ilaalamuu qabanis ni jiru. Dhimmi daldala seeraan alaa adda daldalaa seera qabeessa ta'ee hawaasa fayyadamaa iraatti miidhaa inni fiduu danda'uun madaalanii rakkicha dura dhaabbachuu irra maal nadhibeedhaan bira darbuun akka jirus ilaaluun ni danda'ama.

Hojimaataa fi qajeelfama raabsii meeshaalee bu'uuraa hubannoo qabaatanii kallattii kanaan hawaasa fayyadamaa bira bifa qulqullina qabuun akka ga'u taasisuun sochiin akka jalqabbiitti jiru dha jechuun ni danda'ama. Haata'u malee jalqabbii kun akkuma jirutti rakkoon hojii bara kanaa kessatti ilaalamuu qabanis jiru, dhimmoonni gurguddoon irratti xiyyeeffatamuu qaban daldala seeraan alaa adda baasanii kan seera hin taane toora seeraatti fiduu ilaalchisee nama hunda walqixa ilaalanii odeeffannoo barbaachisaa ta'e kennamuunis ta'e dura dhaabbachuu irratti laafinni jira. Gama raabsii meeshaalee bu'uuraatiinis walqabatee, waldaalee fayyadamtootaas ta'e daldalaa qinxaaboo gatii dabalanii gurguruu fi hawaasa sochoosuun qabsoo uummataatiin saaxilaa adeemuu irratti laafinni jiru kan hojii nugaafatuu dha.

Dandeettii

Rifoormii daldalaa irratti hubannoo qabaatanii fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu irratti fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu irratti jalqabbiin jiru yoo jiraates, ammas hanqina miidhaa daldala seeraan alaa diinagdee biyyaa fi hawaasa keenya irratti qabu beekanii tooratti deebisuu dadhabuun akka jiru ilaaluun ni danda'ama.

Hojimaataa fi qajeelfama raabsii meeshaalee bu'uuraa ilaalchisee caasaan keenya gandaa beekee ittiin faayidaa uummataa kabachiisuu irratti jijjiiramni mul'ataa jiru fooyya'umsa gaarii dha jechuun ni danda'ama. Haata'u malee, jijjiiramni kun akkuma jirutti ta'ee hanqinaaleen xiyyeeffannoon irratti hojjetamuun barbaachisus ni jiru. Haaluma kanaan qajeelfamaa fi hojimaata raabsii meeshaalee bu'uuraa karaa guutuu ta'een hubatanii hubachiisuus ta'e kallattii kana qofaan haqummaa fi walqixxummaan hawaasa qaqqabuu danda'a beekumsi jedhu dadhabaa ta'uun kan hojii nu gaafatuu dha.


Yüklə 1,78 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   5   6   7   8   9   10   11   12   ...   36




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin