Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Tarsimoowwan Karoora bara 2008-2012



Yüklə 1,97 Mb.
səhifə27/42
tarix03.01.2022
ölçüsü1,97 Mb.
#39165
1   ...   23   24   25   26   27   28   29   30   ...   42
2.4.2.3 Tarsimoowwan Karoora bara 2008-2012

  • Maashinarii fi konkolaataa akkasumas meeshaalee ijaarsaa adda ddaa hojii kanaaf barbaachisu dursanii adda baasuun humna Intarpiraayizichaa cimsaa deemuun guutuu.

  • Pirojaktoota irratti rakkoon dizaayinii fi mirga daangaa kabachiisuu quunnamuun hojicha akka hin gufachiifneef qaama dhimmi ilaallatu waliin ta’uun hiikuu.

  • Hojiin haala karooraatiin ykn barbaadameen deemuu isaa yeroo yeroon hordofuu, deeggaruu fi gamaggama taasisuun rakkoolee qunnamaniif battalumatti fala kaa’un hojii irra oolmaa isaa hordofuu.

  • Hubannoo hojjataa gama ilaalchaa, Dandeettii fi dhiyeessiitiin jiru leenjii fi haala garaagaraatiin cimsuun gahee isaa sirritti akka bahu taasisuu.

  • Hanqinni maallaqaa (liquidity) akka hin uumamne hojii hojjatameef maallaqa yeroon walitti qabu fi kaffaltii dursaa (Advance) argachuu irratti qaama dhimmi ilaalatu yeroo yeroon hubachiisuun maallaqni akka argamu gochuu.

  • Bulchiinsa kontiraataa cimsuun hojiiwwan kontiraatni seename saffinaan haala kontiraata seenameen raawwachuu fi kontiraata fuula dura seenamu haala ammayaa’aa ta’een qoratamee akka dhiyaatu taasisuu,

  • Qaamoleen sadeen (abbaa hojii, konsaltaantii fi kontiraaktarri) yeroo yeroon waltajjii marii uumuu fi gaggeessuun rakkoolee hojii irratti mudataniif tarkaanffii sirressaa fudhachuun haala hojiin saffinaan itti raawwatu mijeessuu,

  • Dandeettii (humna) raawwachiisummaa dabaluun tekinoolojii ammayya’aa waliin kan wal simuu fi humna namaa hojiin barbaadu horachuu,

  • Ragaa pirojeektotaa haala ammaya’aa ta’een galmeessuun qabachuu fi bu’aa fi kisaaraa pirojektota tokko tokkoo yeroo yeroon adda baasaa deemuu,

  • Humna gaaraajii IIDO cimsuun mashinarootaa fi konkolaatota ofii haalaan suphuun yeroon hojiif dhiyeessuu.

  • Omishaalee adda addaa workshooppii jiranitti fayyadamuun kanneen garaajii ofii keessatti omishamaa hin jirre omishuun ofii itti fayyadamuun baasii hambisuu fi gabaaf dhiyeessuun madda galii taasisuu.

  • Haala gabaa qorachuun hojiiwwan haaraa haala bu’aa qabeessa ta’een gabaa irraa barbaaduun itti deemuu,

  • Ilaalcha fi gocha kiraa sassaabdummaa irratti hojii hubannoo caalatti cimsuun ol-irraa hanga gadiitti hojjachuun iddoowwan qisaasamaaf qaawwaa banani jedhamanii adda bahan akkasumas kanneen biroo hordofuun madaalaa deemuu’

  • Hojimaata fi qajeelfamoota jiran sakkata’uun fooyessuun hojiirra oolchuu,

  • Haawaasa naannoo hojiitti argamu hirmaannaa ture caalatti cimsuun dubartootaa fi dargaggootaaf carraa hojii uumuu.

  • Hojii Dagaagina Biizinasii cimsuun caarraa hojii haaraa argachuuf irratti hojjachuu.


Yüklə 1,97 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   23   24   25   26   27   28   29   30   ...   42




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin