Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Dhimmoota Ijoo Ciminaa fi Carraa Gaarii Irraa Maddan fi Tooftaa Itti Fayyadama Isaanii (Enablers)



Yüklə 1,97 Mb.
səhifə23/42
tarix03.01.2022
ölçüsü1,97 Mb.
#39165
1   ...   19   20   21   22   23   24   25   26   ...   42
Dhimmoota Ijoo Ciminaa fi Carraa Gaarii Irraa Maddan fi Tooftaa Itti Fayyadama Isaanii (Enablers)

Dhimmoonni Ergama Galmaan Gahuu Kan Dandeessisan (Enablers)

Tooftaa Itti Fayyadama Dandeessistootaa

  1. Kutannoon siyaasaa, diimokiraasii, misooma fi bulchiinsa gaarii itti fufiinsan mirkaneessu jiraachuu




  • Kallattii fi hojmaata Intarpiraayizichaa kaa’aman ifatti hawaasa mari’achiisuun waliigaltee uumuu

  • Humnoota misoomaa hunda qindoominaan sochoosuun hojii misoomaatti galchuu

  • Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo (SMBKT) sirna hoggansa tarsiimo’aa (strategic management system) ta’ee karoora guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii waliin walsimee akka hojii irra oolu gochuu

  • Muuxannoowwaan gaggaarii paakeejii bulchiinsa gaarii hojii irra oolchuudhaan argaman babal’isuu

  • Sirna iftoomaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessu diriirsuun ilaalchaa fi gocha kiraa-sasaabdummaa maseensuu.

  1. Karoora guddinaa fi tiraansifoormeeshiinii akka biyyaa fi naannootti qophaa’e galmaan gahuuf humni nama baratee misoomaaf deeggarsa kennu baay’inaan dhaabbilee barnoota ol’aanaa irraa eebbifaman jiraachuu

  • Ogummaa fi dandeettii jiru hojii qabatamaa ta’e wajjin wal-simsiisuu

  • Sirna onnachiiftuu fi faayidaa adda addaa haala qabatama intarpiraayizii waliin-walsimu diriirsuun humna nama baratee haawwachuu

  • Qo’annoo fi qorannoon akkasumas kalaqqiin akka babal’atu haala mijeessuu

  1. Gudinni diinagdee akka naannoo fi biyyaatti ittii fufiinsaan galmaa’u isaa

  • Ramaddii maallaqaa hojii ijoo ariifachiisuu danda’aniif dursa kennuu

  • Hojii xiyyeeffannoon kennameef irratti sirna hordoffii fi gamaaggamaa diriirsudhaan guddina galii Intarpirayizichaa keessatti gumaacha isaanii mirkaneessuu

  • Aadaa qusannaa jajjabeessuu fi hojmaataa qisaasamaa irraa bilisa ta’e uumuu

  • Carraalee hojii investimentii fi oomisha meeshaalee ijaarsaa keessatti hirmaachuu

  • Sababa dabaluu fedhii daandiitiif, carraan hojii babal’atuuf intarpirayizicha itti fayyadamaa taasisuu

  • Gabaa bilisaa keessatti humna qabu cimsuun dorgamaa fooy’aa ta’uu.

  1. Wal-qunnamtiin teeknooloojii ammayyaa naannicha keessatti babal’achaa dhufuu isaa

  • Wal-qunnamtii teekinooloojii ammayyaa hojii keenya waliin walsimu itti fufsiisuun dandeetti raawwachisummaa cimsuu fi bu’a qabeessummaa isaa mirkaneessuu.

  • Sirna qunnamtii teekinooloojii odeeffannoo ammayyaa pirojektootaa fi waajjira wal qunnamsiisuu danda’u sadarkaa isaa kan eeggate akka waliin gahu taasisuu.

  1. Saffinaa fi si’aayinni kenna tajaajilaa ummaataaf laatamu JBAH hojii irraa oolchuudhaan fooyya’uu isaa

  • JBAH hojiirra oolaa jiru irra deebiin fooyyeessuu fi sirreeeffama barbaachisu taasisuun caalmaatti bu’aa olaanaa akka galmeessu gochuu

  • Maloota jijjiiramaa kanneen JBAH’n waldeeggaran kan akka Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo (SMBKT) hojii irra oolchuu fi KAYZEN hojii irra olaan hordoffi taasisuu,

  • Bu’aawwaan hanga ammaattii hojii irra oolmaa JBAH tiin argaman qindeessuun akka muuxannoo gaariitti itti fayyadamuu.

  1. Ergamaa fi mul’ata ifa ta’e qabachuu, akkasumas kaayyoo fi galma hojjachiisuu danda’an jiraachuu

  • Tarsiimoowwan gurguddoo Intarpiraayizichaa irratti hubannoo fi waliigaltee uumuun gahee qaamni hundi guddinaa fi misooma Intarpiraayizichaa keessatti qabu cimsuu

  • Hojimaatni fi qajeelfamootni qophaa’an ergama, mul’ataa fi galmoota akka intarpiraayiziitti lafa kaawwaman galmaan gahuu kan dandeessisan taasisuu

  • Hoggansi sadarkaa sadarkaadhaan jiru mul’ataa fi ergama galmaan gahuurratti fakkeenya gaarii (role model) akka ta’uu gochuu.

  1. Gurmaa’insi /Caasaa/ hojjachiisuu danda’u jiraachuu




Yüklə 1,97 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   19   20   21   22   23   24   25   26   ...   42




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin