Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil.5, Lak.1, 2008]
Oromia Law Journal [Vol.5,No.1,2016]
110
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil.5, Lak.1, 2008]
Oromia Law Journal [Vol.5,No.1,2016]
raawwatame adeemsa hir’isuu waan hin hordofneef seeraan ala ta’ullee
amala hojii hojjettoota kanaa irraa ka’uun yoo ilaallu hojjettootni kun erga
hojii irraa gaggeeffamanii booda, walitti dhufeenyi isaanii hammaataa waan
dhufeef gara hojiitti akka deebi’an gochuun hojii hojjechiisaa irratti
rakkoo
ol’aanaa
waan fiduuf beenyaan kaffalamee haa gaggeeffaman jedheera
84
.
Murtii manneen murtii kanneenii yeroo ilaallus dhaddachi lixaa MMWO
hojjechiisaan hojjettoota kana gara hojiitti akka deebisu jechuun murteessuun
dura hojiitti deebi’uun isaanii rakkoon olaanaan hordofsiisu ni jira moo hin
jiru kan jedhu xiinxaluuf yaaliin taasise akka hin jirre ni hubatama.
DhIMMWF immoo walitti dhufeenyi isaanii hammaataa dhufeera
jechuudhaan alatti sababa gahaa yaada kana qabachuudhaaf isa geessise akka
hin agarsiifne hubachuun ni danda’ama.
Dostları ilə paylaş: