Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Xiinxallii Dhaabbilee Hojii Ijaarsaa Raawwatan (Competitors Analysis)



Yüklə 1,97 Mb.
səhifə24/42
tarix03.01.2022
ölçüsü1,97 Mb.
#39165
1   ...   20   21   22   23   24   25   26   27   ...   42
2.1.3. Xiinxallii Dhaabbilee Hojii Ijaarsaa Raawwatan (Competitors Analysis)

Galma gahiinsi dorgomaa tokkoo kan ittiin madaalamu dorgomtoota biroo waliin yoo ilaalamu fudhatama ykn iddoo inni qabuunii dha. Haaluma kanaaniis dhaaboota hojii ijaarsaa raawwatan, jeechuniis heeyyama hojii ijaarsaa sadarkaa tokkooffaa (GC1) ta’aanii isaan keessaayis akka samudaattii tarsiimoo isaanii xiinxaluf fudhataman yoo ta’u, kaayyon isaatis dadhabiina fi ciimina bira-qabaan Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwanii Oromiyaa waliin qaban qorun daandii milkaa’iina dirirsiisu dha.

Haaluma kanan IIDO’n dorgomtoota mootummaa fi dhuunfaa kan hojii wal-fakkaataa hojjatan hedduu qaba. Isaa keessayiis:-



Jiraachuun dorgomtoota kanneenii IIDO’n gabaa ijaarsaa keessatti hirmaachuu irratti qormaata akkasumas carraa ta’uu danda’a.

Akkuma gabatee lakkofsa 6 kana gadiitti ilaalamuttii, kallattiiwwan madaallii humna dhaaboota ijaarsaa agarsiisu danda’aan kan akka gatii ijaarsaa, kaapiitaala hojii, qabeenya (maashinarii, ikkupimantii fi kkf), qabeenya humna namaa fi muxannoo hojii irratti hundaa’un haallii IIDO irra jiru agarsiisuf yaalameera. Xiinxalli kana keessatti dhaabbiileen ijaarsaa dhunfaa fi kan motummaa sadarkaa heeyyama ijaarsaa tokkoffaa qaban kudhanii ol ta’aan hammatamanii jiru. Xiinxallii taasifamee kana keessatti gatii ijaarsaa waliin walqabatee fudhatamee, daandiiwwan barreen dhihoo asiitti ijaarraman fi yeroo gatiin meeshaalee ijaarsaa adda addummaa gatii bara tokko kan biraa irraa waliirraa hinfagaanee keessattii daandiiwwan ijaaramanii irraayi.

Dhuma irrattis, gabatee kana keessatti maqaan gabaajeen barreefaman kan agarsiisan 1. IIDO (Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwanii Oromiyaa) 2. DhMM (Dhaabbata Miisoomaa Motummaa) fi 3. DhIDh (Dhaabbata Ijaarsaa Dhunfaa) jeechu akka ta’ee hubachiisu barbaanna.


Yüklə 1,97 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   20   21   22   23   24   25   26   27   ...   42




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin