Naannichaa keessattii Daldalii seeraan akka gaggeefamuu galmee galmeesssadaldala ni hundeessa; ni bulchaa; heyyama daldala ni kenna; ni haaroomsa; galmeessa fi heeyyama daldalaa ni haqa; ni jijjiira; ni foyyeessa. Gara biraatinis, hojii daldalaa seeraan ala hojjataman irratti hubannoo ni kenna; to’annoo, gamaaggamaa fi hordoffii gaggeessun gara seeraatti akka dhufan ni godha; tarkaanfii bulchiinsa fi seeraa ni fudhata; ni fudhachiisa.
Sirna gabaa Saliixaa fi boloqqee fi kanneen biroo ni diriirsa; rakkoo walittii hidhamiinsaa gabaa intarpiraayizii maaykiroo fi xixiqqaa qaban ni qorataa, yaada furmaata ni dhiheessaa, carraa gabaa amansiisaa akka argatan deeggarsa ogummaa ni kenna.
Iddowwaan gabaa omishaa sadarkaa jalqabaa, sadarkaa lammaffaa fi sadarkaa sadaffaa naannichaa keessattii bakka barbaachiisuu hundattii ni hundeessa, sirna ittin bulmaata ni diriirsaa, qaama abbumaan bulchuttii ni dabarsa, raawwii isaa ni hordofaa.
Akkasumas, to’annoo qulqullina omishaa fi daddabarsa teekinolojii irratti ni hojataa. Dabalataanis, qaamoolee adda addaaf waa’ee gabaa ilaalchisee deeggarsa keennu fi haala mijjeessuu irratti ni hojjata.
Wirtuulee sassaabbii fi tamsaasa odeeffannoo gabaa ni hundeessa, sirna sassaabbii fi tamsaasa odeeffannoo gabaa hammaya’aa ni diriirsa, dandeettii itti fayyadama teekinolojii fi humna namaa ni cimsa, odeeffannoo gabaa yeroo fi qulqullinaan qaama dhimmii ilaalu irraa ni sassaaba, ni qindeessa ni tamsaasa.
Akkasumas, hojii misooma gabaa kan akka qorannoo gabaa gaggeessuu, misooma buu’ura gabaa babal’iisuu fi piromoshinii gabaa (egzibishinii, baazaarotaa fi agarsiisota) biyya keessaa irrattii ni hirmaata, akka qophaa’u ni godha, haala ni mijeessa, kan biyya alaattii qophaaú irratti ni hirmaata. Tajaajila Misooma Daldala (TMD) fi gorsa mala daldala ni kenna, qorannoo gaggeessudhaan bu’aa argame babal’insa daldalaaf ni olcha.
Dubartoonni fi dargaggoonni hojii misooma daldalaa fi gabaa irratti waldaan gurmaa’an ni jajjabeessa, gorsa fi deegarsa teeknika akka kennuu danda’u aangoodhaan akka kennameef hubatameera.