2. Boqonnaa Qophii
2. 1. Xiinxala Haalaa
Sochii hojii daldalaa seera qabeessa taasisuun daldala hammayyeessuuf hojiin hojjetamaa ture, hayyama daldala haaraa kennuu fi haaressuun, daldaltoota seeraan ala taa'an gara seera qabeessaatti fiduun raawwatamaa tureera. Hojiileen ijoon kunis Raawwiin isaanii yoo ilaalamu akka armaan gadii ta'a: -
Haaluma kanaan bara 2009 daldala 1423 ta’an galmeessuuf karoorfame daldaltootni 1331 galmaa'aniiru, akkasumas, Hayyama haaraa 2282 kennuuf karoorfamee hayyamni 2073 kennameera. Hojiin hojjetame kun akkuma jirutti ta’ee, hanqinaaleen bara kana irratti xiyyeeffatamuu qabanis akkaataa qajeelfmaa fi seeraa jirutti yeroodhaan ulaagaalee barbaachisu hunda guutanii galmaa'uu fi hayyama haaressuu dadhabuun daldaltoota keenya biratti kan mul’atuu dha.
Haaluma kanaan daldala keenya seera qabeessa gochuu fi hammayyeessuuf to’annoo dhaabbilee daldala 112,752 to’achuuf karoorfame 113,274 irratti to’annoon gaggeeffamee daldaltoonni seeraa ala taa’anii argaman adda baasuun seeratti deebisuuf hojiin hojjetame fooyyee kan qabuu dha. Fooyya’umsi kun akkuma jirutti ta’ee hanqinaaleen mul'atanis kan jira ta'uun dhimma ilaalamuu qabuudha.
Dhimma raabsii meeshaalee bu’uuraa ilaalchisee qaama dhimmi isaa ilaallatuun sadarkaa Godina keenyaatti dhiyaatu, koree qulqullina qabuu fi haqa qabeessa ta’een hawaasa baadiyyaa fi magaalaa akka qaqqabuuf hojiin hojjetamaa tureera.
Haaluma kanaan akka Godina keenyaatti sukkaara kun 29,864 raabsuuf karoorfamee kun 22,397 raabsameera. Zayita nyaataa litira 3,048,924 raabsuuf karoorfamee 2,286,686 raabsameera. Akkasumas Daakuu Qamadii kun 28,134 daldalaa qinxaaboo fi waldaa fayyadmtootaan raabsuuf karoorfamee kun 25,014 raabsamee jira.
Hojiiwwan kun haala kanaan hojjetamee haa jiraatu iyyu malee hanqinaaleen gurguddoon bara kana adda bahan irratti hojjetamuu qabaniis kan mul'atuu dha.
Meeshaalee bu'uuraa kana yeroodhaan hawaasa bira ga'uu irratti waraqaa qulqullinaa ganda irraa gara aanaa ,aanaa irraa gara godinaa kan dhufu qulqullina kan hin qabne ta'uu fi rakkoo fedhii fi dhiyeessiin wal simuu dhabuu mul'achaa tureera. Akkasumas meeshaaleen bu’uuraa osoo hawaasa biraan hin ga’in dhoksuu fi inni dhiyaatus yeroon dhiyaachuu dhabuu fi hanqinaaleen kan biroonis kan mul'atanii dha.
Qaawwaan mul'ate kun akkuma jirutti ta’ee hojimaata raabsii meeshaalee bu’uuraa lafa qabsiisuun, uummanni tajaajila haqa qabeessaa fi si’ataa ta’e akka argatu gochuu irratti ooggansa sadarkaa sadarkaan jiru hubannoo gahaa qabaatanii qabsicha kan hawaasa bal’aa gochuu dadhabuun rakkoo bara baajata 2010tti hiikamuu qabuu dha. Karaa kan biroo immoo ogeessi keenya sadarka sadarkaan jirus, kiraa sassabdummaa raabsii meeshaalee bu’uuraa keessatti ofii hirmaachuun akkuma jirutti ta’ee, hordoffii fi to’annoo walitti fufiinsaan gochuudhaan ilaalcha fi gochaa dhimma kana irra jiru adda baasuu dadhabuu kan adda bahees tarkaanfiin barsiisuu danda’u akka fudhatamu gochuu irraa gorsaan bira darbuun komeen uummata biraa ka’u akka babal’atu taasiseera. Kanas bara kana hojicha kan oggansaa hundaa fi hawaasa bal’aa taasisuun rakkoowwan mul’atan salphisuuf hojjechuu qabna.
Taajajila oddeeffannoo gabaan wal-qabatee haala oomishaalee gosaan adda baasanii gatii isaa odeeffannoo sassabuunii fi dabarsuun hojii gaariin hojjetamaa tureera.
Haa ta’uu malee; ciminni kun akkuma jirutti ta’ee hanqinaaleen hojii keenya bara kanaa keessatti adda baahanii xiyyeeffannoo barbaadamaniis ni jiru. Haaluma kanaan hanqinaalee adda baasuun of kennuu karaa guutuu ta’een hawaasa fayyadamaa fi daldalaa bira gaa'anii odeeffannoo dhugaa fi qulqullina qabu fudhachuu dadhabuu fi waanuma argatan immoo hawaasa fayyadamaa magaalaa fi baadiyaa bira akka qaqqabu gochuu dadhabuu biroosheera qopheessuun tamsaasuu, gabatee irratti maxxansuu fi miinii miidiyaan tamsaasuu dadhabuu dhimmoota xiyyeeffaannoo barbaadanii dha.
Hojii beeylada fi bu’aa beeyladaa ilaalchisee hojiiwwaan bara kana hojjetaman jajjabeessaa dha jechuun ni danda’ama. Hojiiwwan hojjetaman kun akkuma jiranitti ta’ee hanqinaaleen adda bahanii xiyyeeffannoo barbaadanis seeraa fi qajeelfama eeganii sadarkaa tokkotti bittaa raawwachuu dadhabuu, Heyyama malee Beeylada bakka bakkatti sochoosuu hanga ayyamameen ala miillaan deemsisuun gabaa barbaaduun seeraan alummaa daldala Beeylada babal’isee jirachuu bu’aa barbaaduun wal-qabatees kan akka gogaa fi kallee oomshni isaa qulqullina dhabuun gabaa irratti fudhatama dhabuu fi daldalaan gosa hojii kan irratti jajjaabeessanii heyyama akka baafatu gochuu fi isuma jiruus jajjaabbeessuu dadhabuu rakkoo hikamuu qabuu dha. Akkasumas aanolee keenya biratti karooraa fi raawwiin isaanii rakkoo akka qabu ilaalamee bara baajataa 2010tti poteenshaala ofii beekanii karoorsuuf raawwachuun kan ilaalamuu qabuu dha
Gabaa midhanii fi bu’aa bosonaa ilaalchisee hojiin hojjetame kan bara kanaa foyyee kan qabu yoo ta’es hanqinni hojii keenyaa keessatti adda bahanii irratti hojjetamu nu gaafatanis ni jiru. Midhaan akka Godina keenyaatti oomishamanis faayidaa uummata godina keenyaa irraa darbee idd biroo dha gabaa barbaaduufis kan irratti xiyyeffatamu yoo ta’uu baates waajjira qonnaa waliin ta’uun hanqina oomishaa dursa beekanii gabaa barbaaduun hojii ilaalamuu qabanii dha. Miidhaan gabaatti dhiyataniiru jedhamus ragaa qabatamadhaan deggeramanii walitti fufiinsaan qabachaa adeemuu dadhabuun dhimma ilaalamuu qabani dha. keessummaa immoo oomisha al-ergee irratti xiyyeeffachuun adda baasanii yeroo fi qulqullinaan gabaaf akka dhiyaatu gochuu dadhabuun dhimma sirraa’uu qabuu dha.
Daldala seeraan alaa to’achuu ilaalchisee,bara kana hayyama malee daldaluu bakka malee daldaluu fi hayyama malee geejjibsiisuu akka godina keeyyatti rakkoowwan calaqqisaa turan to’achuun hojiin oopireeshinii sektera qindoominaatiin (ATGe, ATGaliiwwanii fi WDMG) hojjetamaa ture baay'ee jajjabeessaa ta'uun ilaalamee waantonni fooyya’uu qabanis kan akka daldala seeraan alaa adda baasanii tarkaanfii barsiisuu danda’uu fudhachuu dadhabuu callisanii bira darbuu fi isa seeara qabeessa ta’es jajjabeessuu dhabuun hojii xiyyeeffannoo barbaaduu dha.
Dostları ilə paylaş: |