Ido karoora bara 2006 fi 2007


Hojiiwwan Gurguddaa Bulchiinsa human namaa fi Ijaarsa Danddeettii



Yüklə 1,08 Mb.
səhifə12/15
tarix22.01.2019
ölçüsü1,08 Mb.
#101588
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   15

Hojiiwwan Gurguddaa Bulchiinsa human namaa fi Ijaarsa Danddeettii.

  1. Hojii Ilaalchaa fi dandeettii gaggeessitootaa fi hojjattotaa Geeddaruu.


KGT tokkoffaa keessatti xiyyeeffannoon itti kennamee galmawwan hojjetama turaan keessa misoomni humna nama isaa ijoo dha. Misoomni humna nama ykn Ijaarsi dandeetti humna nama sadarkaallee sadii (3) kan qabu yoo ta’u isaanis gaggeessa ol’aanaa, gaggeesittoota Div. fi sadarkaa raawwattootatti addaan baasuun ka’uun ni danda’amaa. Dandeetti raawwachisummaa dhimmootni bu’uuraa xiyyeeffannoon itti kennamee ( Humna namaa, caaseffamaa fi adeemsaa hojii) keessa humni namaa bakka gudda qabata. Haalumaa kanan IDOn gahuumsa fi bu’aa qabeessummaa fooyyeessa deemuuf sadarkaa sadarkaan kan jiru gaggeessa fi raawwatan baruumsaan, leenjiin,muuxannoo waljijjiiruun sochii raawwii keessatti fi dandiiwwan kana fakkataaniin gahoomsa kan deemu adeemsa hojii ti.

Misoomni humna nama kaayyoon isaa hojjettoota IDO ilaalchaan,beekumsan fi dandeettiin gahoomsaa deemu dha. Haalummaa kanan bara KGT 2ffaa tti IDOn humna nama irratti xiyyeeffannoo kennuun kan socho’u ta’a.

Barakaroora waggaa lamaan darbanii keessatti akka gamagamni agarsiisutti rawwchiisaarraa ka’e hanga raawwataatti sadarkaa hundattu leenjiiwwan garagaraa kennamuu isaa irraan kan ka’e dandeettiin raawwii hojii raawwataa fi raawwachiisaa sadarkaa gidduu galleessatti fooyyee agarsiisee jira.Kanuma bu’uuraa godhachuun bara xumura KGT 2ffaatti dandeetti raawwachisummaa raawwataa fi raawwachiisaa fooyyessuun danddeettii raawwataa fi raawwachiisummaa amma jiru 100% ni qaqqabsiifama. Haala qabatamaa amma jiruun muuxanno kan qabus yoo ta’e dhabbillee barnoota irraa kan eebbifamaan kan dorgommaan gara IDO tti kan dabalamaan ulaagalee qacarrii irratti hunda’uun beeksisaa bahuu irratti galmaa’uuf kan dhufanni dorgoomtootaa dorgoomsisuun dha.

        1. Humna Namaa gaumsaa fi dandeettii qabu Dhaabbatichaaf dhiheessuu


Muuxannoo hanga ammaatti jiru irraa fi ragaa gamaagammii irraa ka’uudhaan IDO galuun kan hojjettuu hojjetaa gahuumsuun ergaa IDO galee booda leenjiwwaan kennamaan fi raawwii hojii guyya guyyaa keessatti dabalatee adeemsa dorgomsiisuu irraa eegalee sababa hojiiwwaan raawwatamanniin hojjettoota gahoomsaan qopheessuun kallattii isaa duraa misooma humna namaa ta’e fudhatamaa.

Haaluma kanaan bara KGT 2ffaatti IDO seenan kan tajaajillan eebfamtoonni haarawwaan qophii barnoota isaan dabalataan keessummaa IDO seenaan hojjechuuf kan isaan dandeessisuu ulaagaalee gurguddoo madaallii ifaa ta’e ka’uun qulqullinaan qoramaan akka seenaan kan dandeessisuu adeemsa hojii ni diriira.Kanarraa ka’uun dhimmoonni xiyyeeffannoo itti kennuun barbaachisaa ta’an keessa gurguddoonni kan armaan gadii ti.

Akkumaa beekamuu mootummaan poolisii fi Istiraateejjii isaa raawwachuuf ummataa fi biyyaa bu’awwan gargaruu danda’anitti jijjiruuf furtuun hojjettoota dha. Poolisii fi Istiraatejjiin mootummaan baasuu bu’uurri isaan heeraa biyyattitti. Haalummaa kanan hojjettoota IDO ta’an tajaajiluuf kan barbaadduu hunduu seerotaa hundaan olii kan ta’e heera biyyatti beekuun ,itti amanuu fi fudhachuun isaa irraa egamaa.Kanummaan walqabatee IDO keessa seene kan tajaajilu humni kan inni raawwatuu hojii mootummaa waan ta’ef seene hojii raawwattuuf tooftaa kan ta’an poolisii fi Istiraatejjii sirritti kan hubatee ta’u

Galmaa poolisiiwwan kan ta’an misoommaa mirkaneessuu fi itti fayyadamummaa lammillee dhugoomsuun dhimmoota kana irratti kallatti sirrii ta’e akka qabattu gochuun barbaachisaa dha.Karaa birattiin dhabbillee misoommaa birottin ergamaa kennameefni naamusaa hojii barbaachisu ( fkn.hojiiwwan iccitti isaan eegamuu barbaachisaan) eeguuf

Bifaa barbaachisuun dorgoomtoonni ulaagaa isaan guutuu qaban ifatti ka’un kan deemamuu fi dhimmaa xiyyeeffannoon itti kennamu ta’a.Haaluma kanan yuunivarsiitotaa jiran waliin walitti hidhamsaan kallattiin itti hojjetamu adeemsi hojii diriirsamee hojii irraa ni oola.


        1. Leenjiiwwan adda addaatti fayyadamuudhaan danddeettii hojjataaf hojjachiisaa cimsu

Bara KGT 2ffaa keessa gara IDO tti kan seenan hojjettootni haarawwan ykn muuxannoo kan qaban hojjettootni qophii barnoota barbaachiisuu fi muuxannoo cinatti ulaagaallee dorgommii ifa ta’een dorgoomsiisuun kan hojitti seenaan adeemsi hojii qophaa’e kan itti hojjetamuu ni ta’a. Adeemsa hojichaa immoo haalan gabbisuuf immoo haallan muuxannoo dhabbillee misoomaa ilaalluu fi qindeessuun IDO waliin walii simsiisuun galtee akka ta’u ni taasifama. Fillannoo humna namaatti aansuun karaan biraan humni nama itti gabbifamu leenjiidhaan ta’a. Karaa kanan bara karooraa kanatti hanqinnonni leenjii irratti mul’acha turan adda baasuun tarkaanfiin sirreeffama ni fudhatama. Leenjiilee yeroo dheeraa fi yeroo gabaabaa yunivarsittoota ol’aanaa waliin walitti hidhamsaa cimsuun dhabbatichii xiyyeeffannoo itti kennuun kan hojjetamu ni ta’a.

Baroota karoora Misoomaa darbaan keessatti IDOn keessummaa gaggeestoota Div.f leenjii yeroo gabaabaa fi giddugalleessa kennuun (Management Institute, JAICA, chamberce of commerce civil service universitya and Hagabes) gahee guddaa taphatanii jiru. Dhabbilee leenjii fi barnoota kanatti leenjiiwwan kennama kan turanni bu’a leenjii gamaggammuun fi hanqinnoota adda baasuun sadarkaa leenjisummaa dandeetti ol’aanaatti guddisuu fi IDO n guddina inni barbaadduun qixaa fayyadamuuf kan dandeessissuu xiyyeeffannoo itti kennuun akka irratti hojjetamuuf kan duub deebii fi deeggarsii kennamu ta’a.



        1. Hojjattoon Dhaabbata keenyaa akka walirraa barachaa deeman gochuu

Misoomni humna nama hojii guyya guyyaa keessatti kan argamuu ilaalcha misoomaa, beekumsaa fi dandeettiiti. Dorgommiinis gara IDOtti kan dabalamuus ta’e hojjettootni IDO keessatti hojjechaa turaanni leenjii kennameen dabalataan sadarkaa ol’aanaan dandeettiin isaa kan gabbifamu sochii hojii guyya guyyaa keessatti dha. Tokko tokkon hojjettootaas ta’e gaggeestootni Div. hojii irratti bobba’ani fi hojii guyya guyyaa keessatti muuxannoon argatuu, beekumsi ogummaan fi ilaalchaa isaa gabbifachaa deema. KGT itti aanuu keessatti hojjataan IDO raawwii hojii guyya guyyaa keessatti muuxannoon argatu fi ilaalchaa qopheessuu fi beekumsaa fi dandeetti muuxanno gabbisuu hojjattoota keessatti adeemsaa raayyaa misoomaan akka gabbatan ni ta’a.Kaayyoon raayyaa misooma inni tokkoffaan leenjii walii waliinii fi walirraa baruun ilaalchaa misooma gabbisuuf akkuma ta’e muuxannoo gaarii iddoo tokkotti argamee gara IDO tti fiduun akka lafaa qabatu gochuuf sadarkaan raawwii IDO si’ataa fi bu’aa qabeessuummaan isaa haalli itti guddatu cimee itti fufaa. Raayyaa ijaaramee jiruu hojii guyya guyyaa isaa meeshallee riiformii waliin walitti hidhuuf raawwachuun cinatti ilaalcha misoomaawwaa fi qajeelfamaa naamusaa IDO haalli itti gabbifamaa deemuu xiyyeeffannoo itti kennuun ni hojjetama.

Bara KGT 2ffaa keessatti adeemsi raawwii guyya guyyaa sadarkaa raawwii gaarii kan agarsiisan kan itti badhaasaman fi kan itti jajjaabeeffaman, kanneen boodatti hafan immoo fulduratti kallatti itti fooyya’an kanneen danda’an kan itti deeggaraman yoo ta’u kanneen fooyya’uu hin dandeenye immoo kallattiin ittiin calalamanii bahan hojimaata hojii qopheessuun kan cimee itti adeemamuu ni ta’a.Kan armaan olitti ibsame cimsuuf hojiiwwan garaagaraa bara karoora kanatti ni raawwatamu.Kanneen keessa misooma humna namaa xiyyeeffannoo itti kennuun ni hojjatama.



Yuunivarsitootaa ol’aanaa irraa barattoota eebifaman kanneen qabxii ol’aanaa galmeessisan gara IDO tti akka galan gochuun ga’umsa raawwataa fi raawwachisaa foyyessuun ni raawwatamaa. Dabalataan madaallii gahumsaa ogummaatti aansuun madaallicha kanneen hin gunneef ogummaa isaan fooyyeessuuf adeemsaa hojii qopheessuun kan raawwatamuu ni ta’a. Bara karoorichatti Dinagdeen ijaarsa misooma mootummaa naannoo oromiyaa kan hordofnu toorii haaroomsaa Itoophiyaa, Tarsiimoowwan fi Istiraatejjiiwwan keessatti hanqinnoota mul’atankan sirreeffamuu leenjiwwan gagabaaboo fi qorannoon hojii irratti bal’inaan ni kennama. Dabalataanis meeshaalee riformii irratti waa’een maalummaa, ergama raawwachuu walitti hidhamiinsa isaan qaban irratti fi akkataa hojii ittiin hojjatan irratti hanga ammatti hubannoo jiruu irratti caalmaattii cimsuu fi kan gargaaran leenjiwwaan garaagaraa ni kennamu. Baroottan karoora keenya darbanii keessatti gufu guddina kan ta’e itti fufee ilaalchaa malaammaltummaa fi gochaawwan isaan kana waliin walqabatee raakkoo bulchiinsaa gaarii furuuf kan gargaraamnu keessummaa hubannoo fi ilaalchaa jijjiiruu irratti xiyyeeffaannoo itti kennuun sochii qabatammaa leenjii, gamaagamni leenjiin wal makee fi qorannoon gochaa cimee kan itti fufu ni ta’a.

        1. Adeemsa hojii fi Caaseffama dhaabbatichaa bu’a qabeessa gochuu.

Dandeettiin raawwachisuummaa keessaa hangafa kan ta’e humni namaa galma karoorichaa keessaa tokko ta’ee akkataan raawwii isaa waliin kan armaan olitti ibsamedha.Dhaabbanni tokko ergama itti kenname raawwachuuf dandeettii qabaachuu qabu keessaa tokko humna namaa yoo tahubakka ol’aanaa qaba.Haa ta’u malee humni namaa caaseffamaa fi adeemsa hojii waliin yoo wal hin simne akka dhabbatatti ergama isaa raawwachuu hin danda’u . Ta’us IDOn leenjii si’ataa fi bu’a qabeessa kan ta’e raawwii ergamaa akka qabaatuuf qulqullina kan qabu humna namaa dorgoomsiisuun qaccaruun cinatti caaseffamaa fi adeemsa hojii dhaabbataa IDO si’ataa fi bu’a qabeessaa kan mirkanneessissu ta’uu qaba. Mootummaan Istiraateejii ijaarsaa dandeettii qopheessuun sochii yeroo egalee irraa kaasee caaseffamaa fi adeemsa hojii fooyyeessuuf meeshaallee riiformii garagaaraa hojii irraa akka olan taasifameera. Meeshallee jijjiiramaa kanneen keessa JBAH fi SMBKT akkasumaas Kaayizaan sadarkaa ol’aanaatti ni qopheessaa Kan TORn qophaa’e jiru yoo ta’u bara KGT 2ffaa keessatti JBAH IDO qopheessuun hojii si’ataa fi bu’a qabeessaa ta’e kan hojjatamuu ni ta’a. Kanumaan walqabatee hojimaataa fi gurmaa’insa hojii adeemsa hojii bu’uuraa(BPR) hin godhatiniin raawwatamaa ture bara KGT 2ffaa keessatti hojimaataa fi adeemsa hojii fi gurmaa’insa BPR bu’uura godhatetti ni geeddaramaa.
Gabatee : Baay’ina Humna Namaa dhaabbatichaa.

Lakk.

Sadarkaa Bul. Humna Namaa

Safartuu

Sadarkaa Bul. Humna Namaa

2008

2009

2010

2011

2012

1

Employees in the Enterprise

No

292

322

349

373

393

2

Employees to be hired

No

71

30

27

24

21

3

Short term trainning

Freq.

13

16

18

21

23

4

Employe retirement

No

10

4

7

2

7

5

Employees out of the Enterprise

No

20

17

13

9

6

 

Walii galaatti




292

322

349

373

393

Gabatee : Fedhii Humna Namaa GKT-2ffaa gosa Baronotatiin




Lakk.

Gosa Barumsaa

Kan caasaa irra jiru

Hanga bara 2007

Karoora bara 2008-2012

Karoora qabeenya Namaa bara baraan dabalamu

2008

2009

2010

2011

2012

1

Hydrogeologist /Geologist

37

15

22

7

4

4

4

3

2

Electrician

45

13

32

7

6

8

6

6

3

Mechanician

96

49

47

23

6

4

7

6

4

Management

30

8

22

7

5

3

3

4

5

Computor Science

2

1

1

 

 

 

1

 

6

Accountant

34

20

14

8

2

1

2

1

7

Economics

5

3

2

1

 

1

 

 

8

Marketing

10

3

7

1

1

2

1

2

11

Seera/Law

3

1

2

1

 

1

 

 

12

Secrtarial Science

3

3

0

 

 

 

 

 

13

Geo Physicst

2

1

1

 

 

1

 

 

15

Others

126

104

22

16

3

 

 

3

 

Ida'aama Waligala

393

221

172

71

27

25

24

25

Gabatee : Fedhii Humna Namaa Sadarkaa barnootaatiin


Lakk.

Sadarkaa Barnootaa

Hanga bara 2007

Fedhii Humna Namaa bara baraan barbachisu

2008

2009

2010

2011

2012

1

PhD

 

 

 

1

 

 

2

Digirii Lammaffaa(Masters)

10

47

48

47

50

51

3

Digirii Jalqabaa(First Degree)

37

137

138

140

143

146

4

Dippiloomaa

72

126

137

128

131

134

5

Kan biraa

102

83

80

77

69

62

 

Walii galaatti

221

393

393

393

393

393


      1. Yüklə 1,08 Mb.

        Dostları ilə paylaş:
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   15




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin