Aangoo fi hojiiwwan Labsii kanaa kennamaniif hojiirra oolchuudhaaf kan gargaaran imaammata, tarsiimoo, sagantaalee fi seerota ni burqisiisa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha;
Hojii isaa ilaalchisee yeroo yeroon qorannaa fi qo’annoo hojii ni taasisa; ragaalee fi istaatistiiksii adda addaa walitti ni qaba; ni qindeessa; ni tamsasa; ni gabaasa;
Pirojektoota ijaarsaa isaan ilaallatu irratti dizaayinii ijaarsaa ni qopheessaa; akka qophaa’u ni taasisa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha;
Imaammata, tarsiimoo, seera, sagantaa misoomaa fi pirojektota bahan keessatti dubartootnii fi dargaggootni itti fayyadamtoota ta’uu isaanii ni mirkaneessa; akkasumas, carraa hojii uumuu, dhimma koornayaa, daa’immanii fi dargaggootaa idileessuu qaama hojii isaa taasisuun ni hojjata;
Manneen hojii fi waajjiraaleen itti waamamni isaanii isaaf ta’an ol’aantummaan ni gaggeessa; ni qindeessa; gurmaa’ina; sagantaa hojii fi baajata isaanii qorachuun qaama mootummaa dhimmi ilaalutti akka dhiyaatu ni taasisa; yammuu hayyamamu hojiirra akka oolu ni taasisa; ni hordofa; ni too’ata;
Ittisaa fi too’annoo HIV/AIDS ilaalchisee xiyyeeffannaan ni hojjata; akkasuma s aangoo fi ittigafatamummaa kennameef keessatti miidhamtootni HIV/AIDS fi qaama miidhamtonni itti fayyadamtota qixxee fi hirmaataa guutuu akka ta’an haala ni miijeessa;
Baajatni mootummaan ramadamee fi madda galii kan biroo irraa argame bu’uura seeraa fi sirna faayinaansiitiin dhimma ramadameef ooluu isaa ni mirkaneeffata;
Haala addaatiin yoo murtaa’e malee galiin keessaa fi madda addaa irraa argamu nagahee Biiroon Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee maxxansiisuun walitti ni qaba;
Qaamolee adda addaa waliin qunnamtii ni taasisa; qabeenya ni horata; waliigaltee ni mallatteessa; ni himata; ni himatama;
Manneen hojii yookiin dhaabbilee dhuunfaa yookiin namoota hojii gaarii yookiin kalaqii haaraa fi fakkeenya ta’uu danda’u hojjataniif badhaasaa fi beekamtiin akka kennamu Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiif ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha; haalli raawwii isaa Dambii Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannichaa baasuun kan murataa’u ta’a;
Kaayyoo mana hojichaa galmaan gahuuf kan gargaaran hojiiwwan biroo ni raawwata.