Ido karoora bara 2006 fi 2007


Rakkoolee Ilaalchaa,Dandeettii fi Dhiyeessii bara 2006 fi 2007 keessatti nu qunnaman



Yüklə 1,08 Mb.
səhifə7/15
tarix22.01.2019
ölçüsü1,08 Mb.
#101588
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   15

Rakkoolee Ilaalchaa,Dandeettii fi Dhiyeessii bara 2006 fi 2007 keessatti nu qunnaman

      1. Rakkoo Keessaa

        1. Rakkoo Ilaalchaa


  •   Geggessa muraasa biratti sirna ifitomina qabuu diriirsuu barbachisa jachuun ammanta fudhatan hojirraa olchuu dhabuun jirachuu.

  • Gageessaan meshalee rifoormii abummaan qabatanii deemurraa haluma aadaa baratameen hojachuufi figuun mula’achuu.

  • Raayyaan hojjachuun jijjiirama fiduuf osoo hintaane nama boqonnaa fi tasgabbii dhoowwuuf jedhanii yaaduu.

  • Hojjatoonni boqonnaa waggaa isaanii akka itti fayyadaman sagantaan bahullee boqonnaa waggaa baasuun hojjirraa olchuurra xumuraa waggaatti seeraan alaa akka raawatamu gochuu.

  • Mooraan qamota lamaan buluu fi itti fayyadamuu irraa kan ka’e qabeenyaa fi hojjatoota haalaan itti fayyadamuu dhabuu.

  • Tuuta qotiinsa boollaa jalqaba irratti qophii ga’aa taasisuu dhabuun Biiroottii deddeebii baay’isuu (Pre-preparation before mobilization).

  • Akkaataa walii-galtee koontiraataan qofa hojjachuu fi kanneen hojjataman guutummaan raggaasisuu irratti harcaatiin jiraachuu.

  • Rakkoo Bulchiinsa kontiraataan wal-qabatee saayitii irratti umamuu yeroon barreefaman gara Bul. Kontiraataaf dhiyeessu dhabbu.

  • Maallaqa gara saayitootaatti yeroo dabaruu dhabuu, kana irraa kan ka’e tajaajila saffisaa kennuu dhabuu.

  • Sirna hordoffi fi deeggarsaa wal-irraa hin cinnee taasisuu dhabuu.

  • Gabaasani hojii yeroo fi qulqullina barbaadamun dhiyaachuu fi hojjatamuu dhabuu, rakkoo raga qulqulluu.

  • Wal-harka fudhiinsa gama “Client” ykn “Supervisor” hin mallatoofne gabaasa waliin qabsisuun dhiyeessu fi kaffaltiin kana irraatti hunda’ee gaafatame deddeebii hin barbaachiifnef kan nu saaxile ta’u.

  • Baalaansiin hojjattoota irra jiruus ta’ee waajjira irra jiruu yeroo barbaadameetti argachuu dhabuu.(Ledger balance)

  • Xalayoota divizhinii adda addaa irraa kaffaltiif barreefamuun yeroo baay’ee dhiyaatan guutuu fi ifa ta’uu dhisuu isaatiin harkifachuu fi dedebi’uu abbaa dhimmaa umee jiraa.

  • Gaaffii dhiheessa meeshaalee ijaarsaa tokko tokko osoo karoora ykn waliigaltee pirojeektii (BOQ) irratti hin jiraatin dhiheessi isaanii unkaa gaaffii dhiheessaa tiin gaafachuu. Kanamalees, meeshaleen BOQ irra jiraniis baayyina waliigaltee irratti ibsamanii ol kan gaafataman ta’uu dha.

  • Meeshaleen/qabeenyi saayitii addaa addaa irratti hojidhaaf raabsaman fafaca’anii kan jiran guutummaan gututtii walitti-sassaabamuu malee hafuu.

  • Hanqinni qindominaa akkaataa barbaadametti jiraachuu dhabuu . sababa kana irraa kan ka’e harcaatiin hojii jiraachuu.

  • Ilaalchaan wal-qabatee qabeenya intarpiraayizichaa kunuunsanii eeguu fi xiyyefannaa kennuu iraattiis rakkoon kan jiru ta’uusa

  • Qodiinsa qabeenyaa intarpiraayizii duraan waliin turree (IIHBO) waan hin xumuraminiif meeshalee sababa dullumaa fi gabaa ala (scrap & obsolete) ta’an addaa baafachuun caalbaasii dhaan gurgurtaa raawwachuun hanqina maallaqaa nu qunnamaa jiran fi meeshaleen kunneen maqfamuu isaani tiin iddoo ta’uumsa meeshaa kan salphisanii gochuun hin danda’amne.

  • Hojaataan mirgaa fi dirqamaa isaa sirritti beekuu dhabuun yeroo baay’ee hojii hojachuurraa wa’ee mirgaa isaa gaafachuu.

  • Ilaalchaa hoggansaa fi hojjataa biraa wa’ee itti fayyadamee fi barbachisummaa meeshaa seeftii (naagenyaa) ilaalchisee jiruu dadhabaa turraa kan ka’ee qamanii meeshaa kanaa dhihessuu yeroo dhihessuun barbachisaa jachuun amanee dhihessuu barbachisaa jachuun amanee dhihessuu dhabuu qamni itti fayyadamuu akka barbaachisatti itti fayyadamuu dhabuu.
        1. Dandeettii Raawwachiisummaa


  • Hordoffii fi too’annoon hurufaa taasifamu rakkoolee Hoggansaa jiran hambisuu dhabuu(no satisfactory site supervision)( e.g. shortage of light vehicle).

  • Maashinaa fi qotiinsa boolla irratti haala xiyyeeffannoo fi off-eeggannoo dhabuutiin hojjachuun miidhaa maashina, meeshaalee qotiinsa, boolla qotamu fi nama irratti uumuun IDO baasii hinyaadamneef saaxiluu.

  • Pirojektoonni tokko tokko cirrachaa bishaanii kan yaadamee ol-fudhachuun, cirracha dabalataa deddeebisuun yeroo dheeraa fudhachuu.

  • Riigotiin humna guddaa qaban yeroo hojii bal’inaan hojjatamutti Suphaaf saxilamuu.

  • Slow drilling rate’ fi ‘drilling complexity’ waan nu qunnameef, hojii qotiinsa boollaa xumuruuf yeroo karoorfameef ol-fudhachuu.

  • Riigonni tokko tokko mala qotiinsaa lamaan (Mud & DTH) qabaachuu dhabuun yeroo dheeraaf hojii malee turuu.

  • Hanqina haala fi humna intarpiraayizichaa beekuun karoorsuu dhabuu fi karooraan hogganamuu dadhabaa ta’uu

  • Hanqina baajataa qabnu ilaalcha keessa galachuun meeshalee dursaan bitamuu qabaan (priority based) addaan basee qamni gaafatu dhihessuu dhabuu irra kan ka’ee meeshaan saffisaan hin barbaadamne bittaa raawwachuun istookii keessatti qabachuun mallaqa akka qabatu godhuu qofa osoo hin ta’iin iddoo mana kuusaa dhiphiseera.

  • Bittaawwaan murtaa’an irratti gaaffilee dhiyaatan “Specification” uulagaa guutuun dhisuu fi ‘specification’ sirressuudhaaf gabaa irratti dedeebiin jiraachuu.

  • Sirna bulchiinsa qabeenya ammayaa ta’e qabachuu dhabuu irraa kan ka’e qabiinsa qabeenya keenya dadhabaa akka ta’u godheera .

  • Riigii haaraan 'package' guutuu gochuun hojiitti galchuu dadhabuu.

  • Suphaa qulqulinna qabuu fi yeroo gabaabaa keessatti fi suphaa off-eeggannoo/preventive maintenamnce/ riigotaaf, konkolaataaf raawwachuu dhabuu.
        1. Rakkoo Dhiheessii


  • Humna namaa hojiif barbadamuu yeroo fi iddoo barbadametti, maloota humna nama itti gutamutti fayyadamuu dhihissuuf karoorfamus humna nama yeroof iddoo barbaadamutti dhihessu dhabuu.

  • Sarvisii hojjetaa jiraachuu dhabuurran kan ka’ee hojjetaan yeroo hojitti galuu fi bahuu dadhabuu sababa kanatti hojiin miidhamuu.

  • Hanqinni konkolaataa guddaa fi xiqqaa jiru irraa kan ka’e meeshaalee ijaarsa qotiinsa boollaa yeroo barbaachisu keessatti saayitiitti akka hin dhiyeessine nu taasisee jira.

  • Meeshalee qotiinsa boollaaf barbaachisan (drilling tools (d/t size bits (tri-cone &button) and hammer cylinders), Production casings, PVC, OP, d/t subs) fi (consumable materials) kan akka “surface casings, foam, bentonite, river gravel”, kkf ) bitamee yeroon dhiyaachuu dhabuu irraa kan ka’e raawwii hojii keenya akka gad-bu’u taasisee jira.

  • Haqina “welding machine” riigota hunda biratti jiraachuu dhabuu.

  • Maashineeronni keenya irraa caalaan isaa baayyee dulloomaa ta’uu irraan kan ka’e deeddi’anii suphaaf saaxilamuu.

  • Hanqinni kireenota kan jiru ta’uu.

  • meeshaaleen akka “riser pipe, deep meter ‘ hanqina waan qabaniif isaan itti hojjatamus ergisaadhaan waan taheef hojii gahaa hojjachuu dhabuu.

  • Dhabiinsa meeshaa jijjiirraa gabaa keesaa kan jirree irraa kan ka'e maashinaroonni adda addaa suphaa irratti yeroo dheeraa fudhachuu

  • Hiiktuun adda addaa waajjira keessa waan hin jirreef hojii suphaa haala safissaaf yeroo gabaabaa keessatti hojjachuu dhabuu.

  • Humni electrikaa haala gutuumaan gutuutti waan hin jiraaneef suphaaleen adda addaa akka harkifatan taasisuu

  • Caalbaasii ifaa Biyyolessaa tiin bittaa gaggeefamaa jiru irrattii darbee darbee meeshaan tokko tokko kan hin argamnee fi dorgomtoota gahaa hin taane ykn tokko qofa waan irratti hirmaataniif mala bittaa jiran keessaa filachuun kan irra deebiin raawwatamu barbaadan ta’uusaa irraa kan ka’ee adeemsi kun yeroo fudhachusaa.

  • Maallaqa/baajata bittaa meeshaleetiif barbaachisu gahaa ta’uu dhabuu.

  • Meeshalee ‘fast moving item’ ta’an istookii keessaa qabaachuu dhabuu.

  • Mana kuusaa gahaa ta’e qabaachuu dhabuu fi inni jiruus sadarkaa isaa kan eeggate ta’uu dhabuu.

  • Meeshaaleen hojii qotiinsa boollaa fi suphaa maashinootaaf bitaman gatiin isaanii guddaa ta’uu irraa kan ka’e yeroo tokkotti (bulk purchase)gaggeessuu dadhabuu.



      1. Rakkoolee Alaa


Yeroo hunda karoorii mana hojii keenyaa kan qophaa’an pirojektoota harka keenyarra hin jirre irrattii(expected projects) waan taheef karoorrii qophaa’u fi haalli qabatamaan lafarra jiru wal-simuu dhabuun rakkoo olaanaa tahee jira.

Dhaabbatichi yeroo hundeeffama isaa irraa ka’ee kaapitaalli ka’umsa bifa guutuu ta’een haala mijaa’aa iddoo hojii uumuu fi humna rawwachiisummaa cimsuuf barbaachisu waan hin deeggaramneef raawwiii hojii irratti dhiibbaan guddaan dhufee jira.

Hojiiwwan keenya iddoo rakkoo qabanitti “3Cs”kan ilaalu fi fala ka’aa kan deemne tahullee kafaltiiwwaan hojiilee xumuramanii yeroon argachuu dhaabuun raawwii keenya gadi buusuu keessatii shoora olaanaa taphaatee jira.Qindoominni qooda fudhatootaa amallee xiyyeeffanna barbaada.

Amala hojii keenyarra kan ka’e iddoowwaan hundattii baadiyyaa oromiyaa fagoo keessattii daandiii iddoo hojii pirojektii deemmu durse qophaa’uu dhaabuun, ykn sababa roobaa daandiin yeroo barbaadametti karaa pirojektii kan hin galchinee waan taheef, beenyaa qonnaan bulaadhaaf dursee kan hin kanfalamne waan taheef hojiin keenya harkifataa akka tahu gumaachee jira.

Pirojektoota argannu caalbaasii eegudhaan waan taheef yeroon harka keenyaa ittii galan baay’ee harkifatanii waan taheef hojiiwwan kana yeroon xumuruu fi karoora wajjin deemurratii rakkoon kan ture tahuu.

Maashinariiwwaan harka keenya jiran baay’een isaanii dullomaa waan tahaniif yeroo adda adda suphaadhaaf saaxilamuu,meeshaaleen jjijjiirraa(spre part) alaa kan dhufan waan taheef yeroo dheeraaf hojii malee dhaabbachuu.

Qoodinsi qabeenyaa dhaabbatichaa IIHBO wajjin jiru xumuramuu dhiisuu isaarra kan ka’e cuffinsa herrega mana hojii keenyarrattii harkifataa akka tahuu gochuu.

Murteeni fi too’annon supervision hojii rrattii taasifamu saffisaa waan hin taaneef wal harka fudhiinsi projektii daddafee murtee kan hin arganee tahuu.

Qorannoon Disaayinii pirojektootaa tokko tokkoo haala qabatamaa lafa-keessa jiru wajjin kan walhin simne waan taheef yeroo hojiin hojjatamuu haalota walxaxaa(Drilling complexity) nu qunnamaniin danqamuudhaan hojichi yeroo dheeraa kan fudhatu tahuu.

Hanqinni Boba’aa akka biyyaatti darbee darbee uumamu Mashinaroonni keenya Boba’aa kan fayyadaman waan taheef hojii dhaabudhaan kan dhaabbatan waan taheef raawwii keenya gadi xiqqeessanii jiru.




    1. Yüklə 1,08 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   15




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin