Ido karoora bara 2006 fi 2007


Tarsiimoo Rakkoolee kana ittiin maqsinu



Yüklə 1,08 Mb.
səhifə8/15
tarix22.01.2019
ölçüsü1,08 Mb.
#101588
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   ...   15

Tarsiimoo Rakkoolee kana ittiin maqsinu


  • Leenjii hubannoo cimsuu hudhaalee sadiin irratti kennuu

  • Rakkoo Ilaalchaa furuuf Galma dhaabanneef hojjataan hundi sirritti akka beeku irra deddeebinee hubannoo uumuu

  • Bu'ura kana irra dhaabannee hojii hojjannu kamuu akkaataa waliigaltee mallateesineetiin hojjachuu fi hojjataan hundi hubannoo kana akka qabaatuu godhuu fi ittiin hojjatu godhuu

  • Hanqinna dandeetii furuuf Raayyaa jijjiiramaa cimsuun tokko tokko barsiisaa akka deemu, iddoo caalaa barbaachisetti haala mijjeesuudhaan leenjii ogummaa kennuu

  • Qabeenya keenya caalmatti qindoominaan akka kaayamuu fi itti fayyadamuu dandeenyu, hanqinnaalee bara darban nu mudataa turan ammuma irraa akka sirreefaman marii geggeesuu fi maqsuu

  • Maammiloota fi gorsitoota keenya waliin caalmatti walitti dhiyaannee hojjachuu

  • Rakkoo dhiyeesii keessatti deddeebii bitaa irratti mudataa ture furuuf meeshaalee bitaman yeroo qophii keessatti addaan baasuun ulaagaa barbaachisu qopheesineefii bittaan akka geggeeffamu godhuu

  • Maashinootiin suphaa qaban yeroo qophii keessatti akka suphaman godhuu

  • Karoorri keenya kun akka hojiirra ooluuf qophii irraa eegalee hirmaachisaa akka tahu gochuudhaan.

  • Waahunda caalaa Ijaarsa Raayyaa jijjiiramaa cimsuu fi lafa qabachiisuun furtuu hudhaalee hundaa godhannee itti fayyadamuu. Kana irrat hojii boqannaa qophii keessatti ijaarsaa fi hubannoo uumnee boqannaa hojii keessatti gurmaa’insa lafa qabateen eegaluu.

  • Kana irratti hundaahuun sirna hordoffii fi deeggarsaa keenya cimsuu fi duubdeebii yeroo isaa eeggate waliif kennaa deemuu


    1. Kallattii karoora Hojiiwwan keenya bara 2008-2012


  1. Dandeettii raawwachiisummaa Intarpiraayizichaa, gageesitootaa fi raawwattootaa sadarkaa sadarkaan jiran tooftaa adda addaa kan akka leenjii,maree fi ergama ifa ta’e kennuun cimsuu fi bu'aa jijjiiramaan dhufee madaalaa deemuu.

  2. Hojiiwwan keenya akkaataa karoorfameen qulqullinaan xumuruu fi Yeroo kamiiyyuu caalaa qajeelfama fi hojimaata mootummaa fi dhaabbata keenyaa kabajuu fi naamusa gaariin hojjachuu.

  3. Hojiwwan karaa ijaarameen wajjira olaanadhaa jalqabee hanga iddoo pirojoktiitti raayyadhaan hojjachuufi rakkoowwan kanaan dura ijaarama keessatti nu quunnaman guutumatti hiikudhaan.

  4. Karoorri hojii keenya karaa hirmaachisaa ta’een hawaasni mana hojii ilaalcha qulqulluu walfakkaatu qabaachuudhaan akkaataa fiixan baasuu danda’uu fi rakkoowwan ykn gufuuwwan hojiitiif fala kaa’uu fi bu’a qabeessa karaa ta’uun

  5. Qophii Meeshaalee rifoomitii fi Hojiirra olmaa isaa qabatamaa gochaa haala deemuun danda’amuun ni qophaa’a (fkn Bsc).

  6. Dhaabbanni keenya haaraa waan taheef hojiin keenya olaanaan hojii danddettii raawwachiisummaa cimssu irratti xiyyeeffata.

  7. Hojiiwwan keenya karaa irraa caalaa hojii dhabdummaa hir ‘isaa deemuu danda’uu fi calqabbiin jiru cimee itti fufuu danda’uun ni qophaa’a.

  8. Hojiiwwan keenya akka bu’a qabeessa ta’an Qaamolee dhimmi ilaalu fi dhaabbilee waliin hojjannu kan akka BMNO ATTDhMMO, BBAIO AT-Misooma jalisii fi kan Biroo wajjin wajjin karaa Qindomminni cimuu fi bu’a qabeessa tahuun ni qophaawaa.

  9. Dhiyeessii keessatti hanqinoonni kanaan dura nu qonnamaa ture miidhaan qaqqabsiise salphaa waan hin taaneef yeroowwan itti aanan keessatti rakkoon kun akkaataa furamuu dandahuun karoorfama.

  10. Dhaabbanii keenya kan hundaa’u sochii maashinarootaa irratti waan taheef mashinaroonni keenya gahumsaaan akka hojjatan hojiiwwaan suphaa mahinarii fi ofeeggannowwan dursaa irratti leenjii kennuun humna namaa hojiiwwan kanaan walqabatan gahumsa akka qabaatan gochuu irratti xiyyeeffannaan ni taasifama.

  11. Kaayyoo guddaan dhaabbanni kun hundaa’eef inni olaanaa itti fayyadama Bishaan lafa jalaa mirkaneessudhaan rakkoo hawaas diinagdee hiikufi gatii gabaa hojii kanaan wal qabatu tasgabbeessuudhaan qaawwa misoomaa dhaabbilee dhuunfaatiin hin qaqqabamne guutuuf waan taheef karoora mootummaan keenya Bishaan qulqulluu hawwasa magaala fi Badiyyaa waliin gahuuf baafate keessatti gahee keenya bahuu haala deendeenyuun karoorfanna.

  12. Bittaa Sheerii kanaan dura jalqabame karaa yeroowwan hafan keessatti cimsuu danda’uun ni mijeessa.

  13. Hojiiwwan ittigaffatamummaa adda addaa bahuu (Social Responsibility) daraan cimsee bahuu karaa danda’uun ni karoorfata.

  14. Hojii cufiinsa herregatiin walqabatu kanaan dura sababa adiitii keessatiin rakkoo ture guutummatti hiikudhaan haala Odiitara alaatiif mijeessun danda’amuun itti deememaa.

  15. Dhaabbata keenya keessatti Nageenyi fi tasgabbiin industirii gaariin akka jiraatu fi fayyummaan hojjataa akka jiraatu fi hojjattoonni keenya balaa adda addaarraa akka bilisa ta’an ni hojjatama.

  16. Dhiyeessa Bishaan qulqulluu ummata waliin gahuuf, tajaajila dhiyeessa Bishaan foyya’aa, qulqullinni isa eeggamee fi itti fufiinsa qabu kennuudhaaf mootummaan keenya karoorfate keessati Dhaabatichi haal qooda isaa itti bahu ni karoorfata.

  17. Pirojektoota odoo hin raawwatin bara itti aanutti darban haala dursa itti raawwachuu danda’an mijeessudhaan, Hojiiwwan kanaan dura xumuramanii turan Kanfaltiin nuuf hin rawwatamin ammo haala galiin itti funaanamu mijeensuu.

  18. Sirna Bulchiinsa kontaarata fi hojiiwwan argamsiisa pirojektii saffisaa taasisuu.

  19. Hojiiwwan Qotiinsaa Boollatii fi yaalii Paampii Haaromsa Boollaa fi Hojiiwwan EM. Cimanii akka itti fufan, Qulqullina akka qabaatan hanga danda’ametti hojiiwwan kun haala waliiigaltee kontiraatatiin akka raawwatan taasisuu

  20. Baroota shanan dhufan keessatti kana keessatti Hojiilee Qotiinsa Boolla Bishaanii gadi fagoo 402, Boolla bishaan gabaabaa 225 Yaalii pampii 415, haaromsa boollaa bishaanii 109,Paampii harkaa 232, Paampii dhaabuu qofa 180, fi hojiilee elektiromakanikaalaa dhiheesuu fi dhaabuu 52 raawwachuun galii qarshii 759,314,789.00 argachuu yoo ta'u, hojii kanaaf baasii qarshii 609,176,649.00 baasuudhaan bu'aa hinqulqulloofne qarshii 150,138,140.00 (giddugaleessan bu’aa hinqulqulloofne 20%) argachuu dha.

  1. Yüklə 1,08 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   ...   15




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin