Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Galmaa fi Kaayyoo Karoora Guddinaa fi Tiraanisfoormeshiin Marsaa 2ffaa



Yüklə 1,97 Mb.
səhifə26/42
tarix03.01.2022
ölçüsü1,97 Mb.
#39165
1   ...   22   23   24   25   26   27   28   29   ...   42

Galmaa fi Kaayyoo Karoora Guddinaa fi Tiraanisfoormeshiin Marsaa 2ffaa


      1. Kaayyoo Gooroo

Kaayyoo gooroon Karoora kanaa hojiiwwan tarsiimoo’aa Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa akkaataa walitti hidhiinsa ergama, mul’ataa fi tarsiimoo eeggateen qopheessudhaan Karoora Guddinaa fi Tiransformeeshinii waggaa shanii marsaa 2ffaa qophaa’u gama ijaarsaatiin jiru fi kana keessatti qooda IIDOn fudhatu akka galama gahu kan kaayyeefatee dha.


      1. Galmaa fi Kaayyoo Intarpiraayizichaa

    1. 2.4.2.1 Gaalma

IIDO dhaabbata seektara ijaarsa bu’aa qabeessa, dorgomaa fi hojjii isaa irratti gahumsa akka qabaatu taasisuu fi humna isaa cimsuun

    1. Ijaarsaa fi Suphaa daandiiwwanii, gamoo fi hojiiwwan bishaanii qulqullinaan hajjachuun galii ol guddisuu,

    2. Hojii omishaalee adda addaa raawwachuun gama tokkoon hojiiwwan ijaarsa Intarpiraayizichaaf itti fayyadamuun baasii hir’isuu gama biraatiin ammoo gabaaf gurguruun madda galii taasiisuu,

    1. 2.4.2.2 Kaayyoo

Galma kanaan olitti tuqame bira gahuuf IIDOn bara 2008-2012 kaayyoowwan armaan gadii kaawwateera.

  • Daandii cirrachaa km 1,442.28 ijaaruun galii qarshii Biiliyoona 7.64 argamsiisuu,

  • Daandii asfaaltii dheerina km 70 ta’e ijaaruun galii qarshii Miiliyoona 596 argachuu,

  • Hojii suphaa daandii cirrachaa km 760, kan asfaaltii km 450 suphuun galii waliigalaa qarshii Biliiyoona 1.35 argamsiisuuf hojjachuu,

  • Ijaarsa gamoo irraa qarshii Miliiyoona 72 burqisiisuu,

  • Ijaarsa hojiiwwan bishaanii irraa qarshii Miiliyoona 55 burqisiisuu,

  • Oomisha adda addaa fi galii kiraa gamoo fi kiraa ikupmantii irraa qarshii Miiliyoona 139.59 argachuu.


    1. Yüklə 1,97 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   ...   22   23   24   25   26   27   28   29   ...   42




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin